Booranni jidduu kana bakka xiyyeeffannaa midiyaa taateeti. Miidiyaan kun oduu misiraachoo miti kan gabaasaa jiru. Hojii misoomaa miti kan gabaasu. Akka dur waa’ee angafummaa Booranaa kan balbalomsituus miti. Dhimma ardaa jilaa, sirna gadaa… miti xiyyeeffannaansaanii.
Oduun gara sanaa qaaritee as baatu waan gaarii hin qabdu. Waa’ee saawwaan Booranaa gabbinasaanii hin dubbatu. Nageenya ummata Booranaa gurra namaa hinbuustu. Qe’ee Boorantichaa rakkoon galaa jiraachuu balballoomsiti. Ongeen saawwan fixuu jalqabuusaa eerti. Ummati beelaaf saaxilamuu jalqabuu addeessiti.
Booranni yeroo rooba itti argatu qaba- jia Bitootessaafi Hagayyaa keessa. Akkaataa ragaa bahaa jiruun barana roobni ji’oota Bitootessaafi Hagayyaa keessa roobuu qabu wayitiisaa eeggatee hinroobne. Sababa kanaan ongeen bu’eera. Sababa kanaan saaniifi waatiin addaa bahaniiru.
Sangaan Booranaa barooduu dadhabaa jira. Gara sanaa oduu yaaddessaafi xiyyeeffannaa qaama hundaa barbaadutu tamsa’aa jira. Beeladoota sababa ongeetiin du’an suurrisaanii miidiyaarratti bal’inaan mul’ataa jiru. Beeladooti garmalee huqqatanii qarqara du’aa gahan miidiyaa hawaasaarratti bal’inaan gadi lakkifamaa jiru. Midiyaan mootummaas waan kana gabaasaa jira.
Fakeenyaaf ‘FBCn torban kana keessa godina kanatti namoonni kuma 166 ol gargaarsa akka barbaadan ittigaafatamaa Komishinara Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa eeree ibseera.
Godinni Booranaa godinaalee Oromiyaa 21 keessaa isa tokko. Ummanni godina kanaa horsiisee bulaadha. Jireenyisaa beeledarratti kan hundaa’eedha. Haalli qilleensa godina kanaa akkuma beekamu gammoojjiidha. Rooba gahaa hinargatu.
Roobni kan roobu ji’oottan murtaa’an keessatti yoo ta’u yeroo kana roobuu baannan ongeen bu’ee beeladootafi ummatarratti miidhaa geessisaa. Kan amma mul’ataa jirus kanuma. Beeladooti ummata Booranaatiif madda waan hundaati, soorata qorqalbiiti; jiruufi jireenyasaaniiti.
Rakkoon ongee kun kan biyya keenyaa qofa miti. Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (‘FAO’) torbee kana akka ifa taasisetti naannawa gaanfa Afriikaatti biyyoota sadii keessatti ongeen uumameera. Biyyoota Gaanfa Afrikaa kunniinis Keeniyaa, Somaaleefi Xoobbiyaadha.
Sababa kanaan ummanni miliyoona 12 ta’u gargaarsa midhaan nyaataa akka barbaadu dhaabbanni kun ibseera. Akka ragaan kun addeessetti ongeen kun kan uumame sababa jijjiirama qilleensaatiini. Ongeerratti dabalataan rakkoon weerara hawwanisaa, walitti bu’iinsaafi waraanaa akkasumas dhiibbaan koviid-19 rakkoonaannawa kanatti uumamu hadheessaa jira. Kanaaf gargaarsi cimaan naannawa sanatti taasisamuu akka qabu gorsa.
Jijjiiramni qilleensaa kun ongee qofaan kan dhaabatu akka hintaane ogeessotti dhimmicharratti qo’annoofi qorannoo qaban ni dubbatu. Roobni godina Booranaatti jidduu kana tiifuu jalqabe gara biraatti akka hinjijjiramnes ni sodaatama.
Jijjiramni qilleensaa ongee qofa osoo hintaane dibii rooba hineegamne buusuun galoo fidee dhufuu mala. Ollaa Booranaatti, aanaa Daassanachi jedhamutti Roobni jidduu kana roobe ulfaataa ta’uun gama kanaanis of-eeggannoon tolfamuu akka qabu namatti mul’isa.
Ongeen Booranatti uumame akkuman gubbanatti kaasuuf yaale hammaataadha; yaachisaadhas. Naannawich gammoojjii waan ta’eef amala dafee jijjiramuu qaba. Ongeen yeroo gabaabaa keessatti midhaa guddaa geessisa.
Kanaaf tarkaanfii atattamaa barbaada. Yoo atattamaan itti hin birmatamin beeladooti Booranaa kanneen sanyii filatamaafi akka biyyaatti babal’isuuf irratti hojjatamaa jiran kunniin balaa kana caaluuf saaxilamuu malu. Ummanni harka qullaatti hafee beelaaf saaxilamua. Gama kanaan sochiiwwan mootummaanis ta’e hawaasni jalqabe akka waan gaariitti kan fudhatamu ta’us gahaa akka hintaane hawaasichi dubbataa jira.
Mootummaan naannoo Oromiyaa ongee Booranatti uumame ilaalchisee, bubbulus, tarkaanfii fudhchuu jalqabeera. Mootummaan Federaalaas karaa waajjira hoggansa balaatiin deeggarsa gochuu jalqabuu miidiyaan ibsaa jira.
