Dhimma xiyyeeffannaa mootummaa jabduu fedhu

Qabeenya gaarii horachuun jireenya fooyya’aa gaggeessuun amala dhala namaatiin walqabata. Amala qofaas miti. Fedhiidhas. Gaaffii guddaan akkamiin qabeenyi sun horatama kan jedhuudha. Kuun dafqee qabeenyatti dhufa. Gariin saameetu badhaadha. Inni jalqabaa gochaa sirriifi deeggaramuu qabuudha. Inni lammaffaa gochaa fokkataadha; malaammaltummaadha.

Dhaabbati ‘Transparency International’ jedhamu kan dhimma iftoominaa irratti hojjatu akka ibsutti malaamaltummaa jechuun “the abuse of entrusted power for private gain.” jedha. Yoo Afaan Oromootti hiikamu; aangoo namatti kenname dhuunfaadhaan faayida ittiin argachuuf itti fayyadamuudha.

Akka dhaabbati kun jedhutti, malaammaltummaan wal amantaa dhabsiisa. Sirna dimokiraasii dadhabsiisa. Guddina dinagdee qucursa. Hiyyummaa babal’isa; walqixxummaa dhabamsiisa; hawaasa jidduutti garee uuma.

Gochaan maalaammaltummaa biyyoota addunyaa tanarra jiran hundaa keessattuu ni mul’ata. Garuu sadarkaansaanii walcaala. Biyyoota sirna dimokiraasii tolchataniifi dinagdeedhaan guddatan keessatti sadarkaansaa xiqqaadha. Biyyoota gulantaa dinagdeetiin gadaanan keessattimoo bal’inaan mul’ata.

Haa ta’u malee, malaamaltummaan halluu ykn sanyii namatiin gargar hin bahu. Gurraachis adiinis gocha hawaasa miidhu kan ni raawwata. Malaamaltummaan amantii hinqabu. Namni amantii akkasii hordofu maalaammaltummaarraa bilisa; kan biroommoo malaammaltummaan kan dhoqqaa’e jechuun hindanda’amu. Malaammaltummaan saala ykn koorniyaa hinqabu. Dhiirris dhalaanis keessatti hirmaatu.

Fakkeenya tokkoon yaadakoo kana haa deeggaru. Jidduu kana gama Gamtaa Awurooppaatii oduun tokko dhagahameera. Miseensoti paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa malaammaltummaan shakkamaniiru. Miseensoti paarlaamaa kunniin qorannoo jala jiru. Biyya Qataar, kan ammaantana waancaa kubbaa miilaa addunyaa qopheessaa jirturraa, faayidaa hinmalleef argatan jedhamanii himatamaniiru. Miseensonni paarlaamaa kunniin biyyota dinagdeedhaanis yaadaanis fooyya’oo ta’an keessa jiraatu. Bifaan adiidha. Saalaan dhirris dhalaanis keessa jiru. Kun malaamaltummaan biyyoota guddatan keessallee akka jiru ragaa baha.

Wanti biyyoota adda taasisu seera gochaa malaammaltummaa xiqqeessuu ykn dhabamsiisu cimaa qabaachuu qofa osoo hinta’in hojii farra malaammaltummaarratti ejjannoo cimaa qabaachudha. Gamtaan Awurooppaa miseensotasaa kanneenirratti tarkaanfii fudhachuuf hinbubbulle. Wal dhoksuun, walsukkuumuun hinturre. Dafanii ragaa walitti qabatanii gara tarkaanfitti galan.

Dhaabbati ‘Transparency International’ jedhamu dhaabbata malaammaltummaa xiqqeessurratti hojjetuudha. Kan hundeeffame A.L.A bara 1993tti. Kan hundeesse nama hojjetaa Baankii Addunyaa ture jedhama. Dhaabbati biyya Jarmanitti waajjira muummee qabu kun waggaa waggaadhaan malaammaltummaa biyyootaa sadarkeessa; seektara mootummaarratti xiyyeeffachuudhaan.

