Waraanni biyya kanaa kanneen dhiiga namaa lolaasan yeroo hunda karaa kaabatii ka’u. Lolli qaamolee biyya alaa waliin taasisaman baay’eensaanii kaabarraan ka’an. Fakkeenya; lola (battle) Durbushoota waliin taasisame, lola Guraa, Gundit, Dogaalii.
Loala Adwaa, kan Maaycoo… walwaraansa biyya keessaa kanneen akka fincila Ertiraanotaa, fincila ABUT kan jalqabaa, waraana Xoobbiyaafi Ertiraa, waraana hanga torbee darbeetti adeemsisame… hunduu kanneen karaa kaabaatiin ka’anii lubbuu lammii hedduufi qabeenya biyya kanaa hunkuteessanii nyaataniidha.
Waraanni waggoota lamaan taran kallattiidhuma kanaan adeemsisame suukanneessaa ta’uum hinhaalamu. Jaarraa 21ffaa keessatti waraana guddaa seenaan galmeeffamu jedhama. Lubbuun itti darbe guddaadha. Gatiin itti kaffalame miyaadha. Gaddi uume ulfaataadha. Godaannisti inni uume kan bara baraaf turuudha.
Waraana suukanneessaa kana dhaabsisuuf addunyaan nutti birmateera. Sadarkaa sadarkaan mariin ittifufeera. Marii Rippablikii Afrikaa Kibbaatti taasisameefi waliigalteerra gahametti aansee hoggantooti waraanaa mootummaa federaalawaafi ABUT Keeniyaa, Naayiroobitti wal-arganiiru. Wal-arguu qofa osoo hintaane bu’ura waliigaltee Piriitooriyaarratti hundaa’uudhaan haala tarkaanfiiwwan gama waraanaatiin fudhatamanirratti haasa’aniiru.
Gama mootummaatiin Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, gama ABUTn Jeneraal Taaddasaa Warradaatiin wal-arganii marii adeemsisaniiru. Yaadawwan bu’uraarratti waliigalanii waliigaltee raawwii mallatteessaniru. Adeemsa nagaa buusuu tarkaanfii tokko fuulduratti siksaniiru. Lammiin nagaa dheebote hanga tokko, guutuu ta’uu baatus abdii horateera.
Mariin Keeniyaatti adeemsisame yeroo qabameef keessatti hinraawwanne. Akkuma marii Piriitooriyaatti yeroo dabalataa gaafateera. Kan Wiixata, ALA Sadaasa 7 bara 2022tti jalqabame Kamisa Sadaasa 10 bara 2022tti xumurama jedhamee yaadame.
Garuu haala sanaan hinmilkoofne. Qaamoleen lamaan waliigalanii waliigalteerratti mallatteessanii ibsa kennuuf guyyaa lama dabalataan fudhateera. Waliigaltichi mallattaa’ee kan ummataaf ifa ta’e gaafa Sadaasa 12ti.
Isaan booda Jilli Xoobbiyaa kan Finfinneetti deebi’eef aanga’oota mootummaatiin ililliin mormattti kaa’amee simatame gaafa Dilbataa, Sadaasa 13 bara 22 yoo ta’u, jilli ABUT ammoo karaa Jibuutiirra naannawanii gaafa Wiixataa Maqalee akka galan ragaaleen ibsaniiru.
Adeemsi marii marsaa lammataa akkuma isa marsaa duraa ulfaataa ta’uu wantooti mul’isan hedduudha. Dhiibbaan Ameerikaarratti ta’eefi dhiisuu hanga ammaatti wanti ibsame jiraachuu baatus guyyoota dabalataa lama fudhachuunsaa dhimmichi marii ajandaa hidhannoo hiikkachiisuu meeshaalee waraana ABUT wajjin walqabate kun ulfaataa akka ta’e mul’isa.
Ulfaataa ta’us xumurarratti waliigaluunsaanii hanga tokko milkaa’ina jiru mul’isa. Garuu chaaleenjiiwwan guguddaan fuuldura akka jiru ogeessottiifi siyaasessitooti ni dubbatu. Kanaaf dhimmooti akka sababaatti ka’an hedduudha. Isaan keessaa muraasasaanii haa xuqu.
Waliigaltee Piriitooriyaa keessatti ABUT hidhannoo meeshaalee waraanaa guguddoo akka hiikkatuufi mootummaa federaalaatti dabarsitee akka kennitu qabxiin jedhu keessa jira. Mariin hoggantoota waraanaa lamaan jidduutti bakka qaamni sadaffaan jirutti adeemsisame haala hidhannoo hiikkachuu kanarratti kan xiyyeeffateedha. Carraa egeree loltoota ABUT kanneen hidhannoo hiikkatan murteessuunis dubbii ijoo marii kana keessaa isa tokko ture.
Akka muuxannoo addunyaa keessa jirutti biyya tokko keessa raayyaan ittisa biyyaa qaama lamaan bulu hinjiru. Akka heera biyya keenyaattis keeyyati dhimma kana deeggaru hinjiru. Raayyaan ittisa biyyaa tokkumatu jira. Tarii bulchiinsoti naannolee poolisiifi milishaa ni qabaatu.
