Dhukkuboonni lubbuu namaa hedduu balleessuun addunyaattiifi akka biyya keenyaatti sadarkaa 1ffaa haga 10ffaa jiran eenyu fa’i? (the top ten killer disease in Ethiopia and worldwide)
Addunyaan keenya yeroo mara waraana lubbuun jiraachuufi jiraachuu dhabuu diinota ishee kan ijaan hinargamne waliin taasifti. Diinonni ijaan hinargamne kunneen ammoo kan dhala namaarratti waraana banan, dhukkuboota addaaddaa nama qabsiisan, akkasumas haala uumama qaama namaa keessaa jijjiiruun dhala namaa dhukkuboota garagaraaf saaxiluun lubbuu balleesu.
Dhukkuboonni lubbuu dhala namaa wagga waggaan balleessan lakkoofsaan hedduu kan ta’aniifi biyyaa biyyatti garaagarummaa guddaa kan qabaniidha. Fakkeenyaaf biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaa keessatti dhukkuboonni infekshinii addaa addaa irraan nama qaban akka dhukkuba tiibii lubbuu hedduu kan galaafatanidha. Biyyoota guddatan akka biyyoota lixaa keessatti ammoo dhukkubni akka kanaa lubbuu hedduu kan hingalaafannedha. Mee walumaa galatti akka addunyaatti dhukkuboonni du’a dhala namaaf sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaa jiran eenyu fa’i kan jedhu yaa ilaallu.
- Dhukkuba onnee (ischemic heart disease)
- Dhukkuba istirookii (stroke).
- Dhukkuba sombaa kan yeroo dheeraa (Chronic obstructive lung disease)
- Infeekshinoota Ujummoo qilleensaa gara gadaananii (lower respiratory tract infections)
- Dhukkuba sammuu kan Alzheimer’s jedhamu, namoota umuriin raagan baay’inaan kan hubu.
- Kanserii sombaafi tiraakiyaa (Ujummoo qileensaa kan qilleensa gara sombaa geessu).
- Dhukkuba sukkaaraa (diabetes mellitus)
- Balaa tiraafikaa (road accidents)
- Dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease)
- Dhukkuba Tiibii (tuberculosis)
Dhukkuboonni tokkoo hanga kudhanii maqaan isaanii armaan olitti kaa’ame kunneen akka dhaabbanni fayyaa addunyaa bara 2016 gabaasetti, namoota akka addunyaatti miliyoona 56.9 ta’an lubbuun darban keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaa 54 (54%)f ka’umsa kan ta’aniidha. Sababoonni ykn ka’umsi namoonni ittiin addunyaa kan irraa boqatan kanneen hafan martuu walitti ida’amanii haga jara kana kurnanii lubbuu namaa hindabarsine jechuudha. Mee amma ammoo akka biyya keenya Itoophiyaatti lubbuu lammiilee keenyaa hedduu galaafachuudhaan dhukkuboota sadarkaa duraa 10 irra jiran haa ilaallu:
- Dhukkuboota daa’imman ji’a tokkoo gadii (neonatal disease)
- Dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease)
- Infeekshinoota ujummoo qilleensaa gara gadaananii (lower respiratory tract infections)
- Dhukkuba Tiibii (tuberculosis)
- Dhukkuba onnee (ischemic heart disease)
- Istirookii (stroke)
- Dhukkuba HIV/AIDs
- Dhukkuba dadhabuu tiruu (Cirrhosis)
- Infeekshinii sammuu (Meningitis)
- Hir’ina nyaata pirootinii (protein energy malnutrition)
