Barrisaa bubbuleera. Dabballee tokkotu leenjii gale; hogganaa (leader) ta’e. Leenjiin booda galee akka hordoftoota (followers) hedduu paartiisaa deeggaran horatu itti himame. Innis hojii manaa itti kenname fudhatee gara biyyaatti deebi’e.
Bara sana waan namatti kenname oolchanii bulchuun ‘rakkoo ilaalchaa’ qaba. Ceephoof nama saaxila. Kanaaf dabbalichi haala itti himameefi kallattii itti kennammeen hordoftootasaa horachuuf hojii jalqabe. Namoota akka isaa ta’an walitti qabee leenjii isaaf kenname sana kennuuf qophaa’e. Dhimma dimokraasii warraaqsaa (Revolutionary Democracy) irra deddeebi’e qayyabate. Kan garaa garaatti qabatee leenjii yaame. ‘jaallewwansaa’ leenjisuuf.
Haaluma kanaan bajanni guddaan qabame. Iddoon leenjii miidhagaan filatamee qophaa’ee, alaabaan fannifamee, baanaariin hojjatamee, wanti barbaachisus kan hinbarbaachisnes maxxanfaman.
Deeggartooti leenjisaas hiriira galanii saganticha ‘miidhaqsan’.
Galmi guuteera. Hogganaan leenjii kennuuf; hogganamtoonni leenjii fudhachuuf qophiidha. Hogganaan kootii baafatee, shamishii harka dachaafatee leenjii ittifufe. Hordoftooti (leenjifamtooti) dhaggeeffatan kuun waan inni jedhu hunda barreessuuf qalamni peennaa keessaa hanga xuruuramutti barreessuuf yaalan. Kuun yoo inni dubbatu mataa urgufanii barbaachisummaa leenjichaa mirkaneessan. Kuun waan jedhanis; waan barreessanis dhabanii asii achi ija keessa wal ilaalu.
Kanuma keessa hogganaan tokkotti garagalee “ati yaadannoo hinqabattuu?” jecha dallansuutiin gaafate. Dabballichi akka na’uu ta’ee callisee peennaa waraqatatti riguu jalqabe. Tokkotti garagalee “ati hoo?” yoo jedhuun “ wanti ati jettu naaf hingalle” jedhee deebiseef. Inni tokko gama biraatii harka baasee “ inni rakkoo ilaalchaa qaba. Wanti ati barsiisaa jirtu ifaadha” jedhaan.
Leenjitooti hedduun ofirra garagaranii nama kana ilaalan. Inni ‘naaf hin galle jedhe sun’ dallansuudhaan “eessatti na beektaa na farrajda?” yoo jedhuun hogganaan jidduu galee dhaabsisa. “Amaluma barumsasaatu akkana; kaaniif ni gala, kaaniif ni ulfaata” jedhee doomsuuf yoo yaalu tokko jidduu gale. “Anaafis naaf hingalle; boru galee nama biraa qabsiisuun na dhiba” jedhee yaada kaase. Leenjisaan mee warri isiniif gale ‘harka baasaa’ jedhee yoo gaafatu leenjitooti hedduun hanga baaxii manaa dhaqqabutti harka baasan. ‘Mee warri isiniif hin galle’ jedhee yoo gaafatu namooti muraasti harka kaasan. “Leenji’aan yaada hinqabne jiraa?”. Sodaachaa gamaa gamas wal ilaalaa namooti muraasti jidduutti hafan.
Leenjitooti nuuf gale jedhan sunniin akka warra hingaliniitiif ibsan leenjisaan carraa laateef. Dubbiin afaan warra Baabiloon taate. Namooti carraa argatan kan dubbatan gamaafi gamana ta’e. Dubbiin waldhahe. Kuun waan jedhanuu wallaalan. Leenjisaan taajjabee “anaafu hingallee isiniif gala” jedheen jedhama.
Fakkeenya amaloota hordoftootaa hanga tokko mul’isu jedheen yaada. Amma bara kana hogganaan hedduudha. Kan galeefi hogganuufi kan osoo hingaliniif hogganus lakkoofsa hinqabu. Hordoftootis hanguma kana. Amaloota hedduu qabu. Kanarratti beekaan ‘Robert Kelly’ jedhamu tokko amaloota hordoftootarratti qo’annaa tokko bara 1988 ALG gaggeessee ture. Amaloota hordoftootaas bakka shanitti qoodee balballoomse.
Amaloota kanneen isiniifan qooda. Mee isin hordofaa akkamiiti? Hogganaan keessan hoo? Bakka jirtanitti hogganaa waan taataniif amala hogganaa kam irra feetu? Akka daawwitiitti akka ittin of ilaallu nu gargaara. Itti dhihaadha.