Malaammaltummaan seektara mootummaa keessa jiru hanna, matta’aa fudhachuu, karaa seeraan alaa duroomuu, dhiibbaa namarratti taasisuun faayidaa argachuu, firaafi beekamtiidhaan hojjechuufi bu’aa argachuu dabalata. Kanarratti hundaa’udhaani kan sadarkaan biyyootaa bahu.

Haaluma kanaan A.L.A bara 2021 sadarkaa biyyoota 180 baaseera. Dhaabbatichi ragaalee maddoota walaba jedhee amanu 13 irraa walitti qabuudhaan sadarkaa kana kan baase. Sadarkaan kun iskeelii 0-100tti kan qabu yoo ta’u zeeroo jechuun biyya malaammaltummaadhaan garmalee xuroofte jechuudhaan. Iskeelii 100 tokko jechuunimmoo biyya malaammaltummaarraa guutummaatti qulqulloofte jechuudha.

Madaallii bara 2021 kanaan iskeelii zeeron hinjiru. Akkasumas, iskeelii 100 hinturre. Dhibbaa dhibbatti qulqullummaan waan hin yaadamneef. Biyyooti akka Deenmaarki, Fiinlandiifi Newzlaandi iskeelii 88 qabaachuun biyyoota fooyya’oo akka ta’an ragaan kun ni ibsa. Biyyi malaammaltummaan garmalee bukoofte Sudaan Kibbaati. Qabxiinshii iskeelii 11. Siiriyaa, Somaaliyaa, Veenzuwelaafi Yeman riikkardii iskeelii 13-16 keessatti argamu. Gocha malaammaltummaa suukaneessaatu keessaa jira jechuudha.

Dhaabbati kun biyya keenya Itoophiyaas sadarkeesseera. Akkaata sadarkaa dhaabbata kanaatiin biyyi keenya iskeelii 39 kan qabdu yoo ta’u, kunis kan mul’isu malaammaltummaan seektara mootummaa keessa jiru kanneen biyyota hedduu waliin yoo ilaalamu gara jiddugalaatti kan dhiyaatuudha. Ta’ullee garuu kan xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.

Akkuma beekamu gochaa fokkataan kun irra caala kan babal’atee jiru biyyoota dinagdeen guddachaa jiran keessatti. Ragaan jirus kanuma mul’isa. Gochaan malaammaltummaa guddaan caasaa mootummaa keessa jira. Isaan xixiqqaa qofa osoo hintaane aanga’ooti guguddaan gochaa kanaan beekamu. Dirreen siyaasaa biyyoota hedduu tooftaa jijjiiramaa qabeenyaa itti horataniidha. Tooftaa hiyyummaa keessaa itti bahaniidha. Daandii qabeenya guddaa itti horataniidha. Kun ragaadhaan kan deeggerameedha. Gabaasni Traanspaaransii Intarnaashinaal akka mul’isutti Pirezidaantiin Indoneeziyaa Mohammad Shuhartoo jedhamu Bara aangoosaa (1967-1998) maallaqa biyyattii hanga doolaar biliyoona 35 akka saame ibsa. Pirezidaantiin Fiilippiinsi Fardinaandi Maarkoos (1972-1986) doolaara hanga biliyoona 10 akka malaammale hima. Pirezidaantiin Zaayeer Mubuutuu Seseekkoo (1965-1997) maallaqa doolaara biliyoona shan ta’u seeraan ala fudhateera. Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Saanii Abachaa qabeenyisaa hanga doolaara biliyoona shaniitti lakka’ama. Pirezidaantoonni kunniin biyyoota hiyyeeyyii hoogganaa turan. Ummata agabuu bulchaa of sooromsaa turan.

