Yeroo waraanni biyyatti danatee hogganaan biyyaa gara adda waraanaatti imalee waraana hogganuun, kallattii kennuun, hamilee humnoota waraanaa cimsuun, degarrsi ummataa akka cimu gochuun biyya keenya keessatti beekamaadha. Mootiiwwan yeroo adda waraanaa dhaqanii hogananiiru. Wareegama kaffalanis jiru.
Dubbiitu dubbii dhala… jedhe weellisaan. Dubbiin biyya kanatti waggaa tokko dura dhalatte tun gara hintaaneefi hin yaadamnetti deemtee umurii dheereffataa jirti. Wayyaaneen hanga kana lubbuu horattee biyya kanaaf rakkoo nagaafi tasgabbii akkanaa ni taati jedhee kan yaade hinturre.
Dhimmi waraanaa taateewwan gareewwan lama qawwee qabatanii walfalmuuf adda walii dhaabbataniidha. Waraana keessa mo’uufi mo’amuun ni jira. Walqixa bahuu wanti jedhu jiraachuu hinbeeku. Tarii mariin qaamolee walitti fincilanii taasisan bu’aa walmoo’achuu dhabuu ta’a moo akkuma irra deddeebi’amee jedhamu waraanni kamuu xumurrisaa mariidha (negotiation) isa jedhu san ta’aa laata? Maalumaafuu waraana keessatti mo’uufi mo’amuun jiraatullee baasiinsaa qabeenyaa caala basii lubbuu namaa hedduu gaafata.
Qaamni moo’us kan moo’amus kaffaltii suukaneessaa kaffala. Lubbuun dhala namaa hedduutu itti dhabama. Qabeenyi biyyattii ni barbadaa’a. Jireenyi dhala namaa garmalee jeeqama; burjaaja’a. Waraanni gaarummaa hinqabu; hinfilatamus. Kan yeroo hunda filatamu rakkoo karaa nagayaa hiikuudha. Kun gocha eebbifamaadha. Garuu haalli dirqisiisee waraana keessa nama galchu akka jiru dagatamuu hinqabu.
Jalqaba torbee kanaarratti wanti tasee ta’eefi hin eegamne tokko midiyaadhaan dhihaateera. Wantichi tasee qofa osoo hintaane waan namni hin yaadneefi hiika hedduu qabuudha. Ministirri Muummee mootummaa federaalawa rippublikii Xoobbiyaa Doktar Abiyyi Ahmad biyya baraaruuf gara dirree waraanaatti akka imalan, achittis hoggansa waraanaa akka kennan na ifa taasisaniiru. Oduun tan gama fuula feesbuukiisaanitiin gadi baasanii ummatis akka isaan hordofuufi biyya balaarraa baraaran waamicha dhiheessaniiru.
Imalli ministira muummee gara adda waraanaatti deemuun raayyaa ittisa biyyaa wajjin ta’uudhaan diinatti qabsaa’uuf, humna waraanaatiif hoggansa kennuu keessatti hirmaachuuf, hamilee raayyaa ittisa biyyaa cimsuuf taasisan kun miidiyaa mootummaatiin irra deddeebi’ee ibsamaa jira. Miidiyaaleen biyya hambaas dhimma kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan gabaasaa turaniiru. Midiyaaleen biyyoota lixaa kanneen waan gaarii biyyoota hiyyeeyyii gabaasuu hinfeene dhimma Xoobbiyaa kana haala madaalawaa hintaaneen gabaasaa jiru jedhamee komii guddaan gama mootummaatiin irratti dhihaataa jira.
Tarkaanfiin ministirri muummeen fudhatan kun ummata gidduutti yaadota adda addaa kaasaa jira. Kanneen deeggaranis, mormanis yaadasaanii qabatanii gadi bahaa jiru. Kanneen dhimmicha akkasumatti callisanii taajjabaa jiranis ni jiru.
Namooti tokko tokko miidiyaawwan idileefi hawaasaa dabalatee “gocha fakkeenyummaa qabu” jedhanii dinqisiifataniiru. Warri “gochaa hogganaa kutataa irraa eegamuudha” jedhanii harka rukutan danuudha. Kanaaf, hoggantoota mootummaa caasaa guddaa hanga xiqqaarra jiran dabalatee, namooti beekamoon, atileetoti, hoggantooti waraanaa bara Dargii, miseensonni jaarmiyaalee siyaasaa faana ministira muummee bu’uuf murteessuusaanii fuula feesbuukiisaaniirratti ifa taasisaniiru.