Hogganamtoota qiyyeeffattoota (Effective followers): hordofamtoota yaada guutuu qaban, kanneen qiyyeeffannoo qabaniifi waan sana galmaan gahuuf hojjetaniidha. Amala asiifi achi hinjijjiramne qabu. Jijjiirama dhaabbata keessa jirus sirriitti hubatu, sirriitti hordofu; ni deeggarus. Yaadi isaan kaasan bilchaataadha. Xiyyeeffannoo yaadaas ni qabu. Hogganaasaanii ni gargaaru; beekumsa ekispertii qabaniin bira dhaabbatu. Neetworkii qabanitti fayyadamanii jijjiiramni akka hingufanne deeggaru. Garuu deeggarsisaanii sababarratti kan hundaa’edha. Qo’atichi, Keeliin, hordoftoota kanneeniin hordoftoota urjii “The Stars’ jedhaan.
Warra tolee (conformist followers): Hoggantoota amala tolee baayyisaniin, kanneeniin Keeliin ‘Conformist followers’ jedhaan. Hordoftooti akkanaa hogganaa gammachiisuuf baay’ee dhama’u. ‘Tolee’ waan baay’isaniif sammuu tasgabba’aa hinqaban. Hojiirratti hirmaachuuf fedhii guddaa qabu; garuu tartiiba hojii quba hinqaban, sanas kanas xuxxuqu. Walittibu’iinsa (conflict) hogganaa waliin jiru karaa kamiinuu hambisuuf yaalu; naannawa ‘callisaa’ uumuu fedhu. Hoganaasaaniitiif amanamummaan qaban daangaa hinqabu, hanga xumuraatti yaada isarratti ka’u ni falmu. Keeliin hordoftoota kanneeniin ‘warra tolee (the Yes-People) jedhaan.
Laaftota (Passive followers): Hordoftooti kunniin akkuma maqaansaanii ibsu waan hedduun laafoodha. Sammuusaanii guutuu hojiif hinoolchan. Hojii qabatamaas hinhojjetan. Kaka’umsa yaadaa hinqaban. Itti gaafatamas fudhachuu hinfedhan. Hordoftoota komii baayyisaniidha. Yaada faallaa kan qabaniidha. Hordoftoota kanneeni Keeliin ‘hoolaa “The Sheep) jedhan.
Foxxoqxoota (alienated followers): Hordoftooti kunniin yaada bal’aa qabu. Bal’isanii yaaduufis humna qabu. Garuu yaadisaanii hanga fiixeetti hiixata. Hanga kanatti dubbii qaaccessuu, cheephoo guddisu. Yeroo hunda gita hojii tokkorraa hinsiqan. Guddinni isaanirra darba. Guddina dhabuusaaniif komii guddaa qabu. Waan baayyee ilaalu, ni komatu, hordoftoota yaada faallaadhaan gutamaniidha.
Gaararraawwan (Pragmatic Survivor): Hordoftooti kunniin amala tokko hinqaban. Haala ilaalanii akka gaararraa bifasaanii osoo hintaane amalasaanii jijjiirratu. Gaaffiin urjii ta’u. gaaf biraa ‘The Yes- People’ ta’u. yeroo biraa foxxoqanii yoo komatan mul’atu. Walumaagalatti dhaabbii hinqaban. Hordoftooti kunniin odeeffannoof dhihoodha. Jijjiirama dhaabbata keessa jiru namooti hedduun isaanirraa baratu.
Akkuma moodeelii irratti ilaaltan hordoftooti kunniin bakka lamatti qoodamu. Dalga yoo qoodan ‘independent critical followers’ fi ‘dependent uncritical follower’ jedhamanii qoodamu. Hiiknisaa warra yaada of danda’e qabaniifi dubbii qaaccessanii ilaalaniifi warra yaada hirkataa/maxxane qabaniifi dubbii irra keessa ilaalan jechuudha. Haala kanaan hordoftooti qiyyeeffattootiifi foxxoqxooti isa jalqabaa keessatti yoo qoodaman hordoftooti toleeniifi laaftoti isaan hirkattoota keessa jiraniidha.
Irraa gadee yoo ilaalaman ammoo amala laafaafi amala dammaqaa (passive behavior & active behavior) jedhamanii qoodamu. Deeggartoota laafonniifi foxxoqxooti amala laafaa keessatti yoo qoodaman hordoftooti qiyyeeffatootiifi toleewwan amala dammaqaa keessatti qoodamu.
Bal’ina qo’annoo kanaatiif Barreeffama ‘Robert Kelly’ ilaaluun gaariidha. Ani garuu kanan kaasuu barbaade hogganaan biyya keenyaa amaloota akkanaa kana beekaa laata? Hordoftooti hogganaa jijjiiramaa hordofanis amala kana qabuu laata? yaada jedhu kaasufani. Kanuma keessatti namnillee akka of ilaalu barbaadeni.
Jijjiiramni yeroo hundaa ni jira. Hogganaanis yeroo hunda ni dhalata ykn ni uumama. Hordoftootis hogganaa duuba jiru. Hordoftooti kunniin amalaa adda addaa akka qaban Keeliin sirriitti barreesseera. Mee isin ofis naannawa keessanis ilaalaa; xiinxalaa. Kamtu gaariidha? Kamtu gaarii miti. Deebiisaa isinumaafin dhiisa.
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015