Humna addaa akka qabaatu seerri deeggaru jiraachuusaa quba hinqabu. Namoota yaada ‘humni addaa naannolee jiraachuu hinqabu’ jedhan deeggaru keessaa ani tokko. Haala amma biyya keenya keessa jiruun humna addaafi raayyaa ittisa biyyaa gargar baasuunuu rakkisaa fakkaata. Qaawwi kun akka biyyaatti humni waraanaa wiirta’aafi cimaan akka hinjiraanne taasisa.
Waliigaltee ammaatiinis ta’e kan isa jalqabaatiin hidhannoo hiikkachuun waraana ABUT ajandaa marii isa guddaa ta’ullee hojiirra oolmaasaarratti ana dabalatee namoonni hedduun shakkii keessaa hinbaane. Amala ABUT isa akka gaararraa haala wajjin bifa jijjiirratu sana waliin dhuguma hojiirra oola jedhanii guutummaatti amanuun rakkisaadha.
Amanuu dhiisuu qofa miti. Waliigalteen Naayiroobii sirumaa ABUTf haala kan mijeesseef fakkaata. Akkamitti? Waliigaltichi ebelu jedhee maqaa dhahuu baatus loltooti biyya ambaa Tigraayi keessa jiran akka naannawa sana keessaa bahan ibsa.
Kana malees raayyaa ittisa biyyaatiin ala hidhattoota biyya keessaatiin naannoo Tigraay keessaa ni bahu jedhe. Loltootiifi hidhattooti naannolee biroos Tigraayi keessaa akka bahan murteessa. Hiikoonsaa waan walxaxaa fakkaata. Hidhattoota birootiif raayyaa ittisa biyyaa akkamitti gargar baasuun danda’ama? Qaamni biyya alaa sun eenyu?
Dubbii biraa ishii hamtuu. Daangaan naannoo Tigraayi jedhamu kun isa kami? Walqaayit-Tsagadee garamitti daangesse? Raayyaan hoo carraanshii garami? Yoo naannoo ollaatti kan daangeffamu taate yaadicha ABUT tole jedhee fudhataa?
Hidhattooti biyya ambaa jedhan sunillee dafanii naannoo Tigraayi gadi lakkisanii bahuu laata? Dhimmoota adeemsa nagaa kana rakkoo keessa galchan keessaa isaan bu’uraati. Isaan hinguuttamne taanaan ABUT waliigalticha chaaleenji gochuu malti. Kunimmoo waraana ishii sarde sana dandamachuufi xuxxuqaa biraa uumuuf ni gargaara.
Dhimma waliigaltee lamaanii ilaalchisee muummichi ministiraa ibsa Kibxata tare paarlamaarratti kaasaniin xuxxuqanii turan. Ibsa bakka bu’oota ummataatii kennaniin, muummichi ministiraa nagaa biyya keenyaa mirkaneessuuf ABUT waliin “mari’annee, waliigalle; walii mallatteessine” jedhaniiru.
Haa ta’u malee kan nagaa buusu waan irratti waliif galamee mallattaa’e sana hojiirra oolchuu qofa akka ta’e dubbataniiru. Gama kanaan mootummaan federaalawaa waliigaltee Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf murannoo akka qabu miseensota mana mareetiif ibsaniiru. Kutannoon kun gama qaama lamaaninuu jiraachuu qaba. Yeroo sana nageenyi dhufa.
Akka biyyaatti mootummaan biyya kana keessatti nagaa buusuuf tarkaanfiin jalqabe jajjabeeffamuu qaba. Hawaasti keenya karuma kamiinuu dhimmi araaraa jalqabame kun akka milkaa’u fedha. Gufuuwwan adeemsa nagaa kana fuuldura jiranillee akka buqqa’u barbaada. Kanaaf, qamoleen lamaan akkuma jalqabanitti cimanii ittifufuufi ummata nagaya dheebote kana dhabsuu (dheebuu) baasuun barbaachisaadha.
Gama biraatiin gaaffin ummati kaasu kan bu’uura kana nagaa biyya kanaatiif walqixxee isa gama kaabatiin jiru waliin ilaalamu haala nagaya Oromiyaa keessa jiruudha. Gaaffii kana bakka bu’ooti ummataa kaasaa turan. Hidhattooti Oromiyaa keessa jiran lakkoofsaan, meeshaa waraanaa hidhataniin akkasumas bakka qabachaa jiran waliin walqabatee babal’achaa jiraachuusaanii dubbataniruu.
Gama kanaan mootummaan maal yaadaa jira gaaffiin jedhu ifaan ka’aa jira. Gama kanaan muummichi ministira qaama nagaa barbaadu waliin mari’achuuf fedhii akka qaban, qaama faallaa kanaan deememmoo akkuma dhufetti akka keessummeessan yaada kaasaniruu. Akka yaadaatti kan filatamu mariidha. Qaamoleen rakkoo warra kaabaa hiikuuf Maqaleefi Finfinnee deddeebi’aa turan sun kan Oromiyaa kanas osoo ilaalanii gaaridha.
Faloon walfaana jedhu yoo makmaakan. Biyya keenya keessatti nagaa waliigalaa buusuuf rakkoowwan bakka hunda jiran mara hiikuun barbaachisaa natti fakkaata. Hunduma yeroo tokko xumuranii fuula gara misoomaatti deebisuutu mishaadha. Wanti karaa nagayaa hinhiikamne hinjirtu. Kanatti amanuun warraanarraa nama baraara.
Ammas nagaya!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015