Dhibeewwan daa’immanii dhibee waliin walqabatan

Daa imni tokko erga dhalatee miseensa maatii ta’e eegalee akkuma nama hundaa mirga nama tokkoof kenname ni qaba. Dabalataanis sadarkaa guddina qaamaafi bilchina sammuu inni irra jiru ilaalcha keessa galchuun kunuunsa adda addaa akka isa barbaachisu beekamaadha. Haa ta’u malee waggoota muraasa jalqabaa gama hundaan guutummaa guutuutti kunuunsa isaan barbaachisu argachuun fayyaafi guddina qaamaa, akkasumas jireenya isaanii gara fuula duraa gaggeessuuf kan isaan barbaachisu, kan akka dandeettii dubbachuu, qaroomina sammuufi beekumsa haala ittin naannoo isaanii waliin jiraatan horatan hunda caalaa maatii isaaniirraa argatu.

  1. Giinga’uu (Stuttering)

Giinga’ uun rakkoo dubbachuu ta ee, amala gurguddoo afur qaba.

Isaanis-

  • Jalqaba jechaa irra deddeebi’uu.
  • Sagalee dheeressuu.
  • Dubbi gidduu gidduudhaan hima tokko keessatti dhaabuun itti fufuu.
  • Jecha jalqabaafi gidduutti dhaabuun itti fufuun eegaluuf humnaan fayyadamuudha.

Ijoolleefi namoonni dhibee kana qaban akka salphaatti dubbatanii yaada isaanii ibsachuu waan hindandeenyeef amala ofitti aaruu, gad ofbuusanii yaaduu, dubbachuufi haasa’uu jibbuu qabu.

Akkasumas hiriyoota isaanii birattillee akka dadhabinaatti ilaalamuu, ittiin qoccolamuufi arrabsamuun isaan mudata. Sababa kanaaf ijoolleen rakkoo akkasii qaban dhibee kana dandamatanii waliin jiraachuuf amala adda addaa agarsisu (fayyadamu).

Isaan keessaa muraasni-

  • lja keessa ilaaluun dubbachuu jibbu (loss of eye contact),
  • Yeroo dubbatan harkaafi mataa asiif achi sochoosuu,
  • Dafanii dafanii ija libsachuu,
  • Sagalee dheeressuufi guddisuu,
  • Dhiphachuufi tasgabbaa’anii dubbachuu dhabuu,

Dhibeen kun bakka tokko tokkofi haala tokko tokko keessatti isaan rakkisa.

Wantoota dhibee kana cimsan keessaa gurguddoon

  • Bilbilaan haasa uu,
  • Maqaa isaanii waamuu,
  • Bakka namni baay’een jirutti dubbachuu,
  • Dhibee kana dhoksanií dubbachuuf yaaluu
  • Yeroo aaraniifi baay’ee gammadanii dubbatanidha.

Giinga’uun gosa lamatu jira.

  1. Kan umurii ijoollummaa (developmental stuttering):-

Kun daa’imman waggaa 2-5 yeroo itti dandeettiin dubbachuufi afaan baruu saffisaan guddatutti kan mul’atu ta’ee, daa’imman dafani afaan hinhiikkanne biratti caala.

ljoolleen waggaa 2 – 5 gidduu jiran dhibbantaa 10 ol kan ta’an amala giinga’uu qabu jedhamee yaadama. Akkasumas, ijoollee dubaraa caalaa dhiirota irratti harka sadii baay’ata.

Daa imman dhibbantaa 80 ol iraa waggaa tokko keessatti ofuma isaa deebi’ee bada.

  1. Giinga’uu dhibee narviin dhufu (neurogenic stuttering):-

Kun immoo erga balaa yookiin dhibee adda addaan sammuu namaarra ga’ee sababa hariiroon ajaja sammuu iraa gara qaama dubbachuuf nu gargaaran kanneen akka arrabaafi afaanii miidhanii kan uumamudha.

Daa’imman dhibee kana sababa umurii ijoollummaan godhatanif wantota maatin gochuu qaban:-

  • Bifa dheekkamsaafi adabbiin sireessuu yaaluu dhiisuu.
  • Suuta itti dubbachuufi akka isaan suuta dubbatan gochuu
  • Yeroo isaan dubbatan gidduutti adda kutuu dhiisuu.
  • Waliin dubbachuun akka isaan dubbatan shaakalchiisuu.
  • Akka daa imman sababa kanaan of hinjibbineefi akka isaan itti hinqaanofne jajabeessuu.
  • Wanti kun kan ji’a ja’aafi isaa ol irra turuufi kan hinbadne yoo ta’eefi daa’ imman sababa kanaaf dubbachuu sodaachufi dhiisuu yoo godhatan ogeessa fayyaa mariisisuu.

