Waraanni waan badaadha. Gochaa jaalala osoo hintaane kan hammeenya cimaa of keessaa qabuudha.
Bakka dhalli namaa jirutti hafuu hindanda’amu malee waan addunyaa kanarraa dhabamuu maluudha. Garuu hanga dhalli namaa jirutti waraanni hindhabamu; miidhaan waraana keessa deebi’ee dhala namaatti dhufus hin dhaabbatu.
Gama kanaan addunyaan daran dararamaa turteetti. Gara fuulduraas waraanaan dararamuun ni hafa jedhee hin yaadu. Kan adda ta’uu malu tarsiimoo waraanni itti adeemsisamuudha.
Umuriin waraanaa umurii jireenya dhalli namaa dachii kanarra tureen walqabata. Sirna dhalli namaa keessa darbe (mode of production) hundaa keessa waraanni tureera. Waraanni tokko tokko dafee xumura hinargatu. Yeroo dheeraa fudhata; waggoota hedduu lakkoofsisa; lubbuu namaa hedduu galaafata. Qabeenya namniifi biyyi horate barbadeessa.
Waraanni tokko tokko ammoo dafee raawwata. Waraanni akkasii miidhaa dhala namaa, hawaasaafi dinagdee badaa osoo hingeessisin raawwatama. Ragaaleen waraana yeroo gabaabaa jedhanii kan barreessan waraana Angiloo-Zaanzibaar jedhamuudha. Kan motummaa Zaanzibaariifi loltoota koloneeffatootaa Biriitish waliin ta’eedha. Waraanichi xumuramuuf sa’aatii tokko caala hinfudhanne.
Fakeenyi biraa waraana yeroo gabaabaa kan namni yeroo hunda kaasu waraana Israa’eeliifi mootummoota arabootaa Ijibti, Siriyaafi Jordaan gara tokko goranii adeemsisaniidha. ALA bara 1967tti adeemsisame. Waraanni kun guyyoota ja’a keessatti xumurame. Midhaasaa waraana yeroo dheeraa wajjin walbiratti ilaaluun ni danda’ama.
Waraanonni yeroo dheeraa fudhatan ardiiwwan hunda keessaa yeroo adda addaa raawwatamaniiru. Ammas waraanni yeroo dheeraa fudhatee biyyoota gaaga’an hedduudha. Fakkeenyaaf Somaaliyaa, ollaa keenya gama bahaatiin jirtu, keessa waraanni yeroo dheeraa fudhate tureera. Waraana kanaan biyyattiin bakkawwan adda addaatti qoqqoodamtee jirti. Rakkoo biyya kanaa furuuf raayyaan ittisa biyyaa Xoobbiyaa yeroo dheeraa achi tureera. Waraanni kun umurii waggaa 30 olii qaba.
Haaluma walfakkaatuun waraanni yeroo dheeraa akka Yaman, Siiriyaafi kkf keessatti adeemsisame miidhaa waraanaa ummata addunyaa kan sirriitti barsiisuudha. Walwaraanni Siiriyaatti jalqabame gara waggaa kudhaniitti siqaa jira. Waraanni Yaman keessatti ALA Fulbaana bara 2014 jalqabame hanga ammaa furmaata hinarganne. Afganistaanitti waraanni waggoota 20 kan Ameerikaan keessatti qooda fudhatte, booda garuu mo’amtee dirqiin keessaa baate gara waggaa 20 tureera.
Waraanota yeroo dheeraa Ameerikaan keessatti hirmaattes ni jiru. Waraanni Afganistaan kan armaan olitti eerre isa tokko. Waraana Veetinaam keessa biyyi kun waggaa 10 oliif turte. Xumurarrattis mo’atamtee baate.
Waraana kana keessatti loltoota kuma 47 ol akka dhabde himama. Waraanni biraa Ameerikaan harka keessa galfatte waraana Iraaqitti adeemsisameedha. Waraanni kun yeroo waggaa sagal ta’u fudhateera. Asittis kisaaraan irra gaheera. Akka iddoo biraa yeroo dheeraa itti fudhachuu baatus rakkoo Liibiyaatti umame keessaa Ameerikaan harka qabdi. Waraanonni Ameerikaan harka keessaa qabdu kunniin miidhaan dubartoota, ijoolleefi maanguddootarraan gahe akkuma waraana biraa suukaneessaadha.
