Ummati siviilii eegumsa gahaa argachuu qaba

Ajandaan biyya kanaa hindhumu. Tokko yoo cufan kan biraatu banama. Nageenyi karaa kaabaatiin boora’ee ture xiqqoo fooyya’eera. Dhiigni namaa garmalee dhangala’aa ture sun dhaabateera. Namni manaa buqqa’uun hafee gara qe’eesaatti deebi’uu jalqabeera.

Qabeenya barbadeessuun sun amma hinjiru. Sirumaayyuu isa bade ykn barbadaa’e suphanii hojiitti deebisuuf tattaaffiin godhamaa jira. Haala waggoota lamaan taran waliin walbiratti qabamee yoo ilaalamu nageenyi karaa kaabaatiin jiru fooyya’iinsa guddaa agarsiiseera. Kana caala wanti nama gammachiisu hinjiru. Rabbi haaluma kanaan itti haa fufsiisu.

Amma dhimmi nageenyaa, ajandaan tasgabii dhabuu gara Oromiyaatti waan naanna’aa jiru fakkaata. Waan gurraaf namatti hintolle dhaga’aa jirra. Akka miidiyaaleen gara garaa ibsanitti haalli godinaalee tokko tokko keessa jiru suukanneessaadha. Keessattuu Wallagga Bahaafi Horroo Guduruutti. Godinaalee biroo keessattis mallattoo babal’achuutu mul’ata.

Qamoleen hidhatanii socho’an godinaalee kanneen keessa jiru. Sababa kanaan ummati siviilii rakkoo hamaa keessa galeera. Kan qaamni hedduun lallabuuf rakkoo saba tokkooti. Ummati sagalee hinqabnemmoo ni jira. Innis ummata Oromooti. Akka ijjannooti kan qabamuu qabu ummati siviilii kamuu miidhamuu hinqabu kan jedhu ta’uu qaba. Anis kanin deeggaru kanuma. Garuu rakkoo saba tokkoo qofa baasanii garmalee dhaadhessuun ummata biraarratti ajjeechaafi badii labsuudha.

Kanaaf yeroo akkanatti saba tokkorratti duulli adeemsisamu mootummaan saba kanaaf eegumsa gochuu qaba. Kanaaf, akkuma saba biraa yeroo kana saba Oromoo finxaaleyyiin itti duulaa jiruuf eegumsi mootummaa barbaachisaadha.

Haala amma jiruun Oromiyaan rakkoo nagaa keessa galaa akka jirtu wantooti mul’isan hedduudha. Duulli karaawwan adda addaa haala qindaa’een deemsisamaa tureefi jiru naannoo kana dirree jeequmsaa gochuuf kan kaayyeffateedha. Ummata Oromoo kan sabaafi sablammoota biyya kanaa hedduu hammatee jiru kana nagaa dhabsiisuudha.

Duulawwan saba Oromoorratti banaman keessaa tokko tokko haa kaasu. ‘Taranyaa’ jedhanii maqaa hintaaneefi isa hingitne ittimoggaasuuf ummata kana xiinsamuusaa cabsuuf wanti irratti hindalagamne hinjiru. Miidiyaaleen idileefi hawaasaa maqaawwan adda addaatiin socho’an jecha kana gabaatti baasanii garmalee afarsaa turan.

Jibba hagana hinjedhamne irratti hoofaa turaniiru. Ammas hoofaa jiru. Dhugaan jiru faallaa kanaati. Oromoon waan addaa waan argate hinqabu. Akkuma sabootaafi sablammiilee biyya kanaa kamuu ummata jireenya hiyyummaa gaggeessuudha.

Garuu akka waan addaa argateetti balballoomsuudhaan sabootaafi sablammooti biroo ummata kana ija shakkiitiin akka ilaalan gochuuf yaalin hintaasisamne hinjiru. Akka itti duulanii nagaa isa dhabsiisan olola hagana hinjedhamne gaggeessaniiru. Rakkoon jidduu kana godinaalee tokko tokko keessatti uumamaa jiruuf maddisaa tokko isa kana.

