Arjoomni hunduu gatii qaba. Arjoomni gatii hinqabne; kabajni hinkennamneefis hinjiru. Yeroo beelaa arjoomni midhaanii qunnaa tokkoo kabaja guddaa qaba. Yeroo qeyeedhaa buqqa’an namni waanuma qabuun harka namatti hiixate galataan irraa fudhatu. Namni mana dhabee guyyaa aduu keessa oolu, alkan qorra keessa bulu namni godootti olseensisee guyyaa tokkoof bayyanachiisu arjoomaadha. Arjoomtoti hunduu warra nama qofa osoo hintaane Waaqqayyo eebbiseedha. Kun hunduu ta’ee arjoomni arjooma caalu ni jira. Arjoomni kun maalinni jechuu dandeessu.
Arjoomni arjooma caalu anaaf dhiiga dhala namaati. Dhiigni dhala namaa dhiiga bakka bu’ee lubbuu namaa du’arraa baraara. Dhiigni dhala namaa dhala namaatiif oolee dhala namaa rakkoo keessaa baasa, du’as isa oolcha. Akkuma beekamu addunyaa kanarratti wanti maallaqaan hinbitamne lubuudha. Yoo daaran moofaa suphatanii, bututtuu diratanii jiraachuun ni danda’ama. Yoo dawoo keessa jiraatan dhaban mukaafi baala walitti hidhanii, jala jiraachuun ni danda’ama. Waan nyaatan yoo dhaban balbala namaa rukutanii, gabaa bahanii ykn daandiirratti bahanii kadhatanii agabuu ba’uun ni jira. Maallaqni yoo jiraate ammo kana hundaa bituu danda’a. Wanti maallaqni hinbitne, kan gabaa bahanii hinbinne dhiiga dhala namaati. Kanaafi, arjooma arjooma caalu kan jedhamuuf.
Jaarraa 21fa kana namni odeeffannootti baay’ee siqa. Kanaaf odeeffannoo gama barbaachisummaa arjooma dhiigaa akka biyya keenyatti jiru quba qaba jedheen yaada. Midyaan biyya keenyaa kuusaan dhiigaa biyya keenyaa hagam akka gadi bu’e dubbata. Hojjettoonni baankii dhiigaas irra deddeebiin wawwaataa jiru. Dhiigni lubbuu namaa baraaru, kan du’arraa nama oolchu kuusaa keessaa dhumaa akka jiru, lammiin lammiif jecha dhiiga akka arjoomu gaafachaa jiru. Lubbuu namaa umurii dheerechuuf birmannaa gaafachaa jiru. Gaafiin akkanaa lammiif yoo dhihaatu dafemee owwaachuun barbaachisaadha. Dhimmichi dhimma lubbuu wajjin walqabatu waan ta’eef.
Biyyi keenya waan irra jirtu namni hinhubanne hinjiru. Biyyattii keessatti waraanni adeemsisamaa jiru dhawataan babal’achaa dhufeera. Dhiigni guyyaa guyyaadhaan loltooti dhangalaasaa jiran nama mana taa’ee qeequ kan akka kiyyaa kanaaf salphaadha. Isa dhiiga buttullee tokko dhabee du’aafi jireenya jidduutti gidiramu nama miidhaan irra gahe ykn hakiima nama sana tajaajilu qofatu sirriitti hubata.
Akkasumas namooti dhukkuba adda addaatiin qabamanii manneen yaalaa keessa jiran kan jireenyasaanii yeroo murtaa’eef itti fufsiisuuf arjooma dhiigaa eeggatan lakkoobsaan baay’eedha. Kan guyyaa guyyaan balaa uumamaafi namtolchee kan akka balaa tiraafikaa, balaa darbiirraa kufuu, balaa sigigaachuu lafaafi kan kana fakkaataniin miidhamanii hospiitaalotatti dhiiga barbaadan danuu ta’uusaanii hubachuudhaaf dirqama hakiima ta’uun barbaachisaa miti. Kunimmoo arjoomni dhiigaa manneen yaalaaf hagam barbaachisaa akka ta’e namatti mul’isa.
Biyya keenyatti karaa ogummaatiin dhiiga namaa walitti kuusuun nama dhiigni barbaachisuuf karaa ogeessa yaalaa kennuun eddii jalqabamee tureera. Addunyaarratti baankiin dhiigaa inni jalqabaa ALA bara 1932 hospiitaala biyya Tuusiyaa Leeniingrad jedhamu keessatti akka dhaabbate ragaan ni ibsa. Biyya ameerikaa keessatti ammoo bara 1937 hospiitaala magaalaa Chikaagoo jedhamtu keessa jirutti jalqabe. Ammuma bu’aansaa beekamaa dhufu addunyaarratti babal’ataa deeme. Biyya keenya keessatti kuusaa dhiigaa kan jalqabe Waldaa Fannoo Diimaa Xoobbiyaati ALA bara 1968 tti. Biyya keenyatti eddii tajaajilli kun jalqabe gara umurii waggaa shantamaa olii ta’eera jechuudha.
Tajaajilli Waldaan Fannoo Diimaa Xobbiyaa jalqabe kun bara 2013 irraa eegalee gutumaa guutuutti gara dhaabbata mootummaan bulchuufi to’atuutti jijjirameera. Dhaabbati kun maqaa Baankii dhiigaafi Tishuu Biyyaalessaa jedhamee beekama. Tajaajilli dhiigaafi dhiigaan walqabatee jiru kun waggoota shantaman taran keessatti lubbuu namoota meeqaa akka du’arraa baraareefi umuriisaanii hanga dheeresse namni hunduu ni hubata jedheen yaada.
