“Misoomni kooridarii injifannoo hunda keenyaati” – Minstira Muummee Abiyyi Ahmad(PhD)

Finfinnee: Misoomni Koridarii Finfinnee injifannoo hundaa ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Ministirri Muummeen kana kan ibsan yaa’ii idilee 36ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dheengadda adeemsifamerratti.

Doktar Abiyyi akka jedhanitti, misoomni koridarii Finfinneetti hojjetamaa jiru injifannoo Itoophiyaanota hundaafi milkaa’ina onnachiisaa misooma fuulduraaf ka’umsa ta’uudha. Gaafa pirojektichi eegalame akka muuxannoof ta’utti kantiibota magaalota

38 waliin mari’atamee hojiitti seename. Yeroo ammaa kana isaan keessaa muraasni yaalanis baay’eensaanii hojii keessa galuu hindandeenye. Ta’us hundaaf muuxannoo akka ta’utti ji’a sadii booda akka daawwatan ni taasifama.

Dhoksaan milkaa’ina ijaarsa pirojektota si’anaa hordoffiidha. Kun ta’uu baannaan akkuma gabaasa sobaa ta’uun bakka akka qabu himanii; pirojektiin walitti dhiyeenya karooraa, hordofuufi raawwii qabaachuu qaba.

Haala kanaan hojiin misooma koridarii hanga ammaatti Finfinneetti hojjetameen lammiilee hedduuf carraa hojii uumeera, tooftaan jireenya namootaa daran jijjiireera. Bakka magariisa lammiileen hunduu itti bashannanu ta’eera jedhan.

Haa ta’u garuu, wayita hojiin misoomichaa eegalametti hunda biratti jaalatamaa akka hinturre himanii; namootni tokko tokko ofii jaalatamanii mootummaa jibbamaa taasisuuf manni kun akka diigamuuf mootummaan ajajeera jechuun yaaliiwwan hedduun taasifamaniiru.

Ta’us ka’umsi misooma koridarii maal akka ta’e, maaliif akka gaggeeffamu jiraattotni magaalaa Fifinneefi ummatni Itoophiyaa waan hubateef akka isaan yaadan hintaane jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa, Miseensa Mana Maree Bakka Bu’ootaa osoo hinjedhin bu’aa hundaaf hojjetame. Finfinneen haala kanaan waggoota shan utuu ittihojjetamne magaalaa akkamii akka taatu tilmaamuun gaariidha jedhaniiru.

Xumurarratti hojiin hojjetame jalqabbiinsaa gaarii ta’us hojii hojjetame jajaa, kan baay’ee nu hafu hubachaa kana caalaa akka hojjetamuuf manni marichaa dhiibbaa akka uumuuf gaafataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You