Maalummaafi kaayyoo labsii yeroo atattamaa

Torban kana taateewwan guguddaa qalbii namaa harkisantu ture. Isaan keessaa tokko labsiin yeroo muddamaati. Manni maree ministirootaa kan mootummaa Federaalawa Rippaablika Xoobbiyaa Kibxata tare labsii kana ummataaf ifa taasise.

Labsiin manni marii ministrootaa baase kun Kamisa Mana maree bakka bu’oota ummataatti dhihaatee raggaasisameera. Labbssin kun Labsii Yeroo Atattamaa 5/2014 jedhamee moggaafameera. Torbeen kun torbee taateewwan hedduun keessatti raawwataniidha. Garuu xiyyeeffannaan koo labsii yeroo atattamaa hojiirra oole kanarratti ta’a.

Labsiin yeroo atattamaa kun 5fa ta’uu isaati; eddii Heerri Mootummaa Federaalawa Rippaabiliika Xoobbiyaa amma hojiirra jiru kun bara 1987 ragga’ee asi. Sadii yoom labsaman? duubatti deebinee haa ilaallu. Lama kan labsaman bara Ob. Dasalenyi Hayilamaariyaam muummicha ministraa turan sana; bara qeerrooniifi qarreen mootummaa wayyaanee isaaniin durfamu sana kokkee qabde sana. Qeerroofi qarreen ammas gocha hammeenyaa wayyaaneen ummata Oromoorratti raawwatan sana hin dagatan. Kan darbe yoo dagatan fuulduratti deemuun rakkisaadha.

Labsiin yeroo atattamaa inni jalqabaa “Labsiin Yeroo Atattamaa Lak.1/2008 yoo ta’u, kan labsame qabsoo qeerro wajjin walqabateeti. Labssiin Yeroo Atattamaa Lak.2/2010 kan labsame bara 2010 ture. labbsiin kunis qabsoo qeerroo finiinee gara mootummaa jigsuu gahe sana ukkaamsuuf ture. Labsiin Atattamaa Lak.3/2012 kan bahe dhukkuba kooviid-19 wajjin walqabateeti.; akka seensa labsichaarratti ibsametti.

Labsii yeroo atattamaa jechuun maal jechuudha? Muuxannoon addunyaarra jiru maal fakkaata? Barbaachisaadha moo miti? Mootummaan yoo maal ta’e labsii akkanaa labsa? Labsichi maal namaaf fida Maal nama dhabsiisa? Gaaffilee kanneen xuxxuqanii ilaanuun beekumsaafis ta’ee of eeggannoof ni gargaara jedheen yaada. Kanaaf yaadawwan tokko tokko kaasanii irratti yaada irratti waljijjiiruun gaariidha.

Akka seeraafi muuxannoo addunyaatti biyyi tokko labsii yeroo atattamaa labsuuf aangoo ni qabdi. Hojimaatiifi muuxxannoon hedduun labsii yeroo atattamaa itti labsaman hedduutu jira. Kun biyyoota hiyyeeyyii keessatti qofaa miti kan labsamu. Biyyoota guddatan keessas haalli labsiin yeroo muddamaa itti labsamu ni jira. Sababni labsichi itti labsamu, dheerinni yeroo labsichi turu, haalli itti raawwatu garaagarummaa qabaachuu mala. Garuu muuxannoodhum jiruudh.

Labsiin kun mirgootaafi bilisummaa (rights and freedoms) ummata siviilii kan yeroo nagayaa yeroo murtaa’eef ni daangessa. Labsiin akkanaa kun yeroo bahu of eeggannoon kan barbaachisuuf mirgoota yeroof daangeffamanniin walqabatee ummati siviilii akka hin dmiidhamne eegumsa gochuufi.

Yeroo labsiin akkanaa bahu qaamni labsii kana baasuuf aangoo qabu sirriitti itti yaadee faayidaafi miidhaasaa xiinxalee, mirgootaafi bilisummaawwan daangan irratti taasisamaniifi kanneen akkuma yeroo nagayaatti jiran adda baasee lammiif ibsa. Labsiin yeroo atattamaa kan labsamu, akka barreefamooti ibsanitti, nagayaafi tasgabbii lammilee eegsisuufi. Kaayyoon isaa ummata jiddugala godhata. Ummataaf eegumsa taasisuudha.

Haalli labsiin yeroo atattamaa itti labsamu adeemsa mataasaa qaba. Akka biyya keenyaatti Heera Heera Mootummaa Dimokiraatawaa Riippuublikaa Federaalawa Xoobbiyaa kan bara 1987 ragga’e keeyyata 93 jalatti tumameera. Labsii kana manni maree ministirootaa labsee yoo paarlaamaan hojiirra jiraate sa’aatii 48 keessatti dhiheessee akka raggaasisiisu, yoo hojiirra hin jiraanne ta’e guyyoota 15 keessatti akka raggaasisiisu Heerarratti tumameera.

Keeyyati 93, kan labsii yeroo hatattamaa wajjin walqabate, jal-keeyyata 6 of jalatti qaba. Qabxiilee keeyyata kana jala jiran wantoota ibsan keessaa eenyu labsii kana akka baasu, eenyu akka raggaasisu, mirgoota labsiiwwan kanaan hin daangeffamne akka jiran kan ibsuudha. Haala kanaan labsiin yeroo atattamaa 4/2014 mana maree ministrootaatiin labsameera. Paarlaamaan biyyattii hojiirra waan jiruuf sa’aatii 48 keessatti mana maree bakka bu’ootaatti dhihaatee mirkanaa’eera.