Akkuman irra deddeebi’ee dubbadhe dhiiga arjoomuun kennaa ykn arjoommii isa guddaadha. Dhiigni arjoomame abbaan dhiiga sana fudhatu hin beekamu. Sanyiin adda hinbahu. Halluun loogiin irratti hintaasisamu. Kutaa lafaatiin ykn biyyaatiin adda hinbahu. Akkuma waliigalaatti dhala namaatiif oola. Lubbuu namaa baraara; jireenya itti fufsiisa, nama gidiraa keessaa baasee obsa argamsiisaaf. Kanaaf namni dhiiga arjoomu sammuunsaa bilisa.
Ammaan tana Baankiin Dhiigaafi Tishuu Biyyaalessaa birmannaa lammiiwwan hundaa gaafachaa jira. Akka baankiin hojii eebbifamaaf hundeeffame kun hanqina dhiigaa qabu midiyaadhaan irra deddeebi’amee ummatatti himameera. Haalli yeroo akka biyyaatti keessa jirrullee yeroo arjoominni dhiigni garmalee itti barbaadamuudha. Hanqinni dhiigaa kuusaa biyyolessaa keessaa maaliif dhabama? Gaaffii akkuma waliigalaatti ka’uu qabuudha.
Ragaaleen tokko tokko akka mul’isanitti, biyya keenya keessatti aadaan dhiiga arjoomuu hindagaagne. Namni gaafa rakkate dhiiga barbaada malee gaafa fayyaa qabu dhiiga kennuuf kaka’umsa hin agarsiisu. Reefu fooyya’iinsi tokko tokko mul’achuu eegale malee, kanaan dura yaadni kun warra barateefi qaroomne jedhu kan akka kiyyaa birattuu fudhatama hin arganne. Ummanni baadiyyaa dhimma kanarratti har’ayuu hubanoo gahaa hinqabu. Kun rakkoo isa guddaadha.
Qaamni dhimmi kun ilaallatus hubannoo uumuufi hawaasa dadammaqsuurratti gahee isaa sirriitti hinbaane. Namooti dhiiga yoo kennan waanuma du’an itti fakkaata. Namoonni tokko tokko ammoo haala ajaa’iba ta’een irra deddeebi’anii dhiiga arjoomaniiru. Kan si’a torbaatamaa ta’uuf dhiiga arjoomee fayya buleessa ta’ee jireenyasaa karaa nagayaa gaggeessaa jiru midiyaarratti dhagahaa jirra. Namoota akkanaa kanneen ofitti qabachuudhaan akka ummata dadammaqsan gochuun dhiiga hedduu walitti qabuun ni danda’ama.
Akka biyyaatti ummata miliyoona 115 ta’utu biyya kana keessa jiraata. Kanneen keessaa harki kurmaanni qofti dhiiga kennuu ni danda’u osoo jedhamee gara nama miliyoona 28 ta’u dhiiga ni arjooma. Yoo dhibbeentaan 10iin shalagne namooti miliyoona 11.5 ta’an dhiiga arjoomuu ni danda’u. Kanaaf yeroo tokkotti dhiiga yuuniitii hedduu waltti qabuudhaan namoota rakkoo keessa jiran keessattuu yeroo ammaa kana lubbuusaanitiif qoricha ta’uun ni danda’ama.
Biyyi ummanni hedduun keessa jiru kanatti hanqinni dhiigaa jiraachuu hinqabu ture. Akka ragaan ibsutti, namni fayya buleessi umuriinsaa waggaa 18 eegalee hanga 65tti jiru dhiiga arjoomuu ni danda’a. Ji’a sadii sadiin dhiiga arjoomuun fayyaa namaarra miidhaa akka hingeesisne ogeesonni fayyaa irra deddee’bi’anii nama gorsu. Haala kanaan biyyuma keenyatti namni yeroo torbaatama ta’uuf dhiiga arjoome ni jira. Kan irra deddeebiin yeroo hedduuf dhiiga arjomanis akka jiran midiyaarraa dhageenyeerra. Arjoomtoti kunniin dhiigasaanii lubbuu namoota hedduu baraare irra deddeebiin fayyaansaanii hinmiidhamne. Jarreen kunniin gochaa guddaa kana raawwachuusaanitiin hamileefi gammachuu guddaa qabu. Dhiignisaanii sanyiin, qooqaan, halluun dhala namaa osoo adda hinbaasin kennamuufiin lubbuusaanii baraaruun danda’ameera.
Ammas lammii keenya hedduutu dhiiga barbaada. Manni yaalaa nama mana yaalaa dhaqe kamuu osoo adda hinbaasiin yaala kennuuf ni dirqama. Kanaaf dhiigni arjoomamu namuma fayyisa, abbaa fedhe haa ta’u. Asirratti diinniifi firri hinjiru. Namni kamuu nama. Kanaaf hawaasni marti waamich Baankii Dhiigaafi Tishuu lammiif dhiheechaa jiru jalaa owwaachuun dirqama lammumaati. Yeroo dhiigni garmalee barbbadamu kana lammiin fayya qabeessi gara baankiiwwan dhiigaa naannawa biyyattii keessa jiranitti imaluun dhiiga akka arjoomu imaanaa guddaatu irra jira.
Torban gaarii.
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014