Torbeen kun torbee taateewwan guguddoodhaan guutameedha. Taateewwan hunduu kan qalbii namaa hawwataniifi yaada babal’aa irratti barreessuun danda’amuudha. Har’aaf kanneen ijoo ta’an sadeen tokkorrattin yaada koo dhiheessa.
Taateen jalqabaa guyyaa wareegamtootaati. Guraandhala 12 jedhamuun kan waggaa waggaadhaan yaadatamu. Taateen kun bara 1937tti (ALG) raawwatame. Kan raawwatame mootummaa faashistii Xaaliyaaniitini. Kan gochaan faashistummaa irratti raawwatemmoo ummata Xoobbiyaati, ummata Oromooti. Oromoo waanan itti dabaleefan qaba.
Gochi mootummaa faashitii Xaaliyaanii kun lubbuu namoota hedduu galaafate. Tilmaama namoota wareegamaniirratti garaa garummaa guddaatu jira. Xoobbiyaan olkaasti jedhama. Xaaliyaaniinimmoo gadi buusti jedhamtee komatamti. Akka ragaan ibsutti ummati kuma 20 hanga 30 ta’u lubbuu itti dhabeera. Kana keessaa Oromoon meeqa?
Ajjeechaan kun guyyoota sadiif ittifufe. Guraandhala 19-21/1937tti. Kanaanis namootatu itti wareegame. Lubbuutu itti bade. Qabeenyatu itti gubate. Namoota guyyoota sanatti lubbuusaanii dhabaniif Finfinnee, bakka Caffee Tumaa (bakka amma Siddisti Kiiloo jedhamutti) siidaan yaadannoo ijaarameefiira. Diizaayinii siidichaa kan hojjechiise mootummaa Hayilasillaasee yoo ta’u, dizaaynarootimmoo lammiilee Yugozlaaviyaa duriiti.
Akkuma kanaan dura barame Sanbata tares yaadannoon guyyaa kanaa taasisameera. Yaadannoon taasisamuun gaariidha. Warra seera malee wareegaman yaadachuun sirriidha. Irraa barachuufis ni fayyada.
Garuu wantooti sababa yaadannoo guyyaa kanaatiin mul’atan tokko tokko nama qaanessu. Warri bakka deeman hundatti olaantummaasaanii dhaadhessan guyyaa kabaja wareegamtoota kanaattis alaabaasaanii lummuxxii qabatanii olola lummuxxii oofaa turan. Bakka ummati walga’etti ummataafi ummata walitti buusuuf yaalu. Ummataafi mootummaa waliin dhahuuf fedhu. Jarreen akkanaa kunniin toora seeraa qabachuu qabu.
Seenaan wareegama Guraandhala 12 caalaatti Oromoo ilaallata. Dhugaa dubbachuuf ibiddi guyyaa sadii kan itti roobaa ture Oromoota Finfinneeti. Ijoolee Galaan, Abbichuufi Gullalleeti kan ibiddaan waaddaman.
Osoo sanadni sirriitti qo’annoon qulqullaa’ee namoota guyyaa sana ajjeefaman keessaa harki caalaan Oromoo ta’uun mamii hinqabu. Maaliifi? Sababiinsaas yeroo sana Finfinneen ganda xiqqoo yoo taatu, jiraattoti marsanii jiran kan amma duukaansaanii Finfinnee keessaa bade dhaloota Oromoo gosa Galaan, Abbichuufi Gullalleefaadha. Dhimmi kun hayyoota keenyaan qoratamuu qaba. Dhugaanis ifatti bahuu qabdi.
Taateen biraa yaadannoo Guraandhala 12 barii raawwatameedha- Dilbata. Taateen kun Hidhi Guddichi Laga Abbayyaa wajjin walqabata. Hidhichi yeroo jalqabaatiif ibsaa maddisiisuu jalqabuun kan ummatatti himame guyyuma kana. Oduun kun ummata keenyaaf misiraachoo guddaadha. Kan dhageeffachaa tures guyyaa kana waan ta’eef.
Hidha kana ijaaruuf lammiin qabeenya itti hinbaasne hinjiru. Kaabaa eegalee hanga kibbaatti, bahaa hanga lixaatti ummatooti biyya kanaa karaalee adda addaa ashaaraa irraa qabu; ana dabalatee. Kan fageenya jiru, diyaaspooraanis gargaarsa kana keessaa qooda qaba. Kanaaf gaafa wanti waloon jalqabbiin gara xumuraatti dhufee, bu’aa lakkaawuun jalqabamu namni hingammanne ni jiraa ree?
Hidhi kun tarbaayinoota 13 qaba. Waggaatti humna ibsaa meeggaa waatii 6450 ta’u ni maddisiisa jedhamee yaadama. Tarbaayinoota adda addaa humna elektriikii maddisiisan jedhamanii karoorfataman keessaa tarbaayiniin tokko hojii jalqabeera.
Humni inni maddisiisu meeggaa waatii 375 akka ta’e miidiyaan himaa jira. Humna elektiriikii biyyattiin hanga ammaatti maddisiisturratti meeggaa waatii 375 yeroo tokkoon dabaluu jechuun waan salphaa miti. Rakkoo ibsaa biyyattiin qabdu hanga tokko ni fura. Sharafa alaa argamsiisuurratti qooda in dabala. Hamilee namaallee ni cimsa.
Hidhichi faayidaa dinagdeen alatti faayidaa biroollee ni qaba. Saba biyya kanaallee walitti hidha, walitti tokkoomsa jedheen yaada anis akkuma namoota biroo. Sababiinsaas qabeenya waloo irraa qabna, buusii itti buusne, waliin ijaarre, waliin eegne, waliin irratti falmine. Kanaaf kan hunda keenyaati jenna. Seenaa dabsanii kan abbaa tokkoo taasisuun hin yaadamu. Akkuma waliigalaatti hidha sabaafi sablammii akkasumas ummata biyya kanaati.
Jalqabuu omisha ibsaa Hidha kanaa ilaalchisee oduuwwan adda addaa olii gadi deemaa tureera, torbeedhuma kana keessa. Namooti, anga’ooti mootummaas hanga beekan yaada daddarbataniiru. Kana keessa yaadoti walitti bu’anis dhufaniiru. Kun uumama. Namoonni hundi kallattii tokkoon yaaduu hindanda’u. Garuu seenaa dharaa balballoomsuun sirrii hinta’u.
Yaadota walmorman keessaa tokko eenyutu hidha kana jalqabe ykn yaade? kan jedhuudha. Gaaffiin kun warraa seenaa saamuu bareef yoo ta’e malee faayidaa biraa hinqabu. Abbumti fedhe haa yaadu, haa jalqabu. Kan ummati barbaadu qabeenya uumamaasaa irraa fayyadamuudha. Bu’aa irraa argachuudha. Warri yaadama kana fide ykn warri hojii kana jalqaban akkuma gaheesaanitti galateeffamuun sirriidha.
Kanaan ala tokko jajanii kan biroo irra taruun ykn maqaa xureessuun nama sammuu qabuuf sirrii hinta’u. Hoggansi waan gaarii hojjateen galateeffamuu qaba. Waan yaraa dalageen ammoo cheepha’uu qaba. Ceephoo bira taree ittigaafatamti seeraallee ni dhufa. Kanaaf, gama lamaaniinuu yaaduun barbaachisaadha.
Ani, akka nama tokkootti, hidhichi humna elektirikii maddisiisuu jaqabuusaatti gammachuutu natti dhagame. Kallattiinis ta’e alkallattiidhaan akka lammii tokkootti faayidaan irraa argadha. Hidha doloolloo bakkan itti dhaladhee itti yaadhuudha. Hidha humnan qabuun tumseedha.
Ammas wanti tokko sirriitti itti yaadamuu qaba. Seenaan Laga Fincaa’aa kan ormaafi ibsee ummata ofii dukkanatti dhiisu sun irra deebi’ee dhufuu hinqabu. Hidhichi Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti haa ijaaramu malee bishaansaa harka caala kan maddu Naannoo Oromiyaarratti.
Kanaaf, qoodinsa humna maddu madaalawaa taasisuun xiyyeeffannaa barbaada. Abbaan bishaan hidha kanaaf caalaatti gumaachu dukkana keessa jiraachaa laggeensaanii biyya biraatiif ifa ta’uu hinmalan. ‘Fair and rational distribution’ jetti Faranjiin.
Taatee sadaffaan qalbii namaoota harkisan kan torban kana keessa raawwatamee inni biroo ibsa ministirri muummee Abiyyi Ahmad haala biyyattiirratti mana marii bakka bu’oota ummataatiif taasisaniidha. Kibxata tare yeroo dheeraa fudhatanii gaaffiilee mana marii keessaa dhihaataniif deebii kennaniiru. Kana jechuun gama biraatiif ummataaf yaadota dhimmoota ka’an wajjin walqabatanii jiran irratti yaada mootummaa bal’inaan diriirsaniiru.
Namni waan yaade gaafata. Waan beeku dubbata. Gaaffiileen ministira muummeef dhihaatan akka waliigalaatti haarawa kan jedhamanii miti. Hawaasis irratti haasawaa tureera. Mootummaanis karaa caasaa qabuun ibsa irratti kennaa bahe. Beektotis karaa miidiyaa irratti dubbachaa turan.
Kanaaf, anaaf, afaan ministira muummeerraa dhaga’uun ala wanti haarawa ta’ee natti mul’ate hinjiru. Gaaffileen hanga kana muummicha ministiraa ‘challenge’ godhanis waan ka’an natti hinfakkaatu. Garuu akka biyyaatti dhimmooti ciccimoon biyya raasan hedduutu jira.
Akkuma waliigalaatti paarlaamaan keenya qorraadha. Cabbiin bara mootummaa Wayyaanee itti bu’e hanga ammaatti irraa hinqoorre. Adoodeetuma jira. Haala paarlaamaan biyyoota tokko tokko keessa jiran qaama raawwachiisaa itti qoraniifi itti muddan miidiyaan ni agarra.
Fakkeenyaaf Paarlaamaan biyya Ingiliiz. Haalli gaaffii ittigaafataniifi deebii fudhatan fakkeenya gaariidha. Gaaffii gabaabaa gaafatu, deebii gabaabaa argatu. Yoo deebitti hinquufne itti dabalu. Yeroo gabaabaa keessatti dhimmoota hedduurratti gaaffiifi deebii taasisu.
Kan keenya adduma. Gaaffiiwwan gaafataman hubachuufi rakkisaadha. Namuma gaafate sanaan yeroo booda maal gaafatte jedhamee osoo gaafatamee deebii waan qabu natti hinfakkaatu. Galati… Gaaffii tokkoof yeroon fudhatamu dheeraadha. Kuun waraatarratti barreeffatee dhufee yoo dubbisuu dadhabu argaa turre.
Akka yaada kootti ministirri muummeen osoo yeroo yeroon karaa paarlaamaa qofa osoo hintaane karaa miidiyaatiinis odeeffannoo ummataaf kennuu amaleeffatanii gaariidhan jedha. Miseensoti paarlaamaas gaaffii furtuu ta’e qofarratti osoo xiyyeeffatanii bareeda. Yeroosaaniis kan ministira muummees ni qusatu.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014