Nageenyi waan hunda. Nageenyi jireenya. Nageenyi misooma. Nageenyi guddina. Nageenyi tasgabbiidha; nageenyi waliin jireenya. Kanaaf nageenyi waan hunda kan jedhamuuf.
Biyyi Xoobbiyaa jedhamtu tun seenaanshii hedduun nageenya caala waraanaan kan walqabateedha. Waraanni keessatti bara hedduuf gaggeeffameera. Qaama daangaa cabsee alaa dhufe waliinis waraanni gaggeeffameera.
Waraanni jaalatamee itti galame ni jira. Akkasuma waraanni osoo hinjaalatiin itti galames ni jira. Jaalatanis ta’ee osoo hinjaalatiin waraanni itti galamu bu’aasaarra miidhaasaatu caala. Kanammoo- haala adda addaatiin agareerra.
Hubaatiifi faayidaa waraanaa lammii biyya kanaa caala dubbachuu kan danda’u waan jiru natti hinfakkaatu. Kana yoon jedhu waraanni biyyoota biroo keessa hinjiru jechuukoo miti. Biyyoota waan hundaan duubatti harkifatan kanneen akka biyya keenyaa dhiisii biyyoota biroo kanneen guddatan, teknolojiidhaan ammayyaa’an jedhaman biras waraanni kallattiinis ta’e al kallattiidhaan inuma jira. Kan akka biyya keenyaa garuu waan jiru natti hinfakkaatu. Yoon dogongore nan sirraa’a. Garuu sababan jedheefan qaba.
Fagoo hindeemu. Waanuma umurii jireenya kootii keessatti argeefi dhagahen akka fakkeenyaatti kaasa.
Gadaa xiqqoon duubatti isin deebisa. Bara Darguun isin geessa. Darguun qabsoo ummataa buteetu aangoo kore. Gaaffii ummataa kan dura qonnaan bulaafi barattooti kaasaa turan ofitti fudhatee deebii imaammataa tokko tokko kenne. Fakkeenyaaf lafa abbaa lafaarraa fuudhee qonnaan bulaaf kenne. Iyyeessaafi dureessa walqixxeessuuf yaalii godhe. Kaayyoo Darguu ta’uu baatus hojiirra ooluunsaa gaariidha.
Garuu Darguun qabsoo ummataa butee fudhachuusaatiin nagaan aangoorra hinturre. Dura lammiidhuma biyya kanaatu maqaa addaddaa moggaafatee itti ka’e. Kanaanis dhalooti waltumaa ture. Hiika waraanaa ykn walwaraanaa guutuus, guutuu dhiisuus dhalli namaa meeshaa walitti luqqifatee dhaloota tokko biyyee jala oolche. Gama lamaaninuu kan walitti dhukaasaa ture lammii biyya tokkooti. Obbolaafi obboleettiitu murna gargarii keessatti gurmaa’ee haaduu qawwee walirratti harkisaa ture. Maatii mana tokkootu wal ajjeesaa ture. Haala kanaan dhalooti bara 60 keessa turan kan walmuxuxxeessan.
Warri keessaa osoo ofii walfixaa jirtuu diinni alaan biyyattiitti dhufe. Humna dadhabaa ofii waldadhabsiise kana haala salphaadhan burkuteessanii lafa irraa kutachuuf Somaaleen karaa bahaa dallaa cabsitee galte.
Humni keessatti waldadhabsiisaa ture sun akka laayyotti waraana biyya Somaalee ofirraa qolachuu hindandeenye. Somaaleen Harargee waliin geessee hanga Mi’eessootti dhufte. Akkuma hintaanetti humna birmannaa biyyoota michuutiin waraana Somaalee ofirraa deebisuun danda’ame. Kana keessatti kan bade, kan gubate, kan manca’e lammii biyya kanaati; qabeenya biyya hiyyeettii kanaati. Keessumattuummoo ilmoo hiyyeessaati.
Gaafa Darguun waraana Ziiyaadbaarree, Pireezidaantii biyya Somaalee kan yeroo sanaa, ofirraa deebisu finciltooti biyya keessaa humna godhatanii cimanii isa eegan. Dargaggooti dhumaatii qabsoo ‘EPRP’, “EDU’, AESM ykn Meison’, ‘EOPP ykn Icat”fi kkf irraa hafan bosona galanii qabsoo hidhannoo jalqabanii eegan. Isaan dura bosona mandhee kan godhatan kanneen akka Shaabiyaa, Jabahaa, TPLF ammoo caalatti leenji’anii humna namaafi meeshaatiin cimanii Darguu boqonnaa dhorgan.
Haamilee injifannoo waraana biyya Somaaleetti gargaaramee keessaayuu riphee loltoota akka “EPLF ‘fi ‘TPLF” balleessuuf carraaqqii guddaa taasisus osoo hinmilkaa’iin hafe. Xumurarratti Darguun mo’ame. ‘TPLF’ dhuftee Finfinnee qabatte. “EPLF’iin ‘TPLF’ Finfinneen gahee dafee Asmaraatti deebi’ee biyya Ertiraa jedhamtu hundeessee lakkoobsa biyyoota addunyaarratti tokko dabale.
