Hawaasa keenya keessatti wanta baratame keessaa tokko rakkoo fayyaa qaama walhormaataan walqabatan ykn walquunnamtii saalaa waliin walqabatanii dhufan mana yaalaa dhufee ykn maatiif hiriyoota isaatti himachuu saalfata. Kunimmoo rakkoowwaan garaagaraaf yeroo isaan saaxilu argaa jirra.
Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa (erectile dysfunction)
Qaamni saalaa dhiiraa qaama lallaafaa maashaawwan, kaartileeji, ujummoo fincaanii, ujummoowwan dhiigaafi narviiwwan garaagaraa of keessaa qaba. Qaamni saalaa dhiiraa seeliiwwan dhifamuu ykn diriiruu danda’anis ni qaba. Maashaawwan qaama saalaa keessatti argaman gidduu bakki duwwaa ykn ‘space’ kan ujummoon dhiiga qulqulluu onneerraa fuudhame raabsuuf akkasumas dhiiga qulqulluu hintaanemmoo naannoo qaama saalaarraa fuudhee gara onneefi sombaatti geessu achi keessatti argama.
Dhiirri tokko yeroo miirri saalquunnamtii itti dhagahamu ykn yeroo saalquunnamtii ujummoowwan dhiigaa bakka duwwaa maashaawwan kana lamaan gidduutti argaman dhiigaan guutamuun akka qaamni saalaa dhiiraa ka’u godhu. Kanaaf gabaabaatti ibsuuf qaamni saalaa dhiiraa kahuuf sadarkaa garaagaraa keessa darba.
Narviiwwan si’aawoo ta’an kanneen qaama saalaa dhiiraarratti argaman yeroo dhiirri tokko miira keessa seenu ergaawwan hattattamaa garaa kutaa sammuu keenyaatti erguun hormooniwwaan garaagaraa akka gadidhiifaman sammuun keenya ajaja dabarsa. Hormooniwwan kunniin qaama saalaa, ujummoowwan dhiigaafi onnee keenyarratti gochasaanii eegaluun dhiigni onneerraa ka’uun karaa ujummoo dhiigaa gara kutaa qaama saalaa dhiiraa deemuun ujummoowwan dhiigaa kunniinis akka dhifaman/diriiran godha.
Rakkoo kahuu qaama saalaa dhiiraa yeroo jennu kan inni of keessatti qabatu:
- Tasumaa kauu dhabuu qaama saalaa dhiiraa
- Jabaatee ykn sirriitti kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa,
- Fedhii saalqunnamtii dhabuu
- Akkuma kaheen dafee kufuu qaama saalaa dhiiraafaa of keessatti qabata jechuudha.
Sababoota tokko tokkorraan kan ka’e namni kamiyyuu yeroo muraasaaf rakkoon kun isa mudachuu mala. Garuu rakkoon kun utuu walirraa addaan hinkutiin yeroo dheeraaf yoo ture rakkoo xiinsammuufi rakkoo hariiroo maatii fiduu waan maluuf mana yaalaa deemanii ilaalamuun baay’ee barbaachisaadha.
Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa maaltu fida/maaltu nama saaxila?
Sababni rakkoo kahuu qaama saala dhiiraa hedduu tahanis rakkoowwan qaama waliin walqabataniif rakkoo xiinsammuu waliin walqabatan jennee kaasnee ilaaluu dandeenya.
