Gama maraanuu of dagachuu dhiisuu
Ganni seenee ji’a tokko irraa rukutuuf guyyaa muraasatu nu hafe. Akka dhaha yerootti ganni kan seenu jalqaba baatii Waxabajjiirraa eegalaeeti. Ganni kan bahummoo Qaam’ee bariidha. Guyyooti Waxabajjii tokkorraa eegalee hanga dhuma Qaam’eetti jiran guyyooti 95 guyyoota gannaati.
Akka lakkoobsa naannawa ani itti dhaladheetti ganni kan seenu “Mikaa’ila Shaneetti”. Gaafa Waxabajjii (Shanee) 12 jechuudha. Kan bahummoo gaafa Masqalaati. Gaafa Fulbaana 16. Guyyooti jidduu kana jiran gara guyyoota 100tti siqu. Kan dhaha waqtii sanarraa kanatu dhugaatti siqa.
Waaqni kan sirriitti roobuu jalqabu “Mikaa’ila Shanee” boodaadha. Kan Caamummoo ayyaana masqalaatti. Guyyaasan ibsuuf loon waareetti bobbaasu. Bara gadhee kana keessa Waaqayyo ganna gurraacha nagahaan nu baasee booqaa birraatiin nu haa gahu. Nama lubbuun hora Finfinneefi Arsadiitiin nu haa gahu. ‘Ameen!”
Waanan waqtii gannaa kaaseef anuu hinbeeku. Akkasumatti garuu waan natti ulfaatutu jira. Haalli biyyi tun keessa jirtu boru jiraachuu keetiif wabii sii hinkennitu. Kan bakka addaatti dhala namaarra gahaa jiru kun tokko tokkoon keenyarra ykn maatii ykn fira keenyarra wanti hingeenyeef hinjiru. Kan nufuuldura jiru ganna. Ganna dukkanaa’aa dheeffanii jalaa hinbaane reebanii kan itti hindhaqabne.
Makmaaksi “Ganniifi niitiin deessu osoo jibbanuu nama badhaasu” kan jedhu tokko ni jira. Ganni yeroosaatti rakkoodha. Yeroo qonnaan bulaan waan harkaa qabu facaafatee of harkaa fixuudha. Yeroo waan gabaatti dhiheessu osoo hinta’in waan ofiifi maatiisaa nyaachisu dhabuudha. Kana malees kan yeroo dhukkuboota daddarboo adda addaatiif itti saaxilamuudha. Yeroo biyya keenyatti namni qoonqoofi dhibeedhaan hubamuudha. Ragaasaa of harkaa hinqabu malee duutillee kan baay’attu ganna keessa natti fakkaata.
Ganna kanaan walqabatee magaalaa Finfinneetti wantooti tokko tokko mul’achaa jiru. Ijoollee xixiqqoo galoon nyaachaa jira. Sababa qaala’iinsa jireenyaatiin maatiin daandiirratti bahan guyyaa guyyaan dabalaa jira. Fayyaa namaarratti rakkoowwan tokko tokko mul’achaa jiru. Namooti utaalloofi waantota adda addaatiin dhukubsatan biiroofi naannawa keenyatti argaa jirra. Anumaafi hiriyaa koo tokkollee akka dhaqna nucaccabsuufi mataan nu dhukkubuu ta’eera. Osuma dhimma kana kaasnee haasofnuu waa’ee koviid-19 kaasne. Anis isuma bu’uura godhee yaada tokko tokko isinii dhiheessuun yaala.
Bara kovid-19 addunyaa weerare sana haasofti nama guddaafi ijoollee, kan beekaafi wallaalaa ajandaa kana ture. Namooti akkuma dhiheenyasaaniitti miidiyaa adda addaatti gurra qabaa ture. Dhimmichi waan lubbuu waan ta’eef xiyyeeffannaa addaatu kennamaafii ture.
Ofumarraa haa ka’u. Guyyaatti fuula feesbuukii Doktar Liyaa Taaddasaa, Ministira Fayyaa Xoobbiyaa, osoon hinilaalle hinoolun ture. Namoota guyyaa guyyaan dhukkuba hamaa sanaan qabaman, kan lubbuun darbe, kan yaala addaa keessa jiran, kanneen dandamatanii hospitaalaa haala ifa ta’een guyyaa guyyaadhaan dhoobaa turte. Namni heddumminaan fuula feesbuukii kana akka hordofaa turan nan yaadadha.
Amma maalirra akka jiru hinbeeku. Anis eddiin fuula sana ilaaluu dhiisee tureera. Gabaa feesbuukii keessaallee baheera. Garuu koviid-19 biyya keenyaa badeera moo jira? Sadarkaan irra jiru maal fakkaata? Fuula ragaa amanamaa qabu kan Doktar Liyaafi marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ilaaluuf yaaleera.
Fuula feesbuukii Doktar Liyaa yoon mobaayila kiyyarraa saaqu halluufi unkisaa akkuma duriiti. Fuulicharratti wanti jijjiirame hinjiru. Ishiinis akkuma yeroo duraa sanatti odeeffannoo kennuu itti fufteetti. Odeeffannoo ummataaf kennuun gahee ishiin akka aangoftuu mootummaatti qabdu keessaa isa tokko.
