Gabaa olii gadi raafamu waliin raafamuu

Dinagdeen qofaasaa hin dhaabbatu. Waan hedduun utubama. Siyaasni utubaa dinagdee isa tokko. Imaammata ykn kallattii dinagdee akkasumas seektaroota dinagdee xiyyeeffannoo barbaadan kan murteessu siyaasa biyyattiin hordoftuudha. Teknolojiin, aadaan, beekumsi, hariiroon ummataa… guddina ykn qancaruu dinagdee biyya tokkoo keessatti shoorri qaban salphaa miti.

Gama birootiin dinagdee biyya tokkoo kan murteessu dhimma keessoo qofaa miti. Dhimmi keessoo qooda guddaa qabaachuu mala. Garuu dhimmi alaa, kan to’annoo biyyattii jala hinjirre, dhiibbaan fidu akka salphaatti kan ilaalamuu miti. Akkuma beekamu gabaan addunyaa walitti hidhamaadha. Kan qaban gabaaf dhiheessaa kan hinqabnemmoo alaa bitama. Gabaan aleergiifi olgalii (import- export) kanaan walqabata. Kan omishu haala isa baasuun kan gurguratu yoo ta’u kan bitummoo filannoowwan jiran ilaalee kan filaterraa bita. Garuu gatiin kan murteessu kan omisheefi haala gabaati. Kanarratti taateewwan yeroo yeroon uumaman gabaa mi’eessufis ta’ee busheessuuf gahee qabu.

Yeroo ammaa kana gabaan addunyaa jeeqamaa jira. Gabaa keessa tasgabbiin hinjiru. Tasgabbii dhabuun gabaa addunyaa biyyoota hiyyeeyyiiratti ba’aa guddaa fida. Fakkeenyaaf, waraanni biyyoota Ruusiyaafi Yuukireen jidduutti ka’e gabaa addunyaa toora dhabsiisaa jira. Biyyooti dinagdeen badhaadhan gargar qoodamanii qoqqobbii dinagdee walirratti taasisaa jiru. Qoqqobbiin kun gabaa addunyaa harkaafi luka walitti sakaaleera. Biyyoota guddatan qofa osoo hintaane warrumti qoqqobbii buuse ittiin rakkachaa jira. Fakkeenyaaf gatiin boba’aa addunyaarratti Waaqa koreera. Gatiin omishaaleen shaqaxa biroos samii tuqaa jira.

Taatewwan alaa kun taatewwan keessoo keenya wajjin walitti dabalamanii gabaa biyya keenyaas jeeqaa akka jiran beekamaadha. Shaqaxooti hedduun gabaa biyya keenyaa keessa jiran hedduun alaa Doolaaraafi Yuuroodhaan bitamanii galu. Jeequmsi gabaa addunyaa amma mul’achaa jiru gama kanaan dhiibbaa akka qabu beekamaadha.

Gama keessoo keenyaatti haa deebinu. Akka biyyaatti waraana ulfaataa waggaa tokkoo ol fudhate keessa jirra. Warraanni kun ammas dhaabbate kan jedhamuu miti. Waraanichi dinagdee biyyattii naafa taasiseera. Naannolee waraanni keessatti adeemsisamaa ture keessatti omishi qonnaa haala barbaadameen hinadeemsifamne. Xiyyeeffannaan mootummaas gara waraanaa ture. Kun dinagdee biyyattii garmalee miidhuunsaa kan hinhaalamaneedha.

Gama biraatiin waraanarratti dabalamee omishoonni, algalchitooti (importer), daldaltooti, faddaaltotiifi kkf gabaa biyyattii kallattii barbaadaniin olii gadi raasaa turan; ammas raasaa jiru. Omisha dhoksuu, gatii akka fedhanitti dhorkaa tokko malee ol kaasuu, itti yaadanii omisha gabaa keessaa dhabamsiisuu, olola dinagdee raasuu tamsaasuun shamattoota tasgabbii dhabsiisuu, maallaqa dhoksuu, hojiiwwan seeraan alaaratti hirmaachuu… raawwataa turaniiru. Ammas maal nadhibeedhaan itti fufanii jiru. Tooftansaanii kan gabaa jeequu guyyaa guyyaadhaan jijjiramaa oola.

Haalli siyaasa biyyattiis jeequmsa gabaa amma uumamaa jiru kanaaf gahee olaanaa qaba. Daldaltoonni guguddoon tokko tokko siyaasaafi mootummaa jala dhokatanii waan fedhiisaanii raawwataa jiru. Kanammoo hawaasni sirriitti quba qaba. Qaamni itti dubbatee toora isaan qabsiisuu malus fedhii walootiin qaanii keessa seenee callisee ilaalaa jira. Jaarmiyaaleen siyaasaa biyyattii keessa jiran gama kanaan gahee hinqaban jechuun hindanda’amu. Tokko kan biyyaafi ummata jeeqaa oolanuu isaaniidha.

Kanumaan dhimmota qeenxee gabaa biyya keenyaa wajjin jiran haa ilaallu. Dhimmi zayita nyaataa torbee kana ajandaa isa guddaa keessaa tokkodha. Dhimmi kun miidiyaa alidileefi idileetiin xiyyeeffannaa guddaa argateera. Warri wawwaatan hedduudha. Dhugaadha zayitiin barbaachisaadha. Gabaarraa dhabamuu hinqabu. Gatiinsaa haala kanaan ol ka’uus hinqabu. Garuu sababi gabaarraa dhabamuu maalirraa madde? Mootummaanis ta’ee qaamni dhimmi ilaalu qorachuu kan qabu kanadha. Kanaaf deebii yoo argate wantoota furmaata ta’an argachuuf hinrakkatu.

Akkuma jedhamaa jiruu zayitni gabaarraa dhabamaa jira. Gatiinsaas haala hineegamneen olka’eera. Hawaasi feesbuukii akkuma jiruun ajandaansaanii zayita zayita jedhaa jira. Yaadoti ciccimoon omisha zayitii wajjin walqabate ka’aa jiru. Deeggarsi addaa mootummaan omishtoota zayitiif dhiheenya taasise bu’aafi kisaaraa maal fide jedhee hawaasi qeeqaa jira. Daldaltoota zayitii biyya alaatii akka galchan deeggarsi taasifameef maaf qaawwa kana duuchuu dadhaban? Gaaffii hawaasi kaasuudha.

Kan biroos ni jira. Omishi simintoos akkuma zayitii nyaataa gabaarraa dhabamaa jira. Gatiin kuntaala tokkoo torbee kana keessa qarshii 900 gahaa jira. Ji’a tokkoon dura gatiin kumtaala tokkoo qarshii 550- 600 ture. Ji’a lama ykn sadii dura gabaan simintoo tasgabaa’ee gara qarshii 400fi wayii gahee ture. Jidduu kanatti maaltu dhalatee gabaarraa dhabame. Osuma fedhiin garmalee dabale jedhamee gatiin hanga kana ga’aa jedhamaa. Asumaan gatiin simintoo warshaan omishu ittiin gurguru ilaaluun garaagarummaa jiru hubachuuf ni gargaara.

Hanqinni dhiheessii zayitiifi simintoo akka jiru beekamaa ta’us rakkoon gatii dhiheessii qofa irraa kan ka’u natti hinfakkaatu. Saayinsiin dinagdee gatii kan murteessu fedhiifi dhiheessiidha jedha. Sirriidha. Kun biyya keenya kan birookiraasiin, firummaan, maxxantummaan, fedhii walootiin hidhamte keessatti hagam hojjeta? Beektota dinagdeetiifan dhiisa. Dhiheessii kana to’achuudhaan qaamni rakkoo uumu akka jiru gabaa keessa seenanii zayitii mankuusaa keessatti dhokate, simintoo iddoowwan dhoksaatti tuulaman ilaaluun gahaadha. Ciincaala jeequmsa gabaa kana keessa qaamni jirummoo hedduudha. Qaamni kun guyyaa tokkoon miliyoonara osoo hintaane biliyoonara ta’a. Hiyyeessi garuu akkanumaan iyyaa oola.

Akka ilaalcha kootitti, odeeffannoowwan madda hinbeekamnerraa bahanii jalqaba miidiyaa hawaasaa weeraran, achumaan kan miidiyaa idileetti darban raafama gabaa kanaaf gahee guddaa taphatu. Fakkeenyaaf simintoo ilaalchisee akka gabaarraa dhabamu kan odeeffame torban lama dura. Itti aanee zayitiin baduufi jedhamee lallabame. Nutis jalaa qabnee lallabne. Oduu akkanaa kan nama tasgabbii dhorkan akka odeeffaman kan taasisaa jiru eenyu jedhanii maddasaafi sababa isaa qorachuun gaariidha. Hawaasis odeeffannoo akkanaa waliin raafamuu hinqabu.

Odeeffannoon akkanaa kan hinwaaltofneefi madda amanamaa hinqabne kun gabaa keessatti balaa guddaa uuma. Namni hunduu kan qabus kan hinqabnes waayee shaqaxa sanaa akka yaadu taasisa. Hunduu gatii dabalataa borii sodaachuudhaan saantima ofharkaa qabuun shaqaxoota gabaarraa ni dhabamu jedhaman kanneen akka karooraa ol bitan taasisa. Kan waggaaf bitullee hindhabamu. Daldalaan bori bu’aan irraa argadha jedhullee gabaa saamee bitee kuusa. Daldalaan harkaa qabus omishicha gabaatti baasurra dhoksee yoo gatii kana caala dhufe bu’aa irraa argachuuf karoorfata.

Kun hunduu hir’ina omishaa uumee shamattoota yaaddoo keessa galcha. Omishi gatii olka’aadhaan akka gurguramu taasisa. Kanaaf qaamni omisha danuu harkaa qabu gatii guddaatti gurgurachuuf odeeffannoo akkanaa kan omishee ummatatti gadi hinlakkisu hinjedhamu. Jaarmiyaaleen siyaasaa ummata mootummaarratti kakaasuuf fedhii qaban odeeffannoo akkanaa ummata keessatti tamsaasu malu.

Anaaf xiyyeeffannoo ta’uu kan malu dhimma shaqaxa tokkoo ykn lamaa ta’uu hinqabu. Akkuma waliigalaatti biyya kana keessatti jireenyi humna ummata harka qalleeyyii hedduu ol ta’aa jira. Omishti gabaarraa dhabamaa jiran hedduudha. Kanneen gatiinsaanii garmalee olka’an lakkoobsaa hinqaban. Kana mootummaanis amanaa jira. Infleeshiniin ji’a taree dhibbeentaa 34 gaheera. Maal jechuu akka ta’e hunduu kiisii isaa ilaaluu qaba.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You