Jechi “keenya” jedhu kophaatti baasanii ummata kanatti maxxansuuf yaaliin taasisamaa tures siyaasa jibbaa adeemsisuu keessaa isa tokko. Oromoon waanuma hunda ‘keenya’ jedhee fudhachaa akka jiruufi sabootaafi sablammoota biroo akka saamaa jirutti dharaan ummata kana maqaa balleessaa jiru. Kunis duulawwan ololaa ummata kanarratti gaggeeffamaa jiran keessaa isa tokko.

Odeeffannoofi haasaan jibbaa biyya kanatti seeraan dhorgamullee ummati kun akka ummataatti, hoggantooti saba kanaa akka jaarmiyaatti, beektoti akka nama dhuunfaatti haala fokkisaa ta’een farrajamaa jiru. Akkuma waliigalaattuu ummata kanarratti duula maqaa xureessuu bal’aatu gaggeeffama.

Wanti ololaan deemamaa ture sun amma bifa jijjiirrachaa jira. Gara hidhannootti ce’uuf waan deemaa jiru fakkaata. Kanaaf ammoo mallattoowwan ni jiru. Qaamoleen finxaaleyyii Oromiyaa keessatti jeequmsa kaasuuf tattaaffii guddaa keessa galaniiru. Duulli kun biyya keessatti magaalaafi baadiyyaatti qindaa’ee adeemsisamaa akka jiru miidiyaaleen finxaaleyyii ifatti dubbachaa jiru.

Hawaasti finxaaleyyii kanneen deeggaran biyya keessaafi alaa akka jiran himama. Kana mootummaan callisee ilaaluu hinqabu. Qamolee karaawwan adda addaatiin ummata nagayaa jeeqaa jiran kanneen sararatti galchuu qaba.

Oromiyaa keessatti finxaaleyyiin jeequmsa uumuuf socho’an kunniin warra ‘seenaa abbootii keenya ni deebisna jedhaniidha”. Oftuultoti kunniin walqixxumaa sabootaafi sablammiitti hinamanan. Ammallee olaantummaa saba tokkoo kan isa barri irra tare qabatanii dhaadatu. Seenaafi afaan tokko, inniyyuu kansaanii qofa akka ta’u fedhu. Biyyattiin biyya sabaafi sablammii osoo hintaane kan saba tokkoo qofa akka ta’etti yaadu.

Murni haala kanaan yaadaa jiru kun yeroo gara yerootti baay’inaan, meeshaadhaan, maallaqaan, caasaadhaan jabaataa waan jiru fakkaata. Haa ta’u malee murni kun haaluma kamiinuu olaantummaa ni argata jedhamee hin yaadamu. Garuu jeequmsa uumuun, ummata nagaa dhabsiisuun, mootummaan akka hojii misoomaarratti hinxiyyeeffanne taasisuudhan biyyattii dadhabsiisuu ni mala.

Kanaaf akkuma Oromoon gogaa jiidhaa maru jedhu sana yeroon yoo itti yaadame wayya. Murni kun mootummaafis kan toluu miti. Murna kana waliin mari’atanii gara tokkottillee dhufuun waan danda’amu hinfakkaatu. Yaada tortoraafi bututaa barri irra tare qabatee waan deemaa jiruuf.

Gama biraatiin haaluma kamiinuu qaamoleen akka ummati Oromoo nagayaan jiraatu hinfeene akka jiran hubatamuu qaba. Sirna jijiirama kana dura ture kan dhabamsiise qeerroofi qarree Oromiyaati. Ijaarama Oromiyaa keessa ture kan miidhaan itti hammaate, kan cunqursaan gateettii cabse, kan tuffiin gadi isa buuseedha.

Kunniin hunduu ummata Oromoo keessaa bahe. Kanaaf yoomiyyuu taanaan harcaatonni sirna darbe sanaa akka Oromoon nagaa argatu ni yaaddi jedhanii waan hintaane keessa galuun wallaalummaa ykn waan hintaaneen mookfamuu natti fakkaata. Gama kanaan beektoti, siyaasessitooti Oromoollee of-eeggannoo gochuu qabu. Adurreen adurruma jette hantuuti jedhuu mitii?

