Fuuldura tolchuuf kan duubaa sirreessuu

 Ji’a tokko ta’uuf deema. Afrikaan nama beekamaa, nama jabaa tokko erga dhabdee. Luba Deezmoon Tuuttuu. Luba kana addunyaan sirriitti beekti. Amantiidhaan cimaadha. Gurraacha biyya Afrikaa Kibbaa keessaa sadarkaa jalqabaatti nama luba olaanaa (archbishop) ta’eedha; bataskaana Kaatooliikii keessatti.

Namni kun nama amantii qofa miti. Qabsaa’aa mirga namoomaati. Sirna appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessatti waggoota dhibba sadii oliif dagaagee hidda yaafate, kan nama sanyiifi halluudhaan gargar qooduudhaan cunqursu sana fuuldura ejjatanii mormuudhaan nama beekamtii guddaa addunyaarratti argataniidha. Rogaa mirgoota namoomaa ta’uusaanitiin addunyaan badhaasa noobeelii mormatti keesseetti.

Lubni kun Mudde 17 bara 2014 addunyaa kanarraa boqotan. Lubbuunsaanii jennata haa dhaaltu. Nama mirgoota namoomaaf, walqixxummaa dhala namaatiif akkasumas biyyattii loogiifi sanyummaan beekamtu sana keessatti araara buusuuf carraaqqii guddaa taasisaniidha.

Nama jabaa kana seensa barreeffama kootii kanan taasise seenaasaanii himuufi miti. Addunyaanuu seenaasaanii sirriitti himteetti. Fakkeenyummaansaanii garuu biyya keenyaafillee ni ta’a. Tuuttuun nama hojii seermalee morman qofa osoo hintaane kan sirnicha sirreessanii, biyyattiitti araara addunyaan ajaa’ibsiifatte buusan keessaa tokko.

Haalli biyya keenya keessa ture haala biyya Afrikaa Kibbaa keessa tureen garaagarummaa akka qabu beekamaadha. Haa ta’u malee haala biyya keenya keessatti araara buusuuf, nagaa mirkaneessuuf taasisamaa jiru wajjin walqabsiisee muuxannoon nama kanaas ta’e kan biyyasaanii, Afriikaa Kibbaa biyya kamuu ni fayyada.

Biyya sirni appaartaayidii keessatti dagaage ummati gurraachiifi adiin keessatti waltumaa ture sun har’a nagaa qaba. Mariidhaan diinummaan walilaaluu balleessanii walkabajaan, nagaafi jaalalaan akkasumas walqixxummaan walitti makamanii waliin jiraachaa jiru.

Biyyi keenya muuxannoo kanarraa waan barattu qabdi. Akkuma beekamu akka biyyaatti wantooti irratti walii hingalamne hedduudha. Dhimma seenaa, alaabaa, afaanii, aadaa kkf. Waldhiibbaan jirus guddaadha. Keessa keessa kanneen akka diinaatti walilaalanis hindhabaman, sadarkaa murnaatti; beektotaatti. Biyya akka biyyaatti ittifufsiisuuf garaagarummaawwan kunniin furamuu qabu.

Kanaafis falli mariidha. Akkuma Afrikaa Kibbaan rakkoo hamaa sana mariifi araaraan hiikte, keenya xixiqqaa kana mariifi araaraan furuun rakkisaa waan ta’u natti hinfakkaatu. Kan barbaachisu, garaa bal’ifatanii mari’achuu, kennanii-fudhachuu, dhugaarratti walamanuu, falarratti waliigaluudha.

Kanan irra deddeebi’ee Afrikaa Kibbaa kaasu addunyaa kanarratti rakkoon biyya sana keessa ture guddaa suukaneessaadha. Waaggoota 300 oliif ummati gurraachi garmalee miidhameera. Mootummaan, hayyooti, abbootiin amantii, ummati miidhame, jarmiyaaleen siyaasaa haala qaroomeen rakkoo kanaaf furmaata kennanii addunyaa ajaa’ibsiisanii jiru.

Nagaa kana buusuu keessatti qabsaa’aa ummata gurraachaa kan ta’an pirezidaantii jalqabaa kufaatii sirna appaartaayidii boodaa kan ta’an Neelsan Maandeellaa dabalatee, Luba Deezmoon Tuuttuun fakkeenya nagayaafi araaraa ta’anii ibsamu.