Walumaa galatti daa imman dhibee akkasii godhatan maatii keessa kan ijoollummaan qabamanii fayyan ta’e carraan baduu isaa olaanaadha. Maatii keessa kan dhibee kanaan hanga dargaggummaafi guddatutti qabaatu yoo ta’e carraan baduu isaa gadaanaadha. ljoolleen dubaraa warra dhiiraa irra carraa isaan dafanii bilisa ta’uu olaanaadha.

Daa’ imman dhibeen kun umurii waggaa sadii booda jalqabe kanneen waggaa sadii dura jalqabe irra carraan baduu dhiisuu olka’aadha.

  1. Sobuufi Hatuu

Sobuu

Daa’imman sababa adda addaan sobuu danda’u.

Daa’imman hanga waggaa afuriitti kan soban dursanii itti yaadanii yookiin kan badii raawwachuuf qindaa’e osoo hinta’iin:-

  • Qoosuu barbaaduun kanka’e.
  • Miira maatiin agarsisan ilaaluufi ta ‘uu danda’a.
  • Daa’imman umurii kanaa wanta qabatamaa jiru dhiisuun fedha

yaada isaanii keessaa baasuun haasa ‘uu fkkf dha.

Umurii waggaa shanii booda garuu sobuun

  • Bifa balleessaa raawwatan tokko ofitti fudhachuu dhiisuun itti dhoksuu yaalani
  • Bifa ittí adabbii sababa dalagaa sirrii hintaane raawwataniin dhufuu danda’u jalaa ittiin ba’uu yaalanidha.
  • Maatiin ykn namni isaan akka fakkeenyaatti fudhatan yeroo hedduu ni soba yoo ta’e.

Daa’imni yeroo hedduu sobu, dabalataan amaloota badaa kanneen akka hannaa, mana barumsaa irraa baduu, nama arrabsuu ykn loluu baay’isa taanaan dhibee xiinsammuu qabaachuu danda ‘a.

Daa imman sobuu baay’isan sirreessuuf wantoota maatiin gochuu qaban,

  • Yeroo daa’imman soban hunda eeguun itti dheekkamuu dhiisuun wantoota (fkn…amala maatiif) akka daa’imman sobaniif ykn dhugaa hindubbanneef saaxilan adda baasuu yaaluun sirreessuu.
  • Bifa wanta barbaadan tokko eyyamsiisanii itti argachuu danda’an mijeessuu malee gocha isaan osoo hineeyyamsiisiin raawwatanii sobaan irratti xiyyeeffachuu dhiisuu.
  • Yeroo isaan soba dubbatan qofa osoo hinta’iin sagantaa dhaabbataa itti maatiifi daa imman waliin marii godhan qabaachuun wantoota ta’uu hinqabne, wantoota ta’uu danda’an akkasumas balleessaa raawwatan tokko sobaan dhoksuu yaaluun balleessaa raawwatan sana caalaa akka sirrii hintaane barsiisuu.

Daa imman yeroo hedduu soban dhiisisuun wanta salphaatti dhaabatu waan hintaaneef maatiin obsaan irra deddeebi’ani sirreessuu yaaluun barbaachisaa dha.

  1. HANNA

Daa’imman hedduun yeroo ta’etti wanta ta’e ni hatu. Umuriin ijoollummaatti kun bifa itti waan isaaniif hineyyamamne tokko argatanidha.

Yeroo daa’imni tokko wanta isaa hineyyamamin fuudhu arginutti itti dheekkamuu osoo hintaane akka carraatti fayyadamuun osoo hineyyamsiisiin fudhachuun gocha sana caalaa akka gaarii hintaane barsiisuun bifa itti wanta barbaadan gaafatanii argachuu yookiin immoo maaliif akka hinarganne baruu danda’an mijeessuudha.

Daa’imman umuriin mana barnootaaf ga’an olitti immoo hanni bifa itti wanta hedduu irraa maatiinis ta’e namoota biroon baay’inaan dhorkaman irra aanuu (mo’achuu) yaalanidha. Akkasumas bifa ittiin fedhasaanii guuttachuu danda an ta’uu eegala. Akkasumas gocha akkanaa nama isaanii oli irraa barachuu danda’u.

Maal fuute/hatte/? jechuun akka isaan soba dubbataniif karaa banuu osoo hintaane akkati meeshaa kana fuute argeera/bira ga’eera, bakka akkasitii fuute, amma deebisi jechuun deebisiisuu. Yeroo isaan deebisan akka baay’ee jaallattan itti himaa gara fuulduraatti garuu gochaa kana itti hindeebi’in jechuudha.

Bakka biraatii (manaa alatti) kan hatan yoo ta’e meeshaa sana yookiin qarshii bakka buusuun dhiifama gaafachuun akka deebisan gochuu.

Kitaaba Bu’uura Fayyaa daa’immanii irraa kan fudhatame

Fayyaa hindhabinaa!

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014            

Recommended For You