Godinni Addaa Oromiyaa Naannawa Magaalaa Finfinnee bara 2000 hundeeffamte. Waggaa 15 guutte jechuudha. Godinni kuniifi bulchiistoti magaalaa Oromiyaa naannawa kan jiran yeroo ammaa magaalaa Shaggariin bakka bu’aa jiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa hundeeffama magaalaa kana danbiidhaan ifa taasiseera. Kantiibaa haarawaas akka muudeef himama. Dhimmi kun qaamota gara garaa biratti karaalee adda addaatiin ilaalamaa jira. Hiikti adda addaas kennamaafii jira. Xiyyeeffannaan barreeffama kanaas dhimmuma Shaggar ta’a.
Bara bulchiinsi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee hundeeffamu sanas waca akka ammaa kanatu ture. Maaliif barbaachise kan jedhu? Akka nama dhuunfaatti namoota yaada sana deeggaran keessaa ani tokko. Sababa mataa koon qaba. Osoo tarkaanfiin kun fudhatamuu baatee silaa magaaloti kunniin qaata Finfinnee ta’anii afaan, aadaafi seenaansaanii Oromummaa badee ture.
Caasaan sun yoo xiqqaate hanga tokko Finfinneetti dallaa ijaaruuf gargaareera. Mormii maastar plaanii mootummaa yeroo sanaa jigseefillee sababa ta’eera. Afaan Oromoo miidhamullee, yoo xiqqaate afaan hojii ta’ee akka turuuf gahee taphataniiru. Osoo yeroo sana itti yaadamee caasaan kun ijaaramuu baatee tarii yoona daangaan Finfinnee eessa akka jiru tilmaamaa. Murtii tokko tokko kallattiilee adda addaatiin ilaaluun gaariidhuma jechuu barbaadeeni.
Yeroo hunda wanti na gaabbisiisu tokko ni jira. Bara sirna ABUT kufuuf qarqararra jirtu sana Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka ta’u murteessuuf Paarlaamaan walgahiif waamamuusaa nan yaadadha. Kan walgahii sana adda durummaadhaan morme Oromoota.
Qabsoo keenya ittiin nu jalaa laaffisuuf ykn kuffisuuf jedhamee. Hundi keenya itti duulle. Ajandichis achumaan hafe. Osoo gaafa sana deeggarree murtiin sun darbee gaaffii Oromoo bara dheeraa deebii argata ture. Altokko tokko carraa ittifayyadamuun barbaachisaadha jechuufani.
Ammas wanti haarofti dhufee, magaalaan Shaggar jedhamtu hundaa’aa jirti. Waa lama qabattee dhufti; carraafi sodaa. Kan itti yaadamuu qabu akkamiin sodaa balleessaa carraa uumametti fayyadamna kan jedhu ta’uu qaba malee waan dhumerratti yeroofi qabeenya balleessuun barbaachisaadha jedhee hin yaadu. Garuu haala uumame kana yoo Oromoon waldhageeffataa qindaa’ee irratti hojjate carraa guddaatti jijjiiruun ni danda’ama. Gaaffiileen kaanis deebii itti argatu jedheen yaada. Kanaaf, bal’ina magaalaa kanaa, haala itti gurmoofte ilaaluun gaariidha.
Bulchiisti magaalaa kun hundaa’uun akka bulchiinsaatti faayidaalee hedduu qaba. Caasaalee xixiqqaa hojmaataafi tajaajilaaf hinmijoofne bakka tokkotti walitti fiduudhaan bulchiinsa gaarii ijaaruuf ni gargaara. ‘Nugusoota’ hedduu karaarraa maqsee “nugusa-nugusootaa’ tokkoon akka bultu taasisa. Tarii gaaffiin bulchiinsa gaariifi hojmaati walxaxaan neetwoorkiin walitti hidhame hanga tokko ni fooyya’a.
Carraan inni biraa magaalaa Oromoo foolii Oromoo qabdu ijaaruudha. Maal jechuudha? Magaalaa qubannaan tarsiimoofi seeraan deeggarame keessatti adeemsisamu. Magaalaa Afaan Oromoo dhuguma afaan hojii keessatti ta’u. Kan aadaan Oromoo keessatti babal’atu, kan seenaan Oromoo keessatti dagaagu.
Kan dhiibbaa aadaa biraa ofirraa dhiibu. Kan dhiibbaa magaalaa Finfinnee Oromorraa dhaabuufi Finfinneeyyuu kan Oromoo taasisu. Kan sabaafi sablammooti mirgoota ummata Oromoo kabajanii keessa nagayaan waliin jiraatan. Akkuma naannoleen biraa magaalota ofiisaanii haala fedhanii ummataatiin hundeeffatan sana Oromoonis gochuu wanti dhorgu hinjiru jedheen yaada.
Gaaffiiwwan Oromoon Magaalaa Finfinneerratti qabnu ijaarsa magaalaa haaraa kanaan deebii argachuuf ni mala. Wanti barbaachisu magaalaa kan seera ittiin bultu sirriitti itti tolchuu, maastarpilaanii miidhagaa qopheessuufi ijaarsa seeraan alaa gara seeraatti deebisuu, safaraa irraa diiguu, haala magaalattiin foolii Oromoo qabaattu itti uumuun barbaachisaadha.
Yaadamni kun fedhii Oromoo jiddu gala godhatee kan raawwatamu yoo ta’e hammeenyisaa natti hinmul’atu. Caalaatti akkamitti magaalaan tun aadaa, seenaa, fooliifi bifa Oromoo qabaatti kan jedhutu yaada marii ta’uu qaba.