Akka Heera biyyattiiiin ittiin bulaa jirtutti labbsiin yeroo hatattamaa mana maree ministrootaatiin bahee paarlaamaan ragga’e kamuu keeyyattoota Heera rratti tumaman lak. 1, 18, 25, 39/1, 2 itti hin bu’amu. Keeyyatooti kunniin akka hin xuqamne Heeraan dhorkameera. Keeyyatti Heera Mootummaa Lakk.1 moggaasa maqaa biyyattiin ittiin waamamtu (Nomenclature of the state) wajjin kan walqabateedha.

Keeyyatti 18 haala qabiinsa dhala namaa (Prohibition against Inhuman Treatment) jiran wajjin walqabatee kan tumameedha. Keeyyati 25 ammoo tumaawwan mirga walqixxummaa (Right to Equality) ilaalchisanii kan tumamaniidha. Keeyyata 39 kan tumu dhimma sabaa, sablammiifi ummattootaata (Rights of Nations, Nationalities, and Peoples) walqabataniidha. Keeyati 39/1 mirgoota sabaafi sablammii akkasumas ummatootaa keessatti yeroo labsii yeroo atattamaa kana keessaa mirgi hiree ofii ofiin murteessuu fi foxxoquu labsii yeroo atattamaatiin akka hin xuqamne ibsa. Keeyyati 39/2 ammoo yeroo labsii yeroo atattamaa afaan ofiitti fayyadamuun, aadaa ofii fi seenaa ofii qorachuufi guddifachuun labsii kanaan akka hinxuqamneedha.

Yaadrimeen labsii yeroo atattamaa jedhu haala kanaan ibsama. “A state of emergency is a situation in which a government is empowered to be able to put through policies that it would normally not be permitted to do, for the safety and protection of its citizens.” (Wikipedia). Gabaabummatti labsii mootummaan aangoo addaa kan yeroo nagayaa seeraan hin eeyyamamne kan ittiin abboomamuudha. Kana jechuun labsiin yeroo atattamaa mootummaaf aangoo dabalataa kenna. Tumaawwan seerota adda addaa keessatti keessaayuu mirgoota dimokraasiifi odeeffannoo (expression) guututti ykn gartokkeen cabsuuf ni eeyyamama.

Fakkeenyaaf yeroo nagayaa, yeroo labsiin kun hin labsamin, mana nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokko sakkatta’uuf qaamni poolisii hojii kana hojjatu ajaja mana murtii isa barbaachisa. Nama too’annaa jala oolchuufillee ajajinni mana murtii ni barbaachisa.

Labsiin yeroo atattamaa mirgoota kanneeniifi kan biroollee dhuunfadhaanis ta’ee gareedhaan nama dhabsiisa. Labsiin yeroo atattamaa mootummaa aangessee mirga lammiilee tokko tokko yeroof daangessa. Labsiin kun biyyoota tooko tokko keessatti hanga seera maarshaal “Martial law’ jedhamu hojiirra oolchuutti geessisa, Seerri maarshaal jedhamu kunimmoo cimaadha. Kan hoogganus mootummaa siviilii osoo hin taane humna loltuuti.

Labsiin yeroo atattamaa kun yeroo waraanaa, mormiin biyya keessatti babal’ate, yeroo balaan uumamaa guddaan gahe, yeroo ummati tasgabii dhabe (social unrest), dhukkubni weeraraa uumame…. Labsiin yeroo atattamaa kan labsamuuf yeroo gabaaba seeraan daanga’eef qofa. Dheerachuullee akka hin qabne ragaaleen ni mirkaneessu.

Yeroo labsiin yeroo atattamaa labsamu dhimmooti ofeeggannoofi xiyyeeffannoo barbaadan hedduutu jira. Labsii kana dawoo godhachuun mirgooti namaa akka hin dhiibamne, hojimaatileen seermalee akka hin babal’anne qaamni mootummaa seera kana hojiirra oolchu itti siqee too’achuu qaba. Haaloo bahuun, saamichi, tarkaanfiin bu’uura seeraa hin qabne akka hin fudhatamne of-eeggannoo taasisuun barbaachisaadha. Qaamni labsii kana raggaasise, manni marii bakka bu’ootaa, aangoo Heerri kenneen koree too’annoo dhaabee haala hojiirra oolmaa labsii yeroo atattamaa qo’achuufi too’achuun tarkaanfii sirreessaan akka fudhatamu Heerri ni aangessa.

Akkuma hundi keenyaa beeknu biyyi keenya rakkoo hamaa keessa jirti. Kan labsii kana dhale rakkoo waraanaa biyyattii keessa jirtuudha.

Ummati bal’aan karaa kamiinuu nagaa barbaada. Naghaan bahee nagahaan galuu, hojiisaa hojjechuu fedha. Amma nageenyi hin jiraannetti ammo fedhiin ummataa kun rakkoo keessa gala. Labsiin yeroo atattamaa kun rakkoo biyya keenyaa akka walii galaatti bu’uurarraa ni hiika yaadni jedhu waan jiru natti hin fakkaatu. Rakkoo biyya kanaa kan hiiku mariifi marii dhugaa qofaadha. Kana irra diiddibuu osoo hin taane jala muranii itti amanuun barbaachisaadha. Kanaaf qamni gamaa gamana jiru hunduu osoo itti yaadee gaariidha.

Torban gaarii!

 Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You