Garbummaa sammuutii hiikamuu

Tarii amanuunsaa kan nama danqu yoo ta’ellee bara keessa jirru kana namoonni hedduun garbummaa keessa jiraatu. Garbummaan kun ammoo akka kanaan duraa gurraachonni Afrikaa humnaan qabamanii warra lixaatti gurguramuu miti. Garbummaa namni biraan ittii nama bilisoomsus miti. Garbummaa sammuuti. Garbummaan sammuu garbummaa hamaa dhaloonni ittii walaba bu’uu qabuudha. Garbummaan sammuu waan hedduu kan of keessatti hammatus sammuun kan abbaa ta’uu dadhabuudha; namni kan biraa itti fayyadamuudha; garba horii ta’uudha; garba araadawwan garaa garaa ta’uudha; haala hinmalleen garba teknolojiifi miidiyaalee hawaasummaa ta’uudha; garba namoota beekamoofi namoota siyaasaa ta’uudha. Walumaagalatti dhalli namaa wanta sammuusaa to’atuuf bitamuudha. Sababiinsaa namni tokko garba nama sammuusaa to’atee ta’uunsaa beekamaadha.

Garbummaa sammuu kan jedhamu kana yeroo jalqabaaf nama biyya Jamaayikaa kan ta’e Maarkus Mosii’aah Gaarveey (Marcus Mosiah Garvey) walaloosaa keessatti sammuun namaa garbummaatii hiikamuu akka qabu jabeessee dubbata ture. Gaarveeyis akkana jedhe, «Namni biraan tarii qaama keenya garbummaa keessaa baasuuf yaaluu danda’u; sammuu keenya garuu baasuu hindandaa’an. Kana gochuu kan danda’u nu qofa» jedhe. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan sammuu namaa geggeessaa namaati. Namni sammuu isaatti fayyadamuu hindanda’u taanaan nama kan biraatu sammuu isaatti fayyadama.

Kanaaf namni Maatama Gaandii jedhamu «Ani eenyullee miila xuriin sammuu koo keessa akka deemuuf hinheeyyamu» jedhe. Sammuu kootti namni kan biraa akka fayyadamu hinheeyyamu jechuu fakkaata. Sammuu keenya eeggachuun, akka namoonni itti hinfayyadamne, akka namootaan hingarbooffatamne, akka haalonni nuti keessa jirru hindhaalle taasisuun barbaachisaadha.

Sammuun garboofatame milkaa’ina hinbeeku; bira ga’uufis hintattaaffatu. Sammuun garboofatame dandeettii qabutti fayyadamee jijjiirama fiduuf yaalii hingodhu. Kanatti hiikamuun murteessaadha. Sammuun garboofatame wal’aansoo qabuu hinbeeku.

Haala jiru yookaan haala keessa seene simatee, abboomamee, fakkaatee jiraata. Sammuun garboofatame yeroo hedduu yaada alta’umsaan (negative opinion) kan dhaalameedha. Hanga ta’umsa yaadu caalaa alta’umsa yaada. Sammuun garboofatame ofitti amanamummaa hinqabu. Namni jabaatee hojjetee akka jijjiiramu utuu hinta’in hirkattummaan akka jiraatan taasisa. Ofiif yaaduurra akka namni biraan yaaduuf barbaada.

Akka namni biraa yaadetti hojjeta malee akka ofiif yaadetti hinhojjetu. Fedha namaatiif malee fedha ofiisaaf hinjiraatu. Isa garboomfatetu ajaja malee ofiin of ajajee socho’uu hindanda’u. Miirrisaas ta’e xiinsammuunsaa miidhamaadha. Bitaafi mirgasaa sodaataa jiraata. Inni kun dhukkuba cimaadha. Dhukkuba furmaata barbaadu. Ittii fayyuus kan gaafatuudha.

Haa ta’u malee dhalli namaa kanaaf hinuumamne. Sammuusaatiin akka yaadu, sababa uumameef akka adda baasee beeku, sammuusaatti akka namni biraa fayyadamuuf utuu hinta’in ofiif akka itti fayyadamuuf, ittiin kalaquuf uumame. Sammuu keenya kana namni biraa akka ittifayyadamu utuu hinta’in nuti akka ittifayydamnuuf uumame. Har’a garuu dhugaansaa adda.

