Finfinneen miidhaginaafi boca amma gonfatteen misooma maqaashee gitu argachuu bira darbee magaalaa lammataa yoo jedhamte dubbii arbeessuu hinta’u.
Ummatni magaalattii irra jireessaan manneen dulloomoo ganni dhufuu isaan yaaddessuufi mana fincaanii hinqabne keessaa jireenya gadadoo dabarsaa tureera. Haalli balfi itti to’atamuufi hanqinni bakka itti gatamurraa kan ka’e ummatni keessoo magaalattii funyaan qabatee deemuuf dirqamaa ture.
Misoomni koriidarii Finfinnee miidhagina addaa gonfachuu cinaatti namoota kuma 50 ta’anii carraan hojii uumamuu Kantiibaan Magaalattii Aadde Adaanach Abeebee waltajjii raawwii hojii bara 2016fi karoora bara 2017 Mana Maree Magaalattii Roobii darbe taa’amerratti ibsaniiru. Bara bajataa 216tti akka waliigalaatti namoota kuma 291.57f carraan hojii dhaabbataa akka uumames eeraniiru.
Misoomni koriidarii barana hojjetameen daandii konkolaataa kiiloo meetira 48 ol, daandii lafoo kiiloomeetira 96, daandii bishikileetii kiiloo meetira 100, daandii lafa jalaa, daandii fiigichaa kiiloo meetira shan, riqichoota konkolaataan irra ce’u lama, riqichaa ammayyawaa lafoon irra ce’u sadii, paarkiiwwan dhaabbii konkolaataa si’a tokkotti konkolaattota kuma jahaafi 369 keessummeessan, tarminaalota taaksiifi baasii sagal kan si’a tokkotti konkolaataa 517 keessummeessan, buufata daandii qarqaraa 85 si’a tokkotti baasiifi taaksii 268 yeroo gabaabaa keessatti feesisuufi buusisuu dandeessisan, fincaa’aa bishaanii 32 bashannanaaf oolan, lafa magariisaa lafa hektaara 20 ol, laggeen saddeetti haala qinda’aan misoomsuun danda’ameera.
Misoomsni koriidarii kun manneen fincaanii 120 sadarkaasaanii eeggatan, walumaagalatti bu’uuraalee misoomaa daran ammayyaawoo teknolojiin deggerama, bakkeewwan bashannanaafi magariisaa hedduu of keessatti kan hammate ta’uusaan jiruufi jireenya ummata magaalattiif daran mijattuu taasiseera. Finfinneen ibsawwan daandii gubbaa akka malee miidhaganiifi ifa guddaa baasaniin faayamuun halkanii guyyaa sadarkaa adda baasuun rakkisaa ta’etti misoomtee jirti.
Waan Finfinneen haalaan misoomaa jirtuuf nama magaalatti keessatti dhalatee yookaan guddate bakka biroo turee deebi’u mitii, namni ammaan tana keessa jiraatuyyuu kutaa magaalaa tokko isa birorraa adda baasee hubachuun rakkisaadha. Magaalattiitti bara bajataa kana galii qarshii biliyoona 146.84 sassaabame keessaa qarshii biliyoona 59.73 tuuristoota biyya alaarraa argamuu Aadde Adaanach ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016