“Dargaggootni qormaata keessa darbuun biyya ceesisuuf ga’eesaanii ba’uu qabu”Dargaggoota Wallagga Lixaa

Finfinnee: Dargaggootni qormaata keessa darbuudhaan biyya ceesisuuf ga’eesaaniirraa eegamu ba’uu qabu jechuun dargaggootni Wallagga Lixaa ibsan. Nageenya godinasaaniitti fooyya’aa jiruuf gumaachi dargaggoota godinichaa olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Godinichatti Aanaa Ayiraarraa Shamarree Liyaa Geetaachoo yaada Gaazexaa Bariisaaf torbee darbe kenniteen mootummaa jijjiiramaa qormata keessatti hundeeffame keessa waan jirruuf dargaggootni qormaataaf utuu hinjilbeenfatin biyya ceesisuuf ga’eesaanii ba’uu qabu jetti. Nageenyi godinasaaniitti argamaa jiru bu’aa hirmaannaa dargaggoota godinichaa ta’uus ibsiteetti.

Akka ibsasheetti dargaggoon anniisaa jijjiiramaafi egeree biyyaa waan ta’aniif biyya ceessisuu keessatti hirmaannaansaanii murteessaadha. Dargaggootni aanichaa nageenya naannawaasaanii mirkaneessuudhaan misooma ittifufsiisuuf hojiiwwan bal’aa hojjechaa jiru. Hirmaannaa dargaggooti aanichaa hanga ammaatti taasisaniin rakkoon nageenyaa duraan ture fooyya’aa jira.

Inisheetiviiwwan garagaraa keessumaa horsiisa lukkuu, kanniisaafi omisha ruuziirratti hirmaachuun carraa hojii uumameefitti fayyadamuudhaan ofiisaaniis fayyadamanii biyyasaaniis fayyadaa jiru.

Waldhabdeen mariin akka furamu ga’een dargaggootaa olaanaa ta’uu kan eerte Shamarree Liidiyaan; kanaafis adeemsa marii biyyaalessaa akka aanaa Ayiraatti gaggeeffamurratti hirmaachuudhaan ga’ee irraa eegamu ba’aa jiru jetti.

Dargaggoo Tasfaa Mokonnin Aanaa Boojjii Coqorsaarraa akka jedhetti, misoomaafi nageenya mirkaneessuuf dargaggootni aanichaa utuu qormaata jiruuf hinjilbeenfatiin ga’ee irraa eegamu ba’aa jiru. Saganataan ashaaraa magariisaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin kallattiin kenname hirmaannaa dargaggootaatiin dhugoomeera.

Bu’aa ashaaraa magariisaarraa argameen dargaggootni aanichaa horsiisa kanniisaarratti gurmaa’uudhaan damma omishanii bu’aa argachaa jiru. Biqiltuun dhaabbatanis dhiqama biyyee hambisuudhaan dhagagga’ummaan biyyee akka hinbanne taasisuudhaan omishaafi omishtummaan akka dabalu taasisaa jiraachuus himee; inisheetiviiwwan qonnaa mootummaan gadbu’an hirmaannaa dargaggootaan hojiitti jijjiiruudhaan carraa hojii uumuudhaan fayyadamoo taasisaa jira jedha.

Dargaggoonni gaachana sirnaatti ijaaramuudhaan sochii qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun taasifameen nageenyi aanichaa fooyya’aa jiraachuu himee; waldhabdeen mariin akka furamuuf marii biyyaalessaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaachuudhaan gumaacha irraa eegamu ba’aa jiraachuus eereera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You