Qormaata tokko booda qormaata biraatu jira

Paartiin Badhaadhinaa yaa’iisaa isa jalqabaa torbee kana keessa guyyoota sadiif adeemsiseera, Bitootessa 2-4 tti. Ya’ii kanaanis hoggantooti paarticha gaggeessan filatamaniiru. Dhimmoota paartii ilaallatan adda addaarratti murtiin darbeera. Haaluma kanaan pireezidaantiifi pireezidantoota ittaanaa lama akkasumas raawwachiistuu hojii 45fi koree jiddugalaa (central committee) 225 filateera. Gamoo waajjira Paartii Badhaadhinaa haarawa baasii toora qarshii biliyoona tokkotti dhihaatuun ijaaramees eebbisiiseera. Qaamota filatamaniin baga gammadan jechuun barbaachisaadha.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii yeroo ammaa biyya hoganaa jiruudha. Filannoo bara tare akka biyyaatti adeemsisameen Paartiin kun itti gaafatamummaa kana fudhate. Yeroo ammaa kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa teessoo 547 qabu keessaa teessoo hedduu kan qabate paartii kanaadha. Teessoo kanneen qabaachuusaatiinis mana maree ministirootaa hundeessuudhaan akkasumas qaama seeraa (judicial body) ijaaruudhaan baatii Onkoloolessa bara 2014 irraa eegalee ulaa hundaanuu biyya gaggeessaa jira.

Paartii guddichi kun yeroo haalli biyya kanaa rakkoo cimaa furmaata bu’uraa barbaadu keessatti kan yaa’ii isaa isa seenaa keessatti tokko jedhee galmaa’e kana kan gaggeesse. Kana jechuun filatamtooti paartichaa yeroo ittigaafatamni gaggeesitoota biyya kanaa sadarkaa ulfaataa irra gahetti filatamuusaaniti. Hojiin irraa eegamus ulfaataadha. Maaltu ulfaataa taasisa?

Sadarkaa jalqabaarratti wanti ulfaataa taasisu haala nagayaa biyyattiin keessa jirtuudha.

Akkuma beekamu biyyattiin waggaa tokkoof waraana ulfaataa keessa turte. Waraanni kun ammaaf haala duraa sanarra hinjiru. Lubbuu namaa balleessee, qabeenya hedduu gubee, rakkoo hawaasummaa kana jedhamee hinhimamne uumee yeroodhaaf ripheera. Riphe jechuun, yeroof akka duraa sanatti waraanni fuulletti gaggeeffamaa jiru, kan miidiyaan sa’aatiidhaan odeessu sun hinjiru jechuudha malee waraanni dhaabbate jechuu miti. Waraanichi guutummaan hindhaabbanne.

Naannoo Affaariifi Naannoo Amaaraa keessatti bakka Naannoleen kunniin naannoo Tigraayiin waldaangessanitti walitti bu’iinsi akka jiru gabaafamaa jira. Kana jechuun boru wanti dhufu hinbeekamuu jechuudha. Yookiin waraanichi cimee itti fufuu danda’a. Yookin nageenya ummati biyyattii hawwu bu’uu mala. Kun dhimma hoggantoota harka jiruudha. Kana bifa daandii qabsiisuun mataasaatiin waan ulfaataa beekumsa, bilchina, obsaafi abshaalummaa barbaaduudha. Waan akka salphaatti ilaalamuu miti.

Gama biraatiin naannolee biyyattii hedduu keessa haalli nageenyaa sodaachisaa ta’ee mul’ata. Naannoo biyyattii keessaa isa guddaa, dinagdee biyyattii sochoosu, siyaasa biyyattii keessatti gahee guddaa qabu, Oromiyaa, keessatti haalli nageenyaa jiru kan namatti toluu miti. Naannoo kana keessaa hidhatooti bal’inaan socho’aa jiru. Ifatti bal’inaan dubbatamuu baatus rakkoon jiru salphaa miti. Sababa nageenya dhabuutiin miidhaan hawaasarra gahaa jira. Akka aanga’aan mootummaa tokko dhiheenya kana dubbatetti hidhattooti Oromiyaa keessa socho’an garee riphee lolaarraa gara idilaawatti jijjiramuusaanii ibseera. Kun maal jechuu akka ta’e ifaadha.

Naanoon Beeniishaangul Gumuz naannolee rakkoo guddaan keessa jiru keessaa isa tokkoodha. Naannoo Gaambellaa, Somaaleefi Affaar keessattis wantooti anga’an ni jiru.

Nageenyaan walqabatee qaamoleen miti idilaawaa ta’an naannolee keessatti bal’inaan uumamaa jiru. Fakkeenyaaf wanta naannoo Amaaraa keessatti uumamaafi ta’aa jiru qofa hubachuun gahaadha. Al tokko tokko dhimmichi humna mootummaa naannichaatiin ala bahaa jira nama jechisiisa. Balaan ibidaa mana tokko keessatti uumame olla hinhanqatu. Kanaaf kana sirreessanii karaa qabsiisuun filatamtoota Paartii Badhaadhinaaf hojii manaa isa guddaadha. Hojiin nagaa mirkaneessuu qormaata paartii kanaa isa fuulduratti eeggatuudha.

