Dhimma sharafa alaa

Nama mucaa dubaraa xiqqoo qabu tokkotu natti hime. Suuqii Shamsuu olla jiru dhaqxe; maastiikaa bitachuu. Maastiikaa dur qarshii tokkoon bittu Shamsuun qarshii shan jedheen. Boo’aa manatti deebitee haati qarshii afur akka dabaltuuf gaafatte. ‘Maaliif’ jetteen haati. ‘Shamsuun maastiikaan qarshii shan’ naan jedhe jetteen. Haati dubbiin qoqqobbii doolaaraa wajjin akka walqabatu galeefi ‘gara fuulduraa kana caala dabala’ jetteen. Achumaan mucaan naasuudhaan “maaloo maamii baayyisii bitii mana naaf olkaayi” jetteen.

Kan biraan itti isiniif dabala. Biyya kanatti wanti dhagahamu tokko tokko ‘taammirii’ jedhama. Ani wuuskii bitee dhugee hinbeeku; yoo mana affeerraatti dhuge malee. Garuu namni xaarmushiin osoo hinta’in kaartoonii saamsameen buusee dhuga jedhama. Dhuguu qofaa miti. Manni itti dhugamu ni cufsifama. Garee sana malee namni biraa olseenuu dhiisii ulaa sanarra hindarbu jedhama. Itti ‘miqqanyaa’uu’ koo miti. Garaa garaagarummaa jireenyaa mul’isuufani.

Murni wuuskii adamsu, kan araadaan qabame, kun jidduu kana akkamitti jira laata? Mootummaan wuuskiif doolaara ykn yuuroo hinayyamu jedheera, akkuma maastiikaa ishii xiqqoo sana.

Kanaaf, gatiin wuuskii meeqa gahe laata? Daldaltooti wuuskii hoo? Warri wuuskii dhuganiifi sooratan hoo maalirra jiru laata? Daldaltooti wuuskii, wuuskii dhoksuu qaban jedhama. ‘sigibgibooti’ ammoo wuuskii saamichaan bitanii manatti kuusaa jiru oduun jedhu gurra na buuteetti. Wuuskii, bara gaarii, namni naaf gumeesse qaruuraa tokko manaayiin qaba. Nama doolaaraan ykn yuuroodhaan narraa bitu hindhabu jedheen yaada. Ka’ee gurgurumoo tursiisee gatii caalu eeggadhu laata? Warri araada qaban doolaaraa dhoksan sana bubbulanis gadi baasuunsaanii hinoolu. Dhimmichi wuuskiidhakaa?

Dhimmichi qoosaa fakkaatus qoosaa miti; mootummaan shaqaxoota biyya alaatii galan gara 38 ta’anirratti qoqqobbii godheera. Kanneen keessaa wuuskiifi maastiikaan ni argamu. Dhugaatiiwwan alkoolii, chakolaatii, rifeensa namaa (human hair), kosommotiksiiwwaniif kkf shaqaxoota qoqqobbiin irratti godhamanidha. Baankooti shaqaxoota kanneen bitanii alaa galchuuf sharafa alaa ( hard currency) akka hineeyyamne dhorkamaniiru. Qoqqobbiin kun biyyarratti wanti fidu jiraa? Dinagdee biyyattii ni miidha moo hinmiidhu? Kana ilaaluufin yaala.

Daldalli addunyaa (international trade) bifa lama qaba. Tokko shaqaxa biyya alaatii bitanii gara biyyaa galchuu ilaala. Inni biraa shaqaxaafi omishaalee biyya keessaa akkasumas albudaalee alatti erganii gurguruudha. Inni jalqabaa sharafa biyya alaa barbaada, inni lammataa sharafa biyya alaa argamsiisa biyya tokko keessa lamaanuu jiraachuun dirqama. Tokko qofti kophaa hindhaabatu. Sababiinsaa biyyi tokko wantoota barbaachisaa ta’an hunda omishuu waan hindandeenyeefi. Bittaan biyya alaa maallaqa biyya alaa ykn sharafa alaa barbaada. Shaqaxaaleefi meeshaalee biyyi tokko hinomishne ykn kan gahinaan hinqabne biyya alaatii galchuuf gargaara. Kun olgalchii (import) jedhama. Biyya alaatii bitanii biyyatti galchuu.

Inni biroo kan maallaqa biyya alaa argamsiisuudha. Omishaafi qabeenyaa biyya alaatti erguudhaan sharafa alaa gara biyyaatti galcha. Maallaqa biyya alaa kan akka doolaaraa, yuuroo, duurhaam… argamsiisa. Kun daldala alargii (export) jedhama.

Daldalli addunyaa lamaanuu biyya kamiyyuu keessa ni jira. Biyyi kamuu kan hinqabne maallaqaa baasee bitata; sharafa alaatiin. Kan qabu ni gurgurata, sharafa alaatiitti. Haala kanaan gabaan addunyaa seera qabatee deema. Dinagdee biyya guddisuu keessatti gahee mataasaa baha. Bifti daldala addunyaa lamaanuu, alergiifi olgalchiin guddina dinagdee biyya tokkoo keessatti gahee mataasaa qaba. Meeshaaleen biyya alaatii bitamanii galan industrii dhaabuuf ykn meeshaalee dheedhii industriif ta’an argachuuf fayyada. Kan alergiis kanuma. Meeshaalee dheedhiin biyya alaatti ergama. Maashinariiwwan adda addaa biyya alaatti gurguramanii galii argamsiisu.

