Arfaasaa qotanmalee birraa maal makaratu?

Waggaa keessatti waqitiin afurtu jira. Ji’ooti 12n waggaa keessatti lakkaawaman waqtii afran kanneeniif yoo qoodaman waqtiin tokko ji’a sadii qabaata. Isaanis Birraa, Bona, Arfaasaafi Ganna jedhamu, tartiibasaaniitiin.

Amma bona dabarsinee Arfaasaa qabanneerra. Bitootssi, Ebliifi Caamsaan waqtii arfaasaa keessatti ramadamu. Akka gannaa ta’uu baatus, akka zoonii qilleensaa biyyi keenya keessatti argamtuutti, yeroon kun yeroo roobaati. Arfaasaa Waaqayyo ni rooba; balgiitu facaafama; kalootu marga, loontu aduufii beela bonaa dandamatee aannan baha.

Dabalataanis waqtii kun yeroo qonnaan bulaan lafaqonnaa itti qopheeffatuudha. Sagantaa facaasaa inni gannaa kan milkaa’u qophii maasii yeroo kana taasisamuuni.

Akkuma biyyaattuu roobni arfaasaa roobuu jalqabeera. Finfinneefi gara Tuulamaa kanatti lafa jiisaa jira. Qalbiin namaa xiqqoo boqoteeraa. Ongeen dheeratee dachiittii daaraa aguugee kanaan booda dhawaata dhabamaa deema. Qonnaan bulaanis, qonnasaatiif qophaa’uu jalqabaeera. “Arfaasaa yoo qotanmalee birraa maal makaratu” jedhuu mitiiree?

Tarii gabaasa meetworolojii maal akka jedhu nidhageenya. Roobni arfaasaa kun Booranaafi Gujii dhaqqabee laata? Somaaleefi Harargeerratti cophee laata? Gammoojii Baaleetti karfaffaa’ee laata? Balaan ongee godinaalee kanatti uumame waan nama yaachisuufan gaafadhe.

Ummanni bakkeewwan kanneen keessa jiraatu ongeedhaan garmalee dhahamee sa’aa namaan rakkachaa turan. Beeladooti Booranaa kanneen bara roobni tole ijaan ilaalamanii hin quufamne sun jireenyaan goggoganii dirreerratti hafaniiru. Allaatiin isaan nyaatu dhabamee tortoranii badaniiru.

Deeggersi adda addaa walittifufiinsaan taasisamus, amma yoo roobuu baate dhimmichi gara lubbuu namaatti dhufaa akka jiru mal’attoowwan hedduun mul’achaa jiru. Roobni kun dafee dhaqabee yoo beelada ongeerraa haftetti lubbuu hinhorin ummanni kun balaa hammaataaf saaxilamuu danda’a. Kanaaf Godinaalee kanneeniif roobee? jedhanii gaafachuun, barbaachisaadha.

Rakkoon ongee barana godinaalee kanneen rukute rakkoo hamaa ta’e kan biraatiin walirra bu’e. Akkuma beekamu biyyi hiyyeetiin tun waggaa tokkoo oliif waraana guddaa keessa turte. Sababa waraanaatiin xiyyeeffannaan irra caalaan gara kaabaa ture; kan mootummaas kan ummataas. Waraana ofirraa qolachuu maddiiddiitti ummata sababa waraanatiin qe’eesaatii buqqa’e gargaaruu, qubachiisuu, nyaataafi qoricha dhiheessuu.

Akkuma beekamu bara tare yeroo kana waraanatu gaggeeffamaa ture. Sababa kanaan godinaaleen naannoo Amaaraa gara kaabaafi naannoon Tigraayi qonnarraa fagaatanii turan. Arfaasaa miti; qonna idileerrattuu hirmaannansaanii xiqqaafi kan soorata waggaa isaaniif argasiisu hinturre. Baruma nagayaatuu naannoon Tigraayiifi gammoojjiiwwan gara kaabaa naannoo Amaaraa omsha gahaa hinomishan. Kanarratti waraanni dabalamee ummata naannoo kana hubeeraa.

Jiruufi jireenyi biyya kanaa qonnaafi hojiiwwan qonna wajjin walqabatanirratti kan hundaa’eedha. Lubbuun ummata miliyoon dhibba tokkoofi miliyoona 15 ta’u kan jiraachisu qonna duubatti hafaa gateettii qotiyootiin adeemsifamuudha.

Midhaan sharafa alaa argamsiisan kan dhufu damee dinagdee qonnaa duubatti hafaa irraayi. Galteen industirii qonnaa kan maddu qonnarraayi. Akkuma waliigalaatti dinagdee biyya kanaa keessatti gaheen qonni qabu har’as olaanaadha.

Hojiin qonna kun irra caala kan jalqabamu yeroo kana. Arfaasaa qotanii biyyoo yoo buusan malee birraa bu’aa gaarii argachuun kan yaadamuu miti. Kanaafi Arfaasaa qotan malee birraa maal makaratu? kan jedhamuuf.

Kun akkuma jirutti ta’ee hojiiwwan qonna waqtii hunda keessatti gaggeessuufi maasii tokkorraa yoo xiqqaate si’a lama omishuuf yaaliin taasisamaa jiru gaariidha. Gama kanaan muuxannoon naannoo Oromiyaa bakkeewwan hedduutti mul’atu fakkeenya gaariidha. Qonnarraa soorataa argachuuf qofa osoo hintaane, galii olaanaa ta’e akka argatan taasisaa jira; qonnaan bultoota keenya.

