Dhukkuba Busaa

“Dhukkuba busaatu sammuu seenee ebeluun ajjeese” yoo jedhamu ni dhageenya, dhuguma dhukkubni busaa sammuu seenaa?

Dhibeewwan daddarboo tahan yeroo jennu dhibeewwan karaa garagaraan bineensarraa namatti ykn namarraa namatti daddarban jechuu keenya. Baattuwwan dhibee kanaa kan tahan gara namaatti karaa garaagaraan daddabarsuu danda’u.

Dhibeewwan daddarboo akkuma jalqaba kaasuuf yaalle karaa baattuwwan garagaraa namarraa namatti akkasumas karaa baattuwanii ala namootaa namootatti daddarbuu ni danda’u. Fakkeenyaaf dhibeewwan baattuun namootarraa gara namootaatti daddarban keessaa dhibee busaa fudhannee ilaaluu dandeenya.

Dhibeen busaa dhibee pirotozuwaan dhufu yoo tahu pirotozuwaan kun bakka bishaan baay’inaan ciisutti argama. Bookeeen busaa ‘anoofiles mosqiitoo’ jedhamtu pirotozuwaa kana baachuun nama hidduun gara namaatti dabarsiti. Kana qofa miti, nama dhibee kanaan qabame irraa hidduun busaa dhiiga namichaa keessa jiru dhiga waliin xuuxuun gara nama fayyaattiis ni dabarsiti.

Dhukkubni busaa nama hagam ajjeesaa? Addunyaa keenya kana keessa dhukkuba busaaf waggaatti namoota biliyona sadiitu saaxilama. Kanneen keessaas kan dhukkubni busaa qabatee mallattoo irratti agarsiisu namoota miiliyona 243 kan ta’anidha. Dhukkubni busaa ALA bara 2004 waggaa tokkittii keessatti namoota miliyoona 1.82 lubbuu galafatee kan ture yoo ta’u ALA bara 2010 kessaa ammoo gadi bu’uudhaan namoota miliyona 1.24 lubbuu galaafateera.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasetti waggaa lama dura jechuun ALA bara 2017 namoota gara walakkaa miliyonaa ta’an (435,00) ta’an qofa kan ajjeesedha. Namoota dhukkubni busaa ajjeesu keessaa dhibbantaan 80 biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti kan argamanidha. Biyyoota akka Ameerikaa, Kaanaadaa, Awurooppaafi Raashiyaa waggoota shantama dura dhabamee jira. Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu, lafti biyya keenyaa keessaa dhibbantaan 75 dhukkuba busaaf kan nama saaxiluudha.

Dhukkubni busaa biyya keenya keessaa bakka kam baay’inaan hubaa?

Faca’iinsi dhukkuba busaa biyya keenya keessatti bakkaa bakkatti garaagarummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, kunis kan ta’uu danda’e garaagarummaa olka’iinsi lafaa sirrii galaanaa (sea level) irraa qabu irratti hundaa’uunidha. Lafti sirrii galaanaa irraa olka’iinsa meetira kuma lamaa gaditti argaman ho’ina olaanaa waan qabaniif walhormaata bookee busaaf ni mijatu, kanaaf dhukkubni busaas itti baay’ata. Haaluma kanaan lafti gammoojjii lixa Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay, guutummaa naannoo Beenishaangul Gumuziifi Gambeellaa iddoowwan dhibeen dhukkuba busaa itti olka’aa ta’edha.

Gammoojjiiwwan baha Itoophiyaa (irra jireessaan naannoo Somaaleefi Affaar) keessatti ammoo dhukkubni busaa bal’inaan kan hinargamneefi yaa’iinsa lageenii hordofuudhaan, cina lageenii qofatti argama. Kunis gammoojjiileen bahaa kun ho’ina olaanaa qabaatanis, jiidhinsa waan hinqabneef walhormaata bookee kanaaf waan hinmijanneefi. Baddaan giddu galeessa biyya keenyaa ammoo sababa qorraa ta’eef dhukkuba busaa irraa bilisa.

Dhukkubni busaa maalirraa nama qabaa? Waqtii kam baay’inaan daddarbaa?

Dhukkuba busaa kan nama qabsiisan jarmoota xixiqqoo ijaan hinargamne kan gosa pirotozoowaa ta’an ‘plasmodium’ jedhaman yoo ta’u, pilaasmodiyamonni kunneen akaakuu ja’a kan ta’anidha. Baay’inaan ja’a ta’anis kan biyya keenya keessatti dhukkuba busaa namatti fidan akaakuu lamaan ‘Plasmodium falciparum, Plasmodium vivax’ jedhamanidha. Jarmoota kanneen kan namaa namatti dabarsitu bookee busaa dhaltuu ‘anopheles mosquito’ jedhamtudha. Bookeen kun kan walhortu bakkeewwan bishaan kuufame jirurrattidha.

Mallatoowwan dhukkubni busaa argisiisu maal fa’i?

