Yaada ummataa dhaggeeffachuufi deebii qabatamaa laachuu

Akkuma beekamu jaarmiyaaleen siyaasaa jidduu kana kora dhaabaa (sabaa) gaggeessaa jiru. Kora kana jalqaba kan gaggeesse Paartii Badhaadhinaati. Paartiin kun akka biyyaatti paartii guddaadha. Miseensota hedduu qaba. Paartiin kun guddina qabaachuu qofa osoo hintaane yeroo jijjiiramaa keessa kan biyya bulchaa tureefi ammas filannoo bara tare gaggeeffamerratti hundaa’udhaan biyya bulchaa jira. Paartii biyya bulchurraa waan hedduutu eegama. Dhimmooti biyyaa jechuunis dhimmi siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa akkasumas hariiroon hawaasaa biyya kanaa paartii kanaan gaggeeffama; kanaaf waan hedduutu irraa eegama.

Paartiin biyya bulchaa jiru kun akkuma kora paartii isa 2ffaa xumureen gara ummata bal’aatti gadi bu’ee ummata mariisisuu jalqabe. Kunis waanuma irraa eegamuufi adeemsifamuu qabuudha. Mariin akkanaa kun yeroo yeroon osoo gaggeeffamee mootummaan waan ummati jedhuufi yaadu dhagahuuf carraa argata. Akkasumas ummati kallattii mootummaan qabateefi waan ummataaf yaadaa jiru irraa hubata. Kanaaf mariin akkana riqicha qaama mootummaafi ummata walitti fiduudha.

Marii kanarratti qaamoleen mootummaa guguddoon biyyaafi naannolee gaggeessan argamuudhaan afaan ummataarraa fedhiifi rakkoosaanii dhagahaa akka turan miidiyaarratti ilaalaa turreerra. Dhimmichi karaa jette jettee kaadirootaatiin qaamolee mootummaa gurguddoo kanneen bira gahuu dhiisuunsaa waan jiru kallattiidhaan dhagahuufi furmaata kennuuf ni fayyada.

Akka miidiyaarratti ibsamettii ummati qabxiiwwan ijoo ta’an kaaseera. Wanti hafe jedhamullee waan jiru hinfakkaatu. Kan hafu deebii mootummaa qofaadha.

Qabxii ijoon ummati kaasee keessaa inni jalqabaa dhimma nageenyaati. Dhimmi nageenyaa sagalee cimaadhaan waltajjii hundarratti ka’aa ture. Gama kanaan, ummati karaa hundaanuu rakkoo keessa akka jiru osoo irraa hinhambisiin takka, lama… jedhee kaaseera. Kanaaf mootummaa irraa fala akka barbaadu ifatti himeera; ifatti dubbateera. Kanaan booda kubbaan mootummaa harka jirti. Nagaa biyya keessatti boora’aa jiru kana haala kamiin tasgabbeessuu akka danda’u itti yaaduu.

Yaadonni akkamiin nagaan bu’uu akka qabu kennaman tokko tokko kan fiixeetti bahaniidha. Irra caalaan garuu nagaa biyya kana keessatti buusuuf mariin akka barbaachisu jala sararanii dubbataa turan. Sagalee hedduun mariiniifi araarri jalqabame itti fufee qaamni dhimmi ilaallatu hundi karaa mariitiin nagaa akka buusu kan gaafataniidha. Yaadni deeggaramuu qabullee isa kanadha; akka ilaalcha kootti. Mariin ala qawweedhaan nagaa buusuuf yaaliin taasifame gatii biyyattii kanfalchiise ni beekama. Biyya kana keessatti tarkaanfiin karaa humnaa taasisamu caalatti yoo rakkoo uume malee nagaa waan buusuu miti. Kanammoo taatewwan waggoota darban keessatti mul’atanirraa hubannoon argameera jedheen amana. Kanaaf, nagaa karaa nagaa buusuuf mootummaan cimee hojjechuu qaba. fedhiiniifi gaaffiin ummataas inni guddaan isa kanadha.

Gaaffiin ummataa inni biroo gaaffii qaala’iinsa jireenyaa waliin walqabateedha. Akkuma beekamu qaala’iinsi jireenyaa qaama hawaasaa hunda miidhaa jira. Hiyyeessa qofa osoo hintaane hawaasti galii jiddugalaa qabullee rakkoo qaal’iinsa jireenyaatiif saaxilamaa jira. Kana kan uume keessaa inni tokko haala nageenya biyya keenyaati. Kan biroo haala nageenya idila addunyaati. Haalli gabaa addunyaalee gumaacha qaba. Irra caala gumaacha kan qabu garuu haala nageenya keessoo keenyaati.

Waltajjii marii ummataa kanarratti hawaasti ifatti daldaltoota, faddaltootaafi qamolee mootummaa himataa tureera. Qaamoleen kunniin rakkoo kanarratti beenzila firfirsaa kanneen jiran keessaa sadarkaa duraarratti kan mul’ataniidha. Kan hinjirre silaayuu hinjiru. Waanuma jiruufi harkaa qabanirratti hanqina uumuu, dhoksuu, walfayyaduu, maqsuufi gatii dabaluu keessaa harka qabu. Fakkeenyumaaf shaayii (Shukkaara)fi zayita mootummaan raabsu haqanqaalanii gara dabarsuu keessatti gaheen qaamolii kanneenii olaanaadha.

Simintoo caalmaan meeshaan dheedhiin biyya keessatti argamu kan waarshaaleen gatii xiqqoodhaan gurguran kaan ofii keessa galuudhaan, kaan faddaltootatti dabarsuudhaan, kaan dhoksuudhaan gatiin %100 oliin akka dabalu kan taasisan jarreen kana. Shaqaxooti birootis haaluma kanaan aamichaafi haqa malee badhaadhuuf oolaa jiru.

