Finfinnee: Gargaartummaan Itoophiyaaf kan hin malle birmadummaasheettis kan bu’uudha. Biyyattiin haala qilleensaa mijataa, qabeenya lafa qonnaa, albuudawwan bishaaniifi humna namaa gahaa utuu qabduu gargaaramtummaa jalatti kufuu hinqabdu.
Biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuuf mootummaan kallattii kaa’ee hojiitti seeneera. Karooricha milkeessuuf carraawwan qabnu hundumaatti fayyadamuun omishaafi omishtummaa guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Miseensa Gumii Jaarsolii Biyyaafi Barreessaa Duraanii Gumii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa kan ta’an Paastar Zarihuun Dagguu Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, biyya lalistuu, ji’a 13 aduu argattu, haala qilleensaa mijataa qabduufi qabeenya bishaaniifi lafa qonnaa bal’aa qabdu utuu qabnuu rakkachuufi beela’uun keenya qaaniidha.
Hiyyummaa, gargaartummaafi hirkatummaa jalaa ba’uuf damee hojii irratti hirmaannerratti jabaannee hojjechuu qabna. Daandiin hiyyummaafi hirkattummaa jalaa ittiin baanu jabaannee hojjechuu qofaani jedhu.
Utuu hinhojjetin nyaachuu amantiin jajjabeessu tokkoyyuu hinjiru kan jedhan Paastsr Zarihuun; kanaafuu namni hojjechuu danda’u hundi amanamummaan jabaatee hojjechuu qaba. Maatiinis ijoolleen hojii baranii akka guddatan taasisuu qabu.
Abbootiin amantiis barsiisa amantii idileetiin ala gargaaramtummaan qaanii ta’uufi jabaatanii hojjechuun gargaaramtummaa jalaa ba’uun barbaachisaa ta’uu barsiisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Namni kamiyyuu utuu hojjechuu danda’uu maatii ykn qaama biraa irratti hirkatee jiraachuu hinqabu kan jedhan Paastar Zarihuun, gargaaramuu kan qabu nama fayyaa hinqabneefi tasumaa hojjechuu hindandeenye qofa. Kan akkasii gargaaruun dirqama amantiifi lammummaa bahachuudha jedhu.
Namni har’a utuu humna qabuu hin hojjenne bor yeroo humni isa ganu daandiirratti kufee harka namaa eeggachuuf dirqama waan ta’eef yeroo humna qabanitti hojjetanii galaa borii kuufachuun barbaachisaadha. Yeroo ammaa qaala’insa jireenyaan walqabatee namni ofiisaarra darbee nama biraa gargaaruun itti cimaa jira. Namni nama gargaarus du’uu ykn nuffuu waan danda’uuf cimanii hojjetanii of danda’anii jiraachuun barbaachisaa ta’uu himu.
Dargaggoonnis carraa hojii argame hundumaatti fayyadamuun cimanii hojjetanii ofiisaanii, maatiifi biyya isaanii hiyyummaa keessaa baasuu akka qaban yaadachiisanii, cimanii hojjetanii gargaaramtummaa jalaa bahanii jiraachuun kabaja guddaa ta’uus himaniiru.
Barreessaa Gumii Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Tuulamaa, Goobana Hoolaa akka jedhanitti, gargaaramtummaan kabajaafi birmadummaa biyyaatti bu’a waan ta’eef gargaaramtummaa jalaa ba’uuf jabaannee hojjennee omishaafi omishtummaa keenya guddisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Carraawwan misoomaa biyyattiin qabdu hundatti fayyadamuun biyya keenya gargaaramtummaa jalaa baasuun dhaloota dhufu biyya badhaate dhaalchisuu qabna jedhu.
Dargaggoonni carraawwan hojii argame hundumaatti fayyadamanii hojjetanii ofiifi biyyasaanii jijjiiruu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu himanii, sadarkaa maatiittis gargaaramtummaa jalaa ba’uuf wabii nyaataa mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Mootummaanis biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuuf kallattii kaa’ee hojiilee misoomaa gara garaa hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Miseensa Gumii Haadholii Siinqee kan ta’an, Haati Siinqee Saaraa Duubee akka jedhanitti, jalqabumaayyuu aadaafi duudhaa keenya ganamaa irraa maquu keenyatu gargaaramtummaaf nu saaxile. Duudhaalee Oromoon namni tokko akka dinagdeen of danda’uuf itti fayyadamaa ture keessaa tokko handhuuraadha.
Handhuuraa jechuun jabbii (waatii) loon gaafa ilmi (intalli) dhalatu ykn dhalattu kennamuufiidha. Handhuuraan daa’ima dhalateef kennamu sun hanga daa’imni sun guddatee itti fayyadamuu eegaltuutti jalaa hingurguramu, nama biraatiifis dabarfamtee kan hinkennamne ta’uu himu.
Aadaa qusannaafi hormaataa keenya ganamaarraa maquun akka nama dhuuftaattis ta’e biyyaatti gargaaramtummaaf nu saaxileera kan jedhan haati Siinqee kun, tattaaffii mootummaan waggoota shan darbanii as omishaafi omishtummaa biyya keessaa guddisuun biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuuf taasisaa jiru garuu dinqisiifatamuu qaba. Kallattiin mootummaan yeroo ammaa biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuuf kaa’ee hojiirra oolchaa jirus kan jajjabeeffamuu qabu ta’uus eeraniiru.
Namni ofii gaafa rakkataasaa gargaaru akka inni of danda’ee jiraachuu danda’utti gargaara kan jedhan haati Siinqee kun, alagaan garuu yeroo biraas akka itti deebitee isa kadhattutti si gargaara. Gaafa deddeebitee isa kadhattu immoo waan xiqqaa siif kennee waan guddaa sidhabsiisuu barbaada. Akka biyyaattis ta’e nama dhuunfaatti gargaaramtummaa jalaa bahanii of danda’anii jiraachuun kabaja jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016