Fayyaa daa’immanii

Talaallii daa’immaniifi harma haadhaa

Caasaan qaama daa’immanii hedduun bilchina waan hinqabneef akkasumas dandeettiin dhukkuba ofirraa dhoorkuu isaanii dadhabaadha. Daa’immanis sababa qaamni farra alagaa qaama isaanii irraa dhorku dadhabaa ta’eef dhukkuboota daddarboo ta’an baay’eef saaxilamu. Jarmiiwwan adda addaa kanneen akka baakteeriyaa, vaayirasiifi maxxantuuwwan gara qaama daa’imman kanaa karaa gara garaa seenuun dhibeef isaan saaxiluu danda’a.

Biyya keenya keessattis talaalliin dhibeewwan daddarboo tokko tokko sababa jarmootaatiin dhufan ittisuuf bara 1980 irraa eegalee kennamaa jira.

Talaalliin dhibeen sababa jarmoota garagaraa irraa dhufan akka qaama namaa hinhubneef kan kennamuudha. Talaalliin kan kennamus qaama jarmootaa fayyaasaanii ykn caasaa qaamasaanii kennuun qaamni keenya farra qaama alagaa jarmii sanaaf of qopheessee akka taa’uuf kan gargaaruudha. Kana jechuun jarmichi qorannoo baay’ee keessa darbee yommuu namaaf kennamu qaamni namaa farra qaama alagaa kana qopheessuun gara fuulduraatti jarmooliin akka baakteeriyaafi vaayirasii qaama namaa keessa seenanis salphaatti qaama irraa loluun rakkoo fayyaatiif akka hinsaaxilamne godha.

Gama biraatiin talaalliin farra qaama alagaa qaama keenyarraa lolus kallattiin ni kennama. Talaalliin dhukkuboota bebbeekamoo kanneen akka daranyoo sombaa/TB, pooliyoo, garaa kaasaa, infeekshinii sombaaa, vaayirasii tiruu ykn ‘hepatitis’, gifiraafi kkf daa’imman irraa loluu keessatti ga’ee guddaa taphata. Kanaaf daa’imni tokko talaalliiwwan kanneen fudhachuun dirqama.

Talaalliin daa’immaniif kennamu karaa afaaniif lilmeetiin yoo tahu, yeroo isaan itti kennamanis:

  • Talaallii 1ffaa- Daa’imni akkuma dhalateen/ dhalatteen
  • Talaallii 2ffaa- Torban 6ffaa irratti
  • Talaallii 3ffaa- erga talaallii 2ffaa fudhattee baatii tokko booda ykn torban 10ffaarratti
  • Talaallii 4ffaa- erga talaallii 3ffaa fudhattee baatii tokko booda ykn torban 14ffaa irratti
  • Talaallii 5ffaa- Baatii 9ffaarratti
  • Dabalataan talaallii baatii 15ffaarratti gifiraaf kennamu

Dabalataan viitaminiin “A” daa’immaniif baatii jaharraa jalqabee hanga waggaa 5tti baatii jaha jahaan ni kennama.

Kanaaf daa’imni tokko talaalli jalqabdee addaan kutuu osoo hintaane talaalliiwwan kanneen hanga xumuraatti fudhachuun dirqama.

Harma haadhaafi harma hoosisuu

Harmi haadhaa akaakuu nyaataa daa’immaniif barbaachisu keessaa addunyaa kanarratti waanti hammasaa ga’u hinjiru. Harma haadhaa keessati wantoonni guddina daa’immaniif barbaachisan heddumminaan waan argamaniif fayyaa daa’immaniitiif murteessaadha.

Daa’imni tokko akkuma dhalateen/dhalatteen utuu hinturiin harma hodhuu ykn luuguu jalqabuu qabdi. Daa’imni tokko utuu harma hinluugin ykn hinhodhin yoo ture/turte hammi giluukosii qaama daa’imaa keessa jiruu hir’achuun rakkoowwan fayyaa garaagaraatiif isaan saaxiluu danda’a. Keessumaa harmi haadhaa gara jalqabaa ykn silgi wantoota fayyaa daa’immaniif barbaachisan hedduu waan of keessaa qabuuf daa’imni silga kana argachuun daran barbaachisaadha.

Harmi haadhaa hanga baatii jahaatti daa’ima tokkoof gahaa waan ta’eef nyaanni ykn dhugaatiin biraa hinbarbaachisu.

Faayidaan harmi haadhaa daa’immaniif qabu maali?

– Mucaa dhibee (faalama) irraa ittisa

– Daa’immaniif nyaata filmaata hinqabneedha

– Alarjii irraa ittisa

– Sammuu gabbisa

– Daa’imman fayyaa buleeyyii ta’anii akka guddatan taasisa

Dubartiin harma hoosistu tokko maal gochuu qabdi?

1. Guyyaatti garaagarummaa sa’aaatii 2:00 hanga 3:00 ykn sa’aatii 8:00-12:00tti hoosisuu qabdi

2. Guyyaafi halkan hoosisuu qabdi

3. Utuu harma hinluugsisin ykn hanga baatii jahaatti dhangala’oota garaagaraatiif nyaata biraa daa’immaniif kennuu hinqabdu. Bakkawwan tokko tokkotti namoonni baay’een daa’immaniif bishaan ykn damma yeroo kennan ni argina; Kun dogoggora guddaafi rakkoo fayyaa daa’imman irraan geessisuu danda’a.