Dhimmi akka sadaffaatti ulfinni kennamuuf dhimma malaanmaltummaa wajjin walqabateedha. Akka ummati kaasaa turetti, akka dhugaa lafa jiruttis, malaanmaltummaan biyya kana keessatti hidda gadi fageeffateera.

Akkuma beekamu yeroo ammaa harkaan hiixatan malee ulaa xiqishuurree hulluuquun rakkisaa ta’aa jira. Ganda yoo dhaqan malaanmaltooti xixiqqoon mata’aa malee waa namaaf raawwachuuf osoo hintaane sagaleedhuma nama jalaa qabuuf hinfedhan. Aanaa yoo dhaqan isa jiddugalaa afaan bananii nama eegu. Dhimmichi gara godinaafi naannootti kan nama geessu yoo ta’e yookaan beekanii achumatti hafuu yookaan waan qaban gurguratanii imaluu nama barbaachisaa jira. Rakkoo kana ummati sirritti qaaccessee dubbateera. Kan dhagahu garuu jiraachuu qaba. Qaamoleedhuma marii gaggeessaa turan sanneen keessaa meeqa dhimma kanarraa bilisa akka ta’anillee ummati gaafataa ture. Dhimmichi hunduma ilaallata; malaan maltoota isaan xixiqqaarraa eegalee hanga guguddaatti.

Magaalota keessatti rakkoon mana jireenyaa wajjin walqabatee akka qabxii tokkootti ka’eera. Magaalota guguddoo dhiisii magaalota xixiqqoo baadiyyaa keessattuu kiraan manaa yeroo yeroodhaan dabaluusaatiin hawaasti kaffaluu dadhabaa jira. Qaala’iinsa jireenyaarratti dabalamee jiraattota qoraa jira. Ummannis mootummaadhaan ‘rakkoo kana hubadhuu nuuf hiiki’ jedheen.

Rakkoon kun rakkoo bu’uurarraa hiikkachuu qabuudha. Namoota mana kireessaniin gatii hindabalinaa jedhanii mirga tokkoo dhiibanii mirga nama biraa kabachiisuurra, haalli manni jireenyaa bal’inaan itti ijaaramee ummata harka qalleeyyidhaa dhiyaatu yaaduutu barbaachisa. Haala ummati walgurmeessee mana itti ijaarratu mijeessuutu fala. Kanaan rakkoon hiikkata malee abbaa qabeenya dhuunfatiin mana keetirratti gatii kiraa hindabaliin jechuun sirrii natti hinfakkaatu. Rakkoo jiruufis fala hinta’u.

Maalumaafuu ummatatti wanti hafe hinjiru. Ummati waan garaa qabu dubbateera. Qaama kallattiin ilaaluttis himeera. Gaaffiin amma jiru mootummaan dhimmoota kana galee hojii manaa irratti hojjetaa? kan jedhuudha. Yoo kana ta’uu baatemmoo maaltu dhufaadha. Maalumaafuu sagaleen ummataa, iyyi hiyyeessaa dhagahamuu qaba.

Dhimmooti bulchiinsa gaarii wajjin walqabatanii ka’an kunniin akka salphaatti kan ilaalamanii miti. Mootummaan kan dhaabbatuuf rakkoowwan akkanaa kunniin ummata nagaya akka hindhorkineefi. Mootummaan kan hundeeffamuuf ummata bulchuudhaafi malee saamsisuufi jeequufi miti. Kanaaf, dhimmooti marii irratti ka’an kunniin haala addaatiin ilaalamuu akka qaban dagatamuu hinqaban.

Biyyooti sirna dimokiraatawaa ijaaran aangoon kan ummataati jedhu. Aangoon kan ummataati maaliif jedhan? Maaltu aangoo kan ummataa taasisa? Biyyoota kanneen keessatti kan hogganaasaa ykn hirmaattota mootummaa filatu ummata. Mootummaa kan dhaabus kan jigsus ummata. Ummati jaarmiyaa jaalateef aangoo kenneefi qaamoti mootummaa jedhaman sadeenuu aangoo qabatanii ummata tajaajilu. Yoo jibban akkuma korsiisanitti deebisanii irraa buusu. Aangoo itti kennan irraa fudhatanii kan biraa bakka buufatu. Kanaaf ummatichi mirga guutuu qaba. Kanaaf ni soodaatamalleedha.

Mootummaan akkuma gadi bahee ummata dhaggeeffate oldeebi’ee yoo hojii manaasaa hojjate rakkoolee kanneen eeraman keessaa kuun yeroo gabaabaa keessatti ni hiikkatu. Kanneen yeroo giddugalaafi fagoo keessatti falli barbaadamuufii qabanillee akka jiran beekamaadha. Kanaaf, kanneen yeroo gabaabaatti deebii argachuu malaniif deebiin kennamee ummatatti himamuu qaba. Kanneen tarsiimoo yeroo jiddugalaafi dheeraa barbaadaniif tarsiimoo qabame ummatatti beeksisuudhaan ummati akka tarsiimoowwan qabaman keessatti hirmaatu gochuun qaama falaa ni ta’a.

Akkuma beekamu ummati keenya obsaadha. Waanuma hundaaf hinmuddamu. Gaaffii gaafate ni beeka. Deebiin kennamuufis yeroo fudhatu ni hubata. Garuummoo fala ni barbaada. Gama kanaan mootummaarraa waan guddaatu eegama. Akkuma ummata dhageeffate waan ummati gaafateef deebii laachuufi qaba.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You