Fuula feesbuukii qofa osoo hintaane miidiyaan mootummaas gabaasaa jira. Fakkeenyaaf qo’ataan seenaa Doktar Laaphisoo Ge Delleeboo gochaa kana dinqisiifachuun seenaan walqabsiisee Gaazexaa Addis Zaman irratti yaada bal’aa kennaniiru. Hundeessaa TPLF kan turaniifi booda kan irraa adda bahan Doktar Aragaawii Barhees eddii Wayyaaneen aangoorraa darbamtee as biyyatti deebi’anii waldaa siyaasaa ijaarratanii socho’aa jiranis gara adda waraanaa akka deeman ibsameera.
Imala ministirri muummeen gara adda waraanaa taasisaniin walqabatee yaadni biraas tatamsa’aa jira. Gaaffiileen tokko tokkos hawaasa keessatti ka’aa jiru. Gama kanaan namooti tokko tokko muummichi ministraa “durumaanuu ajajaa humnoota waraanaa biyyattii waan ta’aniif waraanichi kan adeemsisamu murtii isaan kennaniini. Kana adda waraanaa ta’anii achitti hoggansa kennuurra akkuma duraatti osoo waajjirasaanii ta’anii hoggananii wayya” warra jedhaniidha.
Jarreen kunniin fakkeenyummaasaanii gaarii akka ta’e hinhaalan. Garuu “Ministraa muummeen adda waraanaa deemanii tasa osoo balaan tokko irra gahee biyyi tun rakkoo walxaxaafi akka salphaatti hinhiikkanne hamaa keessa galti” jedhu. Kanaaf yaaddoo qaban ibsachuudhaan osoo murtiin kun irra deebi’amee ilaalamee yada jedhu balballoomsu.
Torbanuma kana keessa hojiin idilee biyyattii kan manni marii ministirootaa ministira muummicha biyyattiitiin hogganamu ministira muummee ittaanaafi Ministira Dhimma Alaa Mootummaa Federaalaa Rippablika Xoobbiyaa Obbo Dammaqaa Makonniniin akka hooganamu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalawaa ifa godheera. Asirrattis yaadoti adda addaa ka’aa jiru. Hojiin hogganaan kun qabatan sadeenuu guguddoo waan ta’aniif itti cimuu danda’a yaadni jedhu ka’aa jira.
Halli waraanaa biyya keenya keessa jiru kun hidda waan gadi fageeffate fakkaata. Lafti joograafii inni aguuges yeroo yeroon dabalaa deemaa jira. Waraanni karaa kaabaa jiru Tigraayi keessaa futtaafatee bahuun naannoo Amaaraa harka hedduu waliin gaheera. Sochiiwwan karaa lixaa, kibbaafi jiddugaleessaan adeemsisamaa jiran akka salphaatti kan ilaalaman miti. Naannoon Afaar gartokkeesaa keessatti waraanni adeemsisamaa jira.
Walumaagalatti waraanni kun kallattii lixarraa daangaa Sudanii hanga bahaatti Naannoo Affaaritti bal’ateera. Tigraayi keessaa bahee gara jiddugala biyyattiitti siqaa jiraa. Tarii adda waraanaatti argamuun ministira muummee haamilee humnoota waraanaa cimsuudhaan gara duubatti ni deebisa yaadni jedhu jira.
Gama biraatiin waraanni biyya keessatti babalate kanaaf fala nagayaa barbaaduuf qaamoleen adda addaa yaalii gochaa akka turan kan beekamuudha. Gama kanaan maqaan namoota lamaa adda durummaan ka’a. Isaan jalqabaa bakka bu’aa mootummaa Ameerikaa Jeefrii Filtmaan jedhamaniidha.
Namtichi kun bakka bu’aa mootummaa Ameerikaa kan gaanfa Afrikaati. Mootummaa Ameerikaa bakka bu’uudhaan mootummaafi dhaabbilee amma qawwee kaasanii mootummaan lolaa jiran walitti fidee araarsuuf nama dirqamni itti kennameedha.