Sammuu keenyatti kan fayyadamu namoota birooti. Isa kanirraa walaba ta’uun barbaachisaadha. Haala keessa jirruufi wantoota nu garboofatan adda baafnee beekuun gaariidha. Namni maqaanshee Harriyeet Tubmaan jedhamtu «Kanaan dura namoota jireenya garbummaa keessa jiraatan kumaatamaan lakkaa’aman bilisoomseera; ammas taanaan namoonni akka garbummaa keessa jiran utuu hubatanii kumaatamaan kan lakkaa’aman nan bilisoomsa» jette.

Bara keenya kanas namoonni hedduun kallattiilee gara garaan garbummaa hamaa keessa jiru. Garbummaa guddaan jaarraa 21ffaa keessaa akka baroota darbanii garbummaa bitamanii gurguramuu miti. Inni kun seera biyya lafaatiin dhorkameera. Inni guddaan garuu sammuun namaa, ilaalchi namaa garboomeera. Namni adeemsa kaleessaa, ilaalcha kaleessaa keessaa ba’uu dadhabeera.

Haa ta’u malee fuuncaa hamaa kana ciranii of irraa gatuun murteessaadha. Kanas numatu gochuu danda’a. Namni Bob Maarleey jedhamu «Nurraa kan hafe eenyullee sammuu keenya bilisoomsuu hindanda’u» jedhe. Haala keessa jirru sirritti adda baafannee hubachuun jireenya keessa jirru keessaa ba’uun murteessaadha.

Namni tokko haala sammuusaa takaale keessaa yeroo ba’u dandeettiisaatti fayyadamuu danda’a. Beekumsasaa hojiirra oolchuu danda’a. Waan haaraa barachuufi hojjechuu danda’a. Ofiisaa fooyyessuu danda’a. Ajajaafi karoora namootaa qofa bakkaan ga’uuf kan olii gadi kaatu utuu hinta’in ofiif yaadee firiitti geeddaruu eegala. Kaayyoo dhalateef bakkaan ga’a. Ofiin karoorsee raawwachuu eegala.

Hanga kun hintaanetti yaada namaa bakkaan geenya. Isa namni dubbate raawwachuuf yaalla. Karoora namatu nuu baasa. Waan dubbannu namatu nutti hima. Sammuun keenya meeshaa namni biraa itti fayyadamu ta’a. Isa kana har’a argaa jirra. Namoonni otoo waan miidiyaaleen hawaasaa dubbatan adda baasanii hinilaalin oggaa hojiitti hiikan argaa jirra. Inni kun garboomfataa hamaadha. Garboomfataa sammuu, garboomfataa miiraa, garboomfataa ilaalchaati. Kana keessaa akka nu baasuuf nama biraa eeguun gowwummaadha. Kan diduu qabnu diduu, kanirraa adda ba’uu qabnu irraa adda ba’uun barbaachisaadha.

Keessumaa barri kun bara itti haalonni gara garaa sammuu namaa garboomfachuuf ittiyaalaniidha. Kan namni tokko jaalate akka jaalannu, kan inni jibbe ammoo akka jibbinu gochuuf yaaliin godhamu akka addunyaa kanaatti mul’ataa jira. Haa ta’u malee miidhamni guddaan addunyaa kanarratti ilmaan namootaarra ga’u yoo jiraate sarbamuu sammuuti; ofiin yaaduu dadhabuudha; sammuun namaa koloneeffatamuudha. Kana bara keenya keessatti argaa jirra. Ittiis hiikamuun filannoo ta’uu hinqabu. Nama yaaduu danda’u, nama isa yaade bakkaan ga’u ta’uu qabna.

Inni kun ammoo akkasumaan kan dhufu miti. Sammuu keenyarratti hojjechuu, namoota haala jiru utuu hinfudhatin dura gadi fageessanii xiinxalanii, secca’anii ilaalan ta’uun murteessaadha. Yoo akkas ta’e namoota borii taana, namoota ofiifis ta’e hawaasasaaniif ta’an; namoota maatiifi biyyaaf ta’an taana. Barootni fuula keenya duraas kan namoota sammuusaanii misoomsaniifi ittifayyadamaniiti.

Ministirri Muummee duraanii Ingiliz, Winistan Charchil oggaa namoonni sammuusaanii hangam akka fooyyessuu qaban dubbatu, “Mootummaan gara fuula duraa kan namoota sammuu qabaniiti” jedhan. Ofiin yaaduu danda’uu, ofiin murteessuu danda’uu, hamaafi gaarii gargar baafnee isa gaarii simachuun isa hamaarraa fagaachuun murteessaadha.

