Finfinnee: Wallagga Bahaatti pirojektonni sababa rakkoo nageenyaatiin ijaarsisaanii addaan citee ture gara hojiitti deebi’uu Bulchaan Godinichaa Obbo Waaqgaarii Nagaraa ibsan.
Obbo Waaqgaariin ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Wallaggi Bahaa godinaalee rakkoo nageenyaa hamaa keessummmeessaa turan keessaa isa tokko. Pirojektonni bajata naannoonis ta’e federaalaatiin hojjetamaa turan sababa rakkoo nageenyaa tureef ijaarsisaanii addaan citee ture ammaan tana haalli nageenyaa fooyya’uusaatiin gara hojiitti deebi’aniiru. Pirojektonni kunneen saffisaan akka xumuramaniifi kanneen otoo hineegalamiin turanis dafanii akka eegalamaniif Ministirri Muummee Doktar Abiyyi kallattii kaa’aniiru.
Ammaan tana pirojektonni akka daandii xayyaaraa Naqamtee, daandii aspaaltii Naqamtee-Buree kan gara naannoo Amaaraa geessu, daandii aspaaltii Naqamtee-Saasiggaa-Soogeefi daandii cirrachaa sadarkaasaa eeggatan Arjoo Guddattuu-Kamaashii- Soogee kanneen gara naannoo Beenishaangul Gumuz geessan ijaarsisaanii saffisaan xumuramaa jira. Kana malees, warshaan daabboo Giiftiduree Aadde Zinnaash Tayyaachoon Magaalaa Naqamteetti ijaarsifamaa ture xumuramee dhiyootti kan eebbifamu ta’a jedhan.
Daandii aspaaltii Naqamtee-Saasiggaa- Soogee kan dhagaan bu’uuraa waggaa lama dura Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin kaa’amee ture. Kontiraaktarri daandicha ijaaruuf fudhate akkuma sochii eegaleen rakkoo nageenyaa naannawa Saasiggaa tureen hojii dhaabe.
Erga nageenyi fooyya’ees itti deebi’ee hojjechuuf waan fedhii dhabeef yeroo ammaa kontiraaktara haaraaf kennamee dhiyootti hojiinsaa akka eegalamu kallattiilee Doktar Abiyyiin kaa’aman keessaa isa tokko ta’uu Obbo Waaqgaariin ibsaniiru.
Kanaan dura gurmuun “Abbaa Torbee” jedhee of waamaa tureefi qondaaltota mootummaa ajjeesaa ture, bakkatti miidhaa hamaa dhaqqabsiise keessaa tokko magaalaa Naqamtee ta’uu yaadachiisanii; ammaan tana garuu tumsa qaamolee nageenyaafi tumsa ummataatiin gurmuun kun barbadaa’ee hiriirri deeggarsaa kumaatamoota hirmaachise rakkoo nageenyaa tokko malee xumuramuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, godinnisaanii godina durii eegalee nageenyaan beekamtuudha. Boora’uu nageenyaatiin walqabatee maqaa gurraachi ture ka’ee godinichi gara nagaasaa jalqabaatti deebi’aa jira. Pirojektonni ijaarsisaanii xumurame akkuma Doktar Abiyyi jedhan miilaan keessa deemanii akka eebbifamaniif nageenya godinichaa waaressuurratti hojii bal’aan eegalameera. Gaaffiin ummataa misoomaafi nageenya waan ta’eef tumsi nageenyaaf taasifamaa jirus olaanaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016