Waan xiyyeeffannaa barbaaduuf xiyyeeffannaa

Maraammartoo jedha hawaasti. Yoo wanti tokko achi siquu didee bakkuma duraat­ti deebi’e. Daa’imtillee maraammar­too taphatti. Tapha giingoo naanna’anii bakka ka’anitti deebi’uu. Naanna’anii… naanna’anii… naanna’anii ifaajii hedduu booda bakkuma ka’anitti deebi’uu.

Akka biyyaatti maraammartoo keessa akka jiru natti dhagahama. Akka sabaat­tis maraammartoo keessaa bahuun waan dadhabame fakkaata. Kan nama dhuunfaas kanuma. Kan kalee walumaan balaaleffan­neefi abaarre har’a deebi’ee raawwatama. Kan dheengadda balaaleffanne deebi’ee dhufa.

Kun gama hundaan jira. Kan har’a balaaleffannuufi abaarru bori hindeebi’u je­chuuf waan ittiin mirkaneeffannu hinqabnu. Maalumaafuu ajjeechaa namoota qulqul­luu ciminaan nan balaaleffadha. Waaqayyo maraammartoo kana keessaa nu haabaasu, Waaqayyo nagaasaa nuuf haa buusu jedhee dhaammadheen gara dubbii ijoo koo kan haraatti darba.

Imalli yaada koo kan torbee kanaa gara Mana Maree Bakka bu’ootaa ummataa isin geessa. Gabaabumatti Paarlaamaa jechuu kooti.

Torbee kana paarlaamaan taa’ee ture. Ajandaa guddaa tokko ilaaluufi irratti mari’achiisuufi mari’achuuf. Ajandicha ga­baasa odiitara muummichaati. Gabaasti kun akkuma addunyaattuu gabaasa ijoodha. Kan mootummaan gurra kennuufi. Kan hojmaata ittiin sirreeffatu. Kan bajati qabame seeraan hojiirra ooluufi dhiisuu ittiin mirkaneef­fatu. Kan labsiiwwan hojii faayinaansiitiin walqabatan akkaataa labsamaniin hojiirra ooluusaanii ittiin adda baafatu.

Miidiyaaleen marii paarlaamaa kana sirri­itti gabaasaniiru. Anis miidiyaaleerratti sir­riitti ilaalaan ture. Gaaftokkommoo keessa taa’ee dhaggeeffachuun danda’a ta’a. Maal­tu beeka?

Odiitarri olaantuun, Aadde Masarat Daamx­ee, xibabii bareeda uffattee afyaa’ii mad­dii miidhagdee teesse. Kabajamoo Obbo Kiristaan Taaddalaa, walitti qabaan koree dhimma bulchiinsa baasiilee mootum­maafi to’annoo, maddii biraatiin taa’aniiru. Afyaa’iin jidduu jiru. Aadde Masaratitti aa­nee namoonni lama taa’aniiru. Teessoonsaa­nii ni bareeda. Akkuma aangoosaanii.

Kabajamoo afyaa’iin fuulasaanii dheeraafi sodaachisaa sana asiifi achi garagalchanii mana to’achaa turan. Waa akka shakkan na­maaf gala. Osoo Obbo Kiristaan gaafa sana afyaaii ta’anii paarlaamichi akkamitti oola jedheen qalbiin yaade. Erga waci xiqqoon uumamee booda paarlaamichi qalbiitti deebi’e. Gabaastis bal’inaan dhihaate. Tees­soo gartokkeen qullaa ta’ullee warri arga­man gabaasicha dhaggeeffatan.

Waggoota 12 taraniif Muummichi Odii­tara Olaanaa Federaalaa nama Gammachuu Dubbisoo jedhamu ture. Nama kana hanga tokko nan beeka. Nama ijjannoo cimaa, beekumsaafi dandeettiidhaan deeggarame qabuudha. “Gammachuu bira wanti so­daa jedhamu hinjiru” jedhu warri ana caala itti siqanii beekan. Hojiisaa malee namaaf hinjilbeeffatu jedhama. Namni kun Mal­las Zeenaawii isa sodaatamu sana fuuldura taa’ee kaabinootiifi jaleewwan kaabinoota­asaa haala seera faayinaansii itti cabsan itti himaa ture. Kanaan hanga miidiyaarratti jechi hintaane itti dubbatamu gahuusaa nan beeka. Gammachuun garuu sodaadhaan ho­jiisaa hindhaabne. Kabajaan hojjatee kaba­jaan gaggeeffame.

Aadde Masarat nama Obbo Gammachuu jala turte natti fakkaata. Haalli gabaasa itti diheessite miidhagaadha. Waan hoj­jattootashii waliin waggaa guutuu itti dhama’aa turan ifatti ibsiteetti. Akkuma Obbo Gammachuu, sodaa tokko malee ga­baasicha dhiheessite. Gaaffiin jiru eenyutu dhaggeeffateef kan jedhuudha.

Oduu gabaasa kana televisiyoona “FBC’ irraan daaw’adhe. Gaazexeessichi akka oduutti waan dabarsuu qabu dabarseera. Oduu darburra kan xiyyeeffannoo koo harkise viidiyoo waraabameedha. Jechoota oduun dubbifamanirraa viidiyoon sun dhim­micha sirriitti ibse. Ijji koo teessoo paarlaa­maa bitaa hanga mirgaatti daaw’atte. Isa bira taree bakka keessummooti afeeraman garuu kan miseensa paarlaamaa hintaane ilaaluuf yaale. Waan ajaa’ibaati. Teessoon hedduun duwwaadha.