Rakkoowwan fayyaa qaama kana waliin walqabatan:
- Dhukkuba onnee
- Rakkoo cufamuu ujummoo dhiigaa
- Dhiibbaa dhiigaa olkahaa
- Kolestirooliin qaama keessa jiru hedduummaachuu
- Dhibee sukkaaraa
- Ulfaatina qaamaa garmalee
- Rakkoowwan sirna narvii waliin walqabatan
- Tamboo aarsuu
- Qorichoota ykn dawaa dhibee kan biroof kennaman kanneen akka dawaa dhiphina hamaa, dhiibbaa dhiigaa olkahaaf kennaman
- Alkoolii hedduminaan dhuguu
- Hirriba gahaa rafuu dhabuu
- Yaaliiwwan baqaqsanii yaaluu naannoo qaama saalaa kan duraan godhame
- Hirachuu hormoonii testestiroonii qaama keessaa
Rakkoowwan xiinsammuu kanneen rakkoo kahuu qaama saalaa dhiiraa fidan
- Dhiphinaa hamaa
- Mukuu/gaddabuu yeroo dheeraa
- Rakkoo nageenya maatii waliinii ykn hir’achuu hariiroo abbaa manaafi haadha manaa ykn jaalalleewwanii
- Waliigaltee dhabuufi jeequmsa yeroo dheeraa gaa’ela keessaa
- Yeroo hunda walshakkuuf sodaa qabaachuu
Rakkoon kahuu qaama saalaa kun dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a
- Hiikkaa gaaelaa
- Dhiphina sammuu hamaa
- Ofitti amanamummaa dhabuu
- Ulfeessuu dhabuu
- Walquunnamtii saalaa gammachiisaa tahe dhabuu
Rakkoo kana akkamitti ofirraa dhorkuu dandeenya ykn yaalamuu dandeenya?
- Dhibeewwan qaamaa armaan oliitti eerre sun rakkoo kana fiduu waan dandaaniif mana yaalaa deemuun qorannoo barbaachisu gochuun yaalii isaa jalqabuu
- Yeroodhaa yerootti hordoffii mana yaalaa ykn ‘medical checkup’ gochuu
- Sochii qaamaa yeroodhaa yerootti gochuu
- Ulfaatina qaamaa garmalee hir’isuu
- Tamboo aarsuu dhiisuu
- Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn hirisuu
- Dhiphina hamaa hirsuuf ykn toachuuf yaaluu. Yoo sadarkaa hamaarraan isin kan geessisu tahes mana yaalaa deemuun ilaalamuu
- Rakkoowwan hariiroo maatii huban furuu ykn hirisuuf yaaluu
Gama biraan namoonni rakkina akkanaa qabdan taateen kun kana dura isin mudatee ammas na mudataa laata jechuun dhiphachuu dhiisuun sammuu keessan tasgabbeessaa
Haadha manaatiif ykn hiriyaa shamarraniif
Rakkoon kahuu qaama saalaa kun darbee darbee nama kamiyyuu mudachuu waan maluuf yeroo waan kun uumamu sammuu abbaa manaa keessanii ykn hiriyaa keessanii tasgabbeessuu danda’uu qabdu. Taatee darbe isa irraanfachiisuun qaama isaa qaqqabaa akka inni irraanfatuuf qaamni saalaa isaa kahu gochuun ni danda’ama.
Yoo rakkoon kun taateewwan armaan olii hunda gootanii furamuu dide mana yaalaa deemuun gorsaafi yaala fayyaa barbaachisu fudhachuun baay’ee barbaachisaadha. Gama biraan qorichoonni mana yaalaarraa rakkoo kanaaf kennaman jiru. Namoonni baay’een ajaja hakiimaa malee qorichoota kana mana qorichaa irraa yeroo bitanii fayyadaman argaa jirra. Kanaaf amma barbaachisuuf akkamitti akka fudhatamu qabu osoo hinbeekiin fayyadamuun rakkoo fayyaa biroof isin saaxiluu waan maluuf gocha kanarraa akka ofqusattan isiiniif ibsuu yaalla.
Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo walquunnamtii saalaa dhiirootaa
Walquunnamtiin saalaa miira dhalaaf dhiirri tokko ittii gammadan keessaa tokkodha. Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo walquunnamtii saalaa qorannoon hedduu geggeefamaa ture akka agarsiisuutti dhiirri tokko yeroo walquunnamtii saalaa dafee dhangalaase kan jennu qorannoowwan garaagaraa jiraatanis keessaa tokko walquunnamtii saalaa keessatti fedhii ishee utuu hingammachiisin dhangalaasuu kan jedhus ni jira. Kun namootaa namootaatti garaagara ta’us qorannoon biraa kan irratti walii galame tokko ammoo dhiirri tokko daqiiqaa tokkoo gaditti yeroo sanyiin dhiiraa irraa bahu ykn dhangalaasu dafee dhangalaase jenna.
