Finfinnee: Ulaan galaanaa kallattii biyyi tokko gidduseentummaa qaama biroo malee addunyaatti gadi baatuun waan ta’eef Itoophiyaaf dhimma filannoo osoo hintaane dhimma murteessaa ta’uu hayyootni Saayinsii Siyaasaa ibsan.
Hayyootni kunneen ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ulaan galaanaa biyyi tokko hariiroo siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa kallattiin biyyoota biroo waliin taasisuuf shoora guddaa qaba. Biyya guddina dinagdee saffisaa galmeessisaa jirtuufi naannawa Galaana Diimaatti argamtu, Itoophiyaaf ulaan galaanaa dhimma daran murteessaadha.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi barataan digrii 3ffaa Obbo Shimallis Hayiluu akka jedhanitti, bara 1935 wayita Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarte Itoophiyaan karaa Jibuutiin meeshaa waraanaa akka hingalfanne dhorkamtus Xaaliyaaniin garuu akka garaasheetti galfachaa turte. Waraana Itiyoo-Eertiraarrattis qoqqobbiin meeshaa waraanaa taasifame ulaa galaanaa dhabuusheen Itoophiyaarratti raawwatame malee Eertiraan galfachaa turte.
Ulaan galaanaa sochii dinagdeefi hawaasummaatiin ala nageenya biyya tokkootiif dhimma murteessaadha jedhanii; kallattiin argama Itoophiyaa sochii nageenyaa, dinagdeefi hawaasummaa addunyaaf murteessaa waan ta’eef birmadummaafis ta’e fayyadamummaa dinagdeef ulaan galaanaa dirqama ta’uu hubachiisaniiru. Itoophiyaan ulaa galaanaa waan hinqabneef osoo rakkoon nageenyaa uumamee akka biyyoota kaanii achitti qolachuun hafee hanga daangeeshee dhufee seenutti eeguuf akka dirqamtus hubachiisaniiru.
Sochiin Itoophiyaan ulaa galaanaatiin ala taasistu hundi waan qaama biraatiin to’atamuuf dhimmi birmadummaa gaaffii keessa seena kan jedhan Obbo Shimallis; Itoophiyaan rakkoo kana hubattee sochii jalqabde gufachiisuuf waciifi dhiibbaan taasifamaa jiru biyyattii qabaa jala tursuuf yaadamee ta’uus ibsaniiru. Eegalamuu dippiloomaasii Itoophiyaatii jalqabee qormaata guddaa kan ture hariiroo dippiloomaasii naannawa Galaanaa Diimaafi Garba Hindii ta’uus yaadachiisaniiru.
Sudaan Kibbaafi Itoophiyaarraa kan hafe biyyootni gaanfa Afrikaa hundi ulaa galaanaa qabu. Ammaan tana ulaan galaanaa calaqqee dippiloomaasii cimaa waan ta’eef Itoophiyaan fayyadamummaashee mirkaneeffachuuf dhimma ulaa galaanaarratti hunda waliin hojjechuu qabdi jedhan. Dhimmi ulaa galaanaa dhimma murteessaa, waca miidiyaa caalaa hanga Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti hojii dippilomaasii cimaa gaafatuudha kan jedhan ammoo Yuunivarsiitii Salaaleetti Barsiisaa Seeraa Piroofeesara Gargaaraa Zalaalam Tasfaayeeti.
Akka isaan jedhanitti, waliigalteen Itoophiyaafi Sumaaleelaand gidduutti taasifame madda waldhabbii ta’aa jiru dhimma Itoophiyaafi Somaaliyaa osoo hintaane dhimma Somaaliyaafi Sumaaleelaandi akka ta’uuf Itoophiyaan cimtee hojjechuu qabdi. Itoophiyaa waliin waliigaltee kan mallatteessite Sumaaleelaandi osoo jirtuu Somaaliyaan sababa ittiin Itoophiyaaf ajandaa godhattu hinjiru jedhanii; Itoophiyaan hojii manaa Somaaliyaafi Sumaaleelaandi hojjechuuf osoo hintaane akkuma biyya kamuu fayyadamummaa waloof hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee jedhan hayyuun kun, waca kana duuba fedhiin hedduun waan jiruuf seera jabaa baasuunis ta’e waraanaan mirkaneessuuf waan hindanda’amneef akkuma jedhame qajeeltoo kennanii fudhachuutiin hojiin dippiloomaasii cimaan hojjetamuu qaba. Waci kun hundi aantummaa mul’isuu baatus biyyootni guddinni Itoophiyaa dhukkubbii mataa itti ta’u akka jiran shakkiin akka hinjirres ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016
4 Comments to ““Ulaan galaanaa Itoophiyaaf filannoo osoo hintaane dhimma murteessaadha”Hayyoota Saayiinsii Siyaasaa”
Comments are closed.