Warshaa socho’aan bu’aalee qonnaa qindeessu omisham

Finfinnee: Sosochii “Itoophiyaan haa omishtu” jedhamuun walqabatee dadammaqiinsi damee industiriirratti mul’ate daran dabalaa jiraachuu dhugaa omishtoonniifi qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu ibsaa jiraniidha.

Gaaazexaan Bariisaas Wiixata darbe agarsiisa Itoophiyaan haa omishtuu omishtoota 210 ol hirmaachisuun Caamsaa 1 bara 2016 irraa kaasee guyyoota shaniif Finfinnee, Galma Barkumeetti dhaabbilee qophaa’eerratti argamuu qooda fudhattoota muraasa dubbiseera.

Industiriiwwan salgan Itiyoo Injiinariingi giruuppi jalatti bulan keessaa Industiriin Omishaa Bishooftuu isa tokko. Industirichatti Daarektarri To’annoo Qulqullinaafi Ittigaafatamaan Kutaa Odeeffannoo Obbo Girmaayee Li’uulsaggad akka jedhanitti, industiriisaaniitti warshaaleen agroo pirosasiingii socho’oon sadiitu jiru. Isaanis, pirojektii midhaan callaafi mi’eessituuwwan; moseefi timaatimiin itti qindeeffamuudha.

Pirojektonni sadanuu warshaalee socho’oo yoo ta’an kanneen keessaa tokko warshaa argoo pirosasiingii timaatimiiti. Warshaan socho’u kun bakka qonnaan bultoonni jiran deemee saalsaa timaatimiifi firiiwwan biroo timaatimii akka hojjetuuf yaadamee kan qophaa’eedha jedhan.

Haala qabatamaa amma jiruun waan omishni timaatimii daran baay’ateef gatiinsaa gadi bu’ee bakki kiiloo giraamni tokko hanga qarshii afurii fa’itti ittigurguramu, darbees gatamaa jiraachuu kan eeran Obbo Girmaayeen; akeekni warshaasaanii omishni timaatimii akka dafee hinbadneef yeroo itti fayyadamasaa dheeressuu ta’uu eeraniiru.

Warshaa konkolaataadhaan socho’uufi samuuda qophaa’e kanaan qonnaan bulaan, shamatoonni, mootummaafi dargaggoonni industiriiwwan xixiqqaarratti gurmaa’anii baankiirraa liqeeffachuun hojjetanis rogawwan adda addaatiin fayyadamoo ta’uu akka danda’an eeraniiru.

Abbaa qabeenyaa warshaa socho’u kana bitee ittifayyadamu yoo jiraates namoota mindeessee waan hojjechiisuuf carraa hojii uumuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

“Hawaasni oggaa gatiin timaatimii bushaa’u kiiloo hanga qarshii afuriitti, oggaa qaala’u ammoo hanga qarshii 120tti baasee bitata. Kanaaf, garaagarummaa bal’aa kana dhiphisuufi walsimsiisuuf yoo sona itti daballee qindeessinee qaamoleen olitti eerre gatii dhaabbiidhaan gurgurachuufi bitachuun fayyadamoo ta’u. Bitataan oggaa omishni ga’u ho’aasaa, yeroo kaan ammoo isa qindeeffamee taa’e suppar maarkeetiidhaa gatii madaalawaan bitatee fayyadamuu danda’a” jechuun ibsan.

Akka ibsa Obbo Girmaayeetti, mootummaanis, oggaa timaatimiin omishamu galteewwan (qorichoota) doolaaraan bitee alaa galcha. Doolaarri kun dameewwan hojii adda addaarraa hir’ifameefi qusatamee kan argamuudha. Timaatimiin qorichi doolaara haala kanaan argamuun dhufe gargaaramee omishamee oggaa tasatti badu mootummaan nikasaara jechuudha. Warri gurmaa’anii hojjetaa turanis rakkoof saaxilamu. Kanaaf pirojektiin warshaa socho’aa kun faayidaa qaamolee hundaa kan giddugaleeffateefi walittihidheedhas jedhaniiru.

Warshaan kun oyiruu qonnaan bulaa bira geeffamee achumatti omisha kan qindeessu ta’uus eeranii; warshichi iddoo tajaajilli elektirikii hinjirretti jenereetara abbaa kiiloo waattii 25 akka fayyadamu ibsaniiru.

Hojiini timaatimii dhiquurraa kaasee hanga saamsamee bahutti jiru achuma, warshicha keessatti karaa tuttuqqii harka namaarraa bilisa ta’eefi teknolojiidhaan deeggarameen sadarkaa qulqullinaa Ministeerri Fayyaa kaa’een akka raawwatamu eeranii; qabeenya jirutti fayyadamuun dhiibbaa alaa kamuu dandamachuuf cichoominaan hojjetamaa jiras jedhaniiru.

“Rakkoo akka ijootti nu mudate hanqina doolaariiti. Nuti motora omishaa hin jirru; qaama konkolaataa qofa omishaa jirra. Chaayinoonnis akkuma keenya qaama (‘body’) omishuuni hojii kan jalqaban. Kanaaf ammoo sharafni alaa nu barbaachisa” jechuun rakkoo jiru ibsaniiru.

Dhaabbileen dhuunfaa lamaafi mootummaa lama Kaakii Motarsi, Seef Seekuur, Gareen Itiyoo Injiinariingiifi Korporeeshiniin Injiinariingii Industirii Ittisaas afur ta’anii konkolaataa tajaajila turistii kennu omishuuf ergama fudhatanii yeroo guyyootaan lakkaa’aman keessatti omishanii agarsiisicharratti dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummeen Abiyyi Ahmadis (‘PhD’) hojii dhaabbilee kanneenii ilaalanii, kaampaaniiwwan konkolaataa tajaajila turistiif oolu omishan afranuu bakka tokkotti dhufuun hir’ina walii guutuun konkolaataa waa hunda guuttateefi walfakkaatu tokko akka omishan kallattii kennuufiisaanii bakka buutonni dhaabbilee kanneenii walduraa duubaan Obbo Kadir Mahaammad, Obbo Birhaanuu Taaddasaafi Obbo Fitsum Takleefaan ibsaniiru.

“Kan barbaadames konkolaataa waa hunda guuttate tokko malee waldorgomsiisuu miti. Walittidhufnee ciminaafi hir’ina keenyarratti mari’annee omisha fooyya’aa tokko omishna. Iddoowwan ga’umsa turistii ammaan tana biyya keenyatti babal’achuunis hojii amma sadarkaa samuudaan omishnee qopheessine kana babal’isnee hojjechuuf kan nu onnachiisuudha” jedhaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You