Waraana biyyoota kanneenitti waggoota dheeraaf adeemsisame kanneen duuba eenyutu jira jedhamee yoo gaafatame dhimmichi ifaafi ifaadha. Biyyoota dinagdeedhaan jabaatan, biyyoota qabeenya biyyoota kanneenii saamuu barbaadan, biyyoota shaqaxa waraanaa gurgurachuu barbaadaniifi kanneen kana fakkaataniidha. Yoon kana jedhu gareen biyya tokko keessatti walqoodee waltumu qooda hinqabu jechuu kootii miti. Qaawwa sareen saaqxeen waraabessi seenaadha dhimmichi.
Waraanni biyya keenyaas amallisaa, miidhaan geessisu kanaan ala kan jiru miti. Waraana biyya keenyatti adeemsisamu kana duuka biyyoonni fedhiinsaanii hinguutiniif ykn jalaa xuqame ykn haalli jijjiirama biyya keessa jiruu miidhaa nurraan gaha jedhanii tilmaamanii of keessaa kan qabuudha.
Biyyoonni humna qaban qaama ykn murna ajandaasaanii raawwatuuf, faayidaasaanii mirkaneessuuf, kallattiisaanii hordofu aangessuuf akka tattaafatan beekamaadha. Biyyoonni humna qaban kunniin biyyoota hiyyeeyyii dinagdeen hingabbatiin gadi qabanii akkuma bishaan bo’oo keessaa asiifi achi jallisuu barbaadu. Kan aangoorra turuu qabu akka isaan jedhanitti murna isaan deeggaru qofa.
Kan biyya keenya keessatti akka raawwatamu barbaadanis kanuma. Osoo ajandaa kana of duubaa qabaachuu baatee biyyoonni lixaa murna oftuulaa ‘TPLF’ haala kanaan hindeeggeran.
Yeroo hunda wanti tokko na ajaa’ibsiisa. Biyyoonni guddatan kunniin ilaalchi dogoggoraa ummata Oromootiif qaban maalirraa akka maddu naa hingalu. Sochii ummanni Oromoo taasisu isaaniifi miidiyaasaanii biratti madaallii hinkaasu.
Fakeenyaaf bara 1983 yoo fudhanne; jarmiyaaleen Oromoo amaamota warra Ertiraafi TPLF turan. Namni garagalee isaan ilaale hinjiru. Ummata guddaa kanaaf tuffii guddaa waan qaban natti fakkaata. Ammallee dhimma Oromoo kana mootummaa Doktar Abiyyirraa eegalee ija gaariin ilaalaa hinjiran.
Akkuma dubbiitu dubbii dhala jedhamu waan biraa itti haa dabalu. Warreen seenaafi aadaa ummata Oromoo awwaalan keessaa hayyoonni biyyoota kanneenii gahee guddaa qabu. Seenaa ummata Oromoo kan awwaale beektotasaaniti. Kan dabsee barreesse hayyootumasaaniiti. Aadaan ummata kanaa akka addunyaarratti hinbeekamne kan taasisan keessaa gahee guddaa qooddatu.
Ammallee ilaalchi warri adiin saba kanaaf qaban gadaanaadha. Ilaalchi isaanii kun kan jijjiramummoo kadhachuun osoo hintaane tokkumaa ummata Oromoo cimsuudhaani. Oromoon waliigalee humnaan kutee ifatti bahuudha, gara fuulduraatti dhufuudha kan jarreen kunniin dhugaa lafarra jiru akka hubatan taasisamu. Gaafa tokkummaa qabaatte, gaafa humna godhatte jarattiin nama kabajji; beekamtii namaaf laatti. Kun dhugaa addunyaa kanarra jiruudha.
Akkuman seensarratti kaase waraanni dhala namaatiif dharaadha. Jeequmsa waraanaa keessatti qaama hawaasaa hedduutu miidhama. Irracaala miidhaa gara garaatiif kan saaxilaman, dubartoota, ijoolleefi maanguddootaadha. Qamoleen hawaasaa kunniin qeyeesaanii irraa buqqa’uudhaan, waan nyaatan dhabuufi gudeedamuuf saaxilamu.