Namni kun biyyoota gaanfa Afrikaafi Arabaatti deddeebi’aniiru. Xoobbiyaatti yeroo hedduuf deddeebi’anii qaamolee mootummaa waliin akka haasa’an, akka mari’atan ragaaleen hedduun bahaniiru.
Namni kun ollaa keenya, Keeniyaas daaw’ataniiru. Biyya ollaa keenyaa kan karaa lixaatti argamtu Sudaanis dhaqaniiru. Biyyoota Arabaa keessaa Imareetii Arab Gamtoofte (United Arab Emirate) gahaniiru. Kunniin hundi karaa adda addaa dhaamsa mootumaa Ameerikaa kaayyoo mataasaa qabu qabatanii olii gadi deemaa turan. Namni kun biyyasaaniitti deebi’anii ibsa gaazexeesitootaaf kennaniin dhimma Xoobbiyaarratti abdii akka hinmuratin ifa godhaniiru.
Akkuma Ameerikaa yaalii araaraa taasisuuf qaamolee yaalan keessaa tokko dhaabbata biyooti Afrikaa uuman Yuniyeeniin Afrikaa (Afrikan Union)ti. Dhaabbanni biyyoota Afrikaatiin hundaa’e kan teessoonsaa Finfinnee keessa waan jiruuf dhimma Xoobbiyaa kana sirriitti beeka.
Yuuniyeeniin Afrikaa kun bakka bu’aa moggaafatee hojiitti eddii bobbasee bubbuleera. Namni kun Pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaati. Naayijeeriyaa hoggananiiru. Maqaansaanii Oliiseegun Obaasaanjoo jedhamu. Nama beekamtii qabaniifi gameessa jedhamu. Hogganaan Yuuniyeenii Afrikaa Obbo Iisaa Faaqii nama kana filatanii rakkoo Xoobbiyaa keessa jiru karaa nagayaa akka hiikan jaarsa jaarsummaaf filatamaniidha. Namni kun eddii hojii jalqabanii akkuma Fiiltimaan biyya kanatti deddeebi’anii qaamolee mootummaa adda addaa wajjin mari’ataniiru.
Namni kunis akkuma Jeefrii Fiiltimaan biyya kanatti deddeebi’anii walitti bu’iinsa biyya kana keessa jiru hiikuuf yaalii taasisaa jiru. Dhihoo kana Maqalee deemanii hogganaa Wayyaanee Doktar Dabratsiyoon Gabramikaa’el waliin walarguusaanii midiyaan adda addaa gabaasaniiru.
Bakka bu’aan Yuuniyeenii Afrikaa waan tokko namaaf ibsa. Yaadama rakkoo Afrikaa Afrikaanotaan hiikuu jedhu wajjin walitti hidhata kan qabuudha. Dhugaadha rakkoon Afrikaanotaa Afrikaanotaan hiikamuu qaba. Biyyooti Afriikaa akkuma dur bara sirna koloneeffataa sana biyyoota Awurooppaatiin qajeelfamuu hinqaban.
Afrikaan rakkoo walxaxaa akka qabdu beekamaa ta’us rakkoowwan ardii kana keessa jiran durumaa maddisaa hedduun imaammataafi qajeelfama biyyoota guddatani. Maddi waraanaa biyyoota Afrikaa hedduu keessatti adeemsisamuu guutummaatti aan guututti ta’uun baatus hedduunsaanii biyyootuma qabeenyaa Afriikaa saamaniifi saamuuf karoorfataniidha. Kan biyyoota Afrikaa hedduu akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Kanaaf, Afrikaan akkuma jalqabde rakkoo ishii beektotaafi hayyoota ishiitiin hiikamuu qaba yaadni jedhu bakka hedduutti ka’aa jira. Yaadni kun kan deeggaramuu qabuudha. Afrikaan adaa gabbataafi sirna orjinaalota ta’an kanneen walitti bu’iinsa hiikuu danda’an hedduu qabdi. Kanaaf rakkoo Afrikaa Afriikaanotaan hiikuun caalatti bu’aa akka qabu hubatamuu qaba.
Haaluma kanaan rakkoon biyya keenyatti uumame yoo danda’ame ilaafi ilaamee Xoobbiyaa keessa jiruun hiikuu yaaluun barbaachisaadha. Yoo dadhabame obboleeyyan keenya kan Afrikaa dabalatanii hiikuuf yaaluun gaariidha.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014