Ragaan kun ammoo dhaabbata ittisaafi to’annoo dhukkubootaa Ameerikaa (CDC) irraa kan bara 2018 maxxanfame yoo ta’u, dhukkuboonni biyya keenya keessatti lubbuun darbuu namoota hedduuf sababa ta’aniifi kan biyyoota biroo walii adda. Fakkeenyaaf dhukkubni daa’imman umurii ji’a takkaa gadii, dhukkubni vaayirasii HIV/AIDS, dhukkubni infeekshinii sammuufi hir’inni nyaataa kan akka addunyaatti sadarkaa keessaa hinjirre biyya keenya keessatti ammoo warreen akka malee lubbuu namaa galaafataniidha. Kun ammoo akkuma beekamu dhukkuboota hiyyummaafi dhabamuu yaala fayyaa ammayyaawaa waliin walqabataniidha. Mee kanneen biyya keenya keessatti sadarkaa irra jiran tokko tokko kaafnee gabaabsinee haala ittiin ofirraa hir’isuu dandeenyu haa laallu:
1ffaa dhukkuboota daa’imman ji’a tokkoo gadii (neonatal disease)
Dhukkuboonni daa’imman dhiigaa (kan umurii ji’a takkaa gadii) galaafatan kun: infeekshinii sombaa, ukkaamamuu yeroo da’umsaa (birth asphyxia), yeroon osoo hinga’iin dhalachuufi kkf fa’i. Du’aatii daa’imman xixiqqoo kanaaf yaalli gaariin isaanii malu ga’aan jiraachuu dhabuun ga’ee guddaa taphatus, haga danda’ame garuu hordoffii ulfaa sirriitti taasisuu irraa eegalee, aadaa manatti (mana yaalaa osoo hindeemiin) da’uu irraa of qusatanii, mana yaalaa ogeessa fayyaa biratti da’uunis ga’ee guddaa taphata.
2ffaa dhukkuboota teesisaa fidan (diarrheal disease)
Dhukkuboonni teesisaa fidan keessumaa kanneen akka koleeraafi kkf haala salphaadhaan teesisaa cimaa namatti fiduun dhangala’aa qaama namaa keessaa xuuxanii lubbuu namaa balleessuu malu. Walumaa galatti dhukkuboota teesisoo kana akkamiin ofirraa qolanna kan jedhuuf ammoo:
- Yeroo mana fincaanii deemnee deebinu, nyaata qopheessuun dura, nyaata qopheessuun booda, nyaata nyaachuun dura, nyaata nyaachuun booda, akkasumas nama dhukkuba kanaan qabameef kunuunsa yeroo kenninu harka keenyaa saamunaafi bishaan qulqulluudhaan dhiqachuun dirqama.
- Bishaan maddi isaa qulqulluu ta’e yoo arganne fayyadamuu ykn ammoo keemikaalaafi danfisuudhaan ququlleessinee dhuguun ofirraa ittisuudha.
- Yoo bobbaa ba’an mana fincaanii qofatti ba’uu ykn boolla bobbaan itti ba’amu qopheessuun itti fayyadamuu, bakkee irrattiifi maddeen bishaanii cinaatti tasumaa bobbaa ba’uu dhiisuu.
- Nyaata seeraan bilcheessanii nyaachuu, yoo kan olkaa’an ta’e sirriitti qadaadanii kaa’uu, utuu hedduu hinturiin ho’aatti nyaachuu
- Ququllina naannoo, kan mana keessaa, kan mana fincaanii, bakka uffata miicaniifi kan kana fakkatan eeguu fa’i.
3ffaa infeekshinoota ujummoo qilleensaa gara gadii (lower respiratory tract infections)
Dhukkuboonni ykn infeekshinoonni kun baay’inaan baakteeriyaadhaan kan dhufan yoo ta’u, ujummoolee qilleensaa xixiqqoo somba keessatti argaman hubuudhaan kan nama galaafataniidha. Isaan kana ofirraa ittisuudhaaf ammoo: haalota dursanii somba keenya miidhan akka tamboofi shiishaa fayyadamuu irraa cimsanii of qusachuu, qulqullina qaamaa (keessumaa harka keenya sirriitti dhiqachuu), yoo qufaanu afaan keenya haguuguufi yoo kan mallattoo akka qufa’uu qabaatan illee dafanii yaalamuudha.
