Marsaan laguu (xurii) dubartootaa sababa jijjiiramuu hormooniirraan kan ka’e kan baatii baatiin gadameessa dubartootaa keessaa dhiiga dhangala’u dha. Shamarran tokko marsaa laguu kan arguu jalqabdu avereejiitti waggaa 13 irraa kaaseeti. Marsaan laguu giddu-galeessaan guyyaa 28’n kan dhufu yoo ta’u, garuu hanga guyyaa torbaa dursee yookiin dafee yoo dhufe akkasumas irra darbee yoo dhufes akka fayyaatti ilaalama. Kana jechuun marsaan laguu guyyaa 21-35 dhufu fayyaa dubartootaa irratti miidhaa kan hin geessisneefi fayyaalessummaadha.
Dhiigni yeroo marsaa laguu dhangala’u dhiiga haguuggiin keessoo gadameessaa sababa jijjiirama hormoonotaa irraan kan ka’e dhiqamuurraan yookiin luqqa’uurran kan dhufu dha.
Marsaan laguu yookiin dhiigni baatii baatiin dubartoota keessaa dhangala’u sirriidha(normal) kan jennu:
* Guyyaa 21-35 yoo dhufe
* Bifti laguu (xurii) diimaa gurraacha’aa yoo ta’e
* Baay’inni isaa ml 10-80 yoo ta’e
* Guyyaa 2-8 dubartoota irra kan turu yoo ta’e
* Yommuu dhangala’u dhiiga hinititne tahuu qaba
Marsaan laguu tokko yoo maal ta’e dubartoota irraan miidhaa geessisuu danda’a? Yoo akkam ta’es mana yaalaa deemuu qabu?
1. Xuriin(laguun) guyyaa saddeetiifi isaa oliif yoo dhangala’e.
2. Sa’aa 1:00 keessatti moodesii (erbee) tokko dhiiga hedduu qabaatee kan jijjiirrattan yoo ta’e.
3. Dhiigni baay’ee dhangala’uun lama walfaana kan fayyadamtan yoo ta’e.
4. Halkan hirriba keessaa ka’uun moodesii jijjiiruun yoo isin barbaachise.
5. Dhiigni kantaraa yoo isinirraa dhangala’e.
6. Baatii/ji’a tokko kessatti yeroo tokkoo ol yoo dhufe
7. Guyyaa 21 gaditti irra deeb’ee yoo dhufe
8. Xuriin osoo hindhufiin guyyaa 35 yoo dabarse.
9. Yoo xiqqaate waggaa tokkoof laguu osoo hinargin turtanii yoo deebitanii argitan yookiin sababa umuriin dubartiin tokko laguu arguu dhaabdee turtee yoo deebitee argite.
7.1.1. Dhukkubbii yeroo marsaa laguu
Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kun, dubartoota hedduu irratti kan mu’latu yoo ta’u, sadarakaa garaagaraa qaba. Kunis dubartoota hedduu irratti garaa dhukkubbii xiqqoo xiqqoo yeroo fidan dubartoota murasa irratti ammoo hanga hojii hojjechuu dadhabuufi mana yaalaa ciibsuutti geessisuu nidanda’a.
Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kunis dubartoota dhibba keessaa 60-90 ta’an irraatti baay’inaan kan mul’atudha. Rakkoon kun shamarran muraasa irratti hammaataa ta’ee hojii idilee isaaniirraa ykn mana barnootaa isaanii irraallee hanga hafanitti geessisutti gaha.
Garaa ciniinnaan ykn garaa dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kunis baay’inaan dubartoota marsaa laguu akkuma arguu jalqabaniin gara waggaa lamaa jalqabaaf akkasumas dubartoota laguun isaanii dhaabachuuf jedhu gara dhumaatti kan hammaatudha.
Walumaagalatti dhukkubbii ykn ciniinnaa yeroo marsaa laguu bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. isaanis
1. Primary dysmenorrhea ykn garaa ciniinnaa yeroo laguu 1fa
dhukkubbiin yeroo laguu kun kan dhibeekeessoo gadameessaa waliin wal hin qabannedha. Akaakuun dhukkubbii yeroo marsaa laguu kun yeroo baay’ee shamarraan hin da’iniifi umurii dargagummaa keessa jiran irratti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u dubartiin tokko osoo laguun itti hindhufin guyyaa muraasa dursee ykn guyyaa laguun inni jalqabaa itti dhufe irraa kaasee guyyaa 2-3tti dhukkuba. Kanaafuu dhibeen kun umurii 25 boodaafi erga da’anii boodaa isaan dhiisaa deema.