Naannoon keenya, naannoon Oromiyaa dachii misoomtuu qonnaaf mijate kan hojjatanii irraa argataniidha. Biyyoon Oromiyaa waan itti kennan harka kudhaniin baay’isee namaa galcha. Imaanaa kan nyaatuu miti. Dinagdeen qonnaa biyya kanaa yoo ka’u kan maqaan caalmaan dhahamu Oromiyaadha. Kan omishee gabaa quufsu naannoodhuma kana.

Naanoon kun yeroo ammaa maal keessa jira? Akka durii arfaasaa qotee birraa makarachuuf qophiidhaa? Qonnaan bulaa bira haalli mijataan hojii idileesaa akka gaggeessu taasisu jiraa? Gaafiiwwan kunniin xiyyeeffannaa argachuu qabu. Qaamni hunduu ijaafi gurra itti kennuu qaba.

Kan gaaffii kana na gaafachhiise haala nageenya naannoo kanaati. Hin dubbatamu malee nageenyi naannoo kanaa rakkoo hamaa keessa jira. Amma amma sadarkaan rakkoo nageenyaa kun ifa bahaa deemuusaatiin aanga’ooti mootummaa tokko tokko midiyaatti gadi bahanii sagalee dhageesisuu jalqabaniiru. Ukkaamamee bilchaachuu waan danda’ame natti hinfakkaatu.

Dhimmoota qabatamaa ta’aniin yaada koo haa deeggaru. Torbee kana keessa gara lixa shaggariin fageenyaa yoo baayate Finfinneerra kiiloomeetira 150 hincaallef gadi ba’uuf dirqameen ture. Firri du’ee awwaaluuf sodaachaafi kirkiraa konkolaataa kontiraata fudhannee deemne.

Daandii irra deemnu kanarra riphee loltooti jiru waan jedhameef, konkolaataa keenyatti faajjii uffta gurraacha itti hiinee gara bataskaana awwaalchaatti deemne. Hanga deemnee deebinutti rakkoon nu quunname hinjiru. Sodaa malee nagumaan baanee galle.

Wanti ummati gurratti namatti ususu garuu tasgabbii namaaf hinkennu. Nama tummuun, meeshaa nama hiikachiisuun, nama hidhuun, saamichi, nama butanii deemuuniifi kanneen kana fakaatan bal’inaan mulachaa jiru, akka ummati jedhutti. Haala kanaan ummati kun arfaasaa qotee birraa bara egeree makarataa? jedhee akkan gaafadhu kan na taasise kana.

Akkuma waliigalaattuu Oromiyaan jiituu badhaatuun gara dirree waraanaa ta’uutti deemaa jirti. Godinaalee Wallagga afran, godinaaleen Shawaa Kabaafi Lixaa gartokkeen, godinni Gujii eddii nagaa dhabanii bubbulaniiru. Godinaaleen kuunis xuxxuqamaa jiru.

Dhimmi nageenyaa akkuma waliigalaatti dinagdee, siyasaafi jireenya hawaasummaa biyya kanaa jeeqaa jira. Hanga rakkoon nageenyaa kun hinhiikamnetti arfaasaa qutuun, ganna facaasuun akkasumas birraa makarachuun rakkoo ta’uuf deema. Bakkawwan tokko tokkotti kanaan duraas rakkoo ta’eera.

Akka biyyaatti rakkoowwan keenya lakkoobsa dhabaa jiru; baay’inasaaniirra kan ka’ee. Tokko yoo cufan kan biraati afaan banee nama liqimsuu gaha. Kan qabanii kan gadi lakkisan wallaalamaa jira. Yeroo rakkoon akkanaa nama quunname dhimmoota miiraan osoo hintaane herganii ilaaluutu gaarii ta’a.

Bishaan osuma kofalchiisuu nama nyaata jedhama.

Rakkoon negeenya biyya keenyaa kunis osoo itti qoosnuu, osoo tuffannuu, osoo xiyyeeffannaa dhabsiisnuu akka nu hin nyaanne gochuuf qaamni hunduu gahee irraa eegamu bahuu qaba. Mootummaan akka mootummaatti waan irraa eegamutu jira.

Jaarmiyaaleen siyaasaa akka hirmaannaa siyaasaa biyya kana keessatti qabaniin dirqama irraa eegamu bahuu qabu. Hidhattooti mootummaa mormaa jiranis gahee irraa eegamutu jira.

Abbootiin amantii, ofiifuu nagaa waldhorkaa jiran, akka amantiisaaniitti nagaafii tasgabbii buusuu keesatti loogii malee hojjechuun irraa eegama. Abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa yeroon ummatasaanii balaarraa baraaruuf bal’inaan socho’uu qaban yeroo kana.

Dubbii haa guduunfu. Dhimmi nageenyaa biyya keenyaa kun xiyyeeffannaa addaa barbaada. Haala akkamiitiin nagaan buhuu danda’a gaaffii jedhu nama gaafachiisa. Gama kanaan yaadi namootaa garaa garummaa qabaachuu mala.

Akka ilaalcha kootti, rakkoon biyya kanaa kan qawweefi raasaasa qofaan furamu miti. Osoo kanaan kan furamu ta’ee haalli naannoo Tigraayi qaata bakkatti deebi’a ture. Muuxannoon addunyaa kan ibsu qawween nageenya fulla’iinsa qabu fiduu akka hindandeenyeedha.

Nagaafi tasgabbii fiduuf falli inni xumuraa mariidhaan rakkoo jiru hiikuudha. Kanaaf qaamoleen hundi mootummaafi hidhattoota dabalatee gara mariitti dhufuudhaan ummata keenyaaf qabbana buusuu qabdu. Gaafa kana qonnaan bulaan keenya arfaasaa qotee birraa makaratee kan soorata nuu omishu.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You