Diinota lubbuu namaa galaafatan kurnan

Dhukkubootni lubbuu namaa hedduu balleessuun sadarkaa addunyaattifi akka biyya keenyaatti sadarkaa 1ffaa haga 10ffaa jiran kam fa’i? (the top ten killer disease in Ethiopia and worldwide)

Addunyaan keenya yeroo maraa waraana lubbuun jiraachuufi jiraachuu dhabuu diinota ishee kan Ijaan hinargamne waliin taasifti. Diinonni ijaan hinargamne kuna ammoo kan dhala namaa irratti waraana banan, dhukkuboota addaa addaa nama qabsiisanii lubbuu dabarsuu fi akkasumas haala uumama qaama namaa keessaa jijjiiruun dhala namaa dhukkuboota adda addaaf saaxiluun lubbuu balleesuudhaani.

Dhukkuboonni lubbuu dhala namaa wagga waggaan balleessan lakkoofsaan hedduu kan ta’aniifi biyyaa biyyatti garaagarummmaa guddaa kan qabaniidha. Fakkeenyaaf biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaatti dhukkuboonni infekshinii addaaaddaa irraan nama qaban akka dhukkuba tiibii lubbuu hedduu kan galaafataniidha. Biyyoota guddatan akka biyyoota lixaa keessatti ammoo dhukkubni akka kanaa lubbuu hedduu kan hin galaafanneedha.

Mee walumaagalatti akka addunyaatti dhukkuboonni du’a dhala namaatiif sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaa jiran kam fa’i kan jedhu yaa ilaallu.

1. Dhukkuba onnee (ischemic heart disease)

2. Dhukkuba istirookii (stroke).

3. Dhukkuba sombaa kan yeroo dheeraa (Chronic obstructive lung disease)

4. Infeekshinoota Ujummoo qilleensaa gara gad-aananii (lower respiratory tract infections)

5. Dhukkuba sammuu kan Alzheimer’s jedhamu, namoota umuriin raagan baay’inaan kan hubu.

6. Kaqnserii sombaafi tiaakiyaa (Ujummoo qileensaa kan qilleensa gara sombaa geessu).

7. Dhukkuba sukkaaraa (diabetes mellitus)

8. Balaa tiraafikaa (road accidents)

9. Dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease)

10. Dhukkuba Tiibii (tuberculosis)

Dhukkuboonni tokkoo haga kudhanii maqaan isaanii armaan olitti kaa’ame kun akka dhaabbanni fayyaa addunyaa bara 2016 gabaasetti, namoota akka addunyaatti miliyeena 56.9 ta’an lubbuun darban keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaa 54 ka’umsa kan ta’aniidha.

Sababoonni ykn ka’umsi namoonni ittiin addunyaa kanarraa boqotan kanneen hafan martuu walitti ida’amanii haga jara kana kurnanii lubbuu namaa hindabarsine jechuudha. Mee amma ammoo akka biyya keenya, Itoophiyaatti lubbuu lammiilee keenyaa hedduu galaafachuudhaan dhukkuboota sadarkaa duraa 10 irra jiran haa ilaallu:

1. Dhukkuboota daa’imman ji’a tokkoo gadii (neonatal disease)

2. Dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease)

3. Infeekshinoota Ujummoo qilleensaa gara gad-aananii (lower respiratory tract infections)

4. Dhukkuba Tiibii (tuberculosis)

5. Dhukkuba onnee (ischemic heart disease)

6. Istirookii (stroke)

7. Dhukkuba HIV/AIDs

8. Dhukkuba dadhabuu tiruu (Cirrhosis)

9. Infekshinii sammuu (Meningitis)

10. Hir’ina nyaataa pirootinii (protein energy malnutrition)

Ragaan kun ammoo dhaabbata ittisaafi to’annoo dhukkubootaa Ameerikaa (CDC) irraa kan bara 2018 maxxanfame yoo ta’u, dhukkuboonni biyya keenya keessatti lubbuun darbuu namoota hedduuf sababa ta’aniifi kan biyyoota biroo wal adda. Fakkeenyaaf dhukkubni daa’imman umurii ji’a takkaa gadii, dhukkubni vaayirasii ‘HIV/AID’s, dhukkubni infeekshinii sammuufi hir’inni nyaata kan akka addunyaatti sadarkaa keessaa hinjirre biyya keenya keessatti ammoo warren akka malee lubbuu namaa galaafataniidha.

