Busaa yookaan busee

“Dhukkuba busaatu sammuu seene ebeluun ajjeese” yoo jedhamu ni dhageenya. Dhuguma dhukkubni busaa sammuu seenaa? Dhukkubni busaa nama hagam ajjeesaa?

Addunyaa keenya kana keessatti waggaatti namoota biliyoona sadiitu dhukkuba busaaf saaxilama. Kanneen keessaas kan dhukkubni busaa qabatee mallattoo irratti agarsiisu namoota miliyoona 243 kan ta’anidha. Dhukkubni busaa ALA bara 2004 waggaa tokko keessatti namoota miliyoona 1.82 lubbuu galaafatee kan ture yoo ta’u, bara 2010 ammoo gadi bu’uun namoota miliyoona 1.24 galaafateera. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasetti waggaa lama dura jechuun bara 2017 namoota gara walakkaa miliyoonaa ta’an ( kuma 435) ta’an qofa kan ajjeesedha.

Namoota dhukkubni busaa ajjeesu keessaa dhibbeentaan 80 biyyoota Afrikaa, Sahaaraa gadii keessatti kan argamaniidha. Biyyoota akka Yunaayitid Isteet of Ameerikaa, Kaanaadaa, Awurooppaafi Raashiyaa waggoota shantama dura dhabamee jira. Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu, lafa biyya keenyaa keessaa dhibbeentaan 75 dhukkuba busaaf kan nama saaxiluudha.

Dhukkubni busaa biyya keenya keessaa bakka kam baay’inaan huba? Faca’iinsi dhukkuba busaa biyya keenya keessatti bakkaa bakkatti garaagarummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, kunis kan ta’uu danda’e garaagarummaa olka’iinsi lafaa sirrii galaanaa (sea level) irraa qabu irratti hundaa’uuni. Lafti sirrii galaanaa irraa olka’iinsa meetira kuma lamaa gaditti argaman tempireechara olaanaa waan qabaniif walhormaata bookee busaaf ni mijatu, kanaaf dhukkubni busaas itti baay’ata. Haaluma kanaan lafti gammoojjii lixa Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay, guutummaa naannoo Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa iddoowwan dhibeen dhukkuba busaa itti olka’aa ta’eedha. Gammoojjiiwwan baha Itoophiyaa (irra jireessaan naannoo Somaaleefi Affaar) keessatti ammoo dhukkubni busaa bal’inaan kan hinargamneefi yaa’iinsa lageenii hordofuudhaan, cina lageenii qofatti argama. Kunis gammoojjiileen bahaa kun tempireechara olaanaa qabaatanis, jiidhinsa waan hinqabneef walhormaata bookee kanaaf hinmijatan. Baddaan gidduu galeessa biyya keenyaa ammoo, sababa qorraa ta’eef dhukkuba busaa irraa bilisa.

Dhukkubni busaa maalirraa nama qaba? Waqtii kam baay’inaan daddarba?

Dhukkuba busaa kan nama qabsiisan jarmoota xixiqqoo ijaan hinargamne kan gosa pirootoozoowaa ta’an pilaasmoodiyeem jedhaman yoo ta’u, pilasmodiyeemonni kunneen gosaan ja’a kan ta’aniidha. Baay’inaan ja’a ta’anis kan biyya keenya keessatti dhukkuba busaa namatti fidan gosa lamaan “Plasmodium falciparum’ fi Plasmodium vivax” jedhamanidha.

Jarmoota kana kan namaa namatti dabarsitu bookee busaa dhaltuu ‘anopheles mosquito’ kan jedhamtudha. Bookeen kun kan walhortu bakkeewwan bishaan kuufamanii jiran irrattidha. Karaaleen kanneen biroon, dhiiga hinqoratamne yoo fudhatan, wanta qara qabu nama dhukkubsataa busee waliin yoo fayyadamaniifi tasa yoo nama waraane, haadha irraa gara daa’imaatti fa’a. Ta’ullee karaaleen kunniin hanga isa duraa hingahan. Kana jechuun hanga isa bookee busaa dhaltuun nama dhukkuba kanaan qabame irraa isa fayyaatti dabarsituu baay’inaan kan hinmudanne jechuu kan ta’edha.

Mallattoolee dhukkubni busaa argisiisu maal fa’i?

Mallattoolee dhukkuba busaa irratti mul’atan dhukkuboota hedduu biroo busaa fakkaatan irratti waan mul’ataniif adda baasuun ulfaataadha. Isa kana mana yaalaa deemuun ogeessi fayyaa kan adda baafatu yoo ta’u, ofii keenyaan kan ofirratti arginu garuu mallattoowwan dhukkuba busaa kan akka: miirri fayyummaa namatti dhaga’amuu dhiisuu, mataa dhukkubbii qaamni ho’uu (gubuu), dadhabbii, qaama nama caccabsuu (maashaaleen dhukkubuu) fi altokko tokko garaa keessaa illee miirri namatti hintolle namatti dhaga’amuu fa’i. Qaama ho’isuu, hollachiisuu (qaama urgufuu)fi nama qorrisiisuun nama busaa qabu yeroo murtaa’e (sa’aa 48 yookaan 72) walirraa fagaatee namatti deddeebi’uu mala, akkasuma yeroo tokko tokkos walitti fufee mallattoo agarsiisuu mala. Dhukkubni busaa yeroo hedduu deddeebi’ee yoo nama qabateefi yoo kan nama qabatee nama keessa hinbadiin ture ta’e garaa dhiitessuufi qaama garaa keessaa “spleen” jedhamu dhiiteessuu danda’a. Mallattoowwan armaan olii kun yoo kan busaan nama qabe sun salphaa ta’edha, yoo busaa sammuu hubu (cerebral malaria) ta’e garuu mallattoo addaa argisiisa.

Kunis kan hawaasa keessatti “ebelu busaatu sammuu seene” jedhu sana jechuudha, hawaasni keenya sirriitti beeka, dhuguma busaan sammuu seenti. Dhukkubni busaa sammuu kunis gosa jarmii busaa “plasmodium falciparum” jedhamuun kan dhufu ta’ee, mallattoolee akka sammuun hojjachuu diduun waan hinjirre haasa’uu (sammuun darbuu), gaggabsuu (of wallaasisuu), qaama hurgufuu (akka nama gaggabdoo qabuutti)fi haga lubbuu dabarsuutti deemuu mala.

Dhukkubni busaa dubartoota ulfaa akkamiin addatti hubaa? Dhukkubni busaa keessumaa dubartoota ulfa jalqabaa kan lammataa irratti yoo qabate miidhama nama kan biraa irraan ga’u caalatti irra geessisa. Hir’ina dhiigaa, hir’ina giluukoosii qaama keessaafi rakkoo sombaaf carraan saaxilamuu haadha garaatti baattuu olka’aadha. Daa’ima irratti rakkoolee akka: ulfaatinni qaamaa gadi bu’uu, mucaan garaa keessatti du’uu, utuu yeroon hinga’iin dhalachuufi dhukkuba busaan qabamanii dhalachuu fida. Rakkooleen kunneen hundi carraa lubbuun jiraachuu mucaa hir’isu.

Yaalli dhukkuba busaa akkamiin kennama?

Dhukkubni busaa haala salphaadhaan ittifamuufi qorichaan yaalamee kan fayyuu maludha. Qorichi kennamus haaluma gosa dhukkuba busaa sanaan garaagarummaa kan qabuufi haala cimina busaa sanarratti hundaa’ee manattiifi hospitaala keessa ciibsanii yaaluun illee ni danda’ama. Gaarummaan waa’ee dhukkuba kana yaaluu ilaalchisee jiru, haga ammaa jarmiin busaa qoricha busaa waliin walbaree fayyuu dide jiraachuu dhabuusaati. Kunis dhukkubni busaa kamiyyuu yaalamee akka fayyuu danda’u nutti argisiisa.

Dhukkuba busaa ofirraa ittisuun ni danda’amaa?

Akkuma armaan olitti kaa’ame dhukkuba busaa ofirraa ittisuun ni danda’ama. Dhukkubni busaa daddarbuuf dirqama bookee busaa barbaada. Kanaaf ittisni dhukkuba busaa bookee busaa irratti xiyyeeffata. Kanas akka armaan gadiitti qoqqoodnee ilaaluu dandeenya:

➢ Hunda dura naannoon keenya dhukkuba busaaf kan nama saaxiluu moo hinsaaxilledha jennee haala armaan olitti ibsame kanaan adda baasnee beekuun dirqama. Yoo naannoon keenya kan dhukkuba busaaf nama saaxilu ta’e, maloota armaan gadii fayyadamnee of eeguu qabna.

➢ Bookeen busaa akka naannoo keenyatti wal hinhorre taasisuu: bookeen busaa walhoruudhaaf bishaan ciisaa (kan hin yaane) barbaaddi. Kanaaf kan isheen baay’inaan daddarbitu waqxii Fulbaanaafi Ebla keessa. Kanaaf bishaan naannoo keenya keessa kuufamee jiru dhangalaasuudha.

Asirratti kan sirriitti hubatamuu qabu bookeen busaa wal horuuf bishaan guddaa hinbarbaaddu, bishaan kophee gatame ykn qodaa cabee gatame keessatti kuufame ga’aadha. Kanaaf kuufamoota bishaanii xixiqqoo akkasiis dhabamsiisuu qabna.

➢ Bookeen busaa akka nu hincinniinne ofirraa eeguu: kunis maloota garagaraa fayyadamuun akka bookeen mana salphaatti hinseenne foddaafi balbala seeraan cufuudha. Inni guddaan ammoo bakka rafnutti wantoota bookee busaa nurraa dhorkan akka agoobaraa fayyadamuudha. Yeroo rafnus fuula keenya, harka keenyaafi miilla keenya sirriitti uffisnee rafuudha.

➢ Yoo kana hundaa gochuu hindandeenye ammoo mallattoo dhukkuba sanaa akkuma ofirratti argineen dafnee mana yaalaa deemuun yaala ga’aa argachuu qabna.

Hubachiisa: Dhukkuba kamiifuu yeroodhaan mana yaalaa deemuun, dhukkubicharraa fayyuufi rakkoowwan fayyaa cimaa dhukkuba san boodaan dhufan hambisuu, akkanuma baasii garmalee baasuu irraa nama oolcha.

Fayyaan faayaa madaala hinqabnedha; fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You