“Malaammaltummaan akka mootummaatti raawwatamu hinjiru” Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Malaammaltummaan akka mootummaatti raawwatame Itoophiyaa keessa akka hin jirre Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi Yaa’ii Idilee 36ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti gaaffiilee miseensota Mana Mareerraa isaanii ka’eef wayita deebii kennanitti, sadarkaa hoggansa dhuunfaatti ta’uu mala garuu akka mootummaatti malaammaltummaan raawwatamu akka hinjirre hubachiisaniiru.

Malammaltummaan akka hoggansa dhuunfaatti raawwatamu jiraachuu mala, sanas shakkiin hoggansa shakkaman sakatta’uun ololarra kan darbe ragaa qabatamaan akka hin jirre himanii; ta’us namoota dhuunfaanis haa ta’uu, sadarkaa garaagaraatti gochaafi ilaalchi malaammaltummaa gufuu guddina biyyaa ta’uu jala sararaniiru.

Mootummaan qabeenya biyyaa misoomaaf oolchaa jiraachuun walqabatee qaamoleen tokko tokko madda galii misooma gaggeeffamaa jiruurratti shakkiin guutamaniin mootummaa shakkanis qabatamaan misooma malee malaammaltummaa mootummaa wanti ibsu hin jiru jedhaniiru.

Malaammaltummaan gama siyaasaafi diinagdeen ilaalamuu danda’a. Ta’us malaammaltummaa isa raawwatuufis ta’ee dhalootaaf gaarummaa hinqabu. Malaammaltummaan Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kontirobaandiin daldala warqii (sookoo) irratti gaggeeffamu, galii dhoksuu, galii daldala alergiifi alaa galuu waliindha’anii dhoksuun walqabatee dandeettii raawwachiisummaa mootummaa danqa. Isaanis gochaalee malaammaltummaan sadarkaa nama dhuunfaatti raawwatamaa jeruudha jedhaniiru.

Namootni dhuunfaan yoon galii argadhu dhokse biyya hinmiidhu jechuun barsiisfata aadmalee horachuun dhiibbaa galii biyyaarratti uumaa jiru. Dallaalonni guddistuu callaa biyya keessa gale dhoksuufi gara biyya biraatti dabarsuun qonnaan bulaa bira akka hingeenye taasisuuf yaalii guddaan gaggeeffamaa tureera. Kanaaf, irratti qabsaa’uun dhaabuu qabna jedhaniiru.

Lammiileen waan argachuu qaban argatanii mootummaanis waan argachuu qabu akka argatuuf aadaa, hojimaataafi seerri malaammaltummaa dhaabu akka jiraatu taasisuuf fooyyessi labsii sassaabbii gibiraa ba’eera. Kana galmaan ga’uufis rifoormii eegaleefi hojiin dhaabbilee ammayyeessuu cimee ittifufa jedhaniiru.

Qabeenya maddisaa hinbeekamin namootni muraasni biliyoonaan sochoosan hordofuun maddi galiisaanii akka beekamuuf seerri ittiin hordofamu mana mariichaan ba’uun barbaachisaa ta’uu himanii; yuutuubarootaan doolaara biyyatti ergamu hambisuuf jechuun waci dhaga’amus seerri manni marichaa baasu namoota nagaa kan miidhu osoo hintaane kanneen rakkoo qaban seeraan to’achuuf kan gargaaruudha jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You