Sumaaleetti omisha baranarraa callaa kutaala miliyoona 31 tu eegama

Finfinnee: Naannoo Sumaaleetti omisha arfaasaafi gannaa 2016fi kan birraa bara 2017 irraa callaa kuntaalli miliyoona 31 akka eegamu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Hanqinni xaa’oo jiraachuus ibsameera.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Mahaammadnuur Abdii Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannichi baay’inaan rooba kan argatu waqtii arfaasaa waan ta’eef yeroo ammaa lafa hektaara kuma 429 ol sanyiin uwwifamerraa callaan kuntaalli miliyoona 15 kan eegamuudha.

Godinaaleen lamaafi tokko ammoo gariin rooba kan argatan waqtii gannaa waan ta’eef godinaalee kunneen keessatti lafa hektaarri kuma 264 oltu misooma. Godinaaleen hafan saddeet ammoo waqtii birraa waan rooba argataniif rooba birraan kan misooman ta’u.

Naannoon kun omisha boqqolloo, boobee/mishingaan, saliixaafi looziin kan beekamu ta’uu ibsanii; omisha shunkurtiifi timaatimiifis daran mijataa ta’uu dubbataniiru. Amma garuu omishaalee garbuu, ruuziifi qamadiif mijataa ta’uunsaa qorannoon adda ba’ee gara omishaatti seenuus yaadachiisaniiru.

Naannichi laggeen gurguddoo afur omisha jallisiiwwan garaagaraaf oolaan qabaachuu himanii; irra jireessi ummata naannichaa horsiisee bulaa ta’us midhaan nyaataan of danda’uuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Midhaan callaa cinatti potenshaala jirutti fayyadamuun kuduraafi mudura bal’inaan omishanii gabaaf dhiyeessuuf karoora akka jirus himaniiru.

Gama dhiyeessii xaa’oofi sanyii filatamaan Obbo Mahaammadnuur akka jedhanitti, hanqina sanyii filatamaa furuuf hojiin sanyii baay’isuu hojjetamaa jira. Ta’us baay’ina horsiisee bulaa hojii qonnaarratti hirmaataa jiruufi lafa qotameen yommuu ilaalamu hanqinni xaa’oo daran olaanaadha.

Ongee bara darbe naannichatti gaaga’ama guddaa dhaqabsiise hordofee Waajjirri horsiisee bulaa qofaatti dhaabbachuun lafa hektaara hedduurratti omishni margaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Milkaa’ina ashaaraa magariisaaf bara kana biqiltuun miliyoona torba dhaabamuu himanii; isaan dhaabaman keessaa dhibbantaan 25 kanneen firiinsaanii nyaatamuufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf oolan ta’uu eeraniiru.

Bara kana dabalataan biqiltuu miliyoona 13 dhaabuuf qophiirra jiru. Biqiltuun dhaabaman kunneen gariin wabii midhaan nyaataaf, gariin miidhagina magaalotaaf, gariin ammoo faayidaa bosonaaf kan yaadaman yommuu ta’u, waliigalaan jijjiirama haala qilleensa ongeef sababa ta’u maqsuu keessatti shoorrisaanii olaanaa ta’uun amanameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You