Kun ammoo akkuma beekamu dhukkuboota hiyyummaafi dhabamuu yaala fayyaa ammayyaawaa waliin walqabataniidha. Mee kanneen biyya keenya keessatti sadarkaa irra jiran tokko tokko kaafnee gabaabsiee haala ittiin ofirraa hir’isuu dandeenyu haa laallu:

1ffaa dhukkuboota daa’imman ji’a tokkoo gadii (neonatal disease)

Dhukkuboonni daa’imman dhiigaa (kan umurii ji’a takkaa gadii) galaafatan kun: infekshinii sombaa, ukkaamamuu yeroo da’umsaa (birth asphyxia), yeroon osoo hinga’iin dhalachuufi kkf fa’i. Du’aatii daa’imman xixiqqoo kanaaf yaalli gaariin isaanii malu ga’aan jiraachuu dhabuun ga’ee guddaa taphatus, haga danda’ame garuu hordoffii ulfaa sirriitti taasisuurraa eegalee, aadaa manatti (mana yaalaa osoo hin deemiin) da’uu irraa of qusatanii, mana yaalaa ogeessa fayyaa biratti da’uunis ga’ee guddaa taphata.

2ffaa dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease)

Dhukkuboonni teessisaa fidan keessumaa kanneen akka koleeraafi kkf haala salphaadhaan teessisaa cimaa namatti fiduun dhangala’aa qaama namaa keessaa xuuxanii lubbuu namaa balleessuu malu. Walumaa galatti dhukkuboota teessisoo kkana akkamiin ofirraa qolanna kan jedhuuf ammoo:

➢ Yeroo mana fincaanii deemnee deebinu, nyaata qopheessuun dura, nyaata qopheessuun booda, nyaata nyaachuun dura, nyaata nyaachuun booda, akkasumas nama dhukkuba kanaan qabameef kunuunsa yeroo kenninu harka keenyaa saamunaafi bishaan qulqulluudhaan dhiqachuun dirqama.

➢ Bishaan maddi isaa qulqulluu ta’e yoo arganne fayyadamuu yokaan ammoo keemikaalaafi danfisuudhaan ququlleessinee dhuguun ofirraa ittisuudha.

➢ Yoo bobbaa ba’an mana fincaanii qofatti ba’uu ykn boolla bobbaan itti ba’amu qopheessuun itti fayyadamuu, bakkee irrattii fi madden bishaanii cinaatti tasumaa bobbaa ba’uu dhiisuu.

➢ Nyaata seeraan bilcheessanii nyaachuu, yoo kan olkaa’an ta’e sirriitti qadaadanii kaa’uu, utuu hedduu hin turiin ho’aatti nyaachuu

➢ Ququllina naannoo, kan mana keessaa, kan mana fincaanii, bakka uffata miicaniifi kan kan fakkatan eeguu fa’i.

3ffaa infeekshinoota ujummoo qilleensaa gara gadii (lower respiratory tract infections)

Dhukkuboonni ykn infeekshinoonni kun baay’inaan baakteeriyaadhaan kan dhufan yoo ta’u, ujummoolee qilleensaa xixiqqoo somba keessatti argaman hubuudhaan kan nama galaafataniidha. Isaan kana ofirraa ittisuudhaaf ammoo: haalota dursanii simba keenya miidhan akka tamboofi shiishaa fayyadamuu irraa cimsanii of qusachuu, qulqullina qaamaa (keessumaa harka keenya sirriitti dhiqachuu), yoo qufaanu afaan keenya haguuguu fi yoo kan mallattoo akka qufa’uu qabaatan illee dafanii yaalamuudha.

4ffaa dhukkuba Tiibii (tuberculosis)

Dhukkunbi tiibii baakteeriyaa xixiqqoo ijaan hinmul’anne kan maayikoo bakteeriyaa tuuberkuloosis (mycobacteria tuberculosis) jedhamaniin kan dhufu yoo ta’u dhukkuboota baakteeriyootaan dhufan irraa kan adda isa taasisu, baakteeriyaan kun qaamota dhala namaa mara kan hubuudha.

➢ Dhukkuba tiibii akkamiin ofirraa ittifnaa kan jedhhuuf ammoo naanoo keenya qilleensi salphaatti akka waljijjiiru taasisuu (akka hinukkaamamne taasisuu). Dhukkubni kun namaa namatti kan daddarbu yeroo hedduu bakka namni walitti baay’atuufi bakka qilleensi seeraan galee hinbaane (ukkaamamaa) ta’etti.

