Adaamaa: Duudhaa waloo cimsuufi jijjiirama hundagaleessa ittifufsiisuuf hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee ibsan.
Koonfiransiin dargaggoota Oromiyaa 14ffaan “Dargaggootni anniisaa jijjiiramaa, utubaa biyyaafi abdii egereeti” mata duree jedhuun Kamisa darbe gaggeeffamerratti haasaa baniinsaa taasisaniin, hirmaannaan dargaggootaa duudhaa waloo cimsuun jijjiirama hundagaleessa ittifufsiisa.
Hirmaannaan tajaajila lammummaan naannicha keessatti mul’achaa jiru dargaggootni humna, beekumsaaf yeroosaanii bu’aa waloof oolchaa jiraachuu agarsiisa. Sagantaa Ashaaraa Magariisaan, nageenya mirkaneessuu, manneen barnootaafi manneen harka qalleeyyii ijaaruufi suphuun hojii fakkeenyummaa qaban hojjetamanidha.
Hiyyummaa keessaa ba’uuf hirmaannaa murteessaa ta’uun hubatamee koonfiraansichaan dhimmoota hawaasummaafi diinagdeerratti hubannoo kennuun kaayyeffame. Dargaggootni rakkoo walitti bu’iinsa naannawaasaanii mariidhaan akka furaniif muuxannoo akka horatan taasisuu bira darbee duudhaa waloofi obbolummaa cimsuun hundumaa fayyadamaa taasisuun shoorrisaanii olaanaa waan ta’eef gaheesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Afayaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahamaan gamasaaniin jijjiirama wareegamaan dhufe keessatti badhaadhina hundagaleessaa dhugoomsuuf hirmaannaan dargaggootaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni biyyaaf abdiidha diinaaf yaaddoo ta’uu himanii; dargaggoonni dhimma biyyaarratti gaheesaanii akka ba’aniif mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjetaa jira jedhaniiru.
Konfiransichi gaaffilee dargaggoota biraa ka’anirratti ibsa bal’aa kennuudhaan hariiroo mootummaafi dargaggoota gidduu jiru akka cimsu taasisa. Kanaaf, injifannoo argame kunuunfachaa kan hafeef ofqopheessuun tajaajila lammummaa barana eegalame raawwachuudhaan dirqama lammummaa isaanirraa eegamu akka ba’an jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganaan Biiroo Dargaggoota Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa dargaggootni hirmaannaa misoomaa qaban cinatti nageenya naannawaasaanii eeguufi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf anniisaa jijjiiramaa ta’uudhaan boqonnaa ammaarra ga’uun danda’ameera.
Mariin dargaggootaa gandaa hanga naannootti fageeffamee duudhaalee waliin jireenyaafi walqixxummaa ummattootaa ittifufsiisuun humna jijjiiramaa ta’uun gaheesaanii akka ba’an taasisuu himanii; bu’uura kanaan bara kanatti dargaggoota miliyoona 3.1 ajandaawwan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaarratti mari’achuu akka danda’an taasiseera. Sababa kanaan mootummaafi dargaggoota gidduutti sirna cimaafi diinagdee damdaneessaa ijaaruuf walhubannaa akka uuman ta’eera.
Yaada ijoo dargaggoota biraa ka’an adda baasuudhaan qaama karooraafi imaammataa taasisuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf konfiransichi gumaacha olaanaa qaba. Aadaa biyyatti hojjetanii guddachuu, qusannaafi seenessa waloo dagaagsuuf gurmaa’insi dargaggootaa cimaan barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, tajaajilli lammummaa naannichaa bara 2016 magaalaa Mojootti mana harka qalleeyyii ijaaruu, dhiiga arjoomuufi biqiltuu dhaabuudhaan eegalameera. Sagantaa tajaajila lammummaa baranaatti dargaggootni miliyoona 8.5 irratti hirmaachuun tajaajila qarshii biliyoona 15tti shallagamuun namootni miliyoona 25 ol ta’an fayyadamoo akka ta’an ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016