Gara biyya keenyattis yoo deebine rakkoon malaammaltummaa guddaa akka ture beekamaadha. Baroota darban qabeenyi ummataa garmalee malaammaltootaan samamuu himama. Ammas malaammaltummaan caasaa mootummaa keessa jiru sodaachisaadha. Malaammaltootillee humna guddaa qabu. Caasaa mootummaallee raasaa jiru. Dhaabbilee amantii keessa kan jirumoo sirumaa kan itti hinbu’amne; kan neetworkiinsaa bakki hinbeekamne akka ta’e dubbatama. Dhaabbilee miti mootummaa keessatti gochaan kun daangaa akka hinqabne dubbatama. Jaarmiyaaleen siyaasaa malaammaltummaan buqaa’anii akka jiran isaanuu walsaaxilaa jiru. Gochaan kun dhaabbata xiqqaa irraa eegalee hanga isa guddaatti diriiree akka jiru ifaan ifatti haasawama.

Naamuusti gaarii kan jedhamu dhabamaa jira. Caasaan farra malaammaltummaa akka mootummaatti jiraatus malaammaltummaan hinxiqqaanne. Sirumaa garmalee waan babal’ataa jiru fakkaata. Mootummaanis dhimma kana sirriitti hubachaa jira. Gara inni itti deemullee ilaalaa jira. Kanaaf akkuma biyyaatti tarkaanfii fudhachuu jalqabeera.

Yeroo dhihoo as koree farra malaammaltummaa sadarkaa biyyaalessaatti hundeeseera. Koreen kun dabalata komishiinii farra malaammaltummaa sadarkaa federaalaatti hojii keessa jiruudha. Aangoofi ittigaafatamni guddaan itti kennamee hojii keessa galeera. Tarkaanfii tokko tokkollee fudhachuu eegaleera. Kunis ummataaf ifa ta’aa jira.

Tarkaanfiin gama mootummaatiin jalqabame kun gochaa malaammaltummaa seektara mootummaa keessatti daraaree jiru hanga tokko naasisuuf ni gargaara. Garuu dhimmi kun dhimma koree yerootiin to’atamu hinfakkaatu. Akkuma biyyaatti sirni farra maalaammaltummaa cimaafi kan gochaa hammaataa kana dhaabuu danda’u ijaaramuu qaba. Komishiiniin Farra Malaammaltummaa ilkaan hinqabne kun ilkaan godhachuu qaba. Komishiinichi dhiibbaa kamiraayyuu walaba ta’ee socho’uu qaba. Maqaaf qofa jiraachuu hinqabu. Hojiif jiraachuu qaba. Kanaaf komishiinii bariin dilallaa’aa, yoo mootummaan waa jedhe kan hoo’u ta’uu hinqabau. Yoo dhaabbati kun cime, malaammaltummaan xiqqaata kan deemu.

Mootummaan gochaa malaammaltummaa dhaabbilee caasaa mootummaa keessatti hin haammatamne kanneen akka dhaabbilee amantii, dhaabbilee siiviikii, dhaabilee miti-mootummaa keessa jiraniillee callisee ilaaluu hinqabu. Dhaabbileen kunniin hedduunsaanii kanneen eeyyama mootummaatiin socho’an waan ta’eef maallaqa ummatarraa guuran ykn maqaa ummataatiin kadhatanii argatan faayidaa ummataaf oolchuusaanii karaa adda addaatiin mirkaneeffachuu qaba. Yoo ta’uu baate eeyyama kenneef irraa fudhachuu qaba. Gochaa seeraan alaa maqaa ummataatiin adeemsisamu dhorkuudhaaf ittigaafatama waan qabuuf cimsee irratti hojjechuu qaba.

Keessattuu, malaammaltummaan dhaabbilee amantii keessa jiru callifamee waan ilaalamuu qabuu miti. Dhaabbileen kunniin hojii amantii bira taranii biizinasii guguddaa gaggeessaa jiru. Maallaqinni ummatarraa walitti qaban hedduudha. Maqaa bilisummaa amantiitiin hoggantooti amantii xiqqaa hinjedhamne saamicha keessa jiru. Qabeenya seeraan alaa horachaa jiru. Namuusti fokkataan dhaabbilee amantii keessatti mul’achaa jiru kun, ummataaf fakkeenya gaarii hinta’u. Kanaaf karaa kamiinuu falli itti barbaadamu qaba.

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You