5ffaa dhukkuba onnee (ischemic heart disease)

Dhukkubni onnee biyya keenyatti sadarkaa shanaffaa irratti haa argamu malee akka addunyaatti garuu sadarkaa tokkoffaa irra jira kun ammoo biyya keenyatti waan nama hedduu hinajjeefneef osoo hintaane, dhukkuboonni isa caalaa ajjeesan waan jiraniifi. Walumaagalatti dhukkuba onneerraa of eeguuf ammoo:

➢ Ulfaatina qaamaa madaala sirrii keessatti eeguu (garmalee furdachuun ykn BMI olka’aa qabaachuurraa hanga dandeenye of eeguudha.)

➢ Inni kan biraan haala nyaata keeny sirreessuudha. Nyaata coomaafi zayitni keessatti baay’atan soorachuurraa of qusachuudhaan nyaata akka muduraafi kuduraa jechuun raafuu, kaarota, hundee diimaa… nyaachuudha.

➢ Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba onnee namatti fiduudhaan lubbuu hedduu waan galaafatuuf dhiibbaa yoo kan qabnu ta’e sirrii irratti eeguun barbaachisaadha.

➢ Sochii qaamaa torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa dhibbaaf shantama ykn torbanitti guyyoota shaniif guyyatti daqiiqaa soddoma hojjechuun dhukkuboota onneefi dhiibbaa dhiigaa irraa nu eega.

6ffaa istirookii (stroke)

Dhukkubni kun dhiigni sammuu keessatti itituufi yeroo tokko tokko immoo dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu irraan kan dhufu yoo ta’u maqaa walii galaa istirookii jedhamuun beekama. dhukkuba istirookii kanarraa of eeguuf hoo ga’een keenya maali kan jedhuuf ammoo baay’een isaa kan dhukkuba onnee ofirraa ittisuuf taasisnu waliin kan walfakkaatuudha, isaanis:

➢ Dhiibbaa dhiigaa ofii ilaalamuufi yoo qabaatan yaalamuu,

➢ Tamboo aarsuu (xuuxuu) dhiisuufi namoota xuuxan irraa fagaachuu,

➢ Sochii qaamaa taasisuu (akkaatuma armaan olitti iibsametti)fi ulfaatinni qaamaa yoo olka’aa ta’e hir’isuu.

➢ Dhukkuba sukkaaraa yoo kan qabnu ta’e hordoffii osoo addaan hinkutiin seeraan taasisuun sukkaara san to’achuu.

➢ Alkoolii yoo danda’an dhiisuu, yoo kan dhugan ta’e ammoo xixiqqeessanii dhuguufikkf gochuudhaan dhukkuba istirookii ofirraa ittisuu dandeenya.

7ffaa dhukkuba HIV/AIDs

Dhukkubni HIV/AIDs ammoo tarii maalummaa isaa walitti himun hedduu barbaachisuu baatus (hunduu waan beekuuf) walyaadachiisuun garuu baay’ee barbaachisaa tat’ee jira. Kunsi namni akkuma HIV/AIDsn jiru iyyuu yeroo tokko tokko dagateera haala nama jechisiisu keessa waan jirruuf jechuudhaa.

Dhukkuba vaayirasii HIV kana ofirraa qolachuuf ammoo tarkaanfiin jalqabaa qoratamnee of beekuudha. Vaayiresiin kun qoratamnaan kan dhiiga namaa keessa hin jirre yoo ta’e, haala jiru irratti hundaa’ee qorannoo dhiigaa kana ji’a sadii booda irra deebi’uun dirqama.

Sababnisaas vaayiresiin kun erga qaama namaa seenee haga ji’a sadii mul’achuu dhiisuu waan maluuf jechuudha. Qorannoo kun erga godhamee booda vaayireesiin HIV kun dhiiga keessa kan hin jirre yoo ta’e, jireenya ofii vaayiresii kanarraa bilisatti eeguun waan gorsa barbaadu miti.

Walqunnaamntii saalaa gochuu dhiisuu (abstinence), jaalallee ofii waliin walii amanamuu, yoo kun dadhabme ammoo kondomii yeroo mara seeraan fayyadamuun vaayirasii kana irraa ofeeguun ni danda’ama. Meeshaalee qara qaban akka qortuu qeensaafi waraantuu (lilmoo) wajjiin fayyadamuu dhiisuunillee dirqama. Vaayirasii HIV jireenya guyya guyyaa keessatti dagachuu hinqabnu.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You