Haalli biyya keenyaa kun sodaachisaadha. Lammii “biyya kooti” jedhee keessaa jiraatu dhiisitii kan biyya ambaatuu ni yaachisa. Olloonni biyya keenyaa akka ollaatti haala biyya kanaa ni hordofu; yaaddoosaaniis ni ibsu. Gaariis ta’ee hamaan ollaa waan isaan hinhanqanneefi. Hawaasti addunyaallee yaaddoo qaba.
Biyyi guddoon ummata miiliyoona 115 ol qabdu kun rakkoo siyaasaa keessoo qabdi. Biyyi bal’oon sadarkaa addunyaatti maqaa qabdu tun rakkoo dinagdee cimaa qabdi. Biyyi wiirtuu dippiloomaasii Afrikaafi Addunyaa taate tun rakkoo hawaasummaa walxaxaaf kan saaxilamteedha. Rakkoon siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa kunniin walxaxanii biyyattii dadhabsaa jiru.
Yoo yeroon falli itti barbaadame malee bakkuma amma jirtu kanarraa gara rakkoo caalutti sigigaachuu dandeessi. Sigigaachuun biyya kanaa dhiibbaan fidu as qofatti kan dhaabbatuu miti. Haala teessuma lafaafi xiyyeeffannaa siyaasaa (Geo-politics) qabdurraa kan ka’e Baha Afrikaa fi Gaanfa Afrikaatti darbuu mala. Kunimmoo addunyaarrattis dhiibbaa fida. Keessattuu biyyoota gurguddoo naannawa gaanfa Afrikaarraa fedhii guddaa qaban dabalatee.
Badii kanaaf itti gaafatamtoonni hedduudha. Taatonni biyya keessaa akkuma jiran biyya alaas ni jiru. Lammii biyya kanaa kan ta’anis kan hintaanes harka keessaa qabu. Yeroo hunda rakkoonis ta’ee wanti gaariin karaa lamaan dhufa. Tokko karaa keessaati. Inni biraa karaa alaati. Kanaaf beektonni murtii tokko murteessuu dura qo’annoo naannoo /environmental scanning) keessoofi alaa sirritti adeemsisuun barbaachisaa akka ta’e jala sararanii kan ibsan.
Rakkoon biyya keenyaas kana lamaanirraa madda. Inni jalqabaafi guddaan rakkoo keessooti. Rakkoo keessoo bal’isanii ykn dhiphisanii ilaaluun ni danda’ama. Yoo bal’ifame akka biyyaatti maal fakkaanna? Gaariin keenya Maalinni? Fokkataan keenyahoo? Jabinniifi dadhabinni? Carraafi sodaan? Akka biyyaatti fakkii guddaa ilaaluun walqabata.
Yoo dhiphifamemmoo sadarkaa jaarmiyaaleetti ykn dhaabbileetti gadibuusanii ilaaluun ni danda’ama. Naannoodhaan ykn murnaan ykn garee amantaatiin qorannoo gaggeessuun ni danda’ama. Dhimmichi waan tokko maxaxirii leensii guddaafi xiqqaatiin akka ilaaluu jechuudha.
Gama biraatiin wantoota kallattii alaatiin dhufanillee dhiibbaa ni qabaatu. Hawaasni addunyaa biyya kanaaf ni yaada; itti yaadas. Kun siyaasuma jiruudha. Akkuma beekamu ollooti dhihoo biyya keenyaa jiran fira fakkaatanii kan biyya ajjeesaa jiran jiru. Kan diinummaasaanii beeksisanii ifaan socho’anillee ni jiru. Kanneen fagoo jiranirraa dhiibbaan biyya kanarratti taasisamaa jirullee danuudha.
Rakkoowwan karaa alaa yeroof haa bulfannu. Rakkoon irra caalti waliin jireenyaafi tokkummaa sabaafi sablammii biyya kanaa miidhan rakkoo keessooti. Rakkoo keessoo xiinxalanii fala yoo itti argatan kan karaa alaa ofumaaf furachaa deemuu danda’a. Akkuma qaamoleen nafa namaa kan keessoo yoo nagaa ta’an qaamni alaa dhibee ofirraa ittisuu danda’u, biyyis yoo keessi ishii nagaa ta’e, yoo ummati waliigale, yoo jiraattoti tokkummaa qabaatan, yoo kan waliif yaadaniifi waliif dhukkubsatan ta’e rakkoo alaa sana dandamachuun ni danda’ama. Biyya keenyatti rakkoon hammaachaa kan jiru keessoon keenya waan dhukkubsatee jiruufi. Mallattoon dhukkubaa kunimmoo karaa adda addaatiin of ibsaa jira. Laaboraatorii gashanii qorachuu hinbarbaachisu. Guyyaa guyyaan ifatti mul’achaa jira. Sababa kanaan lubbuun namaa ishii mi’ooftuufi marartuun sun bakka hundatti haala salphaan darbaa jirti. Kanaaf qaama alaatti quba qabuu hinbarbaachisu. Maddisaa keessoo keenya. Kan dhukkubsate, kan madaa’ee tortoree qaama alaatiif ulaa saaqaa jiru rakkoowwan keessoo keenyaati.
Rakkoowwan kunniin jaarmiyaalee siyaasaa keessaa burqu. Rakkoowwan kanneen kan omishan beektota keenya; hayyoota siyaasaa keenya, hoggantoota amantoota keenyaati. Murnoota asiifi achitti of qoodanii maqaa ofii moggaasaniidha. Hunda saanii walitti qabee mitii. Muka sorooroo maddii mukti dabaan akka jiru naaf hubadhaa. Ummati silaayuu ummata. Fedhiinsaas beekamaadha; Nagaya, tasgabbii, waliin jireenya, tokkummaa, waliif yaaduu…
Haalli keessoo ijaarama biyya keenyaa kun ajaa’ibsiisaadha. Jaarmiyaa kaayyoofi galma tokko jalatti walitti qabame keessa walqoodinsi jiru hanga kaabaafi kibbaa walirraa fagaata. Dhaabbilee amantaa kitaaba tokkoo fudhatanii waadaa galanii barsiisaan jidduu qoodamniifi walirratti duuluun jiru kan amantii biratti fudhatama qabuu miti. Hamilee sirrii ta’e kamuunuu kan deeggaramuu miti.