Biyyooti ollaa dhihoofi fagoollee dhimma kana keessaa harka hinqaban jedhamee hin yaadamu. Qabeenyi Oromoo kun akkuma finxaaleyyii biyya keessaa hawwatu, isaanis ija itti babaasaa jiru.

Yoo biyyattiin jeeqamte karaawwan adda addaatiin saamicha gaggeessuuf ni gargaara. Biyyattiin guddattee akka of hindandeenye, qabeenyashiitti akka hinfayyadamne taasisuudhaan yeroo hunda akka deeggarsasaanii jala jiraattu warri barbaadan ni jiru. Kaayyoo jarreen kanneenis maseensuunis barbaachisaadha.

Akka ilaalcha kootti, Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuuf yaaluun biyya kana diiguudha. Kanaaf ragaadhaan haa mirkaneeffadhu.

Tokkeessoo. Ummati Oromoo baay’ina ummata biyya kanaa keessaa toora dhibbantaa 40 hanga 50 ni qooddata jedhamee tilmaamama. Qabeenya qaba. Bal’inni lafasaa guddaadha. ‘Biyya biyya keessa jiruudha’ jedhu beektoti tokko tokko. Ummata kana haala salphaa ta’een diiguun akka dur sana hin yaadamu. Yoo waliin jireenyi rakkoo ta’e, ummata mirga ofiin of bulchuu Heeraan tumame karaa kamiinuu hojiirra oolfachuu danda’uudha.

Kana jechuun hiiknisaa bal’aadha. Naannoon kun handhuura biyya kanaati. Naannoo naannolee hunda walitti qabsiiseedha. Naannoo Tigraayiin ala naannoleen Oromiyaan hindaangofne hinjiru. Osoo Oromiyaan kophaatti keessaa bahee waan dhufu tilmaamuun nama hindhibu.

Lammeessoo: Oromiyaan Naannoo saboonniifi sablammooti biyya kanaa nagaafi waljaalalaan bara dheeraaf keessa waliin jiraataniidha. Maqaa saba tokkootiin ijaaramanii naannoo kana keessa galanii jeequmsa uumuun akkasumas ummata Oromoorratti xiyyeeffatanii jibba oofuun balaa biraa qaba. Sabaafi sablammoota bara dheeraaf jaalalaafi nagaan waliin jiraatan kanneen jaalalasaanii booressuudha. Nagaa isaan dhabsiisuudha.

Sadeessoo: Qabeenyi biyya kanaa heddumminaan naannoo kana keessatti argama. Dinagdee biyya kanaa utubee kan jiru qabeenya naannoo kanarraa argamuudha. Kunimmoo dhugaadha. Kanaaf, naannoo kana dirree jeequmsaa taasisuun dinagdee biyya kanaa laamshessuu akka ta’e hubatamuu qaba. Maddi galii dinagdee biyya kanaa laamsha’uun kan miidhu ummata Oromoo qofa miti. Isa kaabaafi kibbaa akkasumas bahaafi lixaa jiru hunda laamshessa.

Kanaaf, finxaaleyyiin naannoo kana dirree jeequmsaa gochuuf walgorsanii, gurmaa’anii hidhatanii gara naannoo kanaa galaa jiran mo’anii aangoo qabachuuf osoo hintaane biyya kana diiguuf akka ta’e hubatamuu qaba.

Qamolee Finfinneefi magaalaa guguddoo biroo keessa taa’anii gama kamiinuu finxaaleyyiif deeggarsa faayinaansii, hidhannoofi gorsaa gochaa jiran adda baasuun tarkaanfiin seeraa irratti fudhatamuu qaba. Ummata siviilii kamiifuu eegumsi taasisamuu qaba. Ummati Oromoo jibbi hadhaawaan irratti deemsisamu ammoo eegumsa addaa barabaada. Kana mootummaan itti yaaduu qaba. Oromiyaan yoo nagaa taateedha Xoobbiyaan kan nagaa argattu.

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015

Recommended For You