Darbees nama sammuusaatti fayyadamutu dhaloota egerees gaggeessuu danda’a. Sababiinsaas dhaloonni jaarraa 21ffaa bilchina sammuutiin dhaloota baroota darbaniirra nicaala. Sekondii muraasa keessatti odeeffannoo addunyaa kanarraa miiliyoonaan lakkaa’aman argachuu kan danda’aniidha.

Bara odeeffannoo keessatti ammoo dhugaa secca’anii ilaalan malee dhugaa jalaan sobni dhokatee dhaloota miidhuu danda’u danuudha. Kana injifachuuf ofirratti hojjechuun gaariidha. Waaqayyo sammuu nuu kennee nu uume. Kennaa guddaa Waaqayyo nuu kenne kanammoo sirriitti itti gargaaramuun qooda keenya.

Dhalli namaa eenyummaa uumamaan kennameef qaba. Kanaaf eenyummaa kanatti amanee deemuun barbaachisaadha. Namichi maqaansaa Chaarlootii Pii Girmaan jedhamu hanga “Eenyummaa keenya isa dhugaa hubannutti gara adeemuun nuuf ta’utti deemuu hindandeenyu” jedha. Kanaaf namni tokko fuuncaa namoota biraatiin garanaa garasitti harkifamuudhaan galma barbaade bira goonkumaa ga’uu hindanda’u.

Of abboomuu danda’uufi gara waan ta’uu barbaadeetti akka hindeemne kan isa taasisu, dadhabbiifi ciminasaa addaan baasee beekuudhaan akkamitti hojjechuudhaan bu’a-qabeessa akka ta’u beekuun gaariidha. Kanaafis sammuunsaa bilisoomuu qaba. Inni kun namoota hundaaf barbaachisaadha. Sammuun namaa jijjiiramaa deemuu qaba.

Namni tokko hanguma sammuunsaa bilchaataa deemu ilaalchisaas geeddaramaa deema. Akka waan homaa hindandeenyeetti kan of yaadaa ture oggaa gara bilchaatina sammuutti dhufu hojjechuu akka danda’u, jijjiirama fiduu akka danda’uufi milkaa’ina argachuu akka danda’u amanuu eegala.

Walumaagalatti garbummaa sammuu keessaa ba’uuf tarkaanfiin inni jalqabaa ofitti amanamummaa horachuu, akkaataa ittiyaadaa turreefi jirru irra deebinee yaaduu falmuufi murtoo sababarratti hundaa’e fudhachuu, burqaan yaada keenyaa eessaa akka ta’e qorannee ilaaluu, oggaa jechoonni hiikkaa addaa nuu kennaniifi akka namaa gadiitti akka of ilaallu nu taasisan gara keenya dhufan adda baafachuun ofirraa qolachuu, akka namni bakka keenya bu’ee nuu yaadus ta’e falmu eeyyamuufii dhiisuu, jabaannee hojjechuu, hirkattummaa keessaa ba’uuf tattaafachuu, ofiin yaaduu, karoorsuun hojjechuu, sammuun kan keenya ta’uu hubachuun sammuu keenyaan yaaduu danda’uu, akka namoonni sammuu keenyatti fayyadamaniif eenyuufiyyuu eeyyamuurraa of qoqqobuun murteessaadha. Kana gochuun jijjiirama ofirratti fiduu dandeenya. Fuuncaa garbummaa sammuu keessaa nibaana. Haala keessa jirru keessaa ba’uuf murteessaan nu ta’uu dagachuu hinqabnu.

“Garbummaa sammuu keessaa ba’uuf inni jalqabaa ofitti amanamummaa horachuu, akkaataa itti yaadaa turreefi jirru irra deebinee yaaduu, falmuufi murtoo sababa irratti hundaa’e fudhachuu, burqaan yaada keenyaa eessaa akka ta’e qorannee ilaaluu, oggaa jechoonni hiikkaa addaa nuu kennaniifi akka namaa gadiitti akka of ilaallu kan nu taasisan nutti dhufan adda baafachuun ofirraa qolachuu, akka namni bakka keenya bu’ee nuu yaadus ta’e falmu eeyyamuufii dhiisuu, jabaannee hojjechuu, hirkattummaa keessaa ba’uuf tattaafachuu, ofiin yaaduu, karoorsuun hojjechuufi kkf gochuun murteessaadha”

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You