Beektoti beekumsaan rakkoo furu. Kallattii nama qajeelchu. Beektoti keenya, ammas hundasaanii miti, rakkoo furuurra rakkoo omishu. Beektota sabaafi sablammii adda addaa jidduu qofa osoo hintaane beektota saba tokkoo keessaa bahan jidduu waan hintaaneefi ummata hinfayyadneef asiifi achi wal harkisuutu jira.
Asirratti garaa garummaan yaadaa jiraachuunsaa hammeenya hinqabu. Sirna dimokiraasii keessatti garaagarummaan yaadaa akka jiraatu ni deeggarama. Deeggaramuu qofa osoo hintaane ni kabajama. Garaagarummaan biyya keenya keessatti mul’achaa jiru garuu faayidaa kan qabaatu hanga karaa nagayaatiin xumurameefi ummataaf faayidaa qabaatetti. Yoo kan giingoo dimokiraasii keessaa baheeti gara olaantummaa ykn abbaa irrummaatti ykn yaada koo qofa fudhadhaa jedhutti deemaa garaagarummaa badii ta’a. Kunimmoo faallaa barnootaafi muuxannoo sirna dimokiraasiiti. Kan biyya keenya keessatti deemaa jiruufi kan biyya qilee gubbaadhaan gahaa jirus kanuma.
Fakkeenyaan haa ilaallu. Akkuma beekamu paartiin Badhaadhinaa paartii guddaa biyya bulchaa jiruudha. Paartiin kun dameelee adda addaa qabaatullee paartii tokko jedhamee yaadama. Paartii kitaaba tokkoon buluudha. Paartii hogganaa tokko qabu; paartii koree raawwachiistuu hojii tokko qabuudha. Akkasumas paartii koree jiddugaleessaa tokkoon hogganamuudha. Mootummooti naannolee hanga tokko bilisummaa heera ofiitiin buluu qabaatanillee, jiddugalaan kan hogganu paartii kanaadha. Kan filannoon gara aangoo manneen maree naannolee keessa jiran, kanneen hoggansa naannoolee fudhatan miseensota paartii kanaati.
Garuu naannoleen paartii kanaan hogganaman yoo miidiyaan walitti bahanii waltuman dhagahuun nama saalfachiisa. Hidhattooti qaamolee paartii kanaa ta’an walitti dhukaasanii walajjeesuu caala wanti gadheefi yaaddessaan hinjiru. Qaamni paartii kana jala jiru daangaa darbee yoo lafa naannoo biraa fudhatu ykn “kiyya” jedhee qabatu akkamiin waliin biyya hogganuun danda’ama? Mallattooleen kunneen akka biyyaatti sadarkaa maalirra akka jirru agarsiisa.
Akkuman irra deddeebi’ee barreessuu biyya kana keessa humnooti walmorkan sadii ifatti jiru. Isaanis Oromiyaa, Amaaraafi Tigraayi. Walmorkiin hummnoota kanneen jidduu jiru yoo karaa nagayaa, beekumsaafi amalaan hinqabamne jireenya biyya kanaa gaaga’a. Kan waraanaafis, nagayaan waliin jiraachufis, biyya ijaaruufi jigsuufis irra caala murteessaan naannolee kanneen. Naannoleen biroo gahee hinqaban jechuu kootii miti.
Keessattuu sabboonummaa corqaan naannoo Amaaraa keessatti dhalachaafi guddachaa jiru, ijjannoon hayyoota saba kana keessaa bahanii, beektotaa, murnootaafi miidiyaa saba kanaa maqaa dhahatan ykn deeggaran bira jiru sodaa (threats) biyya kanaa ta’aa jira. Kanaaf gochaawwan isaan raawwachaa jiran, ololli faallaa saba Oromoofi hoggantoota Oromoo irratti deemsisaa jiran faallaa waliin jiraachuuti.
Finxaaleyyiiwwan naannoo kana keessatti karaa seeraanis ta’ee seeraan alaan wal ijaaran ajjeechaan dhalataa Oromoorratti naannoosaa keessatti raawwatan biyya isaan hawwan sana kan ijaarsisuu miti. Ajjeechaan qaama nageenyaa naannoo Oromoorratti raawwatan kana bira taranii qaama nagaa Oromiyaarratti raawwatan gonkumaa kan walnama jaallachiisu hinta’u. dhiibbaan daangaafi weerarri lafaa kallattii hundaan naannoo Oromiyaarratti adeemsifamu kan kirrii naannolee kana walitti hidhe ishii qalloo sana addaan kutuudha malee kan yabbisee walitti suphuu miti.
Akkuma walii galaatti tuttuqaan finxaaleyyiin ummata Amaaraa keessaa bahan kan biyya keessaafi biyya alaatii beekumsaan, maallaqaafi humnaan walqindeessanii miidiyaa idileefi mit-idilee dabalatee ummata Oromoorratti duulaa jiran akkasumas daangaa sabaafi sablammiillee ce’anii lafasaamani kanneen mootummaan sararatti deebisuu qaba; yoo akka mootummaati jira ofiin jedhe. Gochaan jalqaban kun isaaniis kan hin baasne, ummata Amaaraas akka hinfayyadne beekamaadha.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014