Jidduu kana waraabbiin barreeffama tokko miidiyaa hawaasaarra deddeebi’aa jira. Barreeffama ciccitaadha. Mataduree irratti hinagarre. Toora maqaa namootaa qaba. Mallattoowwan irratti mul’atu. Barreeffama dhugaa ykn sobaa ta’uusaa hinbeeku. Garuu qaboo yaa’ii akka ta’e feesbuukiin ni himti. Qaboo yaa’ii kaabinee Magaalaa Finfinnee kan barumsa Afaan Oromoo ilaalchisanii murteessan.
Barreeffamichi dhugaa ta’ee dhiisuun waan biraati. Dhimmi barreeffamarratti ka’e garuu dhimma guddaadha. Kallattiin Oromoota Finfinnee keessa jiraatan haa ilaallatu malee dhimma ummata miliyoona 50ti. Waan kanarratti deddeebi’e barreesseera. Boris nan barreessa. Amma dhugaan abbaa dhugaatiif deebi’utti.
Oromoo marti keessattuu Oromooti Finfinnee keessa jiraatan gaaffii qabu. Gaaffiinsaanii “Bakka ijoolleen keenya itti baratan nuu mijeessaa” kan jedhuudha. “Manneen hojii mootummaa magaalattii keessa jiranitti afaan keenyaan fayyadamuu qabna” kan jedhuudha. Ummati Oromoos “Magaalaa muummee keenyatti keessumaa ta’uu hinqabnu” gaaffii jedhu kaasa.
Gaaffiinsaanii kan bara mootummaa ce’umsaatii (1984) eegalee ka’aa jiruudha. Ummatichi ijoolleensaa afaan ofiitiin akka baratan gaafata. Ofiifis manneen hojii mootummaa keessatti ittifayyadamuu gaafata. Gaaffii waggoota dheeraaf deebii hinarganneedha. Haqni bubbultemmoo hanga didamteedha jedhu beektoti. Amma garuu dagatamuu hinqabdu.
Dhimma kana duubatti deebinee haa ilaallu. Wayyaaneen gaaffii Oromoota Finfinnee siyaasaaf ittifayyadamaa ture. Akkuma dhufaniin manneen barnootaa mootummaa magaalaa Finfinnee keessatti hawaasni Qubee Afaan Oromoo haala idilaawaa hinta’iniin akka baratan hayyamtee turte. ‘Addiis ababee’ ittiin sodaachifachuuf. Booda gaafa tasgabbaa’an dhorkan.
Filannoon bara 1997 waan biraa dhale. Wayyaaneen Oromoofi Afaan Oromoo tarsiimoo qabsoo godhatanii as deebi’an. ‘OPDO’ magaalaa Finfinneetii hari’an magaalaa Finfinneetti deebisan. Magaalaa muummee Naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinneetii Adaamatti furguuggatan Finfinneetti deebisan. Manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessatti akka ijaaraman lafti kenname jedhanii odeessanii ‘Addis Ababee’ ittiin sodaachifatan. Ammas gaafa tasgabbaa’an akkuma amalasaanii sagaleensaanii bade.
Barri deebi’ee dhufe. Amma qabsoon Oromoo cimte. Qeerooniifi Qarreen qabsoo finiinsan. Gaafa kana lafa waggaa hedduu duwwaa taa’erratti manneen barnootaa akka ijaaraman ta’e. Garuu qabsoo Qeerroofi Qarree hin dhaabne. Qabsoonis itti fufe; ijaarsi manneen barnootaatis itti fufe. Haala kanaan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa afur Magaalaa Finfinnee keessatti ijaaraman.
Qabsoo kana keessa Manni Barnootaa Jeneraal Taaddasaa Birruu kan Gullalleetti argamu, Manni Barnootaa Jeneraal Waaqoo Guutuu kan Jamoo (Beetelitti) jiru, Manni Barnootaa Gaara Guurii kan Ekkaatti ijaarame, Manni Barumsaa Burqaa Waayyuu kan kutaa magaalaa Nifaas-silk Laaftoo jiru dhugooman.
Bara 2009ti eebbifamanii ijoollee Oromoo barsiisuu eegalan. Waqtii jijjiiramaa sanaafi ho’iinsa kennan; amaamota ta’aniif. Booda garuu dagataman. Kan ummatatti himaniifi kan dhugaan mul’ate garaa gara ta’e. Oromiyaarraa fuudhamanii Finfinneetti kennaman. Yeroo ammaa kanammoo garmalee dhiibamaa jiru. Hanqina hedduu akka qaban himama.
Saaqamuun manneen barnootaa kunniinii hanga tokko gammachuu uumaniiru. Garuu gaaffii ummata Oromoo hindeebisne. Kutaa Magaalaa 11fi, Finfinnee hagas bal’attuufi baay’ina jiraattotaan ukkaamamteef manni barnootaa afur umaa jechuu miti. Kanaaf ammas ummati dhiyeenyatti mana barnootaa afaansaatiin ijoolleesaa itti barsiifatu gaafachaa jira.
Sababa kanaan bulchiisti magaalichaa tarkaanfii tokko tokko jalqabeera. Bara taree eegalee manneen barnootaa mootummaa tokko tokko keessatti Afaan Oromootiin barsiisaa jira. Tarkaanfiin kun mirga saba kamuu kan dhiibee miti. Garuu warri bare iyyaa jira; iyya hanga gumaa xaafii haqa hinqabne.
Ana kan na dhibaa jiru waan tokko. Oromoon Magaalaa Finfinnee kana keessa jiraatu mirga hinqabuu? Finfinneen qe’ee Oromoo mitii? Oromoon gibira hingabbaruu? Magaalaa muummee Oromiyaa, Finfinnee mitii? Oromoon gartokkee biyya kanaa ta’u manneen hojii Finfinnee keessatti afaansaatiin yoo fayyadame cubbuu qabaa?
Akka ilaalcha kootti gaaffiin ummataa dafee deebi’uu qaba. Kanaaf, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ammuma itti yaaduu qaba; osoo barnooti bara 2015 hinjalqabamin dura. Gaaffii ummataa kana deebisuuf hojiiwwan armaan gadii hojjatamuu qabu jedheen yaada.
Hubannoo uumuu: Altokko tokko namooti osoo hinbeekiiniifi hinhubatin shiraan butamuu malu. Warri ijoolleen Oromoo akka afaansaaniitiin hinbaranne morman, gadi bahanii ijoollee dhagaadhaan reeban, kanneen alaabaa Abbaa Gadaa buusanii dhoqqeefi awwara keessa harkisan, kanneen guban,… hubannoo gahaa dhabuurraa ta’uu mala jedhanii karaa qajeelloo yaaduun sirrii ta’a.
Jarreen kunniin yoo hubannoo gahaa argatan gocha mirga namaa dhiibu, kan seeraan isaan gaafachiisu kanarraa dhaabbachuu danda’u. Maatiinis ijoolleesaa gorsuun karaa qajeellootti akka deebi’an taasisuu malu. Kanaaf, ammumaa eegalee, karaa caasaa mootuummaatin akkasumas karaa miidiyaatiin mirga namaa dhiibuun akka sirrii hin taane hubbannoon uumamee bal’a gara fuulduraatti dhufu xiqqeessuufi hambisuu ni danda’ama. Kanaaf qaamoti dhimmi ilaalu, raayyaa sooshaal miidiyaa dabalatee, gama kanaan ammuma duula osoo jalqabanii gaariidha.
Kutaa barattootaa addaan qooduu: Ijoolleen Oromoo manneen barnootaa mootummaa keessatti afaansaanitiin barachuuf mirga guutuu qabu. Baayyinaan xiqqoo yoo ta’anillee. Waanuma salphaafi baacuu keessa ijoolleen akka walitti hinbuuneefi warreen jeequmsi akka uumamu araadaniif karaan akka hinuumamne manneen barnootaa keessatti dareen ijoolleen Oromoo itti barattu osoo kophaatti dalleeffamee gaariidha jedheen yaada. Achitti halluu fedhaniin, alaabaa fedhan faarfatanii akka dareesaanii galan guchuun rakkoo hanga tokko ni xiqqeessa.
Olaantummaa seeraa kabachiisuu: Seeratu namaa oli malee namni seeraa ol hinta’u. Gama kanaan jiraattoti Oromoo Magaalaa Finfinnee keessa jiraatanis ta’ee ijoolleensaanii haqa qabu; haqa afaansaaniitiin barachuu. Haqa aadaafi seenaasaanii dagaagfachuu. Haqa nagayaan bahanii nagayaan galuu. Barattoota saba biraa fiixeetti bahan qofa osoo hintaane barsiistota kaayyoo siyaasaa qabatanii manneen barnootaa jeeqaniifi finxaaleyyii alaala taa’anii manneen barnootaatti beenzila erganirratti tarkaanfii cimaa fudhachuudha. Duraan dursee seera kan kabachiisuu qabu mootummaadha. Yoo mootummaan didemmoo ummatichi ni kabachiifata. Kanaaf, bulchiinsi Magaalaa Finfinnee olaantummaa seeraa kabachiisuuf ni dirqama. Gama kanaan mootummaan itti qophaa’uu qaba.
Manneen barnootaa Afaan Oromoo babal’isuu: Osoo baratooti waliin jiraatanii aadaa, seenaafi beekumsa walii qoodanii waliin guddatanii ni filatama. Kan biyyaaf ta’us kanuma. Garuu haala amma jiruun finxaaleyyiin kana fudhachuu hinfedhan.
Kanaaf, manneen barnootaa magaalattii keessa jiran adda qoodaanii kaan mana barnootaa ijoolleen Oromoo bilisummaafi nagaadhaan itti baratan taasisuudha. Kana saba biraas akkanuma. Aanaa tokko keessa manni barnootaa lama yoo jiraate tokko kan Afaan Oromoo taasisuudha. ‘The worst case scenario’ jedhu faranjooti. Kun booda eenyu akka miidhu ni hubatama.
Nuti silaa ajandaa keenya dagannee walitti duulaa jirra. Ani garuu gaaffiin mootummaaf dhiheessa. Mootummaan Finfinnee ilaalchisee gaaffii saba Oromoo dafee deebisuu qaba. Finfinneen handhuura Oromooti. Oromiyaa keessa jirtis. Kanaaf Oromooti magaalattii keessa jiran mirgi afaansaanitiin barachuu kabajamuu qaba. Afaan Oromoo afaan hojii dabalataa magaalattii ta’uu qaba. Kunimmoo yeroo fudhachuu hinqabu.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014