2. Secondary dysmenorrhea: Dhukku bbiin wayita marsaa laguu inni lammataa kun dhibee gadameessaan kan dhufu wayita ta’u, dhibeen kun umrii 30 boodaafi dubartoota da’an irratti kan mul’atu ta’ee osoo laguun itti hindhufiin torban tokko ykn guyyaa muraasa dursee dhukkubuu wayita jalqabu; wayita laguun itti dhufu itti fooyya’aa deema. Dabalataanis jeeqamuu ykn itti baay’achuu marsaa laguufi dhukkubbii wayita walquunnamtii waliin walqabata.
Walumaagalatti shamarraan umurii dargagummaa keessa jirtan kana beektanii yoo kan isin dhukkubu ta’e dawaa kan dhukkubbii kana isiniif xiqqeessu ogeessa mariisistanii osoo marsaan laguu keessanii hindhufiin itti qophooftu.
Hub: Shamarraan hundi kan dhukkubbiin marsaa laguu keessanii hammaataa ta’e, kan jeeqamuu marsaa laguu waliin walqabatu, kan dhukkubbii wayita walquunnamtii saalaan walqabatuufi umurii 25f isaa ol keessa jirtan ogeessa fayyaa mariisisuu hindagatinaa.
Kaanserii Balbala Gadameessaa (Cervical Cancer)
Kaanseriin Balbala Gadameessaa Kaanserii qaama hormaata dubartoota irratti mul’atan keessaa adduunyaa irratti sadrarkaa lammaffaa irratti yoo argamuu biyyoota guddachaa jiran iratti ammo sadarkaa tokkoffaa irratti argama.
Kaansariin Balbala Gadameessaa (cervical cancer) Kaansarii du’a harmooliif sababa ta’an keessaa kaansarii harmaatti aansuun sadarkaa lammaffaarratti argama
Kansarii kanaaf kanneen sababa ta’an keessaa parsantiin 99 oli kaanserii Vaayirasii Human Paappiloommaa jedhamuun namatti dhufa. Vayirasiin kunis yeroo hedduu kan inni daddarbu karaa walqunnamtii saalaani. Sababootni daddarbii vaayirasii kanaafi eeraman:
Wantootni kaansarii kanaaf nama
saaxilan:
* Walqunnamtii saalaa namoota hedduu waliin gochuun
* Ijoollee baay’ee godhachuun
* Dhibee walqunnamtii saalaan daddarban
*Tamboo aarsuun ykn sigaaraa xuuxuun
*dadhabuu humna dhibee ofirraa ittisuu qaama namaa fakkeenyaaf ‘HIV/AIDs’ , dawaa garaagaraafi kaansarii irraa kan ka’e.
Mallattoolee kansarii balbala gadameessaa
*dhiiguu gadameessaa (yeroo laguun ala)
*dhangala’aan foolii hamaa kara gadameessaa ba’uu,
*wayita walqunnamtii saalaa dhukkubbiifi dhiiguu Gadameessaa.
Kaansariin kun heddumminaan kan inni mul’atu umurii 50 boodaa yoo ta’eyyuu, haal-dureen kaansarii kanaa kan mul’atu isaa gaditti. Kaaansariin kun gara kutaa qaamota biroo kan akka gadameessaa, ujummoo fincaanii, sombaafi kkftti karaa ujummoowwan dhiigaafi xannachaa faca’uudhaan dhibee hammaataafi hanga sadarkaa du’aatti geessisuu danda’a.
Dhibeen kaansarii kun akka dhibee kaansarii biroo osoo hintaane guutummaatti ittisuun kan danda’amudha.
Dhibee kaansarii balbala gadameessaa kana ofirraa dhorkuuf ykn yeroon beekuuf wantootni nama gargaaran;
* Wantoota armaan olitti xuqaman kanneen dhibee kanaaf nama saaxilan irraa of eeggachuu
* Dhibee kanaaf talaallii farra vaayirasii” human paappiloommaa “jedhamu kana fudhachuu.
* Dubartootni umuriin isaanii waggaa 21- 65 ta’an ogeessa fayyaa ykn ispeeshaalistii gadameessaa bira deemuun qorannoo balbala gadameessaa gochuun gaariidha. Sababnisaas utuu gara kaansariitti hin jijjiiramiin yeroo dheeraa waan turuuf, yoo yeroon barame utuu gara kaansariitti hin guddaramiin yaalamanii fayyuun kan danda’amu waan ta’eef.
Haati kamuu sababa dhibee kanaan du’uu hinqabdu”
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014