4ffaa dhukkuba Tiibii (tuberculosis)
Dhukkubnii tiibii baakteeriyaa xixiqqoo ijaan hinmul’anne kan maayikoo baakteeriyaa tuuberkuloosis (mycobacteria tuberculosis) jedhamaniin kan dhufu yoo ta’u dhukkuboota baakteeriyootaan dhufan irraa kan adda isa taasisu, baakteeriyaan kun qaamota dhala namaa mara kan hubudha.
- Dhukkuba tiibii akkamiin ofirraa ittifna kan jedhuuf ammoo naannoo keenya qilleensi salphaatti akka waljijjiiru taasisuu (akka hin ukkaamamne taasisuu). Dhukkubni kun namaa namatti kan daddarbu yeroo hedduu bakka namni walitti baay’atuufi bakka qilleensi seeraan galee hinbaane (ukkaamamaa) ta’etti.
5ffaa dhukkuba onnee (ischemic heart disease)
Dhukkubni onnee biyya keenyatti sadarkaa shanaffaa irratti haa argamu malee akka addunyaatti garuu sadarkaa tokkoffaa irra jira kun ammoo biyya keenyatti waan nama hedduu hinajjeefneef osoo hintaane, dhukkuboonni isa caalaa ajjeesan waan jiraniifi. Walumaa galatti dhukkuba onnee irraa of eeguuf ammoo:
- Ulfaatina qaamaa madaala sirrii keessatti eeguu (garmalee furdachuun ykn BMI olka’aa qabaachuu irraa haga dandeenye of eeguudha.)
- Inni kan biraan haala nyaata keenya sirreessuudha. Nyaata coomaafi zayitni keessatti baay’atan soorachuu irraa of qusachuudhaan nyaata akka muduraafi kuduraa jechuun raafuu, kaarota, hundee diimaa… nyaachuudha.
- Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba onnee namatti fiduudhaan lubbuu hedduu waan galaafatuuf dhiibbaa yoo kan qabnu ta’e sirrii irratti eeguun barbaachisaadha.
- Sochii qaamaa torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa dhibbaaf shantama ykn torbanitti guyyoota shaniif guyyatti daqiiqaa soddoma hojjechuun dhukkuboota onneefi dhiibbaa dhiigaa irraa nu eega.
6ffaa istirookii (stroke)
Dhukkubni kun dhiigni sammuu keessatti itituufi yeroo tokko tokko immoo dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu irraan kan dhufu yoo ta’u maqaa walii galaa istirookii jedhamuun beekama. dhukkuba istirookii kanarraa of eeguuf hoo ga’een keenya maali kan jedhuuf ammoo baay’een isaa kan dhukkuba onnee ofirraa ittisuuf taasisnu waliin kan walfakkaatuudha, isaanis:
- Dhiibbaa dhiigaa ofii ilaalamuufi yoo qabaatan yaalamuu,
- Tamboo aarsuu (xuuxuu) dhiisuufi namoota xuuxan irraa fagaachuu,
- Sochii qaamaa taasisuu (akkaatuma armaan olitti ibsametti)fi ulfaatinni qaamaa yoo olka’aa ta’e hir’isuu.
- Dhukkuba sukkaaraa yoo kan qabnu ta’e hordoffii osoo addaan hinkutiin seeraan taasisuun sukkaara san to’achuu.
- Alkoolii yoo danda’an dhiisuu, yoo kan dhugan ta’e ammoo xixiqqeessanii dhuguufi kkf gochuudhaan dhukkuba istirookii ofirraa ittisuu dandeenya.
7ffaa dhukkuba HIV/AIDS
Dhukkubni HIV/AIDS ammoo tarii maalummaa isaa walitti himuun hedduu barbaachisuu baatus (hunduu waan beekuuf) walyaadachiisuun garuu baay’ee barbaachisaa ta’ee jira. Kunis namni akkuma HIV/AIDSn jiru iyyuu yeroo tokko tokko dagateera haala nama jechisiisu keessa waan jirruuf jechuudha.
Fayyaa hindhabinaa!
BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014