Rakkoo hawaasummaa akka lammataatti kaasuun ni danda’ama. Rakkoon hawaasummaa biyyattii keessa jiru garmalee ulfaataa ta’aa jira. Sababa nageenyaatiin lammiin qe’eesaattii buqqa’aa jiru kumaatama bira taree miliyoonaan lakkaawamaa jira. Sababa waraanaatiin ummati Tigraayi rakkoo hedduuf saaxilamaa jiraachuunsaa dhugaadha. Haaluma walfakkaatuun hawaasti naannoo Amaaraa keessa jiru kan sababa waraanaatiin qe’ee buqqa’e, kan bara tare maasiinsaa agabuu bule, kan daldalli addaan jalaa cite hedduudha. Naannoo Oromiyaa keessas, hanga naannolee lamaanii gahuu baatus, namni qe’eesaatii buqa’aa jiru salphaa kan jedhamuu miti.

Rakkoon kun rakkoo jiruufi jireenya namaa wajjin walqabateedha. Rakkoo miidhaa dhala namaa, daa’imman, dubartoota, jaarsaafi jaartii wajjin ciminaan walitti hidhamuudha. Kan yeroo namaaf kennus miti. Fedhii dhala namaa bu’uuralee kan ta’an dawoo, nyaata, daara wajjin kallattiidhaan hidhata qaba. Rakkoo kana hiikuu keessattis gaheen hoggantoota paartii badhaadhinaa kan biyya bulchaa jiruu hanga arbaa guddata. Rakkoo kanaaf furmaata barbaaduun, nagaa buusuun, namoota buqqa’an qubachiisuun, bu’uraalee misoomaa badan deebisuun waan akka salphaatti ilaalamuu miti.

Akka sadaffaatti dhimmi dinagdee ni ka’a. dhimoota dinagdee keessaa qaala’iinsi jireenyaa isa tokkoodha.

Qaala’iinsi jireenyaa biyya kana keessa jiru rakkoo guddaa isa birooti. Torbee darbe mata duree kanarratti waan tokko tokko tuttuqeen jira. Ammas dhimmi qaala’iinsa jireenyaa dabaluufi hir’achuu omisha qeenxee ykn muraasaa waliin kan walqabatuu miti. Galii namaa ilaaluu barbaachisa. Gatii shaqaxoota akka walii galaatti kan bara taree wajjin madaaluu gaafata (consumer price index). Gabaasa istaatistiksii infileeshiin wajjin walqabatuudha. Gatii shaqaxootaa dhaabbati istaatistiksii biyyattii baasu ilaaluun barbaachisaadha. Kana walitti fidanii yoo madaalan qaala’iinsi jireenyaa biyya kana keessatti uumamaa jiru sodaachisaadha. Kana furuu keessatti gaheen mootummaa jechuunis paartii biyya bulchaa jiru ni danata. Paartii keessaa kan hoggantootaa ammoo dachaadhaan dabala. Kana keessatti ummati gahee hinqabu jechaa hinjiru. Hawaasti gah’ee irraa eegamu bahuu akka qabu eenyuma jalaahuu hindhokatu.

Paartiin Badhaadhinaa dhaamsa tokko qabateeteetti kan yaa’iisaa isa jalqabaa kana gaggeesse. Dhaamsichi “qormaatarraa gara injifannoo waaraatti” kan jedhuudha. Jecha ‘waaraatti’ kana yeroo jalqabaatiifin dhagahe. Isa Amaariffaan “li’ilinnaa” jedhamu sana bakka bu’a jedheen fudhe.

Addunyaan tun rakkistuudha. Jireenyi mataasaatiin qormaata. Qormaata tokko yoo xumuran qormaata biraatu dhufa. Rakkoo tokko yoo furan rakkoo biraatu dhalata. Kanaaf Paartiin Badhaadhina qormaata biraa hinqabu jechuun hindanda’amu. qormaatotiwwan hedduun ammas fuuldurasaa jiru.

Qormaati inni guddaan ilaalcha waldhiitaafi fiixeetti bahan kanneen biyyattii kana keessatti hidda gadi fageeffatan hiikuudha ykn walitti araarsuudha ykn walitti dhiheessuudha. Gama kanaan waan hedduu kaasuun ni danda’ma. Fakkeenyumaaf rakkoo naannoo Tigraayi walxaxaa kana hiikanii naannoo kana qaama biyya kanaa taasisuun waan salphaa miti. Rakkoo finxaaleyyyiin Amaaraa biyyattiitti fidaa jiran fala barbaaduun gatii nama kaffalchiisuu mala. Oromiyaa keessatti nagaa fiduun amma miidiyaarratti dubbatamu hinsalphatu. Jaarmiyaalee siyaasaa Xoobiyummaa jala dhokatanii summii nageenya booressuu facaasaa oolan kallattii qabsiisuun ulfaataa ta’aa jira. Finffinnee keessatti ibidda isaan qabsiisuuf yaalaa jiran dhaamsuun hojii guddaa gaafata.

Akkuma waliigalaatti rakkoon biyya kanaa gara mataa jira; hoggantoota jaarmiyaalee siyaasaa, hayyoota, beektota, hoggantoota amantaa, aktiivistoota, miidiyaa… bira jira. Qaamolee kanneen akkuma salphaatti walitti fiduun hindanda’amu. Hawaasa biyyattii asiifi achi kan harkisanii qaamoota kanneen. Biyyattiinillee rakkoowwan kana keessa kan galteef sababii qaamolee kanneenitiin. Yaadisaanii hanga dachiifi samii walirraa fagaata. Akka salphaatti walitti hinaraaramu. Araaramuun hafee walitti dhiheessuun rakkoo guddaadha.

Paartiin Badhaadhinaas rakkoolee biyyattii walxaxaa kan hubachuu qabu kanaadha. Qormaati darban caala kan fuuldura jiran ni heddumatu natti fakkaata.

Torban Gaarii

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You