Beenishaangul Gumuzitti misoomni sululaa lafa hektaara kuma 39 irratti

  • Biqilituu miliyoona 67 ol dhaabuuf karoorfameera

Finfinnee: Naannoo Beenishaangul Gumuzitti misoomni sululaa lafa hektaara kuma 39fi 078 irratti eegalamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise. Naannichi biqiltuu miliyoona 67 dhaabuuf karoorfachuus ibseera.

Hogganaan biirichaa Obbo Babakir Haliifaa akka Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himanitti, misoomi sululaa baranaa Amajjii 20 irraa eegalee hojjetamaa jira. Hojichis fiizikaalaafi baayolojikaalarratti xiyyeeffachuun hanga Bitootessa 30 bara 2016tti ittifufa.

Akka ibsasaaniitti, yeroo ammaa hojiin misooma sululaa aanaaleefi godinaalee naannichaa hundatti eegalameera. Wayita hojiin kun gaggeeffamu hojii bakkeewwan misoomaa dalgeefi olee, buufata biqiltuufi bakkeewwan biqiltuun dhaabbatu adda baasuunis ni hojjetamu.

Buufata biqiltuu 72 adda baasuuf karoorfame keessaa hanga ammaattis hojii adda baasuu hojjetameen buufatni biqiltuu 52 dalgeefi oleensaa adda ba’uu himanii; bakkeewwan biqiltuuwwan dhaabbatan 180 adda baasuuf karoorfaman keessaas 94 xumuramuu eeraniiru.

Bakkeewwan misooma sululaa adda ba’aniifis qophiin biqiloota bosonaa miliyoona 57fi kuma 750 akkasumas biqilaa bunaa kuduraafi muduraa adda addaa miliyoona 10 waliigalaan qophiin biqiloota miliyoona 67 eegaleera. Hanga ammaatti biqiltuu miliyoona 2 ol ta’an qophaa’uufi lafti hektaarri 591.1 misoomuu ibsaniiru

 Misoomni sulula naannichaa pirojektiidhaanis ta’e lafa nama dhuunfaafi waloorratti gaggeeffamu Laggeen Laga Abbayyaatti yaa’anirratti xiyyeeffachuun akka misoomfamu himanii; hojiin misooma sululaa baroota darbaniin biqiloota dhaabbatan keessaa %80 qabachuun bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sababa kanaanis lafti qullaa ture biqilootaan uwwifamaa dhufuun omisha nyaata looniifi omishaalee maaddii guutuuf galtee ta’uun bu’aa argamsiisaa jiru jedhaniiru. Bu’aan gama kanaan argamaa jiru sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa jalqabaa milkeessuuf carraa uumeera. Karoorri baranaa raawwii bara darbeerraa kuma torbaan caalmaa akka argamsiise himaniiru. Hojichi akka milkaa’uuf ogeessotni qonnaa sadarkaa sadarkaan jiran deeggarsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Beenishaangul Gumuzitti misoomni sululaa lafa hektaara kuma 39 irratti”

  1. Pingback: buôn lậu
  2. Pingback: Herbalife member

Comments are closed.