Rakkooon kun dhiirota qofaa osoo hintaane shamarranillee nimudata. Garuu hedduminaan rakkoon kun rakkoo dhiirota irratti mul’atudha. Taateen kun taatee nama hedduu mudachuu maludha. Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti yoo xiqqaate yeroo tokkoof isaa oli kan isa mudachuu danda’udha. Qorannoon biyya Ameerikaatti godhame tokko akka addeessutti dhiirota sadii keessaa tokko rakkoo kanaaf ni saaxilamu jedha. Rakkoon kun baayinaan namota umuriin isaanii waggaa 40 gadi taherratti kan argamudha
Rakkoo kanaaf wantootni nama saaxiluu dandahan maalfaadha?
Rakkoo dafanii dhangalaasuu dhiiroota hedduminaan rakkoo keessoo qaamaa ykn qaama waliin walqabatan osoo hintaane rakkoo xiinsammuu sammuu waliin walqabatanidha.
Rakkoowwan taatee kanaaf nama saaxilan maalfaadha?
- Walquunnamtii saalaa yeroo jalqabaaf gochuu
- Dhiphina sammuu hamaa
- Rakkoo hariiroo ykn waliigaltee dhabuu maatii/hiriyaa waliinii
- Rakkoo mukuu hamaa
- Walquunnamtii saalaaf ilaalcha gadi bu’aa qabaachuu
- Ofitti amanamummaa dhabuu
- Kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa
- Rakkoo hormoonii
- Rakkoo ykn jeeqamuu keemikaala sammuu keessaa
- Infeekshinii ujummoo keessoo fincaan gara alaatti dhabamsiisuufi infeekshinii xannacha piroosteetii
Rakkoo kana hir’isuuf ykn hambisuuf maal gochuu qabna?
1. Dhiphina hamaa ykn mukuu hamaa hir’isuu yaaluu, akkasumas sadarkaa hamaa irraan kan isin gahu yoo tahe mana yaalaa deemuun gorsaafi yaala sammuu fudhachuu
2. Ofitti amanamummaa qabaachuu
3. Taatee kaleessa tahe irraanfachuun sammuu haaraan gara saalquunnamtii deemuu
4. Rakkoo waliigaltee dhabuuf hariiroo jaalallee ykn haadha manaa keessan waliin jiru mariidhaan furuu yaaluu
5. Yeroo walquunnamtii saalaa yaada keessan waan biraarra gochuu
6. Yeroo tokko tokko koondomii fayyadamuun sanyiin dhiiraa akka dafee hindhangalaane gochuus ni danda’a.
Dabalataan sochii dabalataa armaan gadii gochuunis rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo saalqunnamtiif murteessaadha
1. Xiyyeeffannaakee tolchi
Maashaawwaan naannoo qaama saalaa, hudduu, sarbaafi garaa keenyaa jiran kottaanfachuun sanyiin dhiiraa gara alaatti akka bahu gochuu keessatti qooda guddaa qabu.
Kanaaf mala kana keessatti wanti gochuu qabdan maashaawwan kanneen amma dandeessan kottaanfachiisuu dhiisuun diriirsuun akka falaatti kan taa’u keessaa tokkodha.
2. Sochii maashaa jabeessuu (kegels exercise)
Kana jechuun sochii guyyaa guyyaan maashaa naannoo qaama saalaa (pelvic floor muscle) jiran guyyaa guyyaan kottoonfachiisuuf diriirsuun godhamudha.
Akkamitti hojjenna?
Yeroo teessan, ciistanis tahe hojii hojjettan kan dalagamudha. Akka namni tokko fincaan yeroo fincaa’uuf kahee gidduutti ofiisaan addaan kutuu ykn sagaraa utuu hagaa jiruu akka nama addaan kutuu gochuun ammaa amma dalaguudha. Kunis akka naman fincaan utuu fincaa’uu addaan kutuu ykn utuu sagaraarra jiruu addaan kutuutti maashaa naannoo qaama saalaafi munnee keessanii jiru qabuun seekondii sadiif erga tursitanii booda seekondii sadiifimmoo dafanii gadidhiisuudha. Tooftaa kanarra deddeebiin baay’inaan gochuun maashaan naannoo qaama saalaaf hudduu jiran akka jabaatu gochuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Gama biraan shamarran/haati manaa rakkoon akkasii abbaa manaa ishee yoo mudatu jajjabeessuu ykn faara itti jijjiirrachuu dhiisuuf hariiroo waliin qabdu hir’isuu hinqabdu.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014