Torbeen kun torbee duulli miidhaa korniyaalee wajjan walqabatan dhabamsiisuuf itti adeemsisamuudha. Duulli kun akka addunyaatti guyyoota 16f adeemsisama. Biyyi keenyas yeroo waraana keessa jirtu kana gama biraatiin miidhaa koorniyaan hidhatama qaban ittisuufi hambisuuf sochii hubannoo uumuu adda addaa taasisaa jirti.
Miidhaan koorniyaa wajjin hidhata qaban jedhaman kunniin maalisaan? Yeroo waraanaa maalfakkaatu?
Midhaaleen korniyaa wajjin hidhata qaban jedhaman keessaa gudeeduun, reebichi, gaa’elli humnaa, dirqisiisaanii dubartiirraa ulfa baasuu, dubartoota maseensuu, rakkoo qorqalbii namarratti uumuu, kitaanuu dubartootaafi kkf ni eeramu.
Guyyaa kana ilaalchisee korri adda addaa taa’amaa jira. Mariin hubannoo uumu sadarkaa adda addaatti gaggeeffamaa jira. Yeroon waraanaa keessa jirru kunimmoo miidhaa korniyaa wajjin hidhata qaban dubartootarratti ni danatu.
Gama kanaan akkuma miidiyaan gabaasaa jiru waraanni ‘TPLF’ bakkeewwan keessatti socho’aa jirtu keessatti waraannishii dubartoota gudeeduu, ijoollee waliin qeyeesanitii buqqisaa jiraachuu dhagahamaa jira. Gochi suukaneessaan akkanaa eessumattuu haa ta’u; eenyunuu haa raawwatamuu balaaleffatamuu qaba.
Dhimma kanaan walqabatee Pirezidaantiin Mootummaa Rippablikii Federaalawa Dimokiraatawaa Xoobbiyaa Aadde Saahilawarqi Zawudee walgahii tokkorratti argamanii haasawa miidhagaa tokko haasawaniiru.
Duula farra miidhaa koorniyaa wajjin hidhata qabanii tokko yeroo jalqabsiisanitti, pireezidantittiin haasawa taasisaniin miidhaa korniyaa dubartootaafi ijoollerratti raawwatu kana dhaabsisuuf duulli yeroo tokko godhamu gahaa akka hintaane addeessaniiru. Kana jechuun rakkoo akkanaa kana dhabamsiisuuf hojiin idileeffameefi itti fufiinsa qabu hojachuun akka barbaachisuudha. Akkuma isaan jedhan miidhaan koorniyaa dubartootaafi daa’immanirratti raawwatu kun yeroo waraanaa waan babal’atuuf miidhaa kana gadi buusuuf qaamni dhimmi ilaallatu bal’inaan irratti hojjechuu qaba.
Pireezidantittiin akka dubbatanitti jaarmiyaan siyaasaa manni maree bakka bu’oota ummataa shorokeessummaadhaan qoode ‘TPLF’bakkeewwan weeraraan qabaterratti miidhaa koorniyaa ijoolleefi dubartootarratti raawwachaa jiraachuusaa eeranii kunis kan balaalefatamuu qabuufi jaarmiyaa kanallee kan yakkaan gaafachiisu ta’uusaa ibsaniiru.
Akkuman sila kaase yeroo waraanaa qaamolee hawaasaa miidhaman keessaa dubartoonni isaan jalqabaati. Sadarkaa duraatti akkuma laayyootti gudeedamuuf saaxilamu. Kunimoo miidhaa xinsammuu qofa osoo hin taane miidhaa fayyaa hagana hin jedhamne ni dhaqqabsiisa. Dubartoonni gudeedamuuf qofa miti kan saaxilaman. Ijoolleesaanii dhiisanii hindeeman. Ijoolleesaanii waliin hanga beela’uu, lubbuu dhabuu qaqqabu. Kan nama gaddisiisuus kanaadha.
Miidhaa koorniyaa wajjin walqabatan kanneen yeroo tokkotti balleessuun hin danda’amu. Bal’inaan irratti hojjechuu barbaada. Yeroo waraanaa kanammoo waan danatuuf dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa xiyyeeffannaa kenuufi qabu.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014