Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoota 30 darban gama siyaas dinagdeefi hawaasummaatiin hojiilee guguddoo raawwatewera. Qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin agarsiifni imala sektaroota mootummaa waggoota soddoma darbanii agarsiisu Bitootessa 25-27 bara 2016tti Giddugala Aadaa Oromootti adeemsifameera. Sektaroota Bulchiinsa Magaalaa Shaggar dabalatee sektaroonni mootummaa naannichaa hundi agarsiisawwan hojiisaanii waggoota 30 ibsan qabatanii dhiyaataniiru.
Hoggannaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa haasaa baniinsa sagantichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, tooftaalee kominikeeshinii biirichi hojiirra oolchaa jiru keessaa tokko agarsiisa. Agarsiifni sektaroota mootummaa naannichaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hirmaachisuun guyyoota sadiif Giddugala Aadaa Oromootti agarsiifame imala sektaroota mootummaa naannichaa waggoota 30 darbanii agarsiisuufi milkaa’inoota guguddoo hundeeffama bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaarraa kaasee hanga ammaatti jiran agarsiisuun sektaroonni mootummaa naannichaa muuxannoowwan gaggaarii akka walirraa qooddatan taasisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala waggoota 30 darbaniitiin gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin hojiilee gurguddoo hedduu raawwateera kan jedhan Obbo Hayiluun, agarsiisichis milkaa’inoota gurguddoo sektaroonni mootummaa naannichaa waggoota soddoma darban keessa raawwatan agarsiisuuf carraa gaarii kan uume ta’uus himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, biirichi sirna kominikeeshinii si’ataafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi ummata gidduutti walhubannaan akka uumamu, ajandaawwan guguddoo akka naannoofi biyyaatti jiranirratti waliigalteen biyyaalessaa akka jiraatu akkasumas maqaan naannichaa roga gaariidhaan akka ijaaramu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Kana milkeessuuf tooftaalee kominikeeshinii adda addaa fayyadamuudhaan odeeffannoo wayitaawaa, qulqulluufi dhugaan akka ummata bira ga’uuf yaadonni ummataa mootummaa bira akka qaqqaban taasisuun mootummaafi ummata gidduutti riqicha ta’ee hojjechaa jira.
Yeroo ammaa guddinaafi ammayyummaa teknolojiin odeeffannoon walqabatee meeshaaleefi tooftaalee teknolojii odeeffannoon ittiin tamsa’u saffisa guddaan babal’achaa dhufuu himanii, kanaanis odeeffannoon taatee goleewwan addunyaa tokko keessatti raawwatu si’aayina libsuu ijaatiin golee addunyaa biraa keessatti akka tamsa’u dandeessiseera.
Guddinni odeeffannoo teknolojii kun danqaa bakkaafi yeroo maqsuudhaan addunyaa mandara tokko taasisaa jira. Babal’achaa dhufuun teknolojii odeeffannoo akkuma bu’aa olaanaa galmeessise yaaddoo guddaas fidee dhufeera.
Odeeffannoon sobaa si’aayinaan faca’uun xiyyeeffannoon ummataa ajandaa ummataarraa akka maqu gochuudhaan burjaajii hamaa uumaa jira. Odeeffannoon qulqulluufi dhugaa hintaane guyyaa guyyaan omishamaa oolu ka’umsa walitti bu’iinsaafi jeequmsaa ta’uun nageenyi akka
hinwaarofne taasisaa jiraachuu himanii, biirichi rakkoo gama kanaan jiru furuufi qaqqabummaa odeeffannoo mirkaneessuuf caasaalee kominikeeshiniifi miidiyaa mootummaa dorgomaa ta’an akkasumas dhaabbilee miidiyaa ittigaafatamummaa naamusaa bu’uura godhachuudhaan akka hojjetan gochuuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Akka Obbo Hayiluun jedhanitti, biirichi imaammanni, tarsiimoon, karoorriifi raawwiin mootummaa si’aayinaafi qulqullinaan akka ummata bira ga’an gochuun ummanni ajandaa misoomaafi nageenyaarratti akka xiyyeeffatu akkasumas ummanni odeeffannoo sobaatiin akka hinburjaajofne taasisuuf tooftaalee kominikeeshiniifi miidiyaalee jiranitti fayyadamuun hojjechaa jira.
Biirichi ergamaafi hojii kominikeeshinii naannichaa waaltessuu, bulchuufi hogganuun sirnaan hojiirra oolchuun akkasumas hojiilee misoomaa, siyaasaa, nageenyaafi yaadotaafi gaaffiiwwan ummataa mootummaa bira akka ga’an taasisuunis hojii biirichi xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jiruudha.
Biirichi miidiyaalee dijitaalaa, elektirooniksiifi maxxansaa fayyadamuun akkasumas miidiyaalee mootummaafi dhuunfaa naannicha keessa jiran waliin fooramii hundeessuun odeeffannoo wayitaawaafi qulqulluun ummata bira akka ga’u gochaa jira.
Keessummaa kabajaa ta’uun baniinsa agarsiisichaarratti kan argaman Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiyaas hundeeffamasaarraa eegalee waggoota 30 darban keessatti gurmaa’inaafi caaseffama isaa hanga gandaatti diriirsuudhaan of cimsaa, guddachaafi bal’achaa har’a ga’eera.