4. Guutummaatti dugda mucaa ofitti qabuun afaan mucaa harma sirriitti qabsiisuu qabdi.

5. Harma tokko keessaa utuu hinxumursiisin gara harma biraatti dabarsuu hinqabdan

6. Daa’imni yoo dhukkubsate/tte harma hoosisuu addaan kutuu hinqabdan

7. Tarii hojiif ykn dhimmaaf bakka biraa deemtu yoo ta’e harma keessan qodaa qulqulluutti buusuun keessanii deemuu qabdu

Nyaata dabalataa daa’immaniif tuqaawwan beekuu qabdan

1. Daa’imni tokko baatii jaha booda eegaluu qabdi

2. Hanga waggaa lamaatti yeroo yerootti ykn akkuma barbaachisummaasaatti harma hoosisuun barbaachisaadha. Sababnisaas harmi haadhaa wantoota fayyaaf guddina daa’immaniif barbaachisan kanneen akka faatii, vitaaminii “A”, kaalsiyeemiif raayiboofilaaviinii jedhaman waan of keessaa qabuuf daran barbaachisaadha.

3. Akkuma daa’imni guddachaa deemuun baay’ina nyaataaf turtii nyaata daa’immanii dabaluun barbaachisaadha. Kunis:

  • Daa’ima baatii 6- 8= guyyaatti nyaata yeroo 2-3
  • Daa’ima baatii 9-12= guyyaatti nyaata yeroo 3-4fi tursituu yeroo 1-2
  • Daa’ima baatii 12-24= guyyaatti nyaata yeroo 3-4fi tursituu yeroo 2
  • Suutuma suuta hamma nyaataa jijjiiraa deemuu,
  • Kana jechuun baatii jaha gara jalaqabaa hanga waggaa tokkootti nyaatawwan dhangala’oo ta’aniin jalqabdanii nyaata lallaafaa nyaachisuu. Waggaa tokko booda nyaata maatiin nyaatu kan daa’ima hinmiine nyaachuu eegaluun ni danda’ama.
  • 5. Daa’imni tokko akaakuuwwan nyaataa garagaraa argachuu qabdi. Kunis:
  • Fuduraawwaniifi kuduraawwan viitaaminii “A”n badhaadhan guyyaa guyyaan soorachuu.
  • Nyaata fooniifi bu’aa foonii ta’an darbanii darbanii soorachuu.
  • Bu’aan nyaata foonii yoo hinargamnes kanneen nyaata albuudota garaagaraatiif viitaaminii hedduu of keessaa qaban faarmaasiirraa bitanii kennuufin barbaachisaadha.
  • 6. Nyaata suuta suutaafi obsaan nyaachisuu
  • 7. Qulqullina nyaataafi harkaa daa’immanii eeguun daran barbaachisaadha.
  • Daa’imman dhalatanii ji’oota ja’a keessatti maal argachuu qabu?
  • Harma haadhaa hanga baatii ja’aa hodhuu qabu. Yoo xiqqaate guyyaa keessatti si’aatii 8:00- 12:00tti hodhuu qabu.
  • Guyyaa 10 irraa eegalee ifa aduu gara ganamaa 3:00-5:00 LT (akka sa’aatii biyya keenyaatti) daa’imman ala baasuun akka ifa aduu argatan gochuu. Kunis viitaminii “D” kan jabina lafee daa’immaniif gargaaru akka argatan isaan taasisa.
  • Daa’imman yeroonsaanii ga’ee dhalatanis tahu kan hingahin dabalataan ifa aduurratti shirooppii viitaaminii “D”fi kaalshiyeemii qabu fudhachuu qabu. Kana jechuun bakka aduu bu’a jechuu osòo hintaane akka dabalataatti gargaara jechuufi.
  • Ijoolleen guyyaansaanii ga’ee dhalatan ji’a afur booda ykn immoo ulfaatinni qaamasaanii dachaa lama yeroo dabalu ayiraanii argachuu qabu. Kanneen utuu yeroon hingahin dhalatan gaafa ji’a tokko ga’an argachuu qabu. Elementiin ayiranii karaa mana yaalaan waan kennamuuf mana yaalaa deemanii daa’immaniif kennisiisuun daran barbaachisaadha.
  • Faayidaawwan ijoon ayiranii keessaa tokko seelii dhiiga diimaa omishuu keessatti qooda waan qabuuf akka daa’imman hir’ina seelii dhiiga diimaatiif hinsaaxilamne taasisa.
  • Daa’imman harma haadhaatiin ala nyaata bifa foormulaan faarmaasii ykn suppermaarkeetiirraa bitamuun fayyadaman elementiifi wantoota armaan olitti eerre waan of keessaa qabaniif kanneen armaan olii hinbarbaachisu. Foormulaan of keessaa qaba waan taheef.
  • Daa’imman hundi ji’a jaha booda immoo nyaata dabalataa argachuu qabu. Kunis jalqaba nyaata ijaarsaaf tahan kan pirootinii qaban yoo tahe gaariidha. Nyaatiwwan kunneen farmaasiirraas ni argama. Mana keessatti immoo nyaata akka marqaas manatti waantota adda addaarraa qopheessuufiin isaan ni fayyada.
  • Hanqinni kun yoo irratti argame gara mana yaalaa dhiyoo geessuun akka yaalaman gochuudha.

Kanaaf daa’imman talaalchisuun akkasumas harma haadhaa ykn waan harma haadhaa bakka bu’uu danda’u kennuufiin fayyaa daa’imman abdii boruu tahaniif daran murteessaadha.

Fayyaa hindhabinaa!

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You