Shaggar maqaa magaalaa ‘Addis Ababaati” Yaadannoof duubatti isin haa deebisu. Magaalaa ‘Addis Ababaa’ jedhamtu tana ani Shagariinan beeka. Abbaan koo hanga har’aatti Shaggar jedhee waama. Warri kuun ‘Addis Ababaa’ yoo jedhaniin warri keenya ‘Shaggar” jedhuun. Dhalooti duraanii ‘Shaggar baana’ jedhu malee Finfinnee baana yoo jedhan dhagahee hinbeeku. Sirbooti ummataa kanneen Shaggar waliin walqabatanillee baay’etu jiru. “Shaggar baanaa Shaggar baana…’ kan abbaan masiinqoo Laggasaa Abdii taphatu ni jira. Sirbi ummataa hiikoo guddaafi seenaqabeessi ani beeku isa kana.
‘Bardaafii Shaggar qarree
Yaa tarree tarree wal hindabarree
Shiboo nutti ijaaranii
Akka deebinee wal hin agarree’ kan jedhu.
Bara Oromoon lafasaarraa hari’atamee qabeenyasaa Finfinneetti dhiisee dirqiidhaan akka bahu taasisame kan sirbameedha jedheen yaada. Gaafa daangaan itti ijaarame; bara Shaggar Afaan biraa dirqamaan fudhate, bara Shaggar aadaafi seenaan Oromoo irraa mulqame sana, bara Oromoon adda bahe sana gaddasaa ittiin ibsate; Oromoon. Ummati naannawa Shaggar jiru kun miidhaafi hammeenya irra gahe sirbaan seenaa galmeessee bira taruun ni beekama.
Wantin jechuu barbaade ifaadha. Shaggar durii kaasee maqaa Finfinneeti. Finfinneen caalaatti dhaloota qubeetiin beekamti. Anaaf, Finfinneenis Shaggari. Shaggaris Finfinneedha. Magaalaan Finfinnee Handhuura Oromooti. Abbummaanis kan Oromooti. Oromummaan kun maqaa qofaan osoo hintaane gochaan mirkanaa’uu qaba. Shaggar ammaa Shaggar dur ni hammatti.
Hundeeffama magaalaa Haaraa kanaan walqabsiisee wantooti ijoo ta’an ni jiru. Inni jalqabaa Magaalaan guddaa jedhamee yaadamu kun akkamitti magaalaa Oromoo ta’ee ijaarama kan jedhuudha. Bulchiistoti magaalota Naannawa Finfinneetti caaseffamanii hojii keessa turan maqaadhaan naannawa bulchiinsa mootummaa Oromiyaa keessa jiraatanillee hanga barbaadameen Oromoo hinfakkaatan turan.
Aadaaniifi Seenaan Oromoota naannawa sanaa akkuma seenaafi aadaa Oromootaa Finfinneen balleessitee gara baduutti deemaara. Afaan Oromoo akka Heera naannichaatti kabaja hinarganne. Seenaanis akkasuma. Anaaf Oromummaan kan natti dhagahamu tarii yoon Buraayyuu deemeedha.
Lagaxaafoo, Laga Daadhii, Galaan, Sabataan Sulultaan weerarama guddaa keessa jiru. Weerarama karoora guddaadhaan deeggaramu, tarsiimoofi galma cimaa qabu, kan hojiin keessaafi alaan irratti qindaa’amee hojjatamu fakkaata.
Bulchiisti magaalaa Shaggar kana hubatee irratti hojjechuun heera naannichaa kabachiisuun irraa eegama. Mirgooti Oromoo akka hinmulqamne kabachiisuun dirqamasaa ta’a. Yoo kana ta’uu baate ittigaafatamatu dhufa. Seeraanis seenaadhaanis.
Kanaaf, akka ilaalcha kootti, Maagaalaan maaliif hundeeffame jedhanii mormuurraa magaalaan hundaa’e kun magaalaa Oromoo akka ta’u irratti hojjechuu, mootummaanis Heera naannichaa akka kabachiisu dhiibbaa irratti taasisuu, gahee nu ilaallatu bahuutu gaariidha. Kanaan ala waan murtaa’erratti mormuun jijjiirama hagas jedhamu waan fidu natti hinfakkaatu. Dubbiin maastarpilaanii ABUTn walhinfakkaatu. Tooftaanis kaayyoodhaanis.
Gama biraatiin wanti xiyyeeffannaa barbaadu carraa qotatee bulaa magaalaa kana keessatti daangeeffameedha. Finfinneen gosoota Oromoo Galaan, Gullallee, Abbichuu…. balleessite. Aadaafi seenaa Oromoo kan biraatiin bakka buuste. Magaalaan Shaggar kana akka hinraawwanne ofiifis ummata Oromootiifis waadaa galuu qabdi.
Qonnaan bulaan irra qubate maatiisaa waliin akka lafa gahaa argatee irra jiraatu, aadaafi seenaan akkasumas afaansaa akka kabajamuuf gama seeratiin eegamsi (protection) gochuufiin barbaachisaadha. Lafa isaas dallaaladhaafi aanga’ootaan akka hin saamamne eegumsi seeraa ni barbaachisa. Maallaqa xiqqaan qabeenya umuriisaa saamanii akka hiyyummaatti hingalchine deeggarsi mootummaa barbaachisaadha.
Qonnaan bultoota kana walitti ijaaranii gara abbaa qabeenyaatti jijjiiruun ni danda’ama. Kun hojii kantiibaafi caasaa haarawaati. Qormaata naannawa kana jiru hiikuuf cimina kantiibaa haarawaa barbaada. Qajeelfama mootummaa gaafta.
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015