Nageenyi Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’iinsa agarsiisaa jira

Finfinnee: Haalli nageenya Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti fooyyaa’aa jiraachuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse. Barattoota Yunivarsitii Dabaarqii deebi’aa turan 160 tibbana Shaneen ugguruuf yaale tarkaanfii qaamoleen nageenyaa fudhataniin irraabuufamaniiru.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, haalli nageenya Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’iinsa guddaa agarsiisaa jira. Fooyya’iinsi argamaa jirus ummatni Shanee ofkeessaa baasuuf ejjennoo walfakkaataa waan qabaateefi.

Akka ibsasaaniitti, Shaneen ajandaa ummatummaa hinqabu, nama uggura, ni ajjeesa, doorsisee qabeenya waan saamuuf ummatni ofkeessaa baasee caasaa nageenyaatti dabarsee kennaa jira. Shaneen maqaa qabsoo Oromoo dahoo godhachuudhaan qaama daldalarratti bobba’ee bu’aa dhuunfaasaa guuttachaa jiruudha. Kanaaf, ummatni murna kana ofirraa ittisuuf mootummaa waliin ta’ee nageenyasaa eeggachuurratti argama.

Yeroo ammaa ummatni Wallaggaa guutummaatti misoomarratti bobba’eera. Kunis daaw’annaa hoggansi olaanaan naannichaa naannawichatti taasiseen kan mirkanaa’eedha. Goleen Oromiyaa hundi misoomarra waan jiruuf fooyya’iinsi mul’achaa jiru injifannoo olaanaadha jechuun ibsaniiru.

Mootummaanis gamasaatiin olaantummaa seeraa kabachiisuudhaaf tarkaanfii bal’aa shororkeessaa Shaneerratti fudhachaa jira. Dargaggoonni dogoggoraan murnicha faana hiriiran akka deebi’aniif waamichi taasifamuu yaadachiisanii, yeroo ammaa dargaggootni kumaatamatti lakkaa’aman deebi’anii leenjii fudhachuudhaan hawaasatti makamaa jiru jedhan.

Dargaggooti deebi’anii hawaasatti makaman ilaalcha dogoggoraa shororkeessaa Shaneerraa fudhachuun ummata bal’aa miidhuun dogoggora ta’uu hubatanii akka ummata dhiifama gaafatan ta’eera. Ummannis akkuma aadaasaatti dhiifama gochaafii jira. Hojiin gara hawaasaatti deebisuu bal’inaan hojjetameera. Kanaaf, murnichi yeroodhaa gara yerootti dadhabaa jira jedhaniiru.

Shaneen lammiilee nagaarratti xiyyeeffatee ajjeesuun shororkeessaa ta’uusaa qabatamaatti mul’iseera. Murnichi Waxabajii 27 bara 2016 imaltoota Yunivarsitii Dabaarqirraa galaa turan waliin namoota 167 Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoofi Kuyyuu gidduutti yaalii ugguruu taasisee ture.

Eeruu hawaasa biraa qaamolee nageenyaa qaqqabeen tarkaanfii fudhatameen barattoota 132 irraabuusuun danda’ameera. Barattoota 28 borumtaasaatti irraabuufamuu himanii; waliigala barattoota 160 irraabuusuun danda’ameera. Namoota ugguramanii harka ugguraa jiran keessaa barattoota 3-7 hincaalle ugguramanii jiru jechuun gocha shororkeessummaa Shanee akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Utuu balaan ugguramtootarra hinga’in irraabuusuuf qaamoleen nageenyaa hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Shaneen caasaa humna nageenya biyyaa dura ittiindhaabatu waan hinqabneef bobbii caasaa nageenyaa hordofuun miliqee daandiirratti ba’ee nama uggura waan ta’eef tarkaanfiin qindoominaan fudhatamu cimee ittifufa jedhaniiru. Ummannis nageenyasaa waaressuuf walijaaree caasaa nageenya mootummaa waliin naannawasaa eeggachuufi eeruu kennuudhaan shoorasaa cimsee akka ittifufu waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You