Jilli mootummaa naannoo kan aanga’aa olaanaan dursamu gara sana imalee rakkoo godina kanatti uumame qoratee fala ni laata jedhamee yaadama. Gama kanaan bajetni ramadamee hojiitti galamuu, beeladaaf margi fe’amaa jiraachuu, bishaan bootteedhaan gara Booranaatti geessuu jalqabuun hojiiwwan akka gaariitti ilaalamaniifi jajjabaachuu qabaniidha.
Sochiin mootummaan taasisaa jiru akkuma jirutti ta’ee, rakkoo ongee Booranatti uumame kana qolachuuf sabaafi sablammiin akkasumas hawaasni Oromoo itti birmachaa jira. Ollaafi fira Booranaa kan ta’e ummati Koonsoo ummata Booranaa dhaqqabuuf sochiin jalqabeefi gumaachi qabatee gara booranaatti imale seena qabeessa. Tokkummaafi waliin jireenya ummatoota lameenii kan sirriidhaan calaqqisiiseedha. Ummanni Koonsoo ummata Booranaa qofarraa osoo hintaane ummata Oromoo mararraa galata qabu. Ulfaadhaa Koonsoo!
Sochiileen sabaafi sablammoota biraa kanneen biroos jalqbaa jiran jajjabeessaadha. Ummati Sidaamaas sochii jalqabeera. Dargaggeessiifi shamarran Sidaamaa, Ejjattoon, walgurmeessanii qabeenyaa walitti qabuu jalqabuusaanii ummanni hagam walitti dhihaachaafi walii yaadaa akka jiru kan dhugaatti mul’isuudha.
Sabaafi sabalammiilleen biroos akka ittifufan ni abdatama. Warri kaabaa ofiifuu gargaarsa waan barbaadaniifi wanti komataman hinjiru. Abbootii qabeenyaa, qabeenyaa Oromiyaatiin badhaadhan maal akka godhan kanuma waliin taajjabnu ta’a. Dhimmichi dhimma walii birmannaafi walbira dhaabbachuu waan ta’eefi, malee rakkoo ummata Booranaa ummanni Oromoo qofti furuu danda’a.
Abbootiin qabeenyaa aantummaa ummataa qaban, kan miidhamni ummata kanaa dafee isaanitti dhagahame dhuunfaanis; qindoominaanis sochii gargaarsaa jalqabaniru. Kun karaa kamiinuu hojii eebbifamaa Waaqayyo jaalatuudha. Kan dhalli namaa dinqisiifatus.
Gochi namoomummaan aguugame kun cimee ittifufuu qaba. Akkuma oduun ongee Booranaa kun miidiyaa hawaasaarratti baheen abbootiin qabeenyaa barii sana Booranatti argaman dhageenyeera.
Jarri kun ‘Qabeenyi kan jiraatu ummanni yoo jiraateedha’ yaadama jedhu kan dhugoomsuudha. Abbaan qabeenyaa kan hojjetu ummati yoo jiraatedha. Qabeenyisaa kan qabeenya ta’u yoo ummanni nagaa qabaateedha. Kan waliin
hojjatu, kan irraa bitu, kan itti gurguru, maddi galiisaa, maddi jireenyasaa ummataadha. Kanaaf harka bal’achuun yeroo kana. “Nuti waliin dhaadanna… ’jedhe weellisaan.
Akkuma waliigalaatti, akkuman seensarratti kaase, Booranni ummata Oromoo biratti akka angafaatti ilaalama. Ilmaan Oromoo lamaadha. Booranni angafadha. Baarentummni quxusuudha. Ummanni kun aadaafi dhuudhaa Oromoo isa ganamaa qabatee kan ittifufeedha.
Dhiibbaa Oromoorratti alagaan jaarraa tokkoo oliif taasise dandamatee aadaa ummatichaa qabatee kan ture ummata kana. Ummanni kun rakkoo uumamaafi namtolcheetiin miidhamaa jira. Ongeen bara tokko yoo irra darbe bara biraa itti deebi’ee beeladasaa ummatich itti dhama’ee horsiise harkaa nyaata. Rakkoon namtolcheen ummata kanaaf bara baraan xiyyeeffannaa dhabuusaati.
Naannichi hinmisoomne. Bu’uurri misoomaa hinbabal’anne. Bakka lagni tokko keessa hin jirre ummanni akkamitti bishaan argachuu akka qabu, akkamitti ongee dandamachuu akka danda’amu itti hin yaadamne. Bu’uurri rakkoo kanaadha. Kan fala yeroo qofa osoo hintaane furmaata fulla’iinsa qabu barbaadus kana.
Kanas ta’e sana ummati kun rakkoo keessa seeneera. Ongeen dhaheera. Beeledi dhumuu jalqabaniiru. Ummanni beelaaf saaxilamaa jira. Kanaaf birmannaa barbaada. Sagaleen Boranaa kan birmannaa gaafatu deebii dhabuu hin qabdu. Ummanni Oromoo bakka hundaa birmachufi qaba.
Namni tokko beelaan lubbuun darbuu hinqabu. Beeladoota lubbuun jiran dafamee nyaata (margaa)fi bishaaniin dhaqqabuun barbaachisaadha. Gama kanaan qindoominni dhufuu qaba. Namni dhuunfaafi gareen, mootummaafi dhaabbileen walta’anii yoo socho’an ongee kana to’annaa jala oolchuun ni danda’ama. Kanaaf, tumsi kun cimee ittifufuu qaba.
Torban gaarii!
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014