Ikoo Turizimiin Wancii namoota kuma 11f carraa hojii uuma

Finfinnee: Pirojektiin ikoo turizimii Wancii/ Dandii wayita guutummaatti hojii eegalutti namoota kuma 11f carraa hojii uumuu akka danda’u Bulchiinsi Godina Shawaa Kibba Lixaa beeksise.

Bulchaan godinichaa Obbo Taayyee Guddisaa torbee darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, pirojektiin Ikoo turizimii Wancii/Dandii deebii gaaffii baroota dheeraa hawaasa godinichaati. Pirojektichi wayita guutummaatti hojii eegalu namoota kuma 11 ta’aniif carraa hojii bana.

Haroon Wancii durii kaasee kan ture ta’us bakka uumamaan jannata lafarraa ta’e kanaaf hoggansi xiyyeeffannoo kenne hin turre. Kanaan dura bakka uumamaan qalbii namaa hawwatu kana seenaansaafi bareedinnisaa turistoota biyya keessaafis ta’ee biyya ambaaf haala barbaadamuun beeksifamaa hinturre. Ijji mootummaa jijjiiramaa bakka hawwataa kana argee misoomsuuf kutannoon hojiitti seenuu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, naannawa argama ikoo turizimii kanatti qonnaan bultootaafi ijoolleesaanii hammachuun namoota 800 ta’aniif hanga ammaatti tajaajila geejiba bishaanirraafi lafarraarratti hojii hoteelaafi loojiirratti carraan hojii uumameera.

Misoomni ikoo turizimii kun qonnaan bulaa tokkollee hinbuqqisne kan jedhan Obbo Taayyeen; qonnaan bultootni naannawichatti argaman kallattiidhaan qabeenyasaanii waliin akka hammataman taasifameeera. Kuduraafi muduraa akka omishaniifis hojiin haala mijeessuufi walitti hidhiinsaa hojjetameera jedhan.

Ijaaramuu ikoo turizimii kanaan walqabatee qonnaan bultootni galii fooyya’aa akka argatan taasisuun ala manni jireenyaa ammayyaawaan ijaaramee kennameeraaf. Manichi keessa jiraachuu qofaaf osoo hintaane kiraafis kan oolu ta’uu himaniiru. Loon sanyii filatamoofi manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa sadarkaasaa eeggate ijaaramee kennamuufiis dubbataniiru.

Wanciin uumamaan bishaan qabaattus kanaan dura hawwaasichi dheebuu bishaan qulqulluu qaba ture kan jedhan Obbo Taayyeen yeroo ammaa hawaasichaaf bishaan dhugaatii hojjechuun dhiyeessuun danda’ameera jedhan. Bu’uraalee misooma humna ibsaa diriirsuun ibsaas mana manasaanitti argachuun fayyadamaa ta’aniiru. Magaalaan Wanciis ho’aa jirti, yeroo ammaa magaalattiitti gaaffiin invastimantii waan baay’achaa dhufeef karaa qoratameen deebisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You