Akkuma sirna appaartaayidiitti qabsaa’anii lafaan dhahan, araara biyya Afrikaa Kibbaa keessatti buusuudhaanis hoggantoota gahee olaanaa bahaniidha. Kufaatii sirna appaartaayidii booda Tuuttuun Komishiinii Dhugaafi Araaraa (‘Truth and Reconciliation Commission’) akka hogganan muudamanii gaggeessaniiru; milkaa’aniirus.

Milkaa’ina komishinichaa keesstti gahee olaanaa nama taphataniidha lubni kun. Biyya keenyattis namoota akkanaa ejjannoo sirrii qaban, kan dhugaafi dhugaaf dhaabbatan ni barbaachisu; marii biyyaalessaa adeemsisamuuf karoorfame kana keessatti.

Rakkoowwan biyyaa hiikuu keessatti jechooti sadii irra deddeebi’anii ka’u. Biyya keenyatti ammoo yeroo dheeraaf balbaloomsamaa jiru. Jechooti kunniin marii biyyaa (national dialogue), waliigaltee biyyaalessaa (national consensus), araara biyyaalessaa (national reconciliation) kanneen jedhamaniidha.

Yaadrimee jechoota kanneenii adda baasuuf akkuma koo namooti hedduun itti rakkachuu malu. Akkasuma hiikasaanii barreeffamoota adda addaa keessatti ilaaluuf yaaleera. Hayyooti ogummaan kun isaan ilaallatu yaada bal’aa itti kennuu danda’u. Hubannoof akka gargaaruuf waanan dubbise isiniif qooda. Marii biyyaa jechuun marii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin dhimma siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaarratti taasisamuudha.

Kun riifoormii siyaasaa, heera tumuu ykn fooyyessuu, nagaa buusuufi dhimmoota biyyaa hunda waliti qabanii ilaaluu dabalata. Akkuma waliigalaattuu jijjiirama siyaasaa (political transformation) fiduuf akka gargaaru ibsu; beektoti. Gama hundaanuu jechoota kan walitti dhufeenya qabaniidha.

Waliigaltee biyyaalessaa (national consensus) jechuun dhimma biyya ilaalu kan irratti walii hingalamin adda baasuun irratti mari’atanii waliigaluudha. Mariin biyyaa gara waliigaltee biyyaatti nama ykn murna dhimmi ilaallatu fida.

Araarri biyyaa (national reconciliation) kanneen lamaanirraa adda. Haqni yeroo ce’umsaa wajjin walqabata. Haqni yeroo ce’umsaammoo maloota adda addaatiin mirkanaa’a. Inni tokkoffaan qaamni mo’ate ykn humnaan irra aane dhaddacha hundeessee haala yakka nama ykn qaamolii miidhaa geessisanii karaa seeraatiin ilaalanii ittigaafatamaa taasisaniidha.

Kun Waraana Addunyaa Lammaffaarratti hoggantootaafi miseensota akkasumas miseensota waraana Naaziirratti kan ta’eedha. Dhaddacha Nureenbarg (‘Nuremberg Trial’) jedhamuun beekama.

Dhaddacha kanarratti warri yakka hojjatan himatamanii karaa seeraa murtii argataniiru. Bara sirni Dargii kufus wanti kun hojiirra ooleera. Wayyaaneen warra balleessa qabu jettee, keessattuu shororkeessaa diimaa waliin walqabsiistee namoota hedduu mana murtii dhaabdee adabbii itti murteessiteetti.

Siyaasni ce’umsaa karaan itti sararatti galu kan biraa karaa araaraatiini, araara biyyaalessaa (national reconciliation). Adeemsa kanaan qaamoleen ykn murnoonni waldhaban akka diinaatti walilaalan kan ittiin araaramaniidha.

Gareen ykn ummati fedhiiwwan adda addaatiin walfalmaa ture, kanneen akka diinaatti walilaalaa turan sirna ittiin araaramaniidha. Adeemsa kanaan komiin miidhamtootaa dhagahamee, sanadaan galmaa’ee, kan yakka dalages yakkasaa amanee dhiifama ittigaafatuudha.

Dhumnisaa adabbii osoo hintaane araara. Kan badiisaa amaneef dhiifamatu taasisama. Gama kanaan fakkeenyi Afrikaa Kibbaa yeroo hedduu balballoomama.

Kan biyya keenyatti yaadamaa jiru maalinni? Marii biyyaalessaa? Waliigaltee biyyaalessaa? Araara Biyyaalessaa? Sirriitti ummataaf ifa ta’uu qaba jedheen yaada.

