Istaatistiiksiin hin jijjiiramne tokko ykn lama quban qaba. Tokko umurii seenaa Xoobbiyaati. Isa afoola waggaa kuma sadi jedhu. Ergan of beekee kaasee lakkoofsuma kanan dhagahaa jira. Oli hin siqu. Gadi hin bu’u. Bara baraanuu achumatti chakkalameera. Kan biraa qoodamiinsa ummata magaalaafi baadiyyaa biyya kanaati. Ummati magaalaa %15. Kan baadiyyaa %85. Yoo amma xiqqoo siqe hin beeku. Bara dheeraaf garuu kanuma ture. Maaltu siquu isaan dhorge. Kan umurii seenaa biyyattii warraafan dhiisa. Kan ummataa kana wajjin walqabsiisee yaada tokko tokkon kaasa.
Akkuman sila kaase ummata biyya keenyaa ykn kan naannoo keenyaa keessaa harki caalli baadiyyaa jiraata. Oromoon falaasama magaalaaf qabu faalladha. Yaadamni qeeyee ofii ni jira. Yaadamni rakkoo magaalaa kan yeroo durii ni jira. Kanarraa kan ka’e gara magaalaa hin fedhu ture. Kanaaf magaalotiin naannoo keenyaa hedduun Oromoo, Oromoo urgaa’uu dadhaban.
Ammas ummati keenya %85 ta’u baadiyyaa jiraata. Ummati kunimmoo waan hedduun miidhamaadha. Bishaan qulqulluu argachuun rakkoodha. Tajaajilli fayyaa irraa fagoodha. Manneen barnootaa itti dhihoo hin jiran. Haalli jiruufi jireenyasaa mijataa miti. Manni itti olseenu, bakki ciisichaa, iddoon nyaataa… kanneen biroos.
Biyya kana jijjiiruun yoo barbaadame qaamni irratti hojjatamuu qabu hawaasa bal’aa kana. Hawaasa kana karaa maraanuu fooyyessuu jechuun biyya jijjiiruu jechuudha. Qaama guddaa kana dagatanii magaala qofa faarsuun geeddaramsi fidu hagasii miti. Kan mootummaan yaaduu qabu ykn karoorfachuu qabu akkamittan dinagdee hawaasa kanaa geeddara? Akkamittan jireenyasaa fooyyessa? Akkamittanan adaasaa gaarii gabbisee yaraammoo fooyyessa kan jedhu ta’uu qaba.
Gama kanaan waantoti gaggaariin naannoo Oromiyaa keessatti mul’atan ni jiru. Kaka’umsi, ilaalchi haarawaan saanduqa durii keessaa bahe, karoorri gaggaariin ni jiru. Yeroo hunda anniisaa faallaa qofa qabatanii deemuun sirrii hin ta’u. Hojii gaariin yoo hojjatame beekamtii kennaniifi jabaadhu jechuun barbaachisaadha. Hojii yaraan yoo mul’ate qeeqanii akka sirratu taasisuun qaroominadha. Kanaaf, yaaliiwwan mootummaan naannoo oromiyaa baadiyyaa jijjiiruuf jajalqaban tokko tokko akka fakkeenyaatti kan ilaalamaniidha. Kun dhugaa lafa jiruudha. Fakeenya tokko tokko haa ilaallu.
Mootummaan naannichaa torbee tare piroojektii tokko ifa taasiseera. Piroojektiin kun fooyyessuu mana jireenyaa qonnaan bulaarratti kan fuulleffateedha. Pirezidantii Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaatitu irratti argamee ifa taasise.
Akkan hubadhetti moodeelli mana baadiyyaa tokko akka naannotti qophaa’eera. Manni kun manni jireenyaa baadiyyaa tokko kutaalee qabatu kan mul’isuufi kan ibsuudha. Kana malees meeshaalee irraa hojjatamu kan adda baaseefi qonnaan bulaan gatii salphaa ta’een ijaarratuu akka danda’u kan haala mijeesseedha. Kun jireenyaafi rakkoo hawaasa keenya kan baadiyyaa bu’uurarraa kan fooyyessuudha. Garuu akka piroojektii manneen kondominiyeemii magaalota Oromiyaa akka karaatti hin hafne ammumaa eegalanii sirriitti itti yaaduun barbaachisaadha.
Akkan miidiyaarraa hubadhetti piroojektiin kun carraa hojii uumuutiin hidhata qaba. Ijoolleen qonnaan bulaa oomisha ijaarsa galtee manneen moodeelii haarawaa kanaaf ta’an ganda gandasaaniitti ni oomishu. Kanaaf, meeshaan oomishaa galtee ijaarsaa qophaa’eera. Kan samudaaf qophaa’e yoo hiramus agarreera. Meeshaan kuni biyyuma keessatti oomishama jedheen yaada. Kunis faayidaa biraati. Kanaaf piroojektiin abdii guddaa qabu kun kunuunsa bosonaatiifillee gahee waan qabuuf xiyyeeffannaadhaan ilaalamuu qaba. Fiixa bahiinsasaatiifis bal’inaan irratti hojjatamuu qaba jedheen yaada.
Hojiiwwan gama diinagee qonnaan bulaa fooyyessuuf naannoo kana keessatti jalqabame wanta abdii namaaf kennu isa birooti. Gama kanaan qonni biyya keenyaa baroota dheeraa hin beekamneef gateettii qotiyyoofi humna qonnaan bulaarratti kan xiyyeeffate ture. Humni guddaan itti dhangala’ee bu’aa xiqqashuun qallaba manaarraa hin hafne kan irraa argamuudha.
Qonnaan bultooti hedduun kan ofirraa hafanii midhaan gabaatti dhiheessan osoo hin taane kan ofiifuu alaa shamatan ykn gargaarsa mootummaa eeggataniidha. Lafti akka biyyaatti qotamu bal’aa ta’ullee omishti irraa argamu biyyaaf kan hin taaneedha.
Gama kanaan haala qonna biyyattii ammayyeessuun dirqama ta’a. Qonni biyyattii gateettii qotiyyoorraa bu’ee gateettii traaktaraatti ce’uu qaba. Dhiheessiin sanyii filatamaa, qoricha aramaa, xaa’oofi kkf bal’inaan qophaa’uu qabu. Walumaa galatti qonni keenya gara makaanaayizeeshiniitti ce’uun dirqama ta’a. Akkuma pirezidantiin naannichaa jedhan badiyyaa Oromiyaatti tiraakterri barooduu qaba. Kombaayinarri dutuu qaba.
Gama kanaanis wanti Oromiyaa keessatti jajalqabamaa jiru waan abdii namaaf kennuudha. Dargaggooti gurmaa’anii tiraaktera liqiin fudhatanii gara baadiyyaa Oromiyaatti babba’an hedduudha. Qonnaan bultooti adda dureen tiraaktaroota akka argatan ta’ee jira. Kaanifis haalli mijaa’aa jira.
Hojiin gama kanaan jalqabame fira ni gammachiisa. Diinammoo garaa gubaa akka jiru miidiyaasaanirraa dhagahaa jirra. Kan inaafe hojii dhiisee haa inaafu. Naannichi waan jalqabe kana cimsee akka itti fufu abdiin ni jira. Komii inaaftuutin wanti dhaabbatu jiraachuu hin qabu.
Qonnaa wajjin walqabatee oomishti jal’isii babal’ataa jira. Qonnaan bulaan yoo xiqqaate al-lama oomishuu amaleeffateera. Jijjiiramni gama kanaan jirullee gaariidha. Garuu caalaatti babal’achuu qaba. Oromiyaa hunda akka dhaqqabu irratti hojjechuun milkii gaarii fida.
Baadiyyaa jijjiiruuf tarkaanfiin imaammataa fudhatamu hunda-laaleefi hunda-haammataa ta’uu akka qabu natti mul’ata. Tokko qofarratti yoo rarra’an kan biraatu harca’a. Akuma jijjiirama dinagdeetiin fiduuf carraaqqii guddaan taasisamaa jiru kana dameewwan kaanirrattis xiyyeeffachuun ni barbaachisa. Kanaaf jijjiiramni gara hojiiwwan dhimma hawaasummaa wajjin walqabatanis dagatamuu hin qaban. Akkuma kabaasana waldeeggaraa waan deemaniifi.
Gama kanaan xiyyeeffannaa argachuu kan qabu keessaa tokko barnoota. Barnooti baadiyyaa qeyee qonnaan bulaa dhaqqabee daa’imti tokko dhalattee waggaa afuritti akka mana barnootaa KG galtu taasisuun ni barbaachisa. Dhaqqabiitiin manneen barnootaa hanga tokko fooyya’aa ta’ullee ammallee ijoollee xixiqqaa geessanii barsiisuuf rakkisaadha.
Haalli kun akka hin mijoofneef haalli qubannaa ummata baadiyyaallee rakkisaadha. Gama kanaan safaraan darguun yaale sun gama tokkoon akka waan gaaritti ilaalama. Tajaajila hawaasaa haala salphaan waliin ga’uuf ni mijata waan ta’eef. Amma haalluu dirqisiisaa waan jiruuf osoo dhimmi kun kaayyoofi haala fooyya’aa ta’en itti yaadamee gaariidha.
Dhimma barnootaa wajjin walqabatee aguuggii qofa osoo hin taane qulqullinarratti xiyyeeffachuun ni barbaachisa. Qulqullina barnootaa wajjin walqabatee wanta nama saalfachiisutu jira. Barattooti umurii dheeraa manneen barnootaatti dabarsanii kutaa lakkaa’anii yeroosaanii guban garuu kan hanga irraa eegamu dubbisuufi barreessuu akkasumas herreeguu hin dandeenye baadiyyaa Oromiyaa guutaniiru. Kanaaf sirni darbe sun gumaacha hin qabu hin jedhamu. Garuu caalaatti dadhabinni sirna baruufi barsiisuu naannoo keenyarra jira. Kanaaf baadiyyaa jijjiiruudhaaf gama barnootaatiin xiyyeeffannaa kennuun dursa qabaachuu mala.
Baadiyyaa jijjiiruuf aadaa hawaasa keenyaas xiinxaluun barbaachisaadha. Aadaan gaggaariifi babbareedni duudhaafi safuu ummata kanaa qaban kan waraabamee hin dhumnetu jira. Kun maallaqatti jijjiiramuu qaba. Beekumsatti seenuu qaba. haaluma walfakkaatuun aadaan hawaasa midhanillee jiraachuu danda’u. Isaan qorannoodhaan adda ba’anii haalli itti sireeffaman uumuun baadiyyaa jijjiiruuf ni barbaachisu.
Gama kanaan aadaa hojii hawaasaarratti bal’inaan hojjechuun jijjiirama amalaa fiduuf nigargaara. Amma qonnaan bulaan dur bona yeroosaa bashannanatti dabarsu hojiin dabarsuu jalqabeera. Maallaqa dhugaatiif bashannanatti balleessu baankiitti qusachuu eegaleera. Kun jalqabbii gaarii babal’atuu qabu kan baadiyyaa jijjiiruudha.
Akkuma walii galaatti, hojiiwwan baadiyyaa jijjiiruuf Oromiyaa keessatti jalqabaman gariifi kanneen abdii namaaf kennaniidha. Jabaadhaa jechuun gaariidha.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014