Seenaa ibsuufi miti kanan irra uutaalaa waa kakaase. Darguun waggoota 17f biyya kana bulche. Waggooti 17nu bara waraanaati. Bara ofiif walwaraanne; bara diina alaa waraanne. Kana keessatti dhala namaa lubbuu dhabe tilmaamaa. Qabeenya manca’e lakkaawaa. Jiruufi jireenya lammii kan jeeqame itti dabalaa. Midhaa xiinsamuu ummataallee tilmaama keessa galchaa. Bu’aafi kisaaraasaa walbiratti ilaalaa. Waraana irraa maal araganne? Waraana waggoota 17 guutuu adeemsisame kanarraa maal dhabne? Akka hubanneefi akka nuuf galetti tilmaamuun gaariidha. Haala kamiinuu garuu bu’aasaarra kisaaraasaatu madaala kaasa. Kan irraa argannerra kan itti dhabnettu baayyata. Kanaafi, filannoon nagaa caalu kan hinjirreefi.
Bara Wayyaaneetti isin haa ceesisu. Wayyaaneen akkuma Finfinnee qabateen nagaa hinarganne. Keessa keessa ummati ofitti hinfudhanne. Gama kanaan kan wayyaanee fuuldura dhaabbate ummata Oromooti. Kuunis kan mormii yayyaale ni ture. Garuu ummati Oromoo injannoofi kutannoodhaan fuuldura dhaabbate. Wayyaanee wareegama hedduu kaffalchiisee ofiifis wareegama guddaa itti baase. Kanaan gama lamaaninuu namoota hedduutu dhume.
Bubbulee waraanni Xoobbiyaafi Eertiraa jalqabame. Waraanni hammaataan akka waraana Xoobbiyaafi Eertiraa akka lafa kanarra hinturre beektooti baay’een irratti barreessaniiru. Anillee dhimma kana akka naqaashii nama ragaa bahuu danda’uudha. Qaaman irratti hirmaadhee ija kootiin argeera. Waraanni maal akka ta’e kanan hubadhe yeroo sana. Bakka dhalli namaa jiruufi fedhiin namaa hi’ruu ta’etti waraanni gara fuulduraas jiraachuunsaa akka hinoolle naaf gala. Garuu yoomiyyuu waraanni lafa kanarratti gaarii hinta’u.
Wayyaneen yeroonshii gahee eddii aangorraa gombifamtee waggaan afur lakkaawameera. Kufaatii wayyaanetiin ummati biyya kanaa guddaa gammade. ‘Yeroo nagayaa; yeroo foyya’aan kan waliin jireenyi itti cimu, kan misoomni itti lalisu, yeroo hiyyummaa keessa itti bahamuudha’ jedhamee yaadame. Garuu hintaane.
Keenya wanti hedduun maraammartoo keessaa hinbahu. Naanna’ee bakkuma duraatti deebi’a. Kunoo ammas eddii waraanni jalqabamee waggaa lamaaf deemamaa jira. Yeroo ammaa kana babal’achuusaarran kan ka’e eenyu akka eenyuun lolu, akka eenyu waraanuu ija dhabaa jira. Qaamni mootummaarratti ka’e ‘TPLF’ qofaa miti. Kanneen biroos akka jiran dhoksaa hinqabu; ofiinuu of himaa jira. Gama biraatiin biyyooti ollaafi kan fagoo karaa adda addaatiin waraana biyya keessatti adeemsisamaa jiru kana keessatti harka naqachaa jiru. Kunimmoo caalatti kan bal’isu malee kan fala fidu natti hinfakkaatu. Haalli jiru bitaa namatti gala. Akkamiin maraammartoo kana keessaa bahama laata?
Ka’umsi koo biyyi kun bara dheeraaf waraana keessa turuushii, waraannis mootummaarraa mootummaatti darbaa dhufuusaa mul’isuuf qofaa miti. Sababa waraanaa kanaan biyyattiin waan dhabde herregdee gara furmaatatti deemuu akka qabdu yaada koo kaasufani.
Gama kanaan ammas rakkoo keessoo keenyaaf qawween fala hinta’u yaada jedhun qaba. Qaamni kamiyyuu kan qawwee harkaa qabu qawween biyya kanaaf fala akka hintaane waggoottan 50 darban duubatti deebi’anii ilaaluu qabu.
Fallisaa tokkofi tokkoodha. Nagaa buusuu, rakkoo keessoo karaa nagayaatiin hiikuu. Odaa jalatti deebi’anii mari’achuu, kennanii walirraa fudhachuu, sirna dimokiraasii cimaa ijaaruun barbaachisaadha. Kanaaf, qaamoleen hidhatanii lola keessa jiran marti afaaniin qofa osoo hintaane qalbiidhaan, beekumsaafi sammuudhaan gara marii nagayaatti dhufuu qabu. Nageenyaan ala filannoon biraa hinjiru. Akkuma beektoti jedhan xumurri waraanaas mariidha.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014