Finfinnee: Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf sanyii midhaanii, beeyiladaafi teekinolojiirratti xiyyeeffachuun qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuu Inistitiyutiin Qorannoo Qonnaa ibse.
Daarektara Ittaanaa Inistitiyutichaa kan ta’an Dirribaa Galatee (PhD) tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, inistitiyutichi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qorannoo teeknolojiin deeggarame sanyii midhaaniifi beeyladaarratti gaggeessaa jira.
Akka ibsa isaaniitti, qorannoon midhaanii inistitiyuutichi gaggeessu qorannoo midhaan diqaalessuu, eegumsaafi qabannaa midhaanii of keessaa qaba. Kan beeyiladaas haaluma walfakkaatuun diqaalessuu, eegumsa fayyaafi nyaata beeyiladaarratti gaggeeffamaa jira. Qorannoon qabeenya uumamaa sagantaa gurguddaa kudhan, keessumaa qorannoon asiidummaa biyyee, xaa’oo uumaamaafi qorannoo seektaroota hundagaleessa dabalatee qorannoon gaggeeffamaa jira.
Seektara qonnaatti jijjiirama barbaachisu fiduuf bu’aa qorannoofi teeknolojii kunuunsa midhaanii sirnaan hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu himanii; bu’aa omisha qamadii sadarkaa biyyaatti galmaa’eef sababii sirnaan hojiirra oolmaa bu’aa qorannoo teeknolojii inistitiyutichaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Yeroo ammaa kana qamadiin fedhii biyya keessaarra darbee alergiif ooleera kan jedha doktar Dirribaan inistitiyutichi teekinolojii walitti fiduudhaan qabeenya baddaafi gammoojjii biyyaattii jiru walittihidhuudhaan bu’aan qamadii argameef ga’ee guddaa taphateera. Dabalataanis, sagantaa maaddii guutuu akka biyyaa hojiirra oolaa jiruuf bu’uurri qorannoo teeknolojii kunuunsaafi eegumsa beeyiladaa inistitiyutichaan kenname hojiirra oolchuudhaan akka dhufu ibsaniiru.
Ce’umsa qonnaa biyya tokkoo dhugoomsuuf dhiyeessiin teknolojiifi sanyiin fooyya’aa qorannoo qonnaan dhiyaatu murteessaa ta’us, inistitiyutichi qorannoo gaggeessuuf daangaa seeraan taa’e qabas jedhaniiru. Inistitiyutichi fedhii Minsiteera Qonnaa bu’uura godhachuun bu’aa qorannoon argate muraasa baay’isuun dhiyeessa. Bu’aan qorannoo argamees sadarkaa dhaabbataafi naannoleetti qaamolee baay’isanii sanyiin baay’atee hawaasa qaqqabee akka madaqu taasisuuf kallattiin taa’ee jira.
Inistitiyutichi qorannoo fooyya’aa dhiyeessa malee baay’isee hawaasa biraan ga’uun gahee inistitiyutichaa miti kan jedhan Doktar Dirribaan; hanqinni sanyii fooyya’aa naannoleerraa dhaga’amu tokko tokko hanqina dandeettii baay’isuufi dhiyeesuun walqabata. Qorannoo inistitiyutichi gaggeessu fedhii qaamolee barbaadaniifi barbaachisummaa gabaarratti giddugaleeffachuun ittifufa jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016