Gaaffii miseensoti paarlaamaa biyya keenyaa meeqa jedhutu qalbiitti na dhufe. Heera gadi baaseen dubbise. Teessoo 550 hincaalle jedha. Keeyyata 54 irratti. Kan amma jiru naannoo Tigray dabalatee tees­sowwan 547 akka ta’en odeeffadhe. Guyy­aa gabaasti kun dhiyaatu miseensa meeqatu argame laata jedheen of gaafadhe. Osoon amantaa afyaairraa qabaachuu baadhee koramiin hinguutne jedheen morma. Isaan garuu osoo koramiin hinguutin waltajjicha akka hingaggeessine nan beeka. Warri achii ‘qawuxii’ uumuuf yaalanis hindabarsan. Boodarra bakka bu’ooti naannoo Tigraayi akka hinjirre hubadhe. Isaan teessoo 38 qofa waan qabaniif teessoon qullaan haganaa ji­ raachuu hin malu jedheen of amansiise.

Karaa kamiinuu miseensoti gahaan walta­jjii kanarratti hinargamne. Warri dhimmi ilaallatus irraa hafaniiru. Raawwachiistoti guguddaafi xixiqqoon. Kanammoo walitti qabaan korichaas dubbataa turan.

 Akka hubannaa kootti gabaasti dhihaate waan hedduu kan ofkeessatti hammateed­ha. Maraammartoo ittifayyadama bajataa yunivarsiitota keenya keessa ture kan bara Obba Gammachuurraa jalqabee turellee kan mul’iseedha.

Xiqqoodhuma fakkeenya haa kaasuu. Akka gabaasti dhiyaate mul’isutti manneen hojii federaalawaa 171 irratti hojiin odiitii gag­geeffameera. Manneen hojii kanneenirratti hir’inni mul’ate biyya hiyyeettii tana kees­satti wanta nama naasisuudha. Manneen ho­jii seeraafi sirna kabajanii kanneen hojjatan meeqa ta’u? gaaffii jedhu namatti kaasisa.

Ragaadhan haa ilaallu. Yunivarsiitii Gaam­beellaafi Dabra Birihaanirratti qarshii mili­yoonni 1.5 ol hir’inni mulateera. Tokko jedhaa. Yunivarsiitiiwwan Hawaasaa, Mi­izaan Teeppiifi Qabrii Dahaarirratti qarshii miliyoonni tokkoo ol seera malee baheera. Lama. Manneen hojii maallaqa gara kaa­zinaa mootummaatti galchuu qaban osoo hingalchin hafuusaatiin qarshiin miliyoona 87.9 seeraan ala qabameera. Sadii. Maal­laqni guddaan osoo herreegnisaa walirraa hinbu’in kan gara qarshii biliyoona 13 ol ta’u akka jirullee gabaasti kun ni mul’isa. Afur. Kaanis ittifufuu dandeessu. Gabaas­tichi dheeraadha waan ta’eef.

Kan yuunivarsiitotaa ajaa’iba. Mi’eessituuwwan gabaasaa odiitaraati je­chuun ni danda’ama. Kun bara dheeraaf kan tureedha. Maqaan yunivarsiitotaa haala kanaan dhahamuun amaanaa ummati bi­ratti qaban guddaa gadi buusa. Yunivarsii­toti seeraafi foormulaa barsiisaasaa oolu. Bulchiinsa gaarii barsiisu. Seeraafi foormu­laa sana isaan barsiisan isaanirratti hinhoj­jatuu? Gaaffii hawaasa keessatti ka’uudha.

Gabaasti odiitara muummichaa sirnaafi seera qabaachuu hojii mootummaa federaal­awaa keessattuu baasiifi galii wajjin walqa­batee murteessaadha. Labsiiwwan paarlaa­maan kun baasu hojiirra oluunsaa karaan itti mirkanaa’u keessaa gabaasti odiitaraa isa tokkoodha. Bajatni paarlaamaan kun ramadu qisaasamuufi dhiisuusaa kan mir­kaneessu paarlaamaa kana. Hojmaata man­neen hojii jiran qabsiisuufi dhiisuu keessat­tis qaamni odiitii gahee guddaa qaba.

Miseensota paarlaamaatiif gabaasti kun galtee gaariidha. Qamolee hojii raaw­wachiistotaaf keessattuu miseensota kaabi­nee hojii damee dameesaanii hooggananiif duubdeebii guddaadha. Garuu, qaamoti ir­ratti argamuuf malan gahinaan irratti hin argamne.

Dimshaashumatti. Dhimmichi dhimma xi­yyeeffannoo guddaa barbaaduudha. Abbaan hojichaa tokko, lama jedhee gabaaseera. Seerriifi sirni paarlaamaan raggaasise cabe jechaa jira. Kana sirreessuun qooda eenyuu ta’a? kan mootummaa.

Mootummaa jechuunimmoo qaama sadee­ni. Qaama seera baasu, qaama seera raaw­wachiisu, qaama seera hiiku. Qaamni sadeen kun keessattuu qaamni hojii raawwachiistuu yoo dhagahuu baate eenyutu dhagaha? Yoo kan dhaggeeffatuufi hojii sirreessu hin ji­raanne gabasti keenyas maraammartoo ta’a. Bara baraan achumatti, isumatti deebi’uu.

Torban gaarii!

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You