Imala waggoota 30 keessatti muuxannoowwan gaggaarii horachaa tureera. Agarsiissni sektaroota mootummaa naannichaa hunda hirmaachisuun qophaa’e kun milkaa’inoota waggoota kanneenitti galmaa’an kan agarsiisu waltajjii seenaqabeessa.
Gaaffiin dimokraasii, lafaa, eenyummaafi mirga ofiin of bulchuu qabsoo sabootaa finiinsuun bara 1983 sirni cunqursaa giti bittaa akka awwaalamu taasiseera. Imala waggoota 30 darbaniitiin gaaffiiwwan dimokraasiifi walqixxummaa heeraafi seeraan deebisuuf kan yaalame ta’us raawwii qabatamaa lafarra tureen faallaa heera keenyaa waan ta’eef dambalii diddaa qabsoo ummataa uumameen mootummaan jijjiiramaa kun bara 2010 ilmaan sabaatiin gaaffii sabaa deebisuuf dhalate.
Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamus bu’aa sagalee ummataatiin ijaaramee gaaffiilee dimokraasiifi fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e deebisuufi maraamartoo hiyyummaa seenaa taasisuuf waadaa gochaan dhugoomsaa jira jedhan.
Mootummaan jijjiiramaa sirna federaalizimii sabdaneessa lafa qabsiisuufi mirga ofiin of bulchuu gidduseentummaa tokko malee hojiirra akka oolu taasiseera kan jedhan Aadde Sa’aadaan, mariin biyyaalessaa akka biyya keenyaatti yeroo jalqabaatiif adeemsifamuuf jirus rakkoolee bu’uuraa jiranirratti marii taasisuun araara biyyaalessaa uumuuf hojiilee guguddoon raawwatamaa jiru jechuun ibsan.
Waggoota shanan darbanitti hojiileen gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin raawwatamaniiru injifannoowwan guguddoon dhalootaa dhalootatti darban galmaa’aniiru.
Dudhaalee gaggaarii ummanni keenya qabu deebifnee sirnoomsuun bakka humni mootummaa hinqaqqabnetti hirmaannaa hundagaleessaan ummata utubuudhaan gaaffii ummataa bu’uurarraa deebisaa misooma bu’uura qabu diriirsuudhaan qormaatilee uumamaafi namtolchee hunda dandammachuun hojiilee qabatamaan mul’atan raawwachaa jira kan jedhan Aadde Sa’aadaan, injifannoowwan gama hundaan galmaa’an akka salphaatti kan dhufan utuu hintaane hoggansa bilchina qabu kennuu danda’uu keenyaani kan argaman ta’uun dagatamuu hinqabu.
Mootummaan naannichaa hundeeffamasaarraa eegalee boqonnaawwan qabsoo hunda keessatti qormaatilee isa mudatan keessa injifannoon ce’ee tooftaa qabsoo siyaasaa injifannoof isa kaadhimu bocuudhaan boqonnaa haaraa galmeessisaa har’a gaheera jedhu.
Waggoota shan dabarsinetti milkaa’inootaafi qormaatilee keessa turre ka’umsa godhachuudhaan kaayyoo qabsoo ummataa milkeessuuf kutannoodhaan hojjechaa jirra kan jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa, injifannoowwan wareegamaan argaman dafqaan utubuudhaan karoora imala badhaadhinaa qopheessuun hojiilee hunda qulqullina, baay’inaafi si’aayina hojjechuurratti argamna jedhu.
Agarsiisni milkaa’ina imala Oromiyaa waggoota 30 darbanii irratti xiyyeeffachuun qophaa’es daandii dheeraa deemuun sadarkaa hara irra geenye kan nutti agarsiisuufi maniiwwan guguddoo ijaarsa sirnaafi biyyaa qabannee hojjechaa jirru keessatti hojiii nu hafan xiiqiifi kutannoo olaanaadhaan hojjechuudhaan ittigaafatamummaa seenaa nurra jiru beeknee akka irratti hojjennuufi gahee keenya bahachuu dandeenyuuf kan nu qopheessuudha jedhan.
Agarsiisicharratti dhimmoonni siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi misoomaa Oromiyaa akkasumas qabeenya dilbii uumamaafi namtolchee naannichiifi ummanni naannichaa qabu keessaa muraasni waltajjicharratti kan dhiyaate ta’uu himanii, riifoormii magaalotaa taasifneen magaalota keenya keessatti duudhaafi eenyummaa saba Oromoo urgaa’aa jira. Kan nu hafu yoo jiraate tokkummaa keenya jabeeffachuufi nageenya keenya itichuudha jechuun ibsan.
Hoggantoonni sektaroota mootummaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa tokko tokko akka jedhanitti, agarsiisichi milkaa’inoota sektaroonni bulchiinsa mootummaa Oromiyaa waggoota 30 darbanitti galmeessisan agarsiisuun sadarkaa har’a irra jiraniifi bor irra gahuuf karoorfatan dhugoomsuuf gargaara. Agarsiisichi sektaroonni mootummaa hundi muuxannoo akka walii qoodaniifi tokko tokkoon sektarootaa maal hojjechaa akka turaniifi jiran ifatti kan mul’isu waan ta’eef gara fuulduraattis caalaatti cimee ittifufuu jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28 / 2016