Akkuma sirni Wayyaaneen olaantummaan gaggeessaa turte sun daaraa botoroo ta’e rakkoo biyyattii karaa araaraatiin furuudhaan ce’umsicha karaa qabsiisuuf yaalamee ture. Labsiin komishiinii araaraafi nagayaa hundeessuuf bu’uura ta’e Amajjii 28/2011 paarlaamadhaan ragga’ee ture.

Kanumarratti hundaa’uun komishiiniin araaraafi nagayaa hundaa’eera. Garuu hanga ammaatti biyyattiitti araaraafi nageenya wanti jedhamu hinjiru. Komishinichis bara hojii kennameef, waggaa sadii, torbee lama booda Amajii 28/2014 xumura. Hojiin komishinichaa galma gaheeraa? Milkii maaltu argame? rakkoo maaltu qunnama? Gabaasnisaa ummataaf dhihaachuu qaba.

Jidduu kana irra deddeebi’amee kan dhagahamaa jiru marii biyyaalessaati. Isa ‘national dialogue’ jedhamu. Dhimma kana ilaalchisee manni marii ministirotaa wixinee labsii kanaa jalqaba ji’a Muddeetti raggaassiseera. Paarlamaanis wixinee kana ilaalee akka labsiitti eddii raggaassisee toora torban lamaa ta’eera. Gaariidha.

Kanaaf akka biyyaatti maaltu yaadama? Namni gaaffii qaba. Mariin kun milkaa’ee biyya kanaaf nagaa, tasgabbiifi tokkummaa fiduu danda’aa? jedhee gaafata. Biyya kanatti, akkuma beekamu, waantota hedduutu yaalama. Kan bu’aa agarsiise garuu xiqqaadha. Waantonni akka bu’aa hinargamsiisnee taasisan qaamolee hedduudha. Kanaafi, ummati kan gaafatuuf.

Mari’atanii araara buusuu keessatti muuxannoon Afrikaa Kibbaa fakkeenya gaarii addunyaa kanaati. Mari’atanii heerarratti waliigalan tumatan. Mari’atanii seenaa dhugaa barreeffatan. Mari’atanii alaabaa tolchatan. Mari’atanii loogii sanyii balleessan. Mari’atanii araara buusan. Muuxannoof yoo gargaare xiqqoon balballoomsa.

Barii sirni appaartaayidii jigeedha; akkamiin biyya ceesisna jedhamee mariin kan jalqabame. Yakkoota bara sirna appaartaayidii dalagaman maal haa goonu jedhan- mana murtii bilisaatiin ilaaluu?

Araaraafi dhiifamaan bira taruu? Ummati gurraachi mana murtii fedhe. Adiin ajandaa araaraafi dhiifamaa qabate. Beektotiifi qabsaa’oti akka Neelsan Maandeellaafi Luba Deezmoon Tuuttuun waan keessa turaniif xumurarratti araarriifi dhiifamni filatame.

Haala kanaan gareen haala mijeessu kan qaamole akka diinaatti walilaalaa turan lamaan, ogeeyyota seeraa, abbootii amantii, miidhamtootaafi kkf hammate dhaabbatee haala mijeessaa akka ture ragaan ni ibsa. Gareen kun waggaa tokkoo oliif hojii bu’uuraa hojjatee, labsii Komishinii Dhugaafi Araaraa wixineessee adeemsa ce’umsa sirriifi bu’uura buuse.

Haaluma kanaan Komishiiniin Dhugaafi Araaraa namoota 17 hammate hundeeffame. Luba Deezmoon Tuuttuun hogganaa komishinichaa ta’anii muudaman. Gama warra adiitiin namni Aleeksi Boraayinee (‘Alex Boraine’) jedhamu ittaanaa ta’e. Namni mari’atee, badiinsa raawwate amanee, dhiifama gaafatee, badiin gama lamaaniinuu uumame akka seenaatti galmaa’ee dubbiin biyya sanii kan waggoota 300 olii araaraan xumuramte. Mariin biyya keenyaa kunis dubbii biyya kanaatiif kan xumura fidu akka ta’u hawwuun barbaachisaadha. Hawwuu qofa osoo hintaane gahee ofiis bahuun dirqama; akka sabaafi sablammiitti, akka ummataatti, akka nama dhuunfaatti, akka jaarmiyaa siyaasaatti, akka dhaabbilee amantiitti, akka beekaafi hayyuutti.

Torban gaarii!

Marii biyyaalessaa keenyaaf muuxannoon Luba Deezmoon Tuuttuufi kan biyyasaanii, Afrikaa Kibbaa ka’umsa gaariidha.

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You