Haala gubbaatti ka’e kanarratti hundaa’uudhaan baasiiniifi galiin biyyoota ni madaalama. Maallaqni shaqaxoota bituuf bahuufi maallaqa omishaalee alatti gurguruudhaan galu walmaddiitti ilaalama. kun “ balance of payment’ jedhama. Madaala gatii. Gama kanaan madaalliin kaffaltii garaagarummaa qaba. Biyyooti sooreyyiin waan gatii miyaawaa alatti gurguratanii kan gatii rakasaa alaa galchu. Madaalliin daldalaa kan biyyoota kanaa bu’aa qabeessa ‘positive’ ta’a. Biyyooti omisha gatiin rakasa biyya alaatti gurguranii kan gatii miyaawaa alaa bitan madaalliin daldalaasaanii ‘negative’ ta’a.

Haala kanaan biyyooti hiyyeeyyiin akka Xoobbiyaa shaqaxa dheedhiifi gatii rakasaa kan alatti ergan yoo ta’u, kan biyyatti galchan maashinaroota gatii guguddaa baasaniidha. Omishaalee waarshaan dhaluudha. Kanaaf kan gatii rakasaa gurguranii kan gatii miyaawaa alaa galchu. Kanaaf madaalliin galiisaanii yeroo baayyee ‘negative’ ta’a. Kana jechuun sharafa biyya alaa hedduu baasisa. Meeshaan alatti gurguran sharafa alaa xiqqaa argamsiisaaf. Kanaaf yeroo hunda hanqinni sharafa alaa ni quunnama.

Asirratti maallaqni biyya alaa karaa daldalaa qofaan hingalu. Liqiidhaan, deggersaan akkasumas hawwaalaafi haalleen kana fakkaataniin galuu mala. Karaa kamiinuu galu guddina dinagdee biyya tokkoo keessatti gahee guddaa qaba. kanaafuu, sharafa biyya alaa karaa adda addaatiin argamu biyyooti ni too’atu. Sirnaan hojiirra oolchu. Kan biyyi keenya gochaa jirtus kanadha.

Biyyi keenya biyyoota hanqina sharafa alaatiin rakkatan keessaa ishii tokkoodha. Waraanni ganna lama lakkoobsisuuf deemu sharafa biyya alaa ishii xiqqishuu biyyi qabdu soorataa jira. Maashinarooti waraanaaf oolan sharafa alaa guddaa nyaatu. Kana malee yeroo akkanaa kana yakki adda addaa karaa faayinaasii ni raawwata. Malaammaltooti maallaqa hataniin sharafa alaa kan akka doolaariifi yuuroo bitanii ni dhoksu. Doolaara gabaa seeran alaa keessaa bitanii ukkaamsu. Waantoota xixiqqoo fedhii bu’uuraa ummataa hinguunneef sharafi alaa ni ba’a. Kanaan dinagdeen biyyaa akka hubamu ta’a. Shirawwan akkanaa kana to’achuun qooda mootummaa ta’a. Kanaaf, tarkaanfiin akka biyyaatti jidduu kana fudhatame sirriidha. Wuuskiirra xaa’oof, maastikaarra qorichaa nama fayyisuuf oolchuun sirriidha.

Gama sharafa alaatiin walqabate ilaalchisee mootummaan tarkaanfii dinagdee kan biroollee fudhachuu ni qaba. Bittaa biyya alaa ilaalchisee shaqaxoota fedhii bu’uraa hintaane kan biroo qo’annoorratti hundaa’ee yeroof qoqqobbii irratti gochuun ni barbaachisa. Omishaalee alergii baayyinaafi qulqullinaan dabaluu qaba. Omishaalee sharafa alaatiin biyya alaatii galan biyya keessatti omishuuf yaaluun, ‘import substitution’ rakkoo sharafa alaa hiikuuf ni gargaara. Hojii guddaan yakkawwan faayinaansii sharafa alaa wajjin walqabatan qorachuufi hordofuudhaan akka dhaabbatu ykn xiqqaatu taasisuun hojii yeroon kennamuufi hinqabneedha. Qaamolee daldala sharafa alaa seeramalee ta’erratti hirmaataan irratti to’annoo gochuunis barbaachisaadha.

Gama kootii tarkaanfiin qoqqobbii sharafa alaa yeroof mootummaan shaqaxootaarratti taasise nan deggera, biyya zayitii nyaataa dhabdee rakkattuuf maastiikaan fedhii bu’uraa hinta’u. Biyya qonnaan bulaan xaa’oo dhabaa jirutti doolaarri bittaa wuuskiitiif ramaduu dhorkuun waan sirriidha. Yoo namatti tole… haaddatu jetti makmaaktuun.

Torban walitti deebina; Hammasitti nagaya!

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You