Matadureen barreeffamichaa “Ibsa haala koronaa biyya Xoobbiyaatti” kan jedhuudha. Guyyaan ragaan kun itti dhobbame Waxabajjii 21 bara 2014dha. Guyyaa kanatti namoota 3,913f qo’annoon laaboraatorii taasisame. Kanneen keessaa kan vaayirasichi keessatti mul’ate namoota 425.
Kanneen garmalee dhukkubsatanii kutaa addaa keessatti yaalamaa jiran namoota 4. Kanneen lubbuusaanii darbe namoota sadii. Kanneen dhukkubicha dandamatanii gara manasaaniitti galanimmoo namoota 102. Ragaa kanarratti hanga ammaatti biyya keenya keessatti namooti 7,535 dhukkuba kanaan du’aniiru. Akka ilaalcha kootti namooti koviid-19n lubbuusaanii dhaban kana caaluu mala.
Tattaaffii hanga ammaatti taasisameen namooti miliyoona 42tti siqan talaallii dhukkuba kanaa akka argatan ragaan kun ni ibsa. Baay’ina ummata biyyattii keessaa toora %35 ta’u. Kun waan gaariidha. Garuu gama kanaanis, haala dhiheessii talaalliin jiruun, namoota kanaa ol ta’aniif talaallii kennuun ni danda’ama.
Kan rakkoo ta’e ilaalcha gadhee ummata keenya keessa jiruudha. Talaalliin osoo jiru talaallii kana tola fudhachuuf fedhiin hin jiru. Tarii osoo maallaqatti jijjirame yaadni jedhu yeroo tokko tokko ni ka’a. Namni waan maallaqa itti baase amana yaada jedhurraa kan madduudha.
Gama biraatiin hiyyeessa kaffaluu hindandeenye akka jiru hubachuun barbaachisaadha. Kanaaf, hawaasti ammallee sababa adda addaatiin talaallii kana hinfudhatin yaadasaanii sirreeffatanii carraa kanatti gargaaramuu qabu.
Dhimma koviid-19n walqabatee jiru kanaan walqabsiisee osoonan miidiyaa asiif achi gaggaragalchuu oduu gaazexaa Riippoortar Afaan Amaaraarratti bahe tokko arge. Matadureen oduu kanaa namooti dhukkuba koviidiin qabamaa jiran dabalaa deemuu kan ibsuudha.
Tarii qorraa gannaa kanaan walqabatee babal’ataa jiraa laata jedheen odicha hanga dhumaatti dubbise. Sirriidha dabalaa jira. Bona tare oduu aagaa tokko dhageenyeerra. Hospitaalli Finfinnee keessatti koviid-19 yaalaa ture, Hospitaalli Ekkaa, alakan tokko dhukkubsattootarraa bilisa ta’ee duwwaa buleera. Amma garuu dhukkubsataan deebi’ee itti galaa jira. Kan nama yaaddessus kana.
Akka gaazexaan kun Ministeeraa Fayyaa eeree balballoomsetti namooti dhukkuba kanaan qabaman yeroo yeroon dabalaa jira. Namooti dhukkuba kanaaf saaxilamanimmoo irra caala namoota talaallii hinfudhatiniidha. Qaamni namoota kanneenii dhukkuba kana ofirraa ittisuuf anniisaa dhaba. Akkuma salphaatti dhibee kanaaf saaxilamu. Kanaaf of eeggannaa gochuu akka qabaniifi talaallii kana dafanii akka fudhatan dhaamsa dabarsaniiru.
Dhaamsa kun ogeessa fayyaarraa darbaa jira. Carraa jiru kanatti fayyadamuunillee gaariidha. Booda rakkachuurra dafanii talaallicha fudhachuun ni gorfama. Addunyaanis kan gochaa jirtu kana.
Koviid-19 ammas addunyaarraa hin badne. Altokko tokko gadi bu’a. Yeroo biraammoo ol ka’a. Akka ragaan dhaabbata fayyaa addunyaa ibsutti hanga Kibxata dheengaddaa sa’aatii 12:30 (6:30 PM)tti addunyaarratti namooti vaayirasii kanaan qabaman baay’innisaanii miliyoona 542fi kuma 188fi 789 dhaqqabeera. Kanneen lubbuusaanii dhabanimmoo Miliyoona 6 kuma 329fi 275 gaheera. Talalliin dhibee kanaaf omishame lakkoofsa biliyoona 11, miliyoona 981, kuma 689fi 168.
Kun maal ibsa? Dhukkubichi ammas addunyaa kanarraa hinbadne. Amala jijjiirratee yeroo adda addaatti namatti dhufa. Addunyaan to’achuuf carraaqqii guddaa taasisaa jirti. Talaalliiwwan omishamaa jiran kunniin dhukkubicha ittisuufi balleessuudhaafi. Garuu xiqqeessuufi dadhabsiisuu dandeetullee gutumaa guututti hin balleessine. Kanaaf Koviid-19 dhukkuba dafee addunyaarraa dhabamu akka hintaane hubanna. Kanaaf malli jiru of eeggachuu qofa.
Biyyi keenyas hanga humnashii tattaafachaa jirti. Kana waliin ummati of dagachuu hinqabu. Yoo du’aa kan karaa biraatuu nutti dhufu nu gaha. Kan ofiif to’achuuf ittisuu dandeenyurratti laafuun hin barbaachisu. Gara maraanoo of-eeguun gaariidha. Kanaaf yeroo gannaa kana koronaarraa of eegaa. Dhukkubattiin haalaafi humna namaa ilaalti.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014