Milkaa’inoota hundeeffama Shaggar duuba jiran

Hundeeffamni Shaggar ormatu hubatee gulantaa maratti goolii kaasa malee Oromoon sirriitti waan hubate hinfakkaatu. Shaggar wayita magaalota xixiqqaan bulaa ture osoo Oromoof bu’aa argamsiiseera ta’ee lafti Oromoo hinsaamamu; qonnaan bulaan Oromoos qe’eesaarraa hinbuqqifamu ture. Roorroon saamicha lafaafi buqqaatiin eenyummaa samii tuqee dho’uu fincila diddaa garbummaaf sababa hinta’u ture.

Dubbiin Shaggar dubbii dinagdeefi eenyummaa ta’uu kan hubate mootummaan naannoo Oromiyaa Shaggar hundeessuun saamicha lafaafi buqqaatii eenyummaatti luugama kaa’e. Ormatu egeree Shaggar hubate malee waa’een hundeeffama Shaggar Oromoo hedduu burjaajjii keessa galchee ture.

Guyyaa Shaggar ifatti hundeeffame pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisa,”Hundeeffamni Shaggar murtoo siyaasaa olaanaadha. Taatee guyyaa har’aa ummatni Oromoo bara baraan akka yaadatuufi leellisu shakkiin hinjiru” jechuun akkuma, “Oromoon hunda hindubbatan, hundas hindhungatan jedhu” icciitii milkaa’inoota duuba jiran qalbiin bira kutan.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar wayita tibba darbe ogeeyyii miidiyaafi artistoota Oromoo waliin mari’atanitti aarsaa kaleessa kaffalameef beenyaa akka ta’utti Shaggar mul’ata guddaa imaluu jiraachuu ibsan. Finfinneen akka malee akka bokoka garaa Shaggar nyaattee dhiita’aa turtes daangaan adaba qabsiisuun akka danda’ame dabalataan kaasanii; Shaggar magaalaa har’aafi egeree ta’uusheen Oromoo cinatti warra kaanis aadaa Oromootiin simachuuf hojmaata haaraan tarkaanfataa jiraachuushee ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, guddinaafi qabeenya uumamaa qabduun Shaggar Finfinnee daran kan caaltuufi guddinaan biyya Singaapoor kan gittuudha. Saamicha lafaafi hojmaata badaa guddina magaalattii qancarsan maqsuuf teknolojii bulchiinsa lafaa daran ammayyawaa sadarkuma biyyaattuu hinjirretu hojiirra oolaa jira.

Shaggar ummata miliyoona 3.2 kan qabduufi bal’ina lafaa hektaara kuma 160.8 ol irratti kutaalee magaalaa 12fi aanaalee 36 akkasumas gandoota baadiyyaa 41 hammachuun kan hundoofteedha. Magaalaan kun wayita godina addaa turtetti ijaarsi seeraan alaafi saamichi garmalee dagaaguutti dabalee dhimmi eenyummaa dhawataan liqimfamaa ture.

Hojiin bulchiinsi haaraan magaalatti tokko jedhee eegale ijaarsa seeraan alaa ittisuufi dhabamsiisuu ta’uu eeranii; haaluma kanaan ijaarsa seeraan alaa dhabamsiisuun lafa seeraan ala qabame gara baankii lafaatti deebisuu ibsaniiru. Ittaansuun lafa baankii lafaatti galfame kaan invastimantiif, kaan ammoo hojii gara fuulduraaf qusatamee akka jirus dubbataniiru.

Magaalaan kun potenshaala qonnaa qabduun Finfinneef madda dhiyeessii ta’uutti dabalee dhaabbilee faayinaansi ulaagaa idil addunyaa guutaniifi guddina dinagdee biyyattii si’eessan of jalatti hammatteerti. Bakkeewwan buufata daldalaa, industirii, qonna ammayyaafi bashannanaa qaroomina jaarraa ammaa madaalan adda ba’aniiru.

Wabiin midhaan nyaataa, dagaaginni kalaqaa, kalaqa hojii uumuufi guddinni dijitaalaafi elektirooniksii xiyyeeffannoo addaa magalaatti ta’uu kan himan Doktar Tashoomaan; wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qonnaan bultoota hammatee makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuun omishaafi omishtummaa kan dabalamu taasifama jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You