“Labsiin ‘HR6600’ yoo ragga’e Itoophiyaaf balaa waan ta’eef mormama”- Obbo Masfiin Taganuu

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Wixineen labsii HR6600 Koree Dhimma Alaa Kongiresii Ameerikaan qophaa’e nama dhuunfaarra darbee biyyoota dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan naafessuuf kan aggaamedha. Wixineen labsichaa namoonni dhuunfaas ta’e biyyi qoqqobbii kana jalatti kufte sochii hawaasdinagdeen daanga’uun maraammartoo hammaataa keessatti akka kuftu kan taasisu ta’uun himamaa jira.

Waraana Itoophiyaa kaabaatti mudateen walqabatee sarbamni mirgaa qaqqabeera yaada jedhuun labsiin ‘HR 6600’ Itoophiyaarratti akka murtaa’uuf mootummaan Ameerikaa hojiitti galeera. Labsichi Seeneetii biyyattiifi bakka bu’oota ummataan ragga’ee seera ta’ee yoo ba’e, deeggarsa kallattii gara garaan Itoophiyaaf taasifamu akka dhaabbatu, diyaaspooraan biyyasaanii akka hinmisoomsine, dhorkaa viizaafi qarshii liqii baankii addunyaarraa taasifamu kan ugguruudha.

Labsichi biyyoota yeroo gara garaa michummaan Itoophiyaa waliin dhaabachaa turanis ta’e namoota dhuunfaa ilaalcha mootummaa Itoophiyaa deeggaruu agarsiisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu akka danda’u kan akeekkachiise ta’uutu himama.

Murteen kun balaafi dhugaa jiru kan adda hinbaasne waan ta’eef mormaa jiraachuu Dhaabbanni ‘America Ethiopians Affairs Committee’ (AEPAC) jedhamu Itoophiyaaf falmuu dubbata. Dhaabbatichi dhiyeenya kana kan hundaa’e yoo ta’u, dhimma Itoophiyaafi Itoophyaanotaa ilaalchisuun rakkoolee mudatan furuuf kan hundaa’e ta’uu himu dura taa’aan Dhaabbatichaa Obbo Masfiin Taganuu.

Obbo Masfiin turtii ‘ESAT’ waliin taasisaniin akka jedhanitti, labsichi seera ta’ee baanaan Itoophiyaa dabalatee Ertiraafi Somaaliyaarra qoqqobbii dinagdeefi hawaasummaa kan kaa’u waan ta’eef wixineen labsichaa seera ta’ee kan ba’u Seeneetiifi bakka bu’oonni Ameerikaa yoo raggaassisaniidha jedhu.

Wixineen labsii kun seera ta’ee akka hinbaaneef Itoophiyaanonni lammii Ameerikaa qaban mormaa jiraachuu himanii, Itoophiyaanonni mootummaa Ameerikaa aangoorra jiru filatan karaa sooftiweeriifi telefoonii wixineen labsichaa seera ta’ee akka hinbaane sagaleesaanii dhageessisaa jiraachuus eeraniiru.

Wixineen labsichaa dhugaa jiru kan giddugaleeffate akka hintaaneefi tarkaanfii Itoophiyaan nageenya buusuuf fudhataa jirtu kan ilaale miti kan jedhan Obbo Masfiin, sochii mormii wixinichaa gama kanaan taasifamaa jiruun Itoophiyaanonni kuma ja’aa ol hirmaannaa taasisaa kan jiran yoo ta’u, Senaateroota Ameerikaa 100 keessaa 86 bira gahamuus ibsaniiru. Kanamalees bakka bu’oota 435 keessaa 328 bira ga’amuufi mormichi cimee itti fufaa jiraachuus dubbataniiru.

Wixineen labsii kun Kongirasii Mana Marii Ameerikaan seera ta’ee baanaan Itoophiyaa dabalatee Ertiraafi Somaaliyaan dinagdeen, hawaasummaanfi siyaasaan akka naafatan kan taasisu waan ta’eef Itoophiyaanonni Ameerikaa mormiisaanii ittifufuu akka qaban yaadachiisuun, mormiin taasifamus karaa sooftiweeriifi bilbilaan waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You