Mallattoowwan dhukkuba busaa irratti mul’atan dhukkuboota hedduu biroo busaa fakkaatan irratti waan mul’ataniif adda baasuun ulfaataadha. Isa kana mana yaalaa deemuudhaan ogeessi fayyaa kan adda baafatu yoo ta’u, ofii keenyaan kan ofirratti arginu garuu mallattoowwan dhukkuba busaa kan akka: miirri fayyummaa namatti dhaga’amuu dhiisuu, mataa dhukkubbii qaamni ho’uu (gubuu), dadhabbii, qaama nama caccabsuu (maashaaleen dhukkubuu) fi altokko tokko garaa keessaa illee miirri namatti hintolle namatti dhag’amuufa’i. Qaama ho’isuu, hollachiisu (qaama urgufuu)fi nama qorrisiisuun nama busaa qabuu yeroo murtaa’e (sa’aa 48 yokaan 72) walirraa fagaatee namatti deddeebi’uu mala. Akkasuma yeroo tokko tokkos walitti fufee mallattoo agarsiisuu mala.

Dhukkubni busaa yeroo hedduu deddeebi’ee yoo nama qabateefi yoo kan nama qabatee nama keessa hinbadiin ture ta’e garaa dhiitessuufi qaama garaa keessaa “spleen” jedhamu dhiiteessuu danda’a. Mallattoowwan armaan olii kunneen yoo kan busaan nama qabe sun salphaadha ta’edha, yoo busaa sammuu hubu (cerebral malaria) ta’e garuu mallattoo addaa argisiisa. Kunis kan hawaasa keessatti “ebelu busaatu sammuu seene” jedhu sana jechuudha, hawaasni keenya sirriitti beeka dhuguma busaan sammuu seenti. Dhukkubni busaa sammuu kunis gosa jarmii busaa ‘plasmodium falciparum’ jedhamuun kan dhufu ta’ee, mallattoolee akka sammuun hojjachuu diduun waan hinjirre haasa’uu (sammuun darbuu), gaggabsuu (of wallaasisuu), qaama hurgufuu (akka nama gaggabdoo qabuutti)fi haga lubbuu dabarsuutti deemuu mala.

Dhukkubni busaa dubartoota ulfaa akkamiin addatti hubaa? Dhukkubni busaa keessumaa dubartoota ulfa jalqabaa kan lammataa irratti yoo qabate miidhama nama kan biraa irraan ga’u caalatti irra geessisa. Hir’ina dhiigaa, hir’ina giluukoosii qaama keessaafi rakkoo sombaaf carraan saaxilamuu haadha garaatti baattuu olka’aadha. Daa’ima irratti rakkoolee akka: ulfaatinni qaamaa gadi bu’uu, mucaan garaa keessatti du’uu, utuu yeroon hinga’in dhalachuufi dhukkuba busaan qabamanii dhalachuu fida. Rakkooleen kunneen hundi carraa lubbuun jiraachuu mucaa hir’isu.

Yaalli dhukkuba busaa akkamiin kennamaa?

Dhukkubni busaa haala salphaadhaan ittifamuufi qorichaan yaalamee kan fayyuu maludha. Qorichi kennamus haaluma akaakuu dhukkuba busaa sanaan garaa garummaa kan qabuufi haala cimina busaa sanarratti hunda’ee manattiifi hospitaala keessa ciibsanii yaaluun illee ni danda’ama. Gaarummaan waa’ee dhukkuba kana yaaluu ilaalchisee jiru, haga ammaa jarmiin busaa qoricha busaa waliin walbaree fayyuu dide jiraachuu dhabuusaati. Kunis dhukkubni busaa kamiyyuu yaalamee akka fayyuu danda’u nutti argisiisa.

Dhukkuba busaa ofirraa ittisuun ni danda’amaa?

Akkuma armaan olitti kaa’ame dhukkuba busaa ofirraa ittisuun ni danda’ama. Dhukkubni busaa daddarbuuf dirqama bookee busaa barbaada. Kanaaf ittisni dhukkuba busaa bookee busaa irratti xiyyeeffata. Kanas akka armaan gadiitti qoqqoodnee ilaaluu dandeenya:

  • Hunda dura naannoon keenya dhukkuba busaaf kan nama saaxiluu moo hinsaaxilledha jennee haala armaan olitti ibsame kanaan adda baasnee beekuun dirqama. Yoo naannoon keenya kan dhukkuba busaaf nama saaxilu ta’e, maloota armaan gadii fayyadamnee of eeguu qabna.
  • Bookeen busaa akka naannoo keenyatti wal hinhorre taasisuu: bookeen busaa walhoruudhaaf bishaan ciisaa (kan hin yaane) barbaaddi. Kanaaf kan isheen waqxii Fulbaanaafi Ebla keessa baay’inaan daddarbitu. Kanaaf bishaan naanawaa keenya keessa kuufamee jiru dhangalaasuudha. Asirratti kan sirriitti hibatamuu qabu bookeen busaa walhoruuf bishaan guddaa hinbarbaaddu, bishaan kophee gatame ykn qodaa cabee gatame keessatti kuufame ga’aadha. Kanaaf kuufamoota bishaanii xixiqqoo akkasiis dhabamsiisuu qabna.
  • Bookeen busaa akka nu hincinniinne ofirraa eeguu: kunis maloota garagaraa fayyadamuun akka bookeen mana salphaatti hinseenne foddaafi balbala seeraan cufuudha. Inni guddaan ammoo bakka rafnutti wantoota bookee busaa nurraa dhorkan akka agoobara fayyadamuudha. Yeroo rafnus fuula keenya, harka keenyaafi miilla keenya sirriitti uffisnee rafuudha.
  • Yoo kana hundaa gochuu hindandeenye ammoo yoo mallattoo dhukkuba sanaa akkuma ofirratti argineen dafnee mana yaalaa deemuun yaala ga’aa argachuu qabna.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You