Dargaggeessi tokko Harargee Gaara Mul’ataatii bahee Dirre Dhaawaatti imale. Baruma walfakkaatu shamarreen warra Afran Qalloo takka Jaarsoo, Ejersa Goorootii baatee Dirree Dhaawaatti godaante.
Mahaammad Muusaafi Faaxumaa Alii kan manaa bahan dhimma mataasaanitiifi. Magaalaa Dirre Dhaawaa gammoojjii Oromiyaa bahaa keessaa calaqqisaa jirtutu isaan hawwate. Lamaanuu biyyaaf osoo hintaane magaalaa Dirreetiif keessummoota turan.
Jiruufi jireenyi osoo magaalaa keessa olii gadi oofuu guyyaa tokko carraan walitti isaan fidde. Walbaran; booda waljaalatani; jaalalti gaa’ilatti jijjiiramee walfuudhan. Jidduusaanitti mucaan tokko dhalate; Ganda Qoreetti; Caamsaa bara 1940. Maqaasaa Alii jedhanii moggaasan. Alii Mahaamad Muusaa. Ilma Faaxumaa.
Alii Mahaammad Muusaa waggoota 75f addunyaa tanarra jiraate. Umurii gabaabaa kanatti seenaa bara dheeraa dalagee sokke. Bakka dhugaa dhaqee; Onkoloolessa 27 bara 2015. Har’a seenaa nama jabaa kanaarrattin xiyyeeffadha.
Aliin xiqqaan umurii daa’imummaasaatti gidiraa jiruufi jireenyaatiin qoratameera. Kun kitaaba seenaasaa ibsu keessatti afaansaatiin sirriitti himameera. Garuu inni qormaata sanaaf hinmo’amnee; harka hinkennineef. Mucaa xiqqaan qalbiqabeessaafi abshaala ta’e kun qormaata jireenyaa yeroowwan adda addaa isa quunnaman mo’atee nama guddaa addunyaa kanaa ta’e.
Aliin Artiistii guddaa biyyaa qofa osoo hintaane kan addunyaa ta’eera. Aliin Doktora Kabajaa lama nama badhaafameedha. Nama guddaa keenya, fakkeenya dhalootaa, mana barnootaa.
Doktorri Kabajaa Artiist Alii Mahaammad Muusaa barreeffama gabaabaa kanaan nama ibsamuu miti. Inni mataasaatiin kitaaba. Kitaaba jildiiwwan danuu qabu. Aliin nama tokko qofa miti. Inni dhaabbata. Dhaabbata seeraafi seenaan, aadaafi duudhaa cimaadhaan caaseffame.
Aliifi Baandii Afran Qalloo
Qallo ijoollee Afur qaba jedhama. Isaanis Alaa, Baabbilee Dagaafi Obarraadha. Jarreen kunniin maqaalee gosoota guguddoo Oromoo Harargee keessatti argamaniidha. Baandiin Alii Mahaammad Muusaa (booda Alii Birraa) keessaa biqilee qilxuu ta’eedha. Baandii jireenya nama jabaa kanaa karaa qabsiise, Baandii jalqabaa qabsoo Oromoo artiidhaan hogganee fira hedduu itti horeedha. Maqaan Alii Birraa yoo waamamu baandiin kunis waliin owwaata.
Akka seenaan dhugaa bahutti, bara 1950moota keessa Magaalaan Dirre Dhaawaa dargaggootaafi shamarran Afran Qallootiif waltajjii qabsoo turte. Qeerroowwan bara sana dafanii dammaqaniifii hacuuccaa aadaafi seenaa Oromoorra gahu hubatan karaa haalli yeroo sanaa qabsoof mijatuun qabsoo finiinsuu eegalan. Baandii ijaaruun karaa aartiitiin ummata dadammaqsuu, aadaafi seenaa ummataa ifatti baasuun tooftaa qabsoosaanii keessaa isa tokko ture.
Baandiiwwan maqaa babbareedaa qaban kanneen akka Tokkummaa Jalalaa, Urjii Bakkalchaa, Hiriyaa jaalalaa, Biiftuu Ganamaa Magaalaa Dirre Dhaawaa keessatti daragaggoota qaroowwaniin hundeeffaman. Baandiiwwan kunniin booda walitti dhufanii Baandii cimaa Afran Qalloo akka uuman barreeffamooti tokko tokko ni ibsu.
Baandiin Afran qalloo yoo ka’u kanneen hundeessan kan akka Alii Shabboo, Abubakar Muusaa, Alii Tuchee… maqaan ni dhahama. Baandiin kun isaan malee guutuu hinta’u. Isaan qaroowwan dhimmi gidirfamuu saba Oromoo, cunqurfamuu Aadaa, seenaafi Afaan Oromoo dafanii hubatanii gidiraafi cunqursa keessaa baasuuf qabsoo jalqabaniidha.
Har’a Alii Birraa yoo yaadannu, yoo gaggeessinu hundeessitoota baandii kanneen lubbuun jiraniifi hin jirres yaadachuun ni barbaachisa. Ummata Oromoorraa yoomiyyuu galata qabu. Alii xiqqaa kan Alii guddaa taasisan isaan waan ta’eef.
Baandiin Afran Qalloo kan Aliin keessaa margee qilxuu ta’e, kun Aartii Afaan Oromoo guddisuufi babal’isuuf kan kaayyeffateedha. Baandii inni xiqqaan guuddaarra, quxusuun angafarraa akka baratu ta’ee kan tolfameedha. Hacuuccaa sirna mootii bara sana tureetiin umuriin baandii kanaa kichuutti hafullee, kaayoonsaa kichuutti hingogne.
Margee babal’atee dhaloota hedduu of duukaa hiriirsuu danda’eera. Mootiin aartiifi sirboota Afaan Oromoo kan aka Artiist Alii Birraa keessaa baheera. Artiistoti Oromoo muraasti sun artiistota kumaatama horataniiru.
Aliin daa’imummaan dardara waggaa 13 ta’ee weelluu jalqabe. Muuziqaanis harka bal’istee isa simatte. Aliin baandii dardarootaa keessatti muuziqaa jalqabe osoo bulee hinbubbulin gara baandii guddaa, Afran Qallootti, ce’ee angafootasaa wajjin sagaleesaa kiilolee sanaan weelluu dhangalaasuu eegale.
Isaan booda Alii namni dhaabu hin argame. Dirree Dhaawaa hanga Jibutiitti, Dirre Dhaawaa hanga Finfinneetti, Finfinnee hanga Addunyaatti Aliin waltajjiiwwan guguddoo hedduu koree weelliseera. Dhala namaa bashannansiiseera. Dhaamsawwan babbareedoo dabarfateera. Walqixxummaa barsiiseera. Tokkummaa lallabeera. Aadaa, Seenaafi Afaan Oromoo bakka dhokatee kaasee ummata addunyaatti beeksiseera. Ambaasaaddara Oromoo ta’ee tajaajileera.
Alii Mahammad – Gara Alii Birraa
Alii maqaan abbaasaa Mahaammadi. Weelluunsaa ‘birraan bariitee’ jettu maqaa abbaasaa irraa fudhatteetti. Akkamitti? Baandii Afran Qalloo keessa weellistooti maqaa Alii jedhu qaban, Alii Mahaammad dabalatee sadii turan. Alii Mahaammad, Alii Shabboo, Alii Tuuchee. Addaan baafachuuf Alii xiqqaan dhawaata gara Alii Birraatti jijjiirame. ‘Birraan’ maqaa sirbasaarraa madde. Sirba ‘birraan bariitee’ jedhu sirbasaa isa jalqabaa kan jedhamu. Walaloo sirba kanaa Abbubakar Muusaa akka boce seenaan ni hima. Innillee nama jabaa sirni hacuuccaa biyya kanaa nyaateedha.
Aliif Jireenya Muuziiqaa
Aliin umurii daa’imummaatiin muuziqaa jalqabee hanga lubbuunsaa dabartutti waliin ture. Waggoota 60f nama aartii keessa turuun beekamtiifi kabaja guddaa argateedha. Aartii keessa turuu qofa osoo hintaane sirboota gara 260 ol sirbuudhaanis riikardii biraa qaba. Seenaa kana biyya keenyatti galmeessisuu kan dada’e Alii Birraati.
Aliin riikardii biraas ni qaba. sirbootisaa danuun Afaan Oromootiin ta’anillee aliin afaan biraatinis weellisuudhaan ni beekama. Afaan Oromoo dabalatee Afaanota ja’aan weelluusaa ummata dhaqqabsiiseera. Afaan Somaalee, Afaan Hararii (Adare), Afaan Amaaraa, Afaan Arabaafi Afaan Affaarin akka sirbe seenaan ragaa baheera. Hiriyootisaa mirkaneessaniiru.
Kan biyya kanatti kana danda’e Alii Birraa qofaadha. Kun hiika hedduu qaba. Aliin nama sabaafi sablammii kabaju, artiistii walqixxummaa dhaadhessu, beekaa cunqursaa jibbu ta’uu mul’isa.
Artiisti Alii Birraa ogeessa muuziqaa kan barnootaan deeggarameedha. Hanguma muuziqaatti siqu muuziqaa gadi fageenyaan barateera; qorateera. Biyya Ameerikaatti barumsa muuziqaa ‘Theory of the 20th Century Western Music’ jedhu baratee digiriidhan akka eebbifame seenaansaa ni dubbata.
Aliin sirbaa ykn weellisaa qofa miti. Meeshaalee muuziqaa hedduu taphachuudhanis nama beekamuudha. Kana guyyaa sirna gaggeessaa reenfa Aliirratti ogeeyyoti hedduun ragaa bahaniiru. Ogeessi Muuziqaa Sartsaa Freesanbat kana mirkaneesseera. Kanaanis aliin adda ta’a. Beekaa akkanaa kana dhabun gadda guddaadha. Garuu maal godhan. Umurii waliif hin kennan malee ummati inni qabsaa’eef umurii isaaf arjoomuuf duubatti hindeebi’u ture.
Qabiyyee Sirboota Alii
Aliin wanti irratti hin sirbine hin jiru; Jaalala, Walqixxummaa, Tokkummaa, Aadaa, Seenaa, Afaan Oromoo, Miidhagina, Uumama, Lakkaayamee kan xumuramuu miti. Sirbooti Artiist Alii sirboota qofaa miti. Seenaa balballoomsu. Daandii namatti agarsiisu. ‘karan mana Abbaa Gadaa eessaa?’ Barnoota Faarsu.
‘Barnoota Ammas barnootaa…’ Bilisummaa finiinsu. Ispoortii jajjabeessu. Afaan Oromoo Barsiisu. ‘A B C D jennee kaanaa, kanumaan jalqabnaa Afaanuma keenyaan dubbisnee katabnaa’ jedha dhalootaan. Sirbooti Alii mala namatti himu.
Qabiyyeewwan sirboota Ogeessa muuziqaa beekamaa kanaa gara fuulduraa ogeessoti qaaccessanii nutti himu jedheen yaada. Ani yaadannoofan xuxxuqa. Qabiyyeewwan sirba 267 maal akka ta’u yaadaa. Ogeesotti kitaaba guguddaarratti barreessu jedheen yaada.
Aliifi milkaa’ina
Aliin namoota akka biyyaatti muuziqaa keesatti milkaa’ina guddaa qaban keessaa sadakaa jalqabaarratti argama. Atriistii Afrikaa yeroo hundaa jedhamee badhaafameera; Addunyaarratti. Yunivarsiitii Jimmaa irraa doktora kabajaa argateera. Yunivarsiitiin Dirre Dhaawaa itti dabaleefira. Muummichi ministraa Abiyyi Ahimad beekamtii guddaa kennaniifiru. Waggaa 50ffaan haala ho’aadhaan sadarkaa Oromiyaatti kabajameefira. Beekamtiiwwan kanneen biroo hedduun ni jiru. Beekamtii akkanaa argachuuf jireenya ofii milkaa’inaan xumuruuf garuu beekumsi, ejjannoon, fedhii ummataa beekuun, waan qabanitti cichuun akka barbaachisu Aliirraa ni baratama.
Gaggeessaa Xumuraa
Aliif Sirni gaggeessaa midhagaan taasisameefira. Guyyaa sana Haceen yaadadhe. Aliif hooggantooti mootummaa, hiriyootisaa, namooti beekamoon jabummaasaa dubbataniiru. Hanga Aliin gahu ibsaniiru. Kabajaan ol kaasanii waan gaariidha. Yaadannoo bareeda.
Kanaan Booda Aliin qaamaan nu waliin hin jiru. Aduun ganamaa sun yerooshii eegdee lixxeetti. Aliin qaamaan nu waliin jiraachuu baatus sirbootisaa kan barriifi yeroon hin daangessine dhalootaa dhalootatti darbu. Alii dhalootatti himu. Yaadasaa dhalootaaf qoodu. Kaayyoosaa dhalootatti himu. Dhalootis irraa barata. Kaayyoosaa itti fufsiisa.
Kibxata tare Alii yeroo xumuraatiif gaggeessineerra. Garuu achumaan gargar galuun waan yaadamu natti hin fakkaatu. Kanaan booda hoo maal goona? Mariin bakka hundatti itti fufuu qaba. Yaadni gamaa gamasii walitti dhufee wantoota Aliin ittiin yaadatamu, hojiiwwan Aliin jalqabe kan itti fufsiisan hojjatamuu qabu. Gama kanaan akka yaadaatti mootummaan naannoo Oromiyaafi ummati Oromoo waan hedduu dalagu jedheen yaada. Sabaafi sablammooti biroos Aliif jaalala waan qabaniif itti dabalamuu jedheen yaada.
Akka kootti Siidaan qabsaa’aa mirgoota dhala namaa kun Finfinnee keessatti ni ijaarama jedheen yaada. Manneen barnootaa maqaa artiistii barnoota dhaadhessaa ture kanaan ni ijaaramu abdii jidhun qaba. Galmi Abbaa Gadaa Maqaa Aliitiin moggaafamu jiraachuu qaba. Yuunivarsiitiin Jimmaa jireenyasaatiin gumii barnootaa aartii maqaasaatiin moggaase bakkeewwan biroottis ni babal’atu yaada jedhun qaba. kanneen biroos.
Alii Nagaadhan Boqodhu. Bool’a kee nadhiin haa guuttu. Yoomiyyoo dhalooti si hindagatu. Maatii Doktora Kabajaa Artiisti Alii Birraatiif, hiriyootasaatiif, ummata Oromootiif akkasumas dinqisiifattootasaatiif Waaqayyo Guddaan jabina haa kennuuf.